Farda yaadaan ka’ee Awaash gama ce’ee; gaara qaxxaamuree; dhooqaafi laga kutee Haramayaa ga’een, qarqara lagaa taa’ee yoon haara galfadhu sagalee mi’aawaa kan gurratti toluun inni kaan ni weellisa; kaan qurxummii baasa.
Kan nyaatamu caalaa weelluu ani dhagahetu garaa naraasee Usmaayyoo ilma Muusaa weellisun dhagahe. Seenaa dhaabbataa kan jedhu ture. Haroon Haramayaa bakka daldala qurxummiin Usmaayyoo Muusaa tokko jedhee qabsoo jireenyaa itti jalqabeedha.
Cunqursaan sirni abbootii irree dabaree walfuruun ilmaan Oromoorraan gahaa ture akkaan hadhaa’aa ta’uun walqabatee warraaqsi fincila diddaa yeroo yeroodhaan taasifamaa kan ture yoo ta’u, achi keessatti qoonni artistootaa olaanaa ture.
Artistoonni Oromoo rasaasa mi’aahuun lafee diinaa cabsanii kan rafe dammaqsanii, kan of dagate eenyummaa gonfachiisanii gabrummaa waawuu jechuun walqixxummaafi dimokraasiin akka lafa qabatuuf waakkii tokko malee aarsaa qaalii hanga wareegama lubbuu kaffalaniiru, sana seenaatu ragaa baha.
Qabsaa’otaafi artistoota Oromoo sirna cunqursaa abbaa irreefi gabroomfataa diduun qabsoo hadhaa’aa hanga wareegama lubbuu gaafatu kaffalaa turan hedduu ta’anis isaan keessaa Eebbisaa Addunyaa, Yoseef Gammachuu, Hacaaluu Hundeessaafi Usmaayyoo Muusaa isaan muraasa.
Isaan kaanimmoo jiraatti hiraarfamuun biyyaa baafamanii jireenya biyya hambaa dhandhamaa, “Siyaade yaa biyyakoo siyaadee jiraachuun nadhibee, an sirraa fagaadhe” jechaa fagootti nagaa dhamaa olka’iinsa Oromiyaafi biyyaatiif abjootaa turan keessaa Artisti Alii Birraa isa tokko.
Hedduun kolaafamaniiru, hedduun qaamnisaanii hir’ateera. Kun jette jettee osoo hintaane ragaa galmeen seenaa katabee lafa kaa’eefi hanga har’aa sammuu ummataa keessa jiruudha.
Dubbistoota; artistoonni Oromoo walabummaa Oromiyaatiif qabsaa’aa turaniifi wareegama qaalii hanga aarsaa lubbuu gaafatu kaffaluun qaanqee bilisummaa dhalootaaf qabsiisanii darban hedduu ta’anis barreeffama keenya kana keessatti seenaa Artistiifi Qabsaa’aa Usmaayyoo Muusaa isinii qoonna.
Artisti Usmaayyoo Muusaa har’a lubbuun jiraachuu baatus seenaa hindabarre, ergaa dhalootaaf galaa hindhumne ta’u olkaa’ee gara addunyaa lammataatti tareera.
Usmaayyoo Muusaa eenyu? isa jedhuuf deebii kan nuu kennitu intalumasaa Artisti Saartuu Usmaayyoo Muusaati.
Bariisaa: Sanyiin leencaa leencuma jedhama. Artisti Usmaayyoon of dhalee darbe jedheeni?
Artisti Saartuu: Eeyyee, dhalli warra fakkaatti jedhama mitiiree? Kanaaf anis ogummaa abbaa kiyyaan dhaale.
Bariisaa: Akkamiin gara aartiitti dhuftemee maaltu sikakaase?
Artisti Saartuu: Daa’ima ta’een yeroo abbaa koo, Usmaayyoo anuma fuulduratti reeban, hiraarsan ijaan ilaalaan ture. Maaliif akka reeban beekuu baadhus taateewwan wayita sanaa ija dura nadeemaa turan.
Boodarra ergan of baree eenyummaakoos hubadhee hammaachuun cunqursaa qabsoofi wareegama kan gaafatu ta’uun hubadhe. Kanarraa kan ka’e anis duukaasaa bu’een imala inni eegale galmaan ga’uuf aartii hojiikoo godhadhe.
Bariisaa: Dhimma keetiitti booda deebinaa Artisti Usmaayyoo Muusaa eenyu? Dacheen Oromiyaa kamtu isa biqilche?
Artist Saartuu: Artisti Usmaayyoo abbaasaa Obbo Muusaa Abdullaafi hadhasaa Aadde Faaxumaa Yusuufirraa bara 1956 dhalate. Dacheen Oromiyaa isa biqilchites Godina Harargee Bahaa, Aanaa Haramaayaa, ganda baadiyyaa Haajii jedhamtuudha. Gandi baadiyyaa kun Haramaayaarraa deemsa miilaa daqiiqaa 40 fudhatuudha.
Bariisaa: Haalli guddinasaa maal fakkaata?
Artist Saartuu: Abbaan kiyya akkuma daa’ima kamuu maatiif ergamaa akka guddate odeeffadheera. Deemsa keessa jireenya injifachuuf ganda baadiyyaa dhalootasaarraa gara Haramaayaatti miila dheereffachuun daldala qurxummiirratti bobba’ee hojjetaa ture.
Bariisaa: Usmaayyoon ilmaan meeqa horateera?
Artist Saartuu: Artisti Usmaayyoon daldalaaf olii gadi deemaa waan tureef Magaalaa Dirre Dhawaatti harmee keenya Aadde Faaxumaa Mahaammad waliin bultii ijaarratee ijoollee dubara afur horateera. Isaanis, Saartuu Usmaayyoo, Naahilii Usmaayyoo, Bilistuu Usmaayyoofi Naabulii Usmaayyooti.
Kanneen keessaa Bilistuun otoo waggaa lama hinguutiin boqotte. Yeroo ammaatti ijoollee sadan keessaa natu as jira. Lamaan hafan biyya Kanaadaa jiraatu.
Bariisaa: Haroo Haramaayaaf daran weellifameera. Usmaayyoos sirba sanatu isa waamee laata? Akkamiin gara aartiitti makame mee?
Artisti Saartuu: Dhugaadha. Haroo Haramaayaaf daran weellifameera. Artistoota hedduus horateera. Abbaan koo Haromaayaafi Dirre Dhawaa gidduu deddeebi’ee hojjetaa ture.
Duubarra garuu waan Dirre Dhawaa keessatti aartiin Oromoo cimaa tureef garasitti isa waamuu akka hinoollen hubadhe. Artisti Usmaayyoo Muusaas Dirree Dhawaatti artistoota Oromoo walaloofi yeedaloon ga’umsa qaban kanneen akka Abdii Qophee (Abdii Mahammad) wajjin walbaruun hojii aartii daa’imummasaarraa kaasee isa keessa ture cimsuu ittifufe.
Artistoonni yeroo sana achi turan kanneen akka Alii Shabboo, Adam Haaruun, Kadir Sayid, Halloo Daawwee, Almaaz Tafarraafaa wajjin hojjechuu eegale.
Bariisaa: Artisti Usmaayyoon Albamii meeqa qaba? Kaan sadi jedhu, kaan afur jedhuutii?
Artisti Saartuu: Kanaan dura albamii afur faffaca’ee faffaca’e qabaayyu. Booda sakattaanee shanaffaa haala haaraan qindeessinee maxxansiisneerra; innis dhiyootti eebbifama.
Bariisaa: Albamnisaa jalqabaa maal kan jedhu ture?
Artisti Saartuu: Albamiin jalqaba Gitaaraan kan hojjetame yoo ta’u “Abbaa Joffee” maqaa jedhuun beekama. Albamiin kun sirboota torba of keessaa qaba. Yeroo kanatti xiyyeeffannoosaa aartiif kennuun yeroosaa bal’aa aartiirratti dabarsaa ture.
Artisti Usmaayyoon gara aartiitti luucceffachuun yeroosaa dheeraa achitti waan dabarsuuf haati keenya bakka hojiisaa deddeemaa isa ilaalti ture. Yeroo kanattis haadha keenyaaf akkas jedhee weellise.
“Siyaadee silaaluuf ka’ee bu’ee karaa, nan jarjarsiifatiin siidhufeetiin jira yaa magaallee Haraa, ani yaadakeerraa afuura hinfudhanne, sibirattin dhiisee qalbiifi onnee”. Walleen kun albama jalqabaa gitaara qofaan qophaa’een mana muuziqaa Mahaammad Awaash Dirree Dhawaatti argamutti kennee ture.
Bariisaa: Albamasaa jalqabaa qopheessuun booda Usmaayyoon fuulasaa gara dirree qabsootti naannessuun himama. Maaltu kanaaf isa kakaase laata?
Artisti Saartuu: Kufaatii sirna abbaa irree Darguu hordofuun haalli siyaasa biyyaa raafama keessa gale. Kana malees hundeeffama mootummaa ce’umsaarratti ABOfi ABUT gidduutti waan walitti bu’iinsi hammaateef Artisti Usmaayyoo Muusaa fuulasaa gara hidhannoo dirree qabsootti naannessuun ABO wajjin hiriire.
Kanaafimmoo sababa kan ta’e qabsoon Oromoo gufachuu hordofee waamicha ABO’n artistoota Oromoof taasiseen kanneen qabsootti makaman keessaa Artisti Usmaayyoo Muusaa isa tokko. Leenjii loltummaas Dadaritti fudhateera.
Bariisaa: Wallee qabsoo Artisti Usmaayyoo dirree qabsootti jalqaba sirbe kami laata?
Artisti Saartuu: Bilisummaaf imimmaan ijatoo walmaraa; Obsee sirraa hafuuf of dadhabe garaa, sidhabee hinjiraadhu biyyatoo Oromiyaa kan jettu turte.
Bariisaa: Silaa ati wayita sana daa’imaa odeeffannoo gahaa kana akkamiin, eessaa argatte?
Artisti Saartuu: Waa’illansaa isa waliin turan Artisti Suutee Baarentoofaati. Kanamalees Artisti Usmaayyoo Muusaa hojii aartiitiin ala artistoota biroo wajjin ta’uun Dadaritti leenjii loltummaa fudhateera.
Bariisaa: Wayita dirree qabsoorra turanitti baandiin jalqabaa isaan hundeessan maal jedhama? Eenyufaatu achi keessa ture?
Artisti Saartuu: Baandiin isaan hundeessan Caffee Gadaa kan jedhamu yoo ta’u, kanneen akka Usmaayyoo Muusaa, Abdii Ibraahiim, Halloo Daawwee, Fandishee Mul’ataa, Muusaa Turkii, Kuulanii Boruu, KadIr Sayid, Himee Yusuufiifi kanneen biroo miseensota turan.
Bariisaa: Artisti Usmaayyoon rasaasaan akka rukutameedha kan himamaatii ture kun hamman dhugaadha?
Artisti Saartuu: Wayita dirree qabsoorra turetti rukutameera. Ani kanin dhaladhe osoo inni gara dirree qabsootti hindeemiin waan ta’eef nan beeka. Kan rukutames miilasaati. Sana booda Albamnisaa jalqabaa Abbaa Joffee jedhamu maxxanfame.
Walleen kun wallee qabsoo niduulla biyya teenyaaf ni duulla, Ka’aa qeerroo biyyaa, diina biyya teenyatti dhiifnee eessa dheeyna deemna?) “Hinsobamiin Oromoo har’as akka kalee alagaan alagaadha diree nu awwaalee, irree jabeeffannee haa falmannu kaanee” kan jedhu ture.
Bariisaa: Erga rasaasaan rukutamee booda haalli siyaasaas waan cimaa deemeef gara Finfinneetti akka dhufe dubbatamaa kun hammam dhugaadha?
Artisti Saartuu: Dhugaadha. Haalli siyaasaa yeroo sanaa keessumaa artistoota sirba qabsoo sirbaniif ilaalcha gaarii waan hinqabneef Finfinnee dhufuun naannawa Shogolee jedhamutti mana kireeffachuun erga haala mijeeffatee maatiisaas achitti walitti qabee jireenya injifachuuf daldala eegale.
Bariisaa: Artisti Usmaayyoon erga Finfinnee dhufee booda maalfaa daldalaa ture?
Artsiti Saartuu: Artisti Usmaayyoon Dirree Dhawaafi Finfinnee gidduu deddeebi’ee faayawwan aadaa gara garaa daldalaa nu guddisuu jiruusaa godhate. Deemsa keessa weellistoota Oromoo biroo wajjin Finfinneetti walbaruun hojii muuziqaasaattis akka deebi’uuf haalli mijateefii ture.
Bariisaa: Akka Finfinnee dhufeen jalqaba baandii kamitti makame?
Artisti Saartuu: Egaa yeroo sana Finfinneetti maqaa gaarii kan qaban Baandiiwwan Bilisummaafi Gadaati. Usmaayyoonis baandiiwwan kanneenitti yeroo adda addaatti makamuun artistoota akka Ilfinash Qannoo, Raayyaa Abbaa Maccaa, Umar Suleeymaan, Suutee Baareentoo, Bohaarsituu Abdii, Daagim Mokonnoniifi Fitaaber Guddinaafaa waliin hojjechaa ture.
Bariisaa: Wallee Usmaayyoon jalqaba baandii kana wajjin dhiyeesse yaadattaa?
Artisti Saartuu: Eeyyee nan beeka. Odeeffannoo gahaan qaba. Wallee “Seenaa Dhaabbataa” jedhu ture. Seenaa dhaabbataa kan yeroo dheeraa, Haqa yaabbate galmee seenaarraa, Ifee walgahee addunyaa maraa, Arkachuu lolla Oromoon har’a.
Murannee kaanee biyyaaf lolla, Diina sodaannee hinusnu jalaa. Dhugaa dhokatee ta yeroo dheeraa, Dirreetti baasuuf bobbaane har’aa. Haqaaf lolla cubbuuf hin yaannuu, fakkaataa keenyaaf yoomuu hingabroomnuu” kan jedhu ture.
Bariisaa: Fakkaataa keenyaf yoomuu hingabroomnu wayita jedhu maal jechuu barbaadeeeti laata?
Artisti Sratuu: Namni akkakeetii akkamiin sigabroomsaa; didi of ta’i, ofiin of bulchi jechuudha.
Bariisaa: Erga Finfinnee dhufee Usmaayyoofi artistoonni biroo sirba warraaqsaa sirban xiyyeeffannoo keessa galuun hordofamuu eegaluu himamaatii kana quba qabdaa?
Artisti Saartuu: Akkuman sila sii kaase mootummaa ce’umsaa booda haalli biyyattii raafama siyaasaa keessa waan tureef hordoffiin jiru ulfaataadha. Kanarratti sirba qabsoo sirbuunis ulfaataa waan tureef Usmaayyoon hordofamuu eegalee dhumarrattis albamasaa 2ffaa “Nu Yaamti” jedhu dhalootni biyya cunqursitootarraa akka baraaruuf waamichaafi kaka’umsa kan horu ture.
Bariisaa: Albamnisaa 2ffaa sirboota maalfaa of keessatti qabata ture?
Artisti Saartuu: Diinni diina nuu hin yaadu tolaa, Ililliitoo daraaraa, Ijoollee aayyaa nu walii wayyaa, Ni milkooyna, Tabaroo taaytaa dhabe, Sii tanin filadhe, Aangoo achii qabaa kanneen jedhan of keessatti kan hammate ture.
Bariisaa: Akkuma albamasaa lammaaffaa kana baaseen sirbisaa si’eessituufi ergaa jajjabduu waan qabduuf butanii hidhanii jedhamaatii akkaataa inni itti hidhame beektaa?
Artisti Saartuu: Yeroonsaa waaree booda ture. Konkolaataadhaan fe’anii gara manaatti fidan. Harmeen keenya mana hinjiran turan. Erga mana keenya sakatta’anii waa dhabanis rukutaa dhiitaa daddarbachaa turan. Kun sammuu kookeessatti bocamee hafeera. Maaliif akkana godhu gaaffiin jedhu nakeessatti uumamaa ture yoomiyyuu hindagadhu. Xiiqiin sunimmoo akkan gara aartiitti fuulleffadhu nataasise.
Bariisaa: Artisti Usmaayyoon qabamee kan hidhame kan Qaallittiitti, kaan ammoo Baatuutti jedhu kamtu sirriidha?
Artisti Saartuu: Abbaan kiyya kan hidhame iddoo Alam Baqqaany jedhamu; bakka amma Galmi Gamtaa Afrikaa irratti ijaarame keessatti ture. Kanaafis ragaa kan ta’u Artistii isa wajjin hidhamee ture Artisti Suutee Baarentoodha.
Bariisaa: Himanni isarratti baname maal kan jedhu ture?
Artisti Saartuu: Himatichi isin miseensa ABOti, seelii ABO taatanii hojjetaa jirtu; wallee warraaqsaa weellisaa nama kakaasaa jirtu kan jedhu ture.
Bariisaa: Artisti Usmaayyoon waggoota meeqaaf hidhame?
Artisti Saartuu: 1987-1995tti waggoota saddeetiif erga hidhamee booda bilisa jedhamee 1995 hiikame. Wayita mana hidhaarraa bahee reebicha isarratti qaqqabaa tureen qaamaan miidhamee ture.
Bariisaa: Wayita inni mana hidhaa turetti maatiin akkamiin jiraachaa ture?
Artisti Saartuu: Harmeen keenya olii gadi fiigdee hojjettee nujiraachiste. Adeemsa keessa ishiinis dhukkubsannaan nufudhattee Dirre Dhawaatti galte. Deemsa keessa dhukkubsattee sadarkaa dhumaarra geessus osoo Usmaayyoo wajjin walhinargiin lubbuun dabarte.
Bariisaa: Usmaayyoon akka hiikameen eessatti walargitan?
Artisti Saartuu: Erga inni hiikamee booda du’a haadha keenyaafi kanamalees ilmaansaas Dirre Dhawaatti deebi’uu dhagahuun gaddaan waxalamee harka duwwaa maatiitti dhufuurra jedhee albama haaraa “Yaa Rabbi Galatnikee Kuma Kumaa” jedhu gadhiise.
Usmaayyoon osoo dhufee nubira hinga’iin kaasettiinsaa nuqaqqabe. Wallaahii wallee bareedaa yeroon irraa hindabarre kan galateeffannaa Rabbiiti. Sana booda albamasaa haaraa qarshii kuma 10tti gurguratee dhufee nu arge.
Hidhaafi dararaan kan isa hinjiilchine. Usmaayyoon waltajjii Maccaafi Tuulamaarratti bahee jaalleewwansaa kanneen akka Eebbisaa Addunyaa, Gurmuu Ayyaanaafaa hiraarfamaa turuun isa biraa wareegamaniif gadda qabu ibsatee walleesaa warraaqsaa “Seenaa dhaabbataa” hanga har’aa daran jaalatamuun ummata onnachiisaa waltajjii to’achuu danda’e.
Deemsa keessa Finfinneerraa gara Cirootti deebi’uun niitii lammataa fuudhee ijoollee dhiiraa Mahaammadiifi Nagawoo jedhaman irraa horateera.
Bariisaa: Waltajjii Maccaafi Tuulamaarratti wayita inni hidhaadhaa bahee wallee qabsoo weellisaafi sochii namootaa akkamiin ilaalte?
Artisti Saartuu: Ummani cunqursaafi ukkaamsaa jala tures isa waliin shubbisaa gammachuu ibsataa kan dhufuuf dhaadataa qabsoon duratti malee duubatti akka hindeebine waldammaqsaa turaniiru. Sun viidiyoo sammuukoo keessaa hinbaaneedha. Usmaayyoon goota hidhaan hinjiilchine Oromoofi Oromummaaf aarsaafi wareegama qaalii nama kaffale ittin boona.
Bariisaa: Artisti Usmaayyoon erga hidhaadhaa bahee jechuunis bara 1995 kaasee dhukkubsachuun hojii hojjechuu dadhabee lubbuunsaa akka dabarte himamaatii kun hammam dhugaadha?
Artisti Saartuu: Usmaayyoon erga hidhaadhaa bahee takkaa fayyaa hin arganne, yeroo hidhaa ture sanatti reebichi irratti raawwatame hammaataadha. Reebichichaan walqabatee sombasaarra miidhaan qaqqabuufi deemsa keessa hiraarsaa sirna cunqursaa obbaafatee addunyaa hindeebinetti umriisaa ganna 43tti bara 1999 Magaalaa Cirootti boqotee sirni awwaalchaasaas achumatti raawwatame.
Bariisaa: Du’a abbaa keessanii booda isinilleen gara qabsoo siyaasaatti fuulleffachuutu himama dhugaadhaa?
Artisti Saartuu: Eeyyee, karaa abbaan keenya jalqabe hordofuun dirqama. Ani filannoo bara 1997 Itoophiyaatti gaggeeffamerratti KFO bakka bu’ee Cirootti taajjabduun ture. Naahiliinis paartichuma bakka bu’uun hawaasa dadammaqsaa turteetti.
Bariisaa: Raafama siyaasaa filannoo bara 1997 walqabatee ka’een ijoolleen Usmaayyoo bittinnaa’uutu himamaa asirratti maal jetta?
Artisti Saartuu: Eeyyee, haala yeroo wajjin walqabatee xiyyeeffannoo keessa waan galleef as jiraachuufis ulfaataa waan ta’eef Naahiliin karaa Sudaan qaxxaamurtee gidiraa hedduu booda Kaayiroo galte.
Naabuliin, Mahammadiifi Nagawoon faanashii hordofuun karaa Sudaan qaxxaamuranii obboleettiisaanii wajjin Kaayiroo, Misiritti walargan. Ta’us Mahammad daa’ima waan tureef imala karaa fagoon booda akkuma Kaayiroo gaheen lubbuun dabarte. Egaa amma kan lubbuun jiran ijoollee afuri; isaanis Saartuu, Naahilii, Naabuliifi Nagawoodha.
Bariisaa: Artisti Saartuu Finfinnee jiraatti, warri kaan eessa jiraatu?
Artisti Saartuu: Warri kaan Kanaadaa jiraatu galata Rabbii.
Bariisaa: Akkami maaliin jiraachaa jirta maatii horattee?
Artisti Saartuu: Gaa’ela dhaabbadheen ture. Ergan ilma tokko godhadhee adda baane. Hojii aartii hojjechaan jira. Mana kiraa keessan jira, hojii aartii hojjedhu cinaatti obboleeyyan kiyya nagargaaraa jiru. Inshallaah inuma jiraatama.
Bariisaa: Abbaakeerraa maal dhaalte?
Artisti Saartuu: Aartiifi qabsoo dhaaleera. Intala abbaa caaltu ta’uuf hojjetaan jira.
Bariisaa: Yaadannoo Artisti Usmaayyoo Muusaaf kitaabni seenaa qophaa’uutu himamaa barreessaan eenyu?
Artisti Saartuu: Anaafi gaazexeessaa Bosonaa Dheeressaatu qopheesse. Kitaabichi seenaa dhugaa Artisti Usmaayyoo Muusaa kan qabateedha.
Bariisaa: Kitaaba Seenaa Artisti Usmaayyoo Muusaa kana akka barreeffamuuf maaltu sikakaase?
Artisti Saartuu: Seenaa Artisti Usmaayyoo ilaalchisee odeeffannoowwan miidiyaa hawaasaarra naanna’an hedduunsaanii kan kijibaati. Odeeffannoofi seenaa dhugaan abbaakoo dhalootaaf akka darbuuf ana dabalatee waahillan abbaakoo waliin ta’ee ragaalee qabatamoo funannee kitaabaan akka qophaa’u ta’eera.
Bariisaa: Kitaabni kun yoom, eessatti eebbifama?
Artisti Saartuu: Sadaasa 18 bara 2015 hoteela Ililliitti eebbifama. Kitaaba seenaasaatiin ala Sirbi Artisti Usmaayyoo irra deebiin qophaa’es ni eebbifama. Kanamalees Faawundeeshinii Aartii Usmaayyoo Muusaa hundeessuuf yaanni bu’uuraa lafa taa’a. Kanamalees artistoota wareegamaniif badhaasonni gara garaa ni kennamu.
Bariisaa: Usmaayyoo gabaabumaatti akkamiin ibsita?
Artisti Saartuu: Artisti Usmaayyoon Artistiidha. Falmataa haqaati, walqixxummaatti amana. Sabaafi sablammiif kan quuqamu, dhugaaf dubbatee dhugaaf du’e, ummata Oromoofis ta’e anaaf moodeela.
Bariisaa: Hangafni aartii Oromoo Doktarri Kabajaa Artisti Alii Birraa du’aan addunyaa kanarraa boqateeraa, maaltu sitti dhaga’ame?
Artisti Saartuu: Artisti Alii Birraa umriisaa guutuu osoo cunqursaaf hinjilbeeffatiin biyya keessattis ta’e alatti hojii cululuqaa hindabarre kaa’ee dhalootaaf galaa hindhumne galaasee darbeera.
Ammas kabajaan gaggeeffameera. Kan isatti hafe hinjiru. Inni nuuf abbaa aartiiti, siyaasa, hawaasummaa, dinagdee barnoota fayyaa misooma tokkummaa, waldanda’uufi walqixxummaa maal akka ta’e barsiiseera. Nutis ta’e ilmaan keenya fakkeenyummaasaa fudhachuu qabna. Biyyeen isatti haa salphattun jedha.
Bariisaa: Turtii nu wajjin taasisteef galatoomi!
Artisti Saartuu: Isinis galatoomaa. Namni danda’e eebba kitaaba seenaa Artisti Usmaayyoo Muusaafi Hundeeffama Faawundeeshiniisaa Sadaasa 18 bara 2015 Hoteela Ililliitti gaggeeffamurratti haa hirmaatu, kan hindandeenye kitaabicha bitachuun aantummaa Usmaayyoof qabu haa agarsiisun jedha.
Wasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Sadaasa 3 Bara 2015