Kutaa 2ffaa
Atsee Teedroos II maqaan ganamaasaa (Kaasaa Hayiluu) kanaan booda barreefama kana keessatti Teedroos jennee kan waamnu akkuma mootii ta’een kan xiyyeeffate Oromoo Walloo of jala oolchuurratti yoo ta’u, isaan dura garuu mootummaa Gondor of jalatti galchuu ture.
Yeroo sanatti Gondoritti kan gaggeessaa turan Oromoo Yajjuurraa kan dhalate Raas Alii xinnicha kanturaniidha. Kunis mormii baras Oromoorratti godhamaa tureef deebii kennuuf fakkaata.
Kan biraa akka barreessitoota Awurooppaatti, Teedroos Walloorratti kan inni xiyyeeffateef barreessitoonni sababoota garagaraa lafa kaa’u. Akka barreessitoota tokko tokkootti Teedroos ijoollummaa isaarraa kaasee ciminaafi seexaa Oromoota Walloo argaa waan guddateef dursee isaan yoo jilgeenffachiise malee mootummaan inni ijaaruuf deemu humna akka hinarganne waan hubateef jedhu.
Ciminasaanii kanarraa kan ka’e, sirni bulchiinsaa Oromoo Walloo (Yajjuu) deebi’ee akka hinijaaramneef sodaa guddaa qabu maqsuuf akka ta’e ibsu. Gareen biraa immoo ennaa aangoon warra Yajjuu harka ture Walloonni waan isatti hintolle raawwachaa waan turaniifi akkasumas cimsanii isa hacuucaa waan turaniif haaloo qabu ba’uuf akka ta’e himama. (Taaboor Waamii, 2006:357).
Gareen biraa immoo gara Shawaatti darbuuf dura Walloo gabbarsiisuun dirqama waan itti ta’eefi, jedhu. Garee afraffaan immoo keessumaa warreen amantiirratti xiyyeeffatanii barreessan immoo Amantii Musliimaa Walloo keessaa balleessuuf gorsa Abuna Salaama bakkaan ga’uuf waan kaayyeeffateef jedhu.
Teedroos bara 1855 akkuma Mootii Moototaa jedhee of muudeen ganna roobaa Ambaa Carraatti dabarsee Onkoloolessa 1855 gara Wallootti qajeele. Kaayyoonsaa Wallootaafi Warra Shawaa ofjala oolchuuf ture. Ennaa kanatti moototni Oromoo Walloon bulchaa jiran hingurmoofne. Isaanumtuu bakkawwan sadiitti walqoodanii aangoof wallolaa turan.
Warqituu Wadaajoo haati Amadee Alii, haati warraa Alii Liiban Ambasalirraa, Liiban Amadee ilmi Abbaa Miijaa Amadee Liiban Maqdallaarraa, Amadee Bashir ilmi Bashir Liiban Karabirraa walqeeqaa turan. Kan waldhabiinsasaanii hammeesse immoo daangaan isaaniillee sirriitti addaan ba’ee beekamuu dhabuusaati. Isaan kunniin hundi walto’achuuf waldhabaa turan. Mootonni xixiqqoon kan jara kanaan itti hinxiyyeefatamin kan akka warra Adara Billiifaas nituran.
Teedroos kaabarraa ka’uun gara Wallootti dhufee abbootii biyyaa kanneen gargar qoodee gabbarsiisuun gabbaraa funaanuutti ka’e. Achii ka’ees Laga Bashiiloo ce’ee bulchaa Laga Goraa kan ta’e Adaraa Billeetti lola bane. Waraana Laga Goraatti Adaraa Bilee jala dhaabbachuun Teedroosirraa loltuu hedduu fixe. Dhumarratti waraanichi cimuurraa kan ka’e Teedroos ofiisaa farda yaabbatee loluu eegale.
Waraana hedduu qixxeeffachiisaa booda Adaraa Biilii ajjeefaman. Loltoonni warra Adaraa Biillees nitamsa’an. Injifannoo kana booda Teedroosiis Ilmaan Adaraa Biilii Alii biyyicharratti muuduudhan gara Warra Heemanootti qajeelan. Karaarrattis waan argan saamuf gubuu ittifufan.
Warra Heemanoorraa gara Kaabaatti Abbaa Biyyaa Saadiiq Daanqaatti dhufan. Turban Waloo hafanis Saadiiq cina dhaabbachuun Teedroositti marsanii lolan. Loltuu Teedroosis nyaata dhorkatanii loltuu waa barbaadachuu deemus jalaa ajjeesan.
Waraanichi waan jabaa tureef haala sukkanneessaa ta’een nama kumaatamatti tilmaamamu gara lachuurraayyuu fixan. Teedroosis loltootasaa Walloota baqatanii deebi’an maaliif baqatan jedhee harkasaanii tokkoofi miilasaanii tokko irraa mummure. (Takle . T.M.158).
Ennaa kanatti Warqituun mootiin Shawaa Hayla Molokot akka gargaaru itti himattee humna fardaatiin loon qabattee isheen dabaree ishee bataskaanaafi qabi batskaana Ortoodoksii karaarratti argatte akka haalotti gubaa Teedroosiin loluun gara Gimbaatti qajeelte.
Waraana kana keessatti kaayyoon Aadde Warqituu inni guddaan mooticha marsanii qabuu ture. Waraana kana keessatti Hayla Molokoti kan isheen silaa walirra goruuf waliigalan loltoonni isaa biyya Oromoo keessatti hinlollu jedhanii yoo biraa deebi’aniyyuu Warqituun loltootashee qabattee waraana Teedroosiin itti marsitee hiraarsite. Imaamota hafaniifis fakkeenya cimtuu taate.
Waraanni Warqituu waliin godhame kun murteessaa waan tureef lubbuu namoota baay’ee kallattii lameenuurraayyuu fudhatee ture. Waraana kanarrattis Imaamotaafi Oromoonni Walloo heddutu hirmaate. Waraanni Gimbaarratti godhame kun mooticha marsuun achitti hambisuuf yoo ta’eyyuu lola qixxifachiisaa guyyoota afuriif taasifame booda Teedroos injifannoo argate.
Waraanni Aaddee Warqituu ammas abdii osoo hinkutin gaara mijataa qabachuun ofirraa ittisuu ittifufan. Loltoonni Teedroos ennaa gaaratti ol itti ba’uu yaalanis dhagaa gadi itti konkolaachisuun jalaa fixan. Haata’uutii bu’aan waraanichaa akka eegame hintaane. Waraanni Teedroos carraan isaan qaban du’uu yookiin moo’achu qofa waan ta’eef cimee waraanuun lolee Warqituun injifatani. Waraana guyyoota afuriif godhame keessatti gareen Teedroos meeshaa waraanaa ammayyaa waan qabaniif garee Walloo moo’achuu eegale.
Loltoonni Teedroosis faccee jabaa isaan mudateen ol itti ba’uu haadadhabaniyyuu malee guyyoota bay’eef loltoota Warqituu marsuun humna qawweetiin nyaataafi dhugaatii akka hinarganne godhan. Namoota duuba nyaata fiduu yaalanis meeshaa ammayyaa fayyadamuun irraa ittisan.
Mormiifi faccee qixxeeffachiisaa Walloonni agarsiisan Warqituunifi loltoonnishee hedduun du’arraa baraaraman. Waraana Gimbaatti godhameen kan aaran mootii Teedroos Warra Himanoo keessa socho’uun namoota baay’ee fixan. Mootichis namoota lubbuun booji’an soddoma ta’an akkuma barame haala sukkanneessaan harka lamaan irraa muranii mormasaaniitti hidhanii gara maatiitti deebisuu eegalan. Teedroos jalaas akkasuma loltoota hedduutu dhume.
Teedroos bakkichattis Warra Himanoo keessa kan aangoo Imaamummaaf falmaa turan keessaa Liiban Amadee itti muuduun humna haaraa walitti qabuun Gimbeedhaa gara Maqdallaa deeme. Warqituunis waraana Gimbeetti haamoo’amtu malee ji’a tokkoof qabsoo walirraa hincinne itti fufte.
Mootichis Maqdallaa qabachuuf deeme. Kana booda Teedroosis Maqdallaa ykn Roggee to’achuun darbaniis Walloofi naannoo hunda too’achuu eegalan. Maqdallaas mana hidhaafi bakka kuusaa meeshaa waraanaafi teessuma isaa godhate. Ta’us injifannichi kan yeroo ture (Takla Tsadiq, 158-161 Fikadu, 15) Teedroos Maqdallaa kan bakka taa’umsaa isaa godhatee (Yates, p131.) jedhutti kan filatamte Walloonni keessa deddeebi’anii fincilanii waan isa rakkisaniif jedha.
Teedroos injifannoo kana booda mootii shawaa Hayila Molokotiin gabbarsiisuuf gara Shawaatti qajeele. Haata’uutii, mootii Shawaa kan turan Hayilaa Molokotis mooticha duulaan osoo hin simatin dhibeen du’anii eegan. Teedroos ilma isaanii Minilik booji’ee haadhan wajjiin gara Maqdallaatti fudhatee deebi’e.
Kana malees Teedroos Oromoota Shawaa namormitan, gibira dhiyeessuu diddan jechuun naannoo Angoloolaa (Abbichuutti) fi Dabra Biraanitti argaman mara ajjeesuun reeffasaanii dirreerratti facaasuun akka allaattiin nyaattu gochuusaa kanneen ijaan argan kan akka Alaqaa Zannabaafaa ifa godhaniiru.
Tarkaanfiifi gochaan Teedroos ummatarratti keesumattuyyuu immoo Oromoo Walloorratti raawwachaa ture abdii kutachiisaa, haata’u malee Oromoonni Walloo jala dhaabbachuu hindhiisne. Ennaa Teedroos Shawaafi Gojjam to’annoo jala oolchee gara biyyaatti /Gondor/ deebi’u ummanni Walloo kan mootichi muudan kaasuun mormii isaanii itti fufan.
Liiban Amadeellee kan Teedroos muuddate osoo hindu’in ji’a shan fuuldura Teedroosiin fincilee Maqdallaa dhiisee gara Dalaantaa deeme. Liiban Amadee kan du’e bara 1857. Du’a Liiban Amadee booda Teedroos mucaa Liiban Amadee dhiisee ammas ilma Bashir Liiban, Amadee Bashiriin, ofjalatti bulchaa Walloo waliigala godhee muude.
Amadeenis bara 1858 muudama Teedroosiin diduun Imaama Walloo jedhee of labse. Kana booda Amadee Bashiir wiirtuu ajajaa isaa gara Afaamboo jedhamutti jijjiiruun qabsoo isaanii itti fufan. Karaa biraa Warqituun ilmashee Amadee Alii qabattee haaloof eeggachuu itti fufte. Abbaan Waxewis haadhasaa Mastaawiti wajjin yeroo mijitaa eeggata. Kan faccee kanarraa fagaatee jiru Mohammad Alii kan garbittii Geexii Geetoo jedhamtu biyya Ginda Baratirraa bitamtee dhufterraa, dhalate qofaadha. Mohammad Alii Abbaa Buddeenii isaa bira Amaaraa Saayintii jiraacha ture.
Hundumarra garuu hanga bara 1861 adda durummaan qabsoo Teedroosirratti kan gaggeessaa ture Amadee Bashiri. Amadeen keessattuu waraana Teedroos al tokko warra Qaalluu keessatti gaggeessan kallattiin falmachuun gootummaan isaan raawwataniin jagnummasaanii kan argisiisan ta’uu himamaa ture.
Yeroo biraa garuu tooftaa waraana riphee loluun mooticha rakkoo argisiisaa turan. Amadee Bashir iddoo Irqee jedhamutti bakka bu’aa Teedroos kan ta’e Jaanxiraar Amadee Alii Boruu wajjiin waraana guddaa godhaniin Amadeen Alii Birruu ajjeesuun injifannoo argateera. Waraana Faariis Qaasiim kan Warra Hemaanoota waliin taasiseenis Faariis Qaasim booji’uun xumureera.
Gootummaafi cimina Amadee Bashiirin kan ka’e Abbootiin waraana warra Qaalluu Amadee Boruufi kan Laga Goraa Alii Adaraa waraana isaanii wajjiin makamuun Teedroosiin waliin falmuu eegalan. Bara 1858 Walloota walitti fidee gurmeessee loltuu fardeenii 50,000 horachuun Teedroosiin waraana itti banuun qixxeeffachiisaa ture.
Bara 1858 Teedroos Gojjam ennaa dhaqu Amadeen qabsoo isaa hedduu finiinse. Lolli Amadees garlamatti ture. Inni gartokkoo Teedroosiin loluu yoo ta’u, inni gara biraa immoo Warra Teedroos jala kaattu jilbiiffachiisuu ture. Teedroosis Amadee qabuuf Walloota ni dhossitan jechuun mana isaanii gubaa qabeenya isaanii saamee rakkisaa ture. Haata’uutii Amadeen waraana keessatti madaa’ee bara 1861 du’e.
Ittifufa
Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 10 Bara 2015