Milkaa’ina namoonni hundi nibarbaadu. Haa ta’u malee milkaa’inni maali? Attamitti gonfatama? Eenyutu milkaa’a? Gaaffiilee kanneeniifi kkfn hedduun keenya danqamuu dandeenya. Milkaa’inni jabaatanii hojjechuun malee akka ayyaanaa akka tasaa kan nama irra qubatu, yookaanis akka lotoriitti kan badhaafaman miti.
Milkaa’inni gufuuwwan nama mudataniin wal’aansoo qabuun kuffifatanii firii argamuudha. Nagaan jeequmsa injifachuun, soorumni hiyyuma injifachuun, beekumsi wallaalummaa injifachuun, dhugaan soba injifachuun walumaagalatti rakkoolee nama mudataniif utuu harka hinlaatin, utuu hinjilbeeffatin, utuu hinseesin jabaatanii dhaabachuun, jabaatanii hojjechuun firii dhumarratti argamuudha.
Kana keessatti obsi daran barbaachisaadha. Obsaan jabaatanii hojjechuu, wal’aansoo qabuu gaafata. Namni obsa hinqabne mo’icha bira hinga’u. Namni obsa hinqabne lolee hinhinjifatu. Namni obsa hinqabne maniisaa bira hinga’u. Namni obsa hinqabne ogummaa hinhoratu; sababiinsaas obsi daandii ogummaati. Obsi hadhaawaadha; bu’aansaa garuu miyaawaadha.
Namoonni milkaa’oon amala kana qabu; obsaan jabaatanii hojjechuu, jabaatanii wal’aansoo qabu. Namoonni hedduun haalota hamoo isaan mudataniif utuu harka hinkenniin namoota dhama’anii keessa darban malee akka horii laaqii seentee namoonni harkisanii kan keessaa baasan hinturre. Isa kana seenaa namoota hedduurraa arguu dandeenya.
Fakkeenyaaf biyya lafaa kanarratti kan addunyaan keenya ajaa’ibsiifattu namoota kallattiilee gara garaatiin jiran yoo ilaalle haala cimaa isaan mudatetti cimanii injifatanii namoota keessa taran akka ta’an seenaansaanii ni addeessa. Tarii namoonni hedduun taphattoota addunyaa kanarratti maqaa ciccimoo qabaniifi akka maqaasaaniis ta’an hedduusaanii yoo ilaalle sadarkaa har’a irra jiraniif, milkaa’inasaanii booda nama isaan tumsu utuu hinqabaatin kan jabaatanii wal’aansoo qabanii milkaa’an keessaa namoota akka Kiristiyaanoo Roonaaldoo, Li’ooneel Meesii, Mikaa’eel Jordaaniifi kanneen isaan fakkaatan dhaloota keenyaaf fakkeenya gaarii ta’u jedheen amana. Kiristiyaanoo Ronaaldoon kan guddate maatii hiyyeessaafi manasaanii kan namoonni baay’een dhaqan hinturre.
Kanarraa kan ka’e kutaa tokko keessa namoota sadii ta’anii ciisu turan. Darbees nama akka ijoollee naannawasaatii qarshii ittiin kubbaa bitee taphachuu danda’u hinqabne ture. Rakkoolee kanneen hundaaf garuu harka laatee hinteenye. Haalaanis hininjifatamne. Moofaafi waantota dhiitamuu danda’an irraa kubbaa hojjetachuun ittiin taphachuu eegale. Kubbaa gaarii, haala mijitaa, bakka mijataa hineegne. Furmaata barbaade.
Dhumarratti yeroo nama kubbaa taphachuu danda’u, dandeettiisaa qabu ta’uu hubatetti fedha qabu kana bakkaan ga’achuuf mucaa ganna 11 ta’ee kiiloomeetira 500 ol maatiisaa irraa adda ba’ee leenjii seene.
Kunis salphaa hinturre. Sababiinsaas mucaan ganna 11 maatiirraa adda ba’eefi fagaatee jiraachuun salphaa miti. Haa ta’u malee gatii baasuu malu baasee bakka akeekasaa bira ga’uuf nama murteeffate ture. Jabaatee hojjechuun jireenyasaarratti akka jijjiirama fiduu danda’u hubatee ture. Inni kun dhumarratti bakka kaayyoosaatii akka ga’uufi taphattoota addunyaa kanarratti ajaa’ibsiisoo ta’an keessaa tokko akka ta’u isa taasiseera. Namni kubbaa ittiin taphatu dhabee moofaa karaarra dhiitaa ture taphattoota hundarra nama adda ta’ee namoota hanga doolaara biliyoona tokkoo ol qaban keessaa tokko, taphataa yeroo maraa jedhamuu danda’eera.
Namni jabaatee hojjetu jireenyasaa keessatti wantoota hedduu barata. Namni harkisaa hojjechuuf qophaa’e kufaatii jireenyasaa keessatti isa mudate gara milkaa’inaatti jijjiiruu danda’a.
Wanti nama dhibu inni guddaan milkaa’inni akka tasaatti kan dhufu utuu hinta’in jabaatanii hojjechuun kan argamuudha. Namni milkaa’ina jibbu hinjiru. Hunduu milkaa’ina nibarbaada. Namni hawaasa wajjin jiraatu keessatti kabajamee jiraachuu hinfeene, kaayyoo qabu bira ga’uu hinbarbaanne, jireenyasaarratti dhiibbaa gaarii fiduu hinbarbaanne hinjiru. Kanaaf ammoo hanga kufnutti utuu hintaane hanga milkoofnutti hojjechuun barbaachisaadha. Jabaatanii hojjechuu, jijjiirama jireenya ofiirratti fiduu aadaa godhachuun murteessaadha.
Wanti dagatamuu hinqabne inni guddaan namoonni jabaatanii hojjetan hanga milkaa’anitti kufuu nidanda’u. Warri kufoon garuu hanga kufanitti yaalii godhu. Kufaatiin booda adeemsasaanii nidhaabu. Hamileensaanii kufuurraa kan ka’e gaara isaan hinbaasu.
Sodaan keessasaanii jiru akka isaan bareedina gaara irra jiru hinargineetti isaan daangessa. Kanneen dandamatanii darbaniif garuu fiixee gaaraarra bareedinatu jira. Wal’aansoo booda mo’ichatu jira.
Kanaaf haalli nama hindeemsisne fakkaatu yoo nama mudatellee abdii kutachuurraa of eeggachuun deemsa ittifufuun, yoo hamaan nama qunname isa ittaanuuf amala namaa kan qaru, jabinaan kan nama gonfu, kaayyoo qabaniif kan nama qopheessu waan ta’eef utuu abdii hinkutatin deemsa ittifufuun gaaf tokko akka boodasaanii ilaaluun faayidaa bu’aa ba’ii keessa darbuu galateeffatan taasisa.
Karaan irra deeman hangamillee yoo danqaa qabaate caccabsanii daandii ittiin ol ba’an gochuun hubannaa guddaadha. Egaa namoonni milkaa’oon nuti har’a agarru kan akkasumaan gonfatan utuu hinta’in rakkoo cimaa fakkaatu injifatanii kanneen sadarkaa kana ga’aniidha. Jireenyisaaniis har’a nuuf banoota; fakkeenya gaariidha.
Tarii baay’een keenya taphataa beekamaa Arjantiinaa Li’ooneel Meesii jedhamu nibeekna. Sababiinsaa taphataa addunyaa kanarratti beekamu waan ta’eef. Li’ooneel Meesiin umriisaa ganna 11tti gareen inni keessa taphatu akka inni hintaphanne taasisee ture; hojjaansaa gabaabaadha jedhamee waan yaadameef.
Haa ta’u malee Li’ooneel Meesiin haala irra ga’e kana fudhatee callisee hinteenye. Hormonii hojjaasaa fooyyessuuf miilasaa tokkorratti guyyoota torbaaf fudhachuun isa kaanirrattis akkasuma deebi’ee hanga guyyoota torbaatti akkasitti hanga ganna ja’aatti utuu walirraa hinkutin fudhachuun haala isa daangesse injifatee sadarkaa har’aarra ga’uu danda’eera.
Kanaaf milkaa’inni aarsaafi jabaatanii hojjechuu gaafata. Namni kamuu ilaalcha gaarii qabaachuu qofaan utuu hinta’in jabaatee hojjechuun ni milkaa’a. Kanaaf ammoo karaa milkaa’inaa sirriitti beekuufi hojii isa eeggatuuf of qophessuun, dandeettii barbaachisaa horachuun murteessaadha.
Sababnisaas gaara guddaa Everesti ilaalcha gaariifi hawwii qofaan yookaan yaaduu qofaan koruun hindanda’amu. Abjuu qabaachuu qofaanis milkaa’uun hindanda’amu. Tarsiimoo sirriis ta’e karoora qabaachuu qofaan milkaa’inni hindhufu. Taarsiimoofi karoorri sirriin nuti qabnu hojiitti hiikamuu qaba. Sababiinsaa abjuu, ilaalcha gaarii, ofitti amanachuun keenya hojiifi tarsiimoo milkaa’inaa haguuguu hinqabu.
Waliigalatti hojiin madda guddinaati. Hojiin burqaa jijjiiramaati. Namni kamuu jireenyasaarratti jijjiirama fiduuf wanti guddaan inni gochuu qabu hojiidha; kanaafis of qopheessuu qaba.
Namni hojjechuu danda’u yoomiyyuu harka namaa hin-ilaalu. Keessumaa dhaloonni keenya kanarratti gadi fageenyaan yaaduu qaba. Namoonni hojjetan rakkoolee isaan mudatan irree ittiin jijjiiran qabu. Kufaatiin maniisaanii hinta’u. Hamaa gaariitti geeddaruu danda’u. Bara keenya keessatti namoota akkasii hedduu agarreerra.
Namoota bashannana baay’isuun, hojiif harkisaanii laafaa ta’e; gama kaaniin ammoo namoota utuu daandiin hinjiraatin, utuu haalli mijataan hinjiraatin dhiibbaa fuulasaanii dura jiru dandamatanii injifatanii haala hamaa jijjiiran namoonni baay’een jiru.
Namoota kanneen keessaa kan akka Biil Geet nama haala isa mudate injifatee gama teknolojiitiin jijjiirama guddaa fide akka ta’e seenaansaa ni addeessa. Omisha Traaf-O-daataa jedhamu daataa teeppii tiraafikii xiinxaluu danda’u yoo hojjetellee jalaa kufe. Hojiirra hinoolle jechuudha. Isaan booda kan biraa hojjechuun sadarkaa har’aa irra nama ga’uu danda’e akka ta’e seenaansaa ni dubbata.
Kufaatiin jalqabaa dandeettiisaa hin murteessine. Dhumarratti jijjiirama fide. Akkasumas Isteefan Kiingi, namni bara kana keessatti guddaa asoosamaan beekamaa ta’e jalqabasaa yoo ilaalle kufaa ture. Barreeffamnisaa inni jalqabaa si’a 30 ol ilaalamee akka hinmaxxanfamneefi akka barbaachisaa hintaane itti himameera.
Garuu obsaan ittifufee hojjechuun sadarkaa har’a irra jirurra ga’e. Yaadasaa jalqabaa xiqqoo fooyyessuun kufaatiisaa jijjiiramatti geeddareera. Obsi waa hunda. Yoo of kennanii waan cimaa hojjechuuf ka’an kufaatii kamuu keessaa ba’uun yaadannoo hambisanii darbuun nidanda’ama.
Jabinni yaada namaa kufaatii yookaan milkaa’ina yeroon hinlakkaa’amu. Teessee deeguurra hojjettee kufuu sii wayya. Namni utuu hojjetuu yoo kufellee kan boodatti isa deebisu ta’uu dhiisuu danda’a. Kanaaf namni hojii abdii hinkutatu. Kufaatiin yoo isa qunname dhuma karaasaa akka hintaane nibeeka.
Waa hundarra milkoominni hojii malee hawwiin hinjiru. Biyyoonni har’a babbareedan, jireenya jijjiirame jiraatan hundi hawwin utuu hinta’in hojiidhaan fidan. Nutis jabaannee yoo hojjenne ofis ta’e dhaloota keenya, egeree keenya akka hinjijjiirre wanti nutaasisu hinjiru. Kanarratti gadi fageenyaan yaadnee irratti hojjechuun daran barbaachisaadha.
“Hojiin bantuu milkaa’inaati. Abjuun kan firiitti geeddaramu jabaatanii hojjechuufi dafqa qofaani”
Doktar Zarihun Gabree
BARIISAA SANBATAA Mudde 15 Bara 2015