Namoonni tokko tokko “Garaachan qaba” yoo jedhan ni dhaga’ama. Kunis dhukkuba garaachaa ibsuuf haala isaan itti fayyadamaniidha. Garaachi qaama dhala namaati malee dhukkuba miti, kanaaf “dhukkuba garacahaan qaba” kan jedhuun osoo sirreeffamee bareedaadha.
Garaachi keenya kutaa qaama keenyaa keessaa tokko kan ta’eef, qaaamolii bullaa’insaafi daakamuu nyaataa keessatti qooda fudhatan keessaa tokkodha.
Nyaatni nuti nyaannu afaan keenya keessatti gargaarsa ilkaan keenyaafi inzaayimii afaan keessatti argamaniin hurraa’uu erga jalqabee booda, qunnamsiistuu garaacha keenyaafi afaan keenyaa kan ta’e ‘eesoophaagas’ kan jedhamu keessa darbuun gara garaacha keenyaa deema. Garaachi keenya bullaa’insa nyaataa keessatti qooda fudhachuun cinatti akka kuustuu nyaataa yeroottis ni gargaara.
Nyaatni nuti nyaannu garaacha keenya keessa yeroo murtaa’aaf turuun gara mar’immaan qal’aatti darbuun wantootni xixiqqoo qaama keenyaaf barbaachisaan mar’immaan qal’aa keessaa xuuxamuun gara dhiiga keenyaatti erga dabalamanii booda gara warshaa qaama keenyaa kan ta’e Tiruu deemu.
Garaachi keenya asiidii garaachaa hayidrookilooriikasiid jedhamu maddisiisuun nyaanni nuti nyaanne akka bullaa’u gochuuf akkasumas wantootni qaama keenya miidhan kan wantoota nuti nyaannufi dhugnu waliin seenan dhabamsiisuu keessattis qooda guddaa fudhata.
Dhukkuba garaachaa yeroo jennu bakka baayyeetti qoodnee ilaaluu dandeenya. Garuu namoota baay’ee biratti kan baratame dhukkuba garaachaa gastiraayitas ykn rifachuufi madaa’uu garaachaa kan jedhamu ilaaluuf yaalla.
Garaachi keenya gara keessoon wanti haphii haguugee argamu mukoosaa jedhamutu jira. Haguuggiin garaachaa gara keessaa kunis wantootni nyaata keessaan qaama keenya miidhuuf seenan akkasumas asiidiin garaacha mataasaarraa maddu hidda dhiigaa, narviif maashaawwan haguuggii garaachaa jalatti argaman akka hinmiine gochuu keessatti qooda guddaa fudhatu.
Haguuggiin garaacha keenyaa gara keessaatti argamu sababa garaagaraa irraan kan ka’e yeroo rifatu ykn madaa’u dhukkubbiin garaachaa nama mudata.
Dhukkubbii garaachaa (rifachuuu) madaa’uu garaachaa maaltu namatti fida ykn namasaaxila?
1. Baakteeriyaa Heelikoo baakterpaayiloori
Baakteriyaan heelikoo baakterpaayiloorii jedhamu, baakteriyaa haguuggii garaacha keenya jalatti argamuudha. Baakteriyaan kun karaa garaagaraan gara kutaa qaama keenyaa seena. Karaa baakteriyaan kun gara qaama keenyaa seenu keessaa inni guddaan, karaa nyaata qulqullina hinqabnee ykn nyaata faalameedha. Baakteriyaan kun yeroo gara garaacha keenyaa seenu qaamota farra alagaa qaama keenyarraa lolan waliin wal loluun haguuggiin garaacha keenyaa akka rifatu gochuun miirri dhukkubbii akka nutti dhaga’amu godha. Dhukkubni garaachaa parsantii 90 oli sababa baakteriyaa kanarraan kan ka’e kan dhufudha.
2. Qorichoota (dawaa) dhukkubbiif fayyadamnu baay’inaan fayyadamuurran kan ka’e
Yeroo baay’ee qorichoonni dhibee yaaluuf omishaman miidhaa hin eegamne ykn dhiibbaa hinbarbaachifne garaagaraa qaama keenyarraan ga’uu danda’a.
Qorichoonni miira dhukkubbii fooyyessuuf kennaman keessaa baay’inaan ummata keenya biratti kan barataman kanneen akka aspiriinii, ibuupiroofeniifi daayikiloofeena kanneen jedhaman heddumminaan yeroo baay’ee irra deddeebiin kan fudhataman yoo ta’e, garaacha keenya rifachiisuun dhukkubbii garaachaaf nu saaxilu. Kanaaf yoo danda’ame qorichoota kanneen ajaja ogeessa fayyaan alaa baay’inaan yeroo hedduuf fayyadamuun gaarii miti. Kana yeroo jennu qorichoota kanneen hinfayyadaminaa jechuu osoo hintaane, battaluma dhukkubbiin xiqqoo nutti dhaga’aametti irra deddeebiin yeroo baay’ee liqimsuun gaarii miti jechuu barbaanneeti.
3. Uumamaan asiidii baay’inaan maddisiisuu garaacha keenyaa
Asiidiin garaachaa haayidirookiloorik asiidii jedhamu hamma isaan oli baay’inaan yeroo madduun garaacharratti gadi dhiifamu haguuggii garaacha keenyaa gara keessaa sana rifachiisuu ykn madeessuu danda’a. Namoonni baay’een uumamaan asiidiin garaachasaanii baay’inaan kan maddu jira. Gama biraatiin wantootni uumamaan ala baayinaan dhangala’uu asiidii garaachaa keenyaarratti qooda fudhatan baay’eetu jira. Kanneen keessaa tokko aarii ykn dhiphina garmaleefaadha.
4. Tamboo aarsuu, alkoolii dhuguu, dhiphina garmalee, hirriba dhabuuf kan kana fakkaatanis dhukkuba garaachaaf nu saaxiluu danda’u.
Namni dhibee garaachaa qabu tokko mallattoowwan akkamii agarsiisa?
- Dhukkubbii ykn gubaatii qara laphee jalaa. Dhukkubbiin ykn gubaatiin qara laphee jalaa kun hanga gateettii keenyaafi dugda keenyatti nutti dhaga’amuu danda’a. Gubaatiin laphee jalaa kun gara bitaa naannoo onneen keenya jirtuun waan namatti dhaga’amuuf namoonni baay’een yeroo himatan onneekoo na guba jechuun dubbatu.
- Nyaatni nyaatan namaa daakamuu dhiisuu. Namoonni baay’een yeroo dhufanii mana yaalaatti dubbatan, nyaanni ani nyaadhe naaf hindaakamu jechuun dubbatu. Namoota baay’eetti sababa nyaanni isaan nyaatan garaacha keessa utuu hindaakamin taa’uuf miirri namatti hintollee qara laphee jalaan akka namatti dhaga’amu godha. Sababa kanarraan kan ka’es namoonni hedduun nyaata nyaatan qubaan haqqisuun ofkeessaa baasuuf yaalu.
- Nyaata xiqqoo nyaatanii garaan bokokuu ykn xinnoo nyaatanii quufuu,
- Ol nama xuquu ykn nama hoqqisiisuu,
- Nama dadhabsiisuu,
- Laphee jala namatti ulfaachuu,
- Darbee darbee namoota muraasa irratti hanga dhiiga haqqisiisuutti ni ga’a.
Dhibee garaachaaf qorannoo akkamiitu godhama?
Akkuma beekamu mallattoo dhibee garaachaa kana akka ofirratti argitaniin mana yaalaa yeroo deemtan qorannoowwan garaagaraa ni godhama. Qorannoowwaan kanneen keessaa baay’inaan kan godhaman, qorannoo baakteriyaa garaachaati. Baakteriyaan garaachaa baay’inaan biyya keenya keessatti kan godhamu karaa qorannoo sagaraatini. Baakteriyaan garaachaa qorannoo keessatti yoo argames qorichi ykn dawaan baakteriyaa garaachaa kana balleessuuf kennamu ni jira. Qorannoo sagaraarratti dabalataan qorannoowwaan biroo akka fayyadama isaatti kan godhamanis jiru. Namoota hundaaf osoo hintaane namoota muraasaaf qorannoowwan dhiigaa, endooskooppiifi altraasaawundiis ni godhama.
Dhibeen garaachaa yoo baay’inaan namatti hammaate miidhaa akkamii namarraan ga’uu danda’a?
1) Madaa’uu ykn luqqa’uu garaachaa: Asiidiin garaacharratti baay’inaan gadi dhiifamuufi qaamni farra alagaa qaama keenyarraa dhorku baakteeriyaa garaachaa kana ofirraa qolachuuf jecha wantoota baakteeriyaa kana ajjeesuu danda’an waan gadi dhiisuuf wantootni kunniin garaacha keenyarratti miidhaa geessisuun madeessuu ni danda’u.
2) Dhiiguu garaachaa: Akkuma beekamu haguuggii keessoo garaacha keenya gara keessaa jala hiddoonni dhiigaafi narvoonni baay’een jiru. Garaachi keenya sababa garaagaraan kan ka’e gara keessaan luqqa’aa yoo deemu, hiddi dhiigaa jala jiru dho’uun garaachi keenya akka dhiigu godha. Dhiiguun kunis gara keessaatti dhiiguun akkasumas namoonni bay’een dhiigallee haqqisuun hanga sadarkaa hir’ina dhiigaafi du’aattillee nama saaxiluu nidanda’a.
3) Kaansarii garaachaa: Rifachuu ykn gaastiraayitisiin yeroo hedduu yoo namarra ture gara kaanserii garaachaattillee guddachuu danda’a. Kaasariin garaachaa kun baay’inaan namoota umuriin isaanii deemerratti kan mul’atudha.
4) Dho’uu (tarsa’uu) garaachaa: Yeroo baay’ee namoota muraasarratti wanti kun ni mul’ata. Kunis asiidiin garaacha keenyaa, maashaawwan garaacha keenyaa nyaachaa deemuun, gara keessaatti dho’uun gara keessaatti akka dhiigu gochuufi nyaatni nuti nyaanne garaacha keessaa gara kutaa qaama keenya birootti ba’uun qaamni keenya akka rifatu godha.
Akkamiin of gargaaruu dandeenya?
1. Waantoota armaan olitti dhukkuba kana fidu jedhamanirraa of qusachuu kanneen akka; (alkoolii baay’isuu, tamboo aarsuu, qorichoota ajaja malee fayyadamuufi of dhiphisuu).
2. Nyaata dhukkuba kana nutti cimsanirraa fagaachuu. Nyaata kana baay’inaan abbuma dhukkubsatu sanatu beeka, yoo nyaata dhukkuba garaachaa nutti cimsu beekne nyaata sanarraa fagaachuu qabna. Walumaagalatti mi’eessituuwwan akka barbaree, buna baay’isanii dhuguu, nyaatotaafi dhugaatii dhangaggaa’an (fakkeenyaaf: farsoo ba’ee ture) fayyadamuu dhiisuu.
3. Nyaata dhukkuba kanarraa fayyuuf nu gargaaran nyaachuu, isaan keessa dammi isa hangafaafi fayyuu garaacha madaa’eef kan gargaarudha. Qullubbii adiin (garlic) baakteriyaa ‘H. pylori’ jedhamu sanaaf akka haalli hinmijanne taasisa (ofii isaatiin garuu garaacha gubuu mala), kuduraafi muduraaleen ammoo vitaaminii hedduu waan of keessaa qabaniif yoo nyaanne garaachi keenya dafee akka fayyu taasisa.
4. Yeroo nyaataa utuu hindabarsin yeroo dhaabbataa ta’etti nyaachuu. Namni tokko yeroo nyaata isaa sirriitti hinkabaju yoo ta’e, asiidiin garaachaa garaacha qullaarratti dhangala’uun garaacha isaa luqqisuu ni danda’a. Kanaaf namoonni dhibee garaachaa qabdan yeroo nyaataa keessan seeraan fayyadamuun baay’ee barbaachisaadha.
Haalota armaan olii kanaan ofgargaaruun akkuma jirutti ta’ee, mana yaalaa deemuun sadarkaa dhukkubni kun irra jiruufi yoo baakteriyaan ‘H. pylori’ jiraate qoricha isaa fudhachuu, akkasumas dhukkubni biraa yoo jiraates yaalamuun dirqama.
Fayyaa hindhabina
Doktar Naafyaad Geetuu
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 17 Bara 2015