
Finfinnee: Gamaas gamanas abidda finxaaleyyiin qabsiisaa jiraniin kan gubachaa jiru hawaasa nagaa hubannoo siyaasaa hinqabne waan ta’eef taatee mudachaa jiru kanaaf ittigaafatamummaa kan fudhatan murnootaa finxaaleyyiiti jedha Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn).
Addichi ibsa haala yeroorratti baaseen aangoon karaa nagaa malee karaa qabsoo hidhannoon argamu tokkollee akka hinjirres ibsee, tarkaanfiin ajjeechaa, qe’eefi qabeenyarraa buqqisuu lammiilee nagaarratti raawwatamaa jiru bololaa aangoo murnoonni finxaaleyyii jeequmsaan dhuunfachuuf agarsiisaa jiraniidha jedheera.
Murnoonni seeraan ala hidhatanii miidhaa qaqqabsiisaa jiran kunneen egeree biyyaatiif balaadha kan jedhe, ibsichi mootumman seeratti dhiyeessuun nageenya lammiilee boora’e bakkatti deebisuu akka qabus yaadachiisaniiru.
Aangoon humnaan argamu yoomillee akka hinjirre kan ibse addichi, finxaaleyyiin kunniin gocha badiisaaniirraa deebi’anii daandii nagaa filachuun dirqama ta’a jedheera.
Jaarraa 21ffaa kana keessa waldhabdee yaadaa ilaafi ilaameen xumuruun osoo danda’amuu meeshaa kaasuun duubatti hafummmaa ta’uu yaadachiisuun hiraarsaa lammiilee nagaarra qaqqabaa jiru dhaabuuf filannoo sirriifi duraa qabsoo nagaa ta’uu beeksiseera.
Murnoota qabsoo hidhannootiin biyya goolaa jiran cinatti rakkoo nageenyaa mudachaa jiruuf sababa ijoo dabalataa kan ta’animmoo miidiyaalee miirri ittigaafatamummaafi jaalala biyyaa itti hindhagamne ta’uus addichi eereera.
Miidiyaaleen kunniin kaaniif boo’aa kaan boochisaa walwaraansi akka hammaatu taasisuun iccitii addababa’ii ta’uus ibsichi yaadachiiseera. Hanga jijjiiramni dhiigaan dhufe hamma ta’etti duubatti deebi’a jedhanii yaaduun dogoggora ta’uus eereera.
Kun waan ta’eef bu’aa qabsoo dhiigaan argame kana gufachiisuun qaxxaamuraan bololaa angoo qaban milkeeffachuuf finxaaleyyiin kaatanis yoomiyyuu kan hinmilkofneedha jedheera.
Saboonniifi sablammiileen Itoophiyaa sirna jijjiiramaa kana dhandhamaa jiran ilaalcha finxaaleyyiifi miidiyaalee afarsituuwwansaanii kanarraa of qusachaa nageenyasaa qabatamaan mirkaneeffachuun tokkummaasaanii cimsuu akka qabanis addichi dhaameera.
Sirna jijjiiramaa kana fiduuf Oromoon aarsaafi wareegama qaalii kaffaluus yaadachiisee, yomiiyyuurra yeroo tokkommaan Oromoo itti cimuu qabu amma jedheera ibsichi.
Sirni yeroo ammaa biyya bulchaa jiru fincila diddaan kan dhalate, filannoo sagalee ummata bal’aan kan injifateefi imaanaa biyyaa baatee biyya jijjiiruuf hojjetaa jiruudha jedha ibsi ABO.
Milkaa’inasaatiif federaalizmii sabdaneessaa saboonniifi sablammiilee hunda walqixxeesse qabatamaan lafa qabsiisuun biyya badhaate ijaaruuf carraaqqiifi bu’aalee guguddoo galmeessisaa kan jiru ta’us finxaaleyyii miirri aantummaa lammii itti hindhaga’amneefi bololaa aangoof kaatan nageenya hawaasaa booressuun fayyadamummaa lammiilee gufachiisuuf hojii namummaa keessaa bahe raawwataa jiru jedheera.
Gochiifi hammeenyi akkanaa yoomiyyuu fudhatama kan hinqabneedha jedhee, seermaleessummaafi finxalessummaan imala badhadhinaa biyyattiin eegalte hambisuu akka hindandeenyes yaadachiiseera.
Walumagalatti rakkoo siyaas dinagdeefi hawaasummaa kamuu osoo karaa nagaa furuun danda’amuu waraana banuun nageenya lammiilee booressaa qabeenya barbadeessaa milkoofna jedhanii yaaduun ilaalcha badiisaa fooyya’uu qabu ta’uu eereera.
Kun waan ta’eef lammiilee nagaa godinaalee Oromiyaa gara garaatti gocha hammeenyaa finxaaleyyiin ajjeefamaafi buqqa’aa jiran kan isa gaddisiise ta’uus addichi beeksiseera.
BARIISAA SANBATAA Mudde 1 Bara 2015