“Ayyaana guutuu kan taasisu nageenya waan ta’eef nagaa kanaaf hundi keenya gatii haa baasnu”- Paastar Zarihun Dagguu

Bayyanaa Ibraahimiin

Paastar Zarihun Dagguu Hundeessisoota Gumii Dhaabbilee Amantii Itoophiyaa keessaa nama tokko yemmuu ta’an, nama waggoota kudhaniifis barreessaa gumichaa ta’uun tajaajilaniidha.

Yeroo ammaa immoo gumicha keessatti wanta hojjachuuf yaadan waan xumuraniif achi keessaa bahanii dhaabbata hojii misoomaarratti hirmaatu tokko keessa tajaajila jiru. Hayyuu hundagaleessi kun jijjiirama dura ministira muummee ammaa Doktar Abiyyi wajjin miseensa boordii Korporeeshinii Birodikaastiingii Itoophiyaa ta’unis hojjetaniiru. Namni amantiifi dhimma nageenyaarratti dursa howwaatan Paastar Zarihun Dagguu, keessummaa Bariisaa maxxansa kanaati.

Bariisaa: Paastar Zarihun eessatti dhalatanii guddatan? Achumaan haala barnootaafi maatii keessanii otoo nutti himtanii?

Paastar Zarihun: Dhaladhee kanin guddadhe naannawa Wandoo Gannat jedhamtu, bakka yeroo ammaa Naannoo Sidaamaa jalatti argamtutti. Iddoon ani itti dhaladhe, Wandoon daandiidhaa gadi Sidaama, daandiidhaa ol immoo Oromiyaadha. Kanaaf naannolee lama gidduuttin dhaladhee guddadhe.

Naannawichi iddoo hawaasni Oromoofi Sidaamaa waldanda’ee, aadaa walii kabajee waliin jiraatuudha. Mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa naannawuma sanatti eegalus sadarkaa lammataa kanin xumure Magaalaa Shaashamanneetti. Yunivarsitii ‘ICI’ jedhamurraa barnoota Kitaaba Qulqulluufi hafuuraatiin digirii jalqabaa argadheera.

Digirii lammataa ykn maastarsii immoo Yunivarsiitii Keeniyaatti argamu kan Yunivarsiitii Paan Afrikaa Kiristiyaan jedhamurraa akaakuu barnootaa hoggansaatiin eebbifameera. Finfinneetti deebi’ee immoo Yunivarsiitii Finfinneerraa akaakuu barnootaa nageenyaafi tasgabbiitiin maastarsii biraa hojjadheera.

Gama barnootaatiin waantin hanga ammaatti baradhe kanin irranatti sii kaase kanneen yemmuu ta’an, gama maatii horachuutiin immoo ijoollee abbaa ijoollee sadiiti. Dhiheenya kana immoo ilma ilmaa arguudhaan sadarkaa akaakayyuurra gahuu danda’eera.

Bariisaa: Barnoota argattan kanneeniin eessa, eessa tajaajiltaniitu?

Paastar Zarihun: Yeroo dheeraa kan narraa fudhate dhimma hundeessuu Gumii Dhaabbilee Amantii Itoophiyaa ture. Sana dura pirezidaantii mana amantii Hiwot Birihaan ta’ee tajaajilaa tureera. Achitti sadarkaa pirezidaantummaatiin waggoota afuriif, akkasumas barreessaa ta’ee waggoota afuriif tajaajileera. Dabalataanis Gamtaa Waldaalee Kiristaanaa Warra Wangeelaatti waggoota jahaaf walittiqabaa boordii ta’ee hojjedheera. Kana malees jaarmiyaalee adda addaa torbatti walittiqabaa, ittaanaafi miseensa boordii ta’uun yeroowwan gara garaatti biyyaafi hawaasa koo tajaajileera, tajaajilaan jiras.

Bariisaa: Waggaa meeqaaf gumicha keessa tajaajiltan?

Paastar Zarihun: Hundeeffamarraa kaasee waggoota kudhaniif barreessaa gumichaa ta’uudhaan tajaajileera. Tajaajilli kiyya erga dhaabbatichi qabatamaan hundaa’erraa kan eegalu osoo hintaane, jalqaba yeroo yaadichi maddurraa kaasee namoota afur taanee torbanitti yeroo lama walga’uudhaan yaadni gaaddisa amantiilee tokko hundeessuu kun akka dhugoomuuf hojjachaa turre.

Yeroo ammaatti immoo walittiqabaa boordii mana amantii Hiwot Birhaan Itoophiyaa ta’een tajaajilaa jira. Akkasumas Dhaabbata, ‘Riward Development Organization’ jedhamu keessa hojjachaan jira. Miseensa mana marii jaarsolii Itoophiyaatisi.

Kanneenin armaan olitti kaaseen ala waantin dagadhe tokko jira. Innis miseensa Boordii Dhaabbata Raadiyoofi Televizhiinii Itoophiyaa ta’ee tajaajileera. Iddoon sun iddoo waa’ee biyya kanaa sirriitti itti baradhe, muuxannoo guddaas itti horadheefi bakka jireenya koo keessatti daran barbaachisaa turedha. Yeroo sana miseensa boordii dhaabbatichaa kan ture akka carraa ta’ee ministira muummee ammaa Doktar Abiyyi Ahmad, Ambaasaaddar Rediwaan Huseen, Obbo Geetaachoo Raddaafi Aadde Mufariyaat Kaamiilfa’i.

Namoota siyaasaan daran bilchaatoo ta’an kanniin waliin hojjachuun koo barumsaafi muuxannoo guddaa akkan argadhuuf na gargaareera. Yeroon ani Doktar Abiyyi waliin hojjadhu sanatti inni aangoo amma irra jiru hinarganne ture. Garuu yeroma sanayyuu ministira muummee akka ta’u beeksisa, ittis himaan ture.

Bariisaa: Yeroo sanatti maalirraa kaatanii kana jechuu dandeessan?

Paastar Zarihun: Akka Doktar Abiyyi ministira muummee ta’u karaalee lamaan beeksisa ture. Inni jalqabaa karaa hafuuraa ykn amantaatiin namni akka koo nama hafuuraa ta’e tokko nama wayii ilaalee eessa ga’uu akka danda’u ni tilmaama. Gama biraatiin immoo dandeettiifi beekumsa inni qaburraa akkasumas kaka’umsaafi fedhiisaarraa ka’uudhaan namni kun ministira muummee ittaanu ta’uu akka danda’u tilmaamuun salphaa ture.

Kanas ifatti dubbadheen ture. Walga’ii boordiirratti ministirri muummee ittaanu Doktar Abiyyi Ahmad akka ta’e ifatti dubbadhee ture. Yeroo walga’icha xumurree gadi baanu matumasaa, Doktar Abiyyiin ministirri muummee si waan ta’eef qophii taasisaa jirtaa jedhee yemmuu gaafadhu “Rabbitu beeka” naan jedhe. Anis shakkii tokko malee ministirri muummee ittaanu waan isa ta’eef qophii barbaachisu hunda akka taasisu, dubbisaafi wantoota gara garaatiin dandeettiisaa caalaatti akka guddisu itti himeen ture.

Bariisaa: Erga waa’ee Doktar Abiyyi kaasuun keessan hinhafnee yaada hundeeffama gumii dhaabbilee amantaa kanayyuu akka isaan maddisiisantu dubbatamaatii kanarratti maal jettu?

Paastar Zarihun: Akka gumicha hundeessinuuf nu biratti kallattiidhaan yaadicha kaasanii akka mari’annu kan nuu dhiheessan Doktar Shifarraa Taklamaariyami (nama yeroo sana ministira Dhimmoota Federaalaa turaniif amma Komishinara Hoggansa Sodaa Balaa Federaalaa ta’anii tajaajilaa jiran) malee Doktar Abiyyi miti.

Garuu wanti jiru tokko yeroma sanayyuu naannawa Jimmaatti sababa walitti bu’iinsa amantiilee ture furuuf yaada Doktar Abiyyi dhiheessan jedhamuun naannawa sanatti gumiin akkanaa akka hundaa’e dhageenyee turre. Yeroo sanatti Doktar Abiyyi caasaa kallattiidhaan dhaabbilee amanti wajjin walitti isaan fidu sababa hinqabneef karaa Doktar Shifarraa yaadichi akka dhufu yoo taasisan hinbeeku malee, yaadicha qaamaan fidanii yaa’ichi akka hundaa’uuf hanga dhumaatti kan nu waliin turan Doktar Shifarraadha.

Bariisaa: Gumaacha isin ijaarsa nageenya biyyaafi dameelee hojii adda addaa keessatti taasistaniif beekamtii argattan otoo nuu ibsitanii?

Paastar Zarihun: Tattaaffiin yeroo adda addaatti ijaarsa nageenyaafi isaan walqabatan keessatti akkasumas dhaabbilee biyya keessaafi idiladdunyaa wajjin taasiseen Ministeera Dhimmoota Federaalaarraa duraaniifi pirezidaantii duraanii Ameerikaa Baaraak Obaamaa dabalatee qaamoleefi jaarmiyaalee gara garaarraa yoo xiqqaatee waraqaalee ragaa galataa 10 argadheera.

Bariisaa: Mee gara ayyaana Dhaloota Yesuus Kiristoos (Qillee) har’a kabajamutti haa ceenuutii haala kabaja ayyaanichaa akkamitti ibsitu?

Paastar Zarihun: Yesuus Kiristoos hangafa nageenyaa akka ta’e Macaafni Qulqulluun ifatti kaa’eera. Ayyaanni Qillee kun immoo guyyaa hangafni nageenyaa, Yesuus Kiristoos itti dhalateedha. Kan kabajamuufis guyyichi guyyaa hangafni nageenyaa itti dhalate guyyaa eebbifamaa waan ta’eefi.

Yesuus Kiristoos kan dhalateef sababoota guguddoo lamaafi Inni jalqabaa dhalli namaa waaqasaa wajjin akka walitti araraaramuuf yemmuu ta’u, lammaffaan namni Waaqayyo wajjin araarame kun deebi’ee waliisaatiif akka araaramuufi.

Kanarraa ka’uudhaanis Yesuus dhalatee dhala namaatiifis du’e. Kanaaf Waaqayyo dhalachuusaatiin namniifi uumaan akka walitti araaramu ta’eera. Akkasumas dhalli namaa waliisaatiifis akka araaramu taasiseera. Kunis hojii fannoosaatiin kan ta’eedha. Dhalli namaa dhalachuu Yesuus Kiristoos dura waliin taa’ee nyaachuu hindandeenye. Erga inni dhalatee nageenya buusee booda walitti araaramee waantota hundarratti waliin hirmaachuu danda’e.

Rakkoolee biyya lafaa kanarratti uumaman hundaaf furmaatni nageenya qofa. Inni tokko kan biraa dhabamsiisee, inni tokko isa biraa maqaa balleessaa kansaa qofa bareechaa jiraachuun nagaa waaraa fiduu akka hindandeenye haalota akkasiirraa hubachuun ni danda’ama.

Kanaaf dhalli namaa dhalachuu Yesuus Kiristoos dura sababoota gara garaatiin inni tokko isa kaan balleessuuf walirratti duulaa ture. Dhalootasaa booda garuu walitti araaramuu danda’aniiru.

Kanarratti fakkeenya dhiheenyuma kana naqunname tokko sii kaasuun barbaada. Namoota lama daandiirratti waa nama kadhataniif yeroo hunda waanin harkaa qabu ittihiixadhee darbuu amaleeffadheera. Lamaan keessaa tokko arguu hindanda’u. Jarri kunniin yeroo hunda waaree booda daandiirra taa’anii kadhatu. Namtichi qaroo ijaa hinqabne deggarsa isa ilaaluu danda’uutiin yeroo hunda deddeebi’a. Gaafa tokko ergan waanin qabu itti kennee bira darbee walitti bu’an.

Inni qaroo qabu isa kaaniin yoo, “Ka’i ga’ee ni deemnaa” jedhuun inni kaan immoo, “Lakki yeroon ganaadhaa xiqqoo turuu qabna” jedhee mormaan. Waldhabdeensaanii kun otoo bira darbee deemaa jiruu gurra na buunaan dhaabadhee waan gidduusaaniitti uumame gaafadhee araara gidduusaaniitti buusuuf yaaluu eegale. Inni qaroo ijaa hinqabne gargaarsa isa qaroo qabuu malee galuu hindanda’u. Inni qaroo qabu isa kaan dhiisee galuuf immoo furtuun manaa isa qaroo ijaa hinqabne bira waan jiruuf jarri lamaanuu walhidhaniiru.

Kanaafuu asirraa waantin baradhe, tokkoon keenya tokkoo keenyaaf akka barbaachisnudha. Jiraachuun keenya nu qofaaf osoo hintaane hunda keenyaaf barbaachisaadha. Hunduu waliif barbaachisaa akka ta’e hubatee walballeessuu osoo hintaane walijaaruu, waliif yaaduu qaba.

Oromoon Amaaraa malee, Tigreen Guraagee malee, Islaamni Kiristaana malee, Kiristaannis Islaama malee akka hinmiidhagne amannee fudhachuudhaan tokkoon keenya tokkoo keenyaaf akka diinaafi sodaatti osoo hintaane, akka gaaddisaafi abdiitti walilaaluun dirqama ta’a.

Rakkooleen nageenyaa yeroo ammaa biyyattiitti mul’achaa jiranis furmaata waaraa argachuu kan danda’an yoo miirri walii yaaduufi walkabajuu kun lafa qabate qofa ta’uu namni kamuu hubachuu qaba.

Namuu yeroo kanatti ajandaa rakkoo biraa uumu osoo hintaane, qaama furmaataa ta’uu qaba. Keessattuu abbootiin amantiifi jaarsoliin biyyaa, beektotni yeroo akkana qormaatni baay’atu hunda caalaa qaama furmaataa ta’uutu irraa eegama. Waanti biyyattiin ammaan tana ijoolleeshiirraa barbaaddu nageenya mirkaneessuu qofa.

Rakkoo waraanaa biyyattii gara kaabaatti mudatee ture karaa nagaatiin furuuf yaaliin taasifame waan gaariifi durumaanuu uumamuun irra hinturre akka ta’e nan amana. Nuti yeroma duraa sanuu osoo waraanni hineegalamiin miseensota jila Maqalee deemee miila jaraa jalatti kufee kadhate keessaa ani nama tokkon ture.

Amma garuu rakkinichi Gamtaa Afrikaa jalatti akka furamuuf mariin araaraa Afrikaa Kibbaafi Keeniyaatti taasifame hojii guddaafi waan jajjabeeffamuu qabuudha. Garuu akka yaada kiyyaatti rakkoo mana keenyaa kana nuti, Itoophiyaanotni furachuu qabna turre. Rakkoo keessoo keenyatti uumameef biyyoota biroorraa furmaata eeguun hafee ofuma keenyaa rakkoo walirratti uumne waliif hiikkachuuf yaaluu eegaluu qabna.

Rakkoo Itoophiyaa keessatti uumamu kamiifuu furmaatni Itoophiyaanota biraa madduu eegaluutu irra jiraata. Hangamillee ulfaatu rakkoo biyya keessaatiif furmaata biyya keessaa barbaaduu eegaluun keenya dhaloota ittaanuuf waan gaarii kaa’anii darbuu waan ta’eef eegalamuu qaba.

Rakkoon kun xiqqaadhaa kun immoo guddaadha jedhanii adda baasuu osoo hintaane, rakkoon har’a xiqqoodha jedhamtee tuffatamee bira darbame boru guddatee rakkoo hamaa biyyattii keessatti uumuu waan danda’uuf har’uma osoo bubbultee hinbabal’anne xiyyeeffannoon kennameefii waljalaa furuu qabna.

Amma rakkoo biyya keenyaa furuuf sochiin araaraa hoggantoota Tigraay wajjin eegalame kan jajjabeeffamuufi deeggaramuudha. Akkuma isaan waliin mariin eegalame qaamota kanneen biroo wajjinis mari’achuutu Itoophiyaaf bu’aa fida.

Rakkoon xiqqoo hinqabdu. Inni har’a xiqqoodha jedhanii tuffatan bor guddattee biyyarratti badii biraa waan fiduuf rakkoolee biyyattii hundeedhaa furuuf xiqqaarraa kaasee hanga guddaatti waliin mari’achuun barbaachisaadha.

Akkuman dura sii kaase araarri Tigraay waliin eegalame kun yeroo ammaa gara sadarkaa gaariitti dhufaa jira. Miirri wal-amanuufi garaadhaan walitti dhihaachuus akka uumamaa jiru taajjabaa jirra. Araarri kun akka milkaa’uuf immoo nutis kadhannaadhaan isaan cinaa jirra. Ni milkaa’as.

Jalqabbiin rakkoolee karaa mariitiin furuu kun ittuma fufee warra kaan waliinis marii eegaluudhaan biyyattii karaa nageenyaafi tasgabbiitti fiduun murteessaadha. Rakkoon xiqqoo hinqabu waan ta’eef warri meeshaa waraanaa baatanii bosona jiranis gaaffiisaanii qabatanii gara waltajjii mariitti dhufuu qabu.

Bariisaa: Kanaafuu oggaa ayyaana kana kabajnu nageenyi biyyattii akka mirkanaa’u hojjachuudhaan ta’uu qaba jechaa jirtu kaa?

Paastar Dagguu: Sirriitti malee, ayyaanni Qillee kan nageenyaati. Kan kabajnuufis waan hangafti nageenyaa guyyaa sanatti dhalateefi. Lammiileen Itoophiyaa dhibbantaan 98 amantiilee gara garaa hordofu. Kana jechuun kan amantii hinqabne dhibbantaa lama qofa jechuudha. Kanaafuu waraanni biyyattii nagaa dhorkaa jiru kun eessaa dhufe jennee walgaafachuu qabna.

Amantiin Islaamaa kana hinbarsiisu kun eessaa dhufe? Kiristaannis kana hinbarsiisuu rakkoon kun eessaa dhalate? Biyyootni hanga keenya ummata amantii wayiituu amanu hinqabneyyuu hanga keenya rakkoo keessa gala hinjiranii bari.

Kanaafuu kanarraa wanti hubachuun danda’amu tokko lammiin biyya kanaa amantii haa qabaatu malee akka amantiin sun isa ajajutti bulaa hinjiru jechuudha. Biyya nageenya amansiisaa hinqabne keessatti ayyaana Qillee kana hoolaa qaltee nyaachuudhaan of gowwoomsuun hinbarbaachisu. Kan barbaachisu kaayyoo ayyaanichi kabajamuuf milkeessuudha.

Ayyaanichi kan kabajamu guyyaa hangafti nagaa Yesuus Kiristoos itti dhalate ta’uun hubatamee, namni ayyaanicha kabaju hunduu nageenyaaf waan irraa eegamu bahutu irraa eegama. Amantiin keenya jannata nuu fiduun dura yoo amma nageenya nuu hinfinne maal nuu godha? Hundi keenya waliif yaadnee rakkoo keessoo keenyaa ifatti walitti himnee yoo walii hinhiikne nutuu nama amantii qabu jedhamuu hindandeenyu.

Bariisaa: Rakkoolee uumamaa jiraniif sababni namatu garaa walitti jabaate jedhama kun maaliif ta’e jettu? Furmaannisaa hoo?

Paastar Dagguu: Rakkoo yeroo ammaa Itoophiyaan keessa jiruuf sababni kan har’a uumame qofa miti. Rakkoo walirratti kuufamaa as gaheedha. Rakkoo kana furuuf immoo mootummaan qaamolee hunda wajjin taa’ee mari’achuu qaba yaada jedhun qaba.

Qaamni kamuu dhageeffatamuu qaba. Inni mootummaarraan gaaffii qaba jedhus daandii walakkaa imalee gara nagaatti dhufuu qaba. Yeroo waraanni uumamu kan du’us kan miidhamus irra caalatti ilmaan hiyyeessaati. Kanaaf rakkoo nuti nagaan furuu dadhabnee irratti waraana walitti banne dawoo godhachuudhaan qaamonni gara garaa seenanii dhiiga keenyaan faayidaasaanii eegsifatu.

Misoomarrattis daran hojjachuu qabna. Dargaggeessi hojii hinqabne baay’achuun gaaffiin akka baay’atu taasiseera. Kun immoo yoo sirnaan hin keessummeeffamne gara waraanaatti galuunsaa waan hinoolleef misoomarratti xiyyeeffatamee hojjatamuu qaba. Hanniifi malaanmaltummaan caasaalee mootummaa keessatti adeemsifaman hatattamaan yoo fala hinarganne maallaqni guddaan al tokkoon kiisii nama dhuunfaatti kuufamuun garaa garummaan jireenyaa namoota hiyyeeyyiifi dureeyyii gudduu jiru akka bal’atu waan taasisuuf kunis badii biraa dhaluunsaa hinoolu.

Kanaaf malaanmaltummaafi hanna guutummaatti dhamabsiisuun danda’amuu baatus xiqqeessuun garuu waan danda’amuuf mootummaan achirrattis xiyyeeffannoo olaanaadhaan hojjachuu qaba.

Yeroma hunda waa’eedhuma siyaasaa qofa haasa’uurra dargaggeessis fuulasaa gara misoomaatti deebifatee carraalee argaman hundatti fayyadamuun dinagdeedhaan of ijaaruuf tattaafachuu qaba. Waraanaaf kan sababa ta’u gaaffii siyaasaa qofa miti. Gaaffiin dinagdeefi daabboos bubbultee waraanaaf sababa ta’uu akka dandeessu dagatamuu hinqabu.

Bariisaa: Keessumaa yeroo ayyaanaa akkanaatti hoo dhaabbilee amantiirraa maaltu eegama?

Paastar Dagguu: Carraa argattee osoo yeroo kanatti ministira muummee Intarvii gootee dhimma kanarratti deebiin inni sii deebisuu danda’u, “Dura mee dhaabbileen amantii nagaa biyyaa buusuun hafee waliisaaniitiif nagaa haa ta’an” kan jedhu akka ta’u shakkii hinqabu.

Gaafa duraa yemmuu hundeeffamnu nagaa biyyaatiifis shoora guddaa akka qabnu himanneeti. Amma garuu Pirotestaantiin ofiisaa waliin, Ortodoksiinis keessoosaa waliinuu nagaa hinqabu. Kanaaf wanti jalqabaa, Ortodoksiin keessomasaatti osoo nagaa waaraa buusee akka biyyaaf buuseetti ilaalama. Pirotestaantiinis waanti biraa hafee keessoosaatti osoo waliisaatiif nagaa buusee akka waan biyyaaf nageenya buuseetti ilaalama.

Yeroo ammaa kana garuu dhaabbileen amantii sadarkaa nageenya biyyaa ittigargaaranirra hinjiran. Dursa keessoosaaniitti nageenya keessoosaanii mirkaneessuu qabu. Itoophiyaa keessatti namootni hedduun nageenyaaf hojjachuurra faayidaa dhuunfaasaaniitiif waan cinqamaniif nageenyi biyyaa gidduutti dagatamaa jira. Biyyattiin otoo beekaafi hayyuu hedduu qabduu rakkoolee walxaxoo yeroo dheeraaf lafarra harkifatanii as gahan furachuu dadhabdee dirree jeequmsaa ta’aa jirti.

Mootummaan ykn sirni tokko ni dhufas ni darba. Garuu biyyattiin yeroo hunda waan jiraattuuf hojii guddaan hojjatamuu qabu kan nageenyaafi birmadummaa biyyaa itti fufsiisuu danda’u ta’uu qaba.

Ministirri muummeenis warra isa marsee deemuufi waliin hojjatan sirritti sakatta’uu qabu. Eenyutu dhugaadhaan nageenya biyyaatiif hojjachaa jiraafi eenyu immoo aangoo siyaasaa keessa dhokatee faayidaa dhuunfaasaatiif biyya kisaarsaa akka jiru baruu qabu. Eenyutu qulqullinaan hojii kennameef hojjachaa akka jiru qulqulleeffachuu qabu.

Bariisaa: Malaanmaltummaa dhabbilee amantii keessa jiru akkamitti ibsitu?

 Paastar Zarihun: Hoggantoota dhaabbilee amantii gochi malaanmaltummaa kun irratti argamerratti tarkaanfii fudhatanii achii kaasuun barbaachisaadha. Ani akka amanaa tokkootti hoggansi amantii sanaa hattuu ta’eef amanticha dhiisee gara biraa hindhaqu. Garuu akka hattichi achii ka’uuf irratti qabsaa’uun qaba.

 Dhaabbileen amantii akka kan siyaasaa yeroo shakkan kan keessaa baqatan osoo hintaane, namoota gocha akkasiitiin adeemanirratti qabsaa’anii dhaabbilee amantii keessaa dhabamsiisuutu barbaachisa. Garuu akkuma ati jette malaanmaltummaan dhaabbilee amantii keessattis babal’achaa jira. Akka nageenyi hinjiraanneef wanti hojjatamuufis yoo nageenyi bu’e rakkooleen kunniin waan saaxilamaniifi.

Yeroo Itoophiyaan kaabatti waraanarra turtetti hattootaaf haalli gaariin mijatee ture. Waraana sanarraayyis kan fayyadame Itoophiyaas, naannoo Tigraayis miti. Kan fayyadame hattoota carraa sanatti fayyadamanii duroomaniidha. Maallaqni dhaabbilee amantiitti amantootarraa guuramu irra jireessaan kan hiyyeeyyiiti. Kanaaf maallaqni malaanmaltummaaf saaxilamaa jiru sunis kan hiyyeessaati jechuudha.

Bariisaa: Araara mootummaafi ABUT jidduutti bu’e akka nama araaraaf tattaafataa tureetti akkamitti ibsitu?

Paastar Zarihun: Silaa gaafa nuti jalqaba otoo waraanni hineegalamiin dhaqnee kadhanne sana hambisuun danda’ame ta’ee gaarii ture. Garuu wanti sun ta’ee darbeera. Har’arrattis ta’u rakkoon sun karaa nagaatiin furamaa jiraachuun daran nama gammachiisa.

Warruma kaayyoo tokko jalatti biyyaaf hojjachaa turetu rakkoo sanaaf saaxilame. Amma garuu waan darbe sana hundarraa barannee gara fuula duraatti waraanni akkasii akka hindhufne irratti hojjachuufi irraayyis barachuutu barbaachisa.

Haala itti madichi qooruu danda’urratti hojjachuutu barbaachisa. Naannoo Tigraayiin ala Itoophiyaan guutuu miti. Sabaafi sablammii kamiinuu ala Itoophiyaan guutuu miti. Kanaaf waa’een nageenyaa Itoophiyaa kan hunda keenyaa ta’uu qaba.

Bariisaa: Marii biyyaalessaa taasifamuuf jedhurratti hoo maal jettu? Maalis irraa eegdu?

Paastar Zarihun: Ani televizhiinii kiyya (ETN) irratti yeroo hunda dhimma kana nan kaasa. Hojiilee Doktar Abiyyi ittiin galateeffamuu qabu keessaa inni guddaan komishiinii sana hundeessuusaati. Garuu jarri marii biyyaalessaa kanaaf haala mijeessu malee hojii hunda hinhojjatan. Kanaafuu hundi keenya deeggarsa barbaachisu taasisuufii qabna.

Qaamolee gaaffii siyaasaatiin qawwee baatan gara marii araaraatti fiduuf komishinichi shoora olaanaa kan taphatu waan ta’eef abdii guddaa irraa qabna. Namootni dhaabbaticha akka hoggananiif filatamanis hedduusaanii waanin qaamaan beekuuf hojii gaarii ni hojjatu jedhee abdadha.

Garuu kaayyoon komishinichi qabatee ka’e yoo hinmilkoofne kan miidhamu komishiinicha qofa osoo hintaane akka biyyaatti gatiin kanfalamu olaanaa akka ta’e hubachuun barbaachisaadha.

Bariisaa: Mul’anni guddinaa biyyattiin keessumaa ministirri muummiin qabatan akka milkaa’uuf eenyurraa maaltu eegama?

 Paastar Zarihun: Rakkooleen biyya kanatti mul’atan erga ministirri muummee ammaa gara aangootti dhufanii kan uumame miti. Keessumaa mul’anni badhaadhinaafi guddina biyya biyya kanaatiif qaban olaanaadha.

Isaan ta’e jedhanii, nama Waaqayyos itti dubbatee ijoollummaasaaniirraa kaasanii of qopheessaa turaniidha. Isaan nama Waaqayyo ajandaasaatiin fideedhas. Harkasaaniirra mul’anni hinjiru jedhee hin yaadu.

Waa’ee wajjummaa, badhaadhinaafi nageenya Itoophiyaarratti waanti baay’een akka harkasaanii jiru nan yaada; dhugadhumatti nan beekas. Kanaaf kanin hawwu hundi keenya bakka irratti bobbaanetti mul’atasaanii kana akka utubnuudha.

Fakkeenyaaf ani otoon nama hintuqiin, namaan hinloliin bahee galuun koo ministira muummeef boqonnaadha. Otoon homaa hingargaariin kadhataafii yoon callisee taa’e kun isaaniif deggarsa guddaadha. Paastar Zarihunirraa deggarsa argatan jechuudha. Amma kan barbaachisu kana.

Yoo tokko tokkoon keenya bowwoo ittita’uu dhiisnee boqonnee taa’uu dandeenye, yoo akeekasaanii hingufachiisne, callisneetuma ilaalle eebbi hanga mana keenyaatti ni dhufa. Namni kun akkuman jedhe mul’ata misoomaafi nageenyaa waan qabaniif yeroo, boqonnaafi carraa haa kenninuuf. Haa ilaallu. Haa obsinu. Ilaallee, obsinee biyya waraanarraa bilisa taatee uumuun kana isinirraa eegneeyyu jennee galateeffannaan. Yoo yeroo kenninee waan barbaadnu dhabne ammoo lakki, waan eegne hinargannee dogoggorreerra jechuu dandeenya. Garuu ministira muummeef carraafi nageenya haa kenninu.

Bariisaa: Itoophiyaaf maal hawwitu?

Paastar Zarihun: Biyya keenyaaf kanin hawwu nageenya guutuudha. Itoophiyaan nagaa taatee adda addummaawwan keenya dhiphatanii, karoorri Komishinii Marii Biyyaalessaa milkaa’ee hundi keenya gaaffii ni qabna jennu gara mariitti fidnee akka furannun hawwa. Itoophiyaan biyya Waaqayyo eebbiseedha. Kanaafuu, biyyi tun dhaloota ittaanuuf kan waraanni keessa hinjiraanne, badhaadhinni, nageenyishiifi misoomnishii mirkanaa’e akka taatus nan hawwa.

Adeemsi nageenyaa mootummaa federaalaafi ABUT jidduutti eegalame akka hanga dhumaatti milkaa’un hawwa. Qaamolee biroo mootummaa wajjin mari’achuu barbaadanis mootummaan garabal’inaan simatee keessummeessee hammachuu qaba.

Bariisaa: Xumurarratti yoo ergaa qabaattan?

Paastar Zarihun: Dhumarratti lammiilee ayyaana Qillee kabajaniif, baga nagaan guyyaa Dhaloota Gooftaa Keenya Yesuus Kiristoosiin isin gahen jedha. Ayyaana Qillee gaarii akka isinii ta’un hawwa. Egaa ayyaana guutuu kan taasisu nageenya waan ta’eef nagaa kanaaf hundi keenya gatii haa baasnun jedha.

BARIISAA SANBATAA Mudde 29 Bara 2015

Recommended For You