Yeroo tokko waa’ee dargaggeessa beekumsa guddaa qabu tokkoo dubbiseen ture. Dargaggeessi kun beekumsaafi dandeettii cimaa haa qabaatuyyuu malee nama amala gaarii hinqabne ture. Nama ofittoo, nama wajjin jiraachuun isa rakkisuufi amallisaa kun ammoo hiriyootasaarraa kan isa fageesse ture.
Sababiinsaas gurbaan kun yeroo aaru hiriyootasaa nilola; nimiidhas. Nama of qabuu hindandeenye, nama kabajuu kan hindandeenye, kan nama hinsafeeffanne, kan nama hindhageenye, maanguddoos ta’e aangafa kan jedhamu nama hinbeekne ture. Kanaaf namoonni irraa baqatanii qophaa jiraata.
Maatiin dargaggeessa kanaa waa’ee mucaasaaniif daran kan gaddan yeroo ta’u, attamitti amala hamaa egereesaa miidhu kana keessaa akka baasan baay’isaanii itti yaadu turan. Kanaaf abbaansaa gaaf tokko ilmisaanii kun amala hamaa keessaa baé’ee amala gaarii, jireenya ba’eessa attamitti akka jiraachuu danda’u daran itti yaade. Dhuma ratti gadduummiifi mismaara qopheeffatee ilmasaa kana waamee itti kenne. Akkas jedhees isa gorse, “Yeroo aartu mismaara kana keessaa tokko fuudhiitii kellaa isa moofaatti baeessa godhii rukuti” jeheen.
Gadduumii inni ittiin mismaara rukutu kun ulfaataafi keellaan inni itti rukutus sirriitti kan mismaara kana fudhatu hinturre. Haa ta’u malee dargaggeessi kun guyyaa jalqabaatti mismaara 37 rukutee oole. Inni kun guyyaatii gara guyyaatii, torbanii gara torbaniitti irraa jalaan hir’ataa fooyya’aa adeeme. Gurbichis suuta suutaan aariisaa fooyyessaa, amala hamaa keessaa ba’aa dhufe.
Gaaf tokko wanti isa aarsu yoo isa mudatellee aariisaa liqimsee of to’achuu danda’e. Akka gadduumiifi mismaarri amala isaa to’achuuf isa hinbarbaachifne hubate. Abbaan isaas kanaan booda yeroo aariin itti dhufu, amalasaa to’achuu yeroo eegalu akka mismaara kanaan dura kellaatti rukute deebi’ee tokko tokkoon akka buqqisu gorse.
Ilmisaas aarii isaa hundumaa toátee, amala kanaan dura nama irraa isa fageesse sadarkaa fooyyeffachuutti yeroo ga’e mismaara rukutaa ture sana buqqisuu eegale. Dhumarrattis mismaarota hundumaa buqqisee fixee gara abbaa isaas dhaqee akka of fooyyesse itti hime. Abbaansaa baay’isee isa galateeffatee, ilmasaa kanas fuudhee gara keellaa geessee akkas jedheen, “Ilma koo amma of to’achuu danda’uun kee daran gaariidha.
Amma garuu lafa itti mismaara rukutaa turte, bakka mismaarri buqqaés baéessa godhii ilaali. Boolla isaas ilaali. Kellaan kun bakka isaatti hindeebiú. Takkaa urateera. Namni illee akkasuma. Nama takkaa yoo miite, namichi sun deebi’ee akka isaa jalqabaa hinta’u. Kanaaf namoota kabajaan, jaalalaan waliin jiraachuu malee erga miidhanii booda dhiifama gaafachuun godaannisa jiru balleessuu dhiisuu danda’a. Godaannis isaa nijiraata” jedheen.
Obsi jireenya keenya, egeree keenyirratti dhiibbaa cimaa fida. Namoonni obsa hinqabne egereen isaanii gadi deema; namoota kabaja hinqabne ta’u. Namni kam iyyuu isa kana keessaa baúu nidandaá. Darbees dhalli namaa amala isaa toáchuu nidanda’a. Haa ta’u malee amalli horiin kan bitamu miti. Mi’a gabaatti ba’ee gurguramus miti. Kan namoota muraasaaf kennamu, kan sooressa qofti gonfates miti.
Amalli gaariin hojii barbaada. Of irratti hojjechuu gaafata. Namni iamala sirrii qabu namoota biratti kabaja qaba. Kanaaf namoonni yeroo dubbatan “Amalli akka mukaati; kabajni ammo akka gaaddisaati. Bakka mukni jiru akkuma gaaddisni jiru, bakka amalli gaariin jiru kabajni nijira” jedhu mitiiree?
Warri Chaayinaa yeroo dubbatan,“Dheekkamsa sekoondii tokkittii yoo obsite gadda ji’ootaa oolta.” jedhu. Namni tokko waa’ee aarii yommuu dubbatu akkas jedhe, “Aariidhaan waan barbaadan erga godhanii booddee dhiifama gaafachuun rasaasaan nama dhahanii erga ajjeesanii booda dhiifama gaafachuudha” jedhe.
Ani akkasumattan uumame, aariin kennaa kooti waan ta’eefan aariirraa of qabuun dadhabe jedhanii kan dubbatan, ofirratti hojjechuudhaan amala badaa keessaa ba’uuf kan hintattaafanne namoonni hedduun nijiru. Inni kun itti yaaduu gaafata. Aariin nama kan biraa qofa kan utuu hinta’iin abbaa miidha. Haaloo garaatti qabachuun aariitti, dheekkamsa, jibbaafi kkf. qabatanii jiraachuun miidhaan isaa kan abbaati; kan nama garaa isaa keessatti baatee deemuuti.
Darbees waan xiqqoo isheetti aaruun amalasaanii kan ta’e jiru. Aariin garuu amala qofa utuu hinta’in muxannoodhaanis kan argamuufi namoota baay’ee gara kufaatiitti kan geessuudha. Amalli akkasii namoota baay’ee kuffisee sadarkaa jiran irraas gadi isaan buuseera. Amala kana irraa garuu fooyya’uun, raawwatanii ittii adda ba’uun nidanda’ama. Kanaaf maaliif amala aarii kana irraa jijjiiramuun akka nu irra jiru baay’isnee itti yaaduun barbaachisaadha.
Sababiinsaa amalli hamaan utuu nu hinmiidhin itti adda ba’’uun, utuu nu hinajjeesin ofirraa ajjeesuun murteessaadha. Pirezideentiin Ameerikaa Toomaas Jaafarsan namni jedhamu yeroo dubbatu akkas jedhe, “Yommuu aartu dubbachuu keetiin dura hanga kudhaniitti lakkaa’i; baay’ee yoo aarte immoo utuu hindubbatin dura hanga dhibbaatti lakkaa’i”.
Sababiinsaas amalli aarii yeroo baay’ee jireenya keenyarratti dhiibbaa guddaa fida. Hojii keenyaas balaa irra buusuu danda’a. Nus ta’e maatii keenyarrattis rakkoo guddaa fiduu danda’a.
Kanaaf mee kanaan dura namoota kan birootti isa aariidhaan dheekkamneefi ittii iyyine yeroo fudhannee itti haa yaadnu. Aariifi dheekkamsa keenyaan amma ammaatti namoota meeqa akka miine yaaduun barbaachisaadha. Inni kun akka itti yaannuufi akka of fooyyessituuf daran nu gargaara.
Amala akkasii irraas jijjiiramuuf wanti nuti gochuu qabnu yoo jiraate namoota amala kana fakkaatu kanaan dura qabaataa turanii amma jijjiiraman attamitti akka ta’e gaafachuun barbaachisaadha. Yoo kana ta’uudhaa baate immoo ogeessota gaafachuufi dhimma kana irratti mariisisuun murteessaadha. Fakkeenyummaa namoota amalasaanii to’atanii jiraatanii ilaaluufi duukaa bu’uun barbaachisaadha. Namoota itti dhihaannu yoo ta’e immoo attamitti akka isaan of qabuu danda’an gaafachuun gaariidha.
Karaa biraas yerooo aarru obsinee hojii kan biraa hojjechuun of irraanfachiisuun nidandaa’ama. Fakkeenyaaf: kitaabota nama bashannansiisan dubbisuufi ispoortii hojjechuu, biqiloota bishaan obaasuu, nyaata qopheessuufi kkf. hojjechuun barbaachisaadha.
Akkasumas wanti nu aarsu yoo nu mudatu hiriyaa yookaan namoonni nutti dhiyoo akka nu gargaaran gochuun barbaachisaadha. Akkasumas wanti nu aarsu yeroo nu mudatu hanga aariin nu irraa galutti bakka sanaa deemuun gaariidha.
Hundumaa irra immoo nama aarii keessatti of to’achuu danda’u, rakkina cimaafi waan nama aarsu keessatti of to’achuu nama danda’u akka taane beekuun gaariidha. Nama of to’achuu danda’u tokko aariin gototee nama hinreebsisu. Akkasumas yeroo rakkoon akkasii nu mudatu akkataa itti keessa baane, milkaa’ina arganne, rakkoo nu mudate mara barreessinee kaa’uun boriif barumsa nuuf ta’a, Attamittis akka to’achuu dandeenye barreessuun gaariidha.
Fiixaan ba’umsa arganneef iyyuu of galateeffachuun gaariidha. Waan xiqqoo yoo fakkaate illee itti gammaduu qabna, wanti amma xiqqoo fakkaatu kun bor guddachaa akka adeemu beekuun barbaachisaadha. Isa kana gochaa yeroo adeemnu fiixaan ba’umsa argachaa deemna. Namoota kan biraa wajjinis walitti dhufeenya gaarii qabaachuudhaan jijjiirama fiduu ni dandeenya.
Aarii irraa of eeggachuu yookaan of to’achuu dhiisuun kaayyoo keenya bira akka hingeenye, gammachuu keenyas kan sarbu daana’oo hamaadha. Yeroo aarru of qabuun gaabbii hinqabu. Aariin waan tokko iyyuu hojjechuurraa of qusachuun gaariidha.
Yeroo aarru dubbachuu dhiisuufi cal jechuun gaariidha. Sababiinsaa yeroo aaridhaan dubbannu wantoota hinbarbaachifne hedduu dubbachuu dandeenya. Kanaaf of to’achuu danda’uu qabna. Aariidhaan waa balleessinee gaabbuun gaarii miti. Garuu yoo of to’anne milkoomina argachuufi gammachuu argachuu dandeenya. Gaabbiis nioolla.
Namni tokko amala hamaa akkasii keessaa ba’uuf wantoota gochuu qabu keessaa kan biraan hiriyaa sirrii, nama amala gaarii qabu wajjin hariiroo qabaachuu mala. Hiriyaa qabaachuun waan baay’eedhaaf nama gargaara.
Namni hiriyaa hinqabne akka muka qofaa aaruuti; fiixaan ba’umsa itti fufiinsa qabu hinargatu. Yeroo tokko dubartiin maqaan ishee Liliyaanaa Heeker jedhamtu, Fiilmii “The stolen party” jedhamu hojjette tokko waa’ee akkaataa du’a shamarree Rozaaruwaa jedhamtuu yeroo fiilmiisaa hojjettu, Rozaaruwaan yeroo hunda kan isheen hojjettu mana nyaata itti qopheessan keessa.
Akka namoota kaanii namoota naannooshee jiranii wajjin walittii dhufeenya hinqabdu. Haa ta’u malee namoota akka isheetii wajjin bakka isheen keessaa hojjettuufi waan isheen hojjettu hojjetanii wajjin gammachuu qabaachaa turte. Isheen namoota alaa wajjin hariiroo uumuu yoo dadhabdellee namoota akka isheetii wajjin garuu gammachu niqabdi turte.
Erga akkas ta’ee baay’ee jireenya gad aanaa kan jiraatanis namoota isaan fakkaatanii wajjin ta’uudhaan gammachuu argachuu akka danda’an dubbata. Namoota irraa fagaachuun barbaachisaa miti. Namoota irraa waan barannu qabna. Haa ta’u malee namoonni nuti hiriyaa godhannu namoota mul’ata qabaniifi namoota egereesaaniirratti hojjetan, nutis akka egeree keenya geeddarruuf kan nu tumsaniifi fakkeenya gaarii kan qaban ta’uu malu.
“Aariin akka nama summii ofiif dhugee namni kan biraa akka du’uuf taa’ee eeguuti”
Doktar Zarihun Gabree
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 24 Bara 2015