Jalqaba jaarraa 19ffaa keessa biyya Beeljiyeemitti mucaan maqaan isaa Adoolfi Saaksi (Adolphe Sax) jedhamu tokko dhalate. Mucaan kun namoota biyya lafaa kana irratti dhalatan hundumaa caalaa nama milkii hinqabne, nama rakkoof dhalate jedhamee beekama. Namoonni seenaa isaa beekanis nama rakkoof dhalate jedhanii isa beeku. Sababiin isaa dhalatee ganna lamatti gamoo darbii lama qabu irraa karaa foddaa kufee lafeen mataa isaatii caccabee du’a irraa ooleera.
Ganna ja’a yeroo guutetti ammoo akka tasaa asiidii dhugee du’a irraa hafeera. Ganna sagalafaa isaatti kufaatii cimaa bakka ol fagoo irraa abidda irratti yoo kufe illee du’a jalaa miliqeera. Miidhama hamaas miidhameera. Ganna kudha tokkotti dhukkubni maaree kan nama hedduu duguuge isas qabee hanga guyyaa sagaliitti utuu of hinbariin yoo ture illee du’a jalaa ooleera. Ganna 14tti balaa hamaan irra ga’ee harki isaa cabee du’a ooleera. Ganna 19ffaa isaatti xuubii manni ittiin ijaaramu mataa isaa irratti lafa dha’ee utuu hindu’in hafe.
Darbees akka namoonni waa’ee isaa barreessan dubbatanitti lilmoo liqimsee utuu hindu’in hafe dubbatu. Ganna lama booda dhugaatii wayinii qulqullina hinqabne dhuguun of ajjeesuu yaalee du’a ooleera. Balaa kana hundumaan hubamee utuu hindu’in hafe. Ganna digdamii salgaffaa isaatti Adoolfi Saaksi nama meeshaa hanga har’aatti addunyaan keenya ittiin bashannantu meeshaa muuziqaa Saaksoofoonii (Saxophone) jedhamu nama kalaqu ta’e.
Nama barachuu barbaadeef rakkoon mana barnootaati. Addunyaa keenya irratti namoonni nuti har’a ilaallee ajaa’ibsiifannu hedduun isaanii akkuma Adoolfi Saaksi rakkoo addaa addaa keessatti namoota hafan utuu hinta’in namoota wal’aansoo ittiin qabanii injifatanii keessa taraniidha.
Isa kanaaf namoonni akka J. K. Rowliing ragaa guddaadha. Dubartiin kun barreessituu kitaabota kanneen akka “Harry Potter” yeroo taatu jabinni ishee dhalootaaf barumsa guddaadha. Dubartiin kun jireenya ishee keessatti kufaatii hedduu argiteetti. Gaa’ela dhaabbattee utuu baay’ee hinturin jalaa diigame. Isheenis nama hojii hinqabne turte. Gaa’elli ishee diigamee abbaa manaa ishee wajjin gargar ba’uun ishee akka isheen ijoollee qofaa guddistu taasise. Jireenya namni biyya Ingilizii keessa jiraatu tokko nijiraata jedhamee hin yaadamne jireenya gadi aanaa jiraatteetti. Mana keessa bultu kan ofii ishee nama hinqabne turte. Haa ta’u iyyuu malee jireenya kana keessa jiraachuuf amantee fudhattee harka laattee hinteenye. Haala jiru wal’aansoo qabdee ni injifatte. Nama biyya Ingilizii keessatti badhaasa argatu taate.
Namni kufaatii sodatus ta’e utuu kufaatii hinargiin nanmilka’a jedhee yaadu yeroo deemsa isaa keessatti rakkoon isa mudatu abdii kutachuu danda’a. Namni akkasii bakka yaade hinga’u. Jabina gaafata. Abdii kutannaa injifachuu gaafata. Kufaatii mo’achuu barbaada.
Fakkeenyaaf namoonni akka Istiive Jobsi (Steve Jobs), namoota haala ulfaataa, kufaatii injifatanii darban irraa waan hedduu barachuu dandeenya. Namni kun jireenya isaa keessatti haalota isa mudatan nama jabaatee keessa tareedha. Istiive Jobsi dhaabbata ofii isaatii dhaabee keessa ari’atameera. Haa ta’u malee haala isa mudate kana keessatti abdii kutatee hinteenye. Haalli isa mudate caalaatti isa jabeesse. Haala jiru keessaa akka dhidhiittatee ba’uuf karaa baneef. Dhumarratti nama dhaabbata doolara biliyoonaan galchuufi namoota kumaatama ta’aniif daandii hojii banuu danda’u ta’eera. Jireenya keenya keessatti kufaatiin garaa garaa nu mudachuu nidanda’a. Inni guddaan garuu akka laphee keenya hindhaalleef of eeggachuun murteessaadha.
Namni si’a tokko kufuun yeroo hundumaa kufuuf sababa ta’a jechuun hindandaa’amu. Namoonni maaliif akka kufan hubatan, akkamitti ammoo achi keessaa ba’uu akka danda’an karoorfataniifi jabaatanii hojjetan yoomiyyuu fuuncaa isaan qabe of irraa harcaasanii keessaa ba’uu nidanda’u. Wanti dagatamuu hinqabne inni guddaan namni tattaafannaan kufaatii milkaa’inatti geeddaruu nidandaa’a. Kufaatii nama mudateen qabamanii jireenya gaabbiifi gaddaan guute jiraachuu keessaa ba’uun, kufaatii irraa baratanii kufaatii sana seenaa gochuuf hojjechuun barbaachisaadha.
Kanaaf kufaatiif harka laannee kan teenyu utuu hinta’in irraa barannee gara fuula duraatti aggaamuun murteessaadha. Namni kufaatii sodaatu nama kufee ka’e caalaa dadhabaadha. Inni guddaan dogoggora qabnu irraa barachuudha. Dogoggorri ykn kufaatiin nu mudatan kamiyyuu sirriitti itti fayyadamuun barbaachisaadha. Riqicha kufaatii hanga mo’ichaan ceenutti waan hundumaa waan beeknu nutti fakkaachuu danda’a.
Erga ceenee booda hanga beekumsaafi dandeettii keenyaa adda baafanna. Kufaatii irraa, rakkoowwan nu mudatan irraa muuxannoo argannee egeree keenya ittiin fooyyessuuf daran nu gargaara. Namoonni nuti hanga har’aatti waa’ee isaanii ajaa’ibsiifannu, kalaqa isaaniitti fayyadamnu hedduun isaanii kufaatii dhandhamaniiru. Isaan keessaa namoota akka Albarti Inistaayiin (Albert Eistein) yoo ilaalle, hanga ganna sagal ga’utti nama harrabni isaa danda’ee dubbatu hinturre.
Amalli isaa akka inni mana barumsaa keessaa ari’amu isa taasiseera. Akka manni barumsaa sadarkaa lammaffaas deebi’ee isa hinfudhanne ta’eera. Haa ta’uyyuu malee mana barumsaatii ari’amuun isaa, mana barumsaatti akka hindeebineef keessumatti manni barumsaa sadarkaa lammaffaa Poolii Teknikaa magaalaa Zuurik jiru diduun isaa bara 1921 akka inni beekumsa Fiiziksiitiin badhaasa addunyaa kana irratti beekamaa ta’e badhaasa Noobil jedhamu (Noble Prize) akka hinfudhanne isa hintaasisne. Tarii har’a yaalii goonee kan kufne, milkaa’uu kan dadhabne yoo jiraanne akka Inistaayin kana akka hintaaneef wanti n u d a a n g e s s u homtu hinjiru. Garuu jabaatanii hojjechuu, gadi f a g e e s s a n i i yaaduu gaafata.
Kufaatiin nama baratuuf mana b a r u m s a a t i . Namni wantoota addaa addaa barachuu danda’a. Isaan keessaa tokko daandii irra dhufe irraa barata. Inni kun muuxannoo isaa jechuudha. Namni sirriitti yaadu milkaa’ina qofa irraa utuu hinta’in dogongora irraas nibarata. Namni kan deemsa eegalu seera deemsaa barachuun utuu hinta’in shaakaluun, kufaatii hedduun booda. Kufaatii jiran irraa baruuf of qopheessuun gaariidha. Kufaatii guddaa irraa barumsa guddaa arganna. Isa kana dagachuu hinqabnu.
Jireenyi namaa irraa jalaan guddataa deema. Wantoota jireenya namaa guddisan keessaa tokko rakkoolee nama mudatan irraa barachuudha. Muuxannoo irraa horachuudha. Muuxannoo kanaan ammoo of fooyyessuudha. Namni rakkoo isa mudate irraa baratee ittiin of hinfooyyessine nama barachuu hindandeenyeedha. Muuxannoo jechuun waggoota jiraannee dabarsine miti; yookaan wantoota hojjennee dabarre miti. Muuxannoon rakkinoota nu mudatan jechuus miti. Muuxannoo jechuun rakkina nu mudate keessaa akkamitti akka keessa tarre kan ibsudha.
Albarti Inistaayiin yeroo tokko, “Baay’een akka itti walii galanitti odeeffannoon qofaa isaatti beekumsa miti. Irra caalaayyuu madda beekumsaa inni tokkichi muuxannoo waan ta’eef shaakala kee ittuma fufi” jedhe. Muuxannoo irraa waan baay’ee baranna. Mana barumsaatti kan hinbaranne muuxannoo irraa baranna. Kanaaf shaakala keenya, rakkoo nu mudatan irraa barachuu itti fufuun barbaachisaadha. Kanaaf, Aristootil yeroo tokko, “Irra deddeebinee waan hojjennuun gara ta’uutti dhufna; dhama’uun taatee yeroo tokkoo utuu hinta’in dhimma shaakalaati” jedhe.
Egaa haalli nuti keessa darbinu burqaa muuxannooti. Beekumsi ammoo muuxannoon niijaarama. Namni shaakalaan muuxannoo argata. Muuxannoon kun ammoo burqaa guddinaati. Akkamitti haala tokko keessa jabaannee taruun gara milkaa’inaatti akka dhufnuuf sababa cimaadha. Yaada haaraa, ilaalcha haaraa, kalaqa haaraa tokko qabannee gara biyya lafaa kanatti akka as baanuuf nu fayyada. Dhoksaan jireenyaa si’a torba kufanii si’a hedduu ka’uu danda’uudha. Sababiin isaa jireenyi namaa kufaatiin guutuudha. Haa ta’uyyuu malee qooxii yaabbannooti. Kan ittiin haala keessa jirru keessaa baanuudha.
Inni guddaan namni kamiyyuu kufuu danda’a. Kufaatii hinfudhadhu jechuun hindanda’amu. Kan nuti fudhachuu diduu qabnu inni guddaan yaalii dhabuudha. Guddummaan dhala namaas isa kanaan madaalama. Kufaatii ooluu utuu hinta’in lafa kufanii dafanii ka’uun madaalama. Namni kufee ka’uuf hintattaafanne milkaa’inni hangam itti dhiyoo akka ta’e nama hinbeekneedha. Milkaa’inatti gammaduu keenya dura kufaatii numudate irraa waan barannu gadi fageenyaan itti yaaduun barbaachisaadha. Kufaatii guddaan kuftee irraa barachuu dadhabuu keeti. Kufaatii kee irraa barachuun bifa adda ta’een, ogummaa argattee akka ati caalaatti eegaltuuf si gargaara.
Walumaagalatti kufaatiin carraa siif kenna. Jireenyi namaa ammoo kufaatiifi ka’umsaan, gammachuufi gaddaan kan guute ta’uu isaa dagachuu hinqabnu. Namoonni hedduun kufaatii nisodaatu. Kana irraa kan ka’e yeroo kufaatiin yookaan rakkoon isaan mudatu dandamatanii gara fuula duraatti deemuu hindanda’an. Sababa kanaan carraan daran barbaachisaan, carraan milkaa’inaa isaan jalaa miliqa.
“Jireenya keenya keessatti kufaatiin garaa garaa nu mudachuu nidanda’a. Inni guddaan garuu akka laphee keenya hindhaalleef of eeggachuun murteessaadha. Namni si’a tokko kufuun yeroo hundumaa kufuuf sababa ta’a jechuun hindanda’amu.”
Doktar Zarihun Gabree
BARIISAA SANBATAA Mudde 22 Bara 2015