Piriitooriyaan magaalota guguddoo sadeen Riippabliikii Afrikaa Kibbaa keessaa ishee tokko. Teessoon qaama mootummaa raawwachiisaa hojii (executive branch)ti.
Teessoon embaasiiwwan biyyoota hedduu magaalaa kana. Magalattiin bara 1855 akka hundoofte seenaan ni hima. Magaalaa kanatti waliigaltee biyya keenya ilaallatu torbee kana mallattaa’eera. Waliigaltee nagaa biyya keenyaa buusuuf abdiin itti qabameedha. Kan qalbii hawaasa addunyaa hawwate- dhimma nagayaa.
Namni barbaachisummaa nageenyaa hinbeekne ni jira jedhee hin yaadu. Ummata biyya keenyaatiifimmoo waan addaati. Ummatichi ummata seenaa waraanaa bal’aa qabuudha. Ummata waraanaan bara dheeraaf dararameedha. Kan diina alaa bira haa tarru.
Bara dheeraaf ofumaaf walwaraanaa tureera. Bara Darguu waggaa 17f meeshaa walirratti kaasee dhiiga waldhangalaaseera. Bara Wayyaanee walirratti fincilee lubbuu walii dabarsaa ture. Waggaa lamaan darbe kanas waraana hamaa keessa turre.
Walwaraanawwan kanneeniin lubbuun namoota hedduu darbeera. Namooti hedduun qe’eesaaniitii buqqa’aniiru. Miliyoonoti beelaaf saaxilamaniiru. Dinagdeen biyyaa burkutaa’eera. Jirbiin waliin jireenyaa hanga ciccituurra ga’ee ture. Siyaasti ija dhabeera. Bu’aan waraanaa kana.
Waggoota shantamman taran keessatti qaamni tokko kallattiinis ta’ee al kallattiidhan biyya kana jeeqaa tureera. Qaamni kun TPLFdha. Waraana waggoota lamaan taraniitiif qaamni ittigaafatama guddaa fudhatu qaamuma kana. Kun yaadaafi amantaa kooti.
Beektoti ‘xumurri waraana hedduu mariidha’ jedhu. Dura osoo lubbuun namaa hinbadin, osoo dhalli namaa hindararamin rakkoo ofii mariin furuun ni danda’ama. Hoggantooti haala kanaan biyyasaanii waraanarraa dararan hedduudha. Kannen waraana filatanii itti galanii keessaa bahuu dadhabanii booda mariitti deebi’anis hedduudha. Kanneen waraanaan walmoo’atan hinjiran jechuu miti. Garuu, hedduunsaanii gara mariitti dhufu.
Waraanni biyya keenya keessa ture gidiraa guddaa dhaqqabsiiseera. Garuu durumaan mariin hiikuudhaan gonkumaa hindanda’amu yaadni jedhu jira natti hinfakkaatu. beektotiifi hoggantooti siyaasaa hedduun mariidhaan akka hiikkatu watwaataa turan. Garuu waldhageettin hinturre waliif abboomamuun ni dhabame; Waltuffiifi ‘anatu caalaatu’ bal’inaan mul’ataa ture. Keessattuu yaadamni gama Wayyaaneetiin ture caalaatti ummata Tigraayi gatii guddaa kaffalchiiseera.
Amma erga gatii guddaan kaffalamee booda dubbiin gara minjaalaatti dhufteetti. Gareewwan lama walitti dhufaniiru. Marii garee kana lamaan qofa nageenyi ni bu’aa laata? Kun gaaffiidha. Maalumaafuu qaamolee lamaan jidduutti mariin torban tokkoo oliif Piriitooriyaatti gaggeeffameera, bakka jaarsoleen Gamtaa Afrikaa bakka bu’aniifi taajjabdooti kanneen biraa jiranitti. Xumurarrattis dubbiin aagaa gurra ummataa geetteetti. Ummatis ‘baga aaga dhageenye’ waliin jedheera. Anis dabalee baga aaga dhageessan, dhageenye jechuun barbaada.
Marii Piriitooriyaatti gara guyyoota 10f adeemsisame kana hawaasa keenya qofa osoo hintaane hawaasti addunyaa dammaqinaan hordofaa turan. Keessattuu warri humna qaban, warri karaa adda addaatiin nama dirqisiisuu danda’an itti dhiheenyaan hordofaa akka turan beekamaadha.
Yaadama ‘rakkoo Afrikaa Afrikaanotaan furuu’ jedhuun Gamtaan Afrikaa gaheen taphate waan akka salphaatti ilaalamuu miti. Yoo walii galtichi haala mallattaa’een kabajamee hojiirra oole Gamtaa Afrikaatiif milkaa’ina guddaadha.
Marii kana itti dhiheenyaan biyyoota hordofaa turan keessaa Ameerikaan sadarkaa jalqabaarratti argamti. Dhimma kana ilaalchisee bakka bu’ooti pireezidaanti Joon Baayidan as deddeebi’aa turuunsaanii ni yaadatama. Ministeerri haajaa alaa biyya Ameerikaa haalaan hordofaa akka turan maxxansawwan tiwiitariirratti bahaa turaniin argaa turre.
Hordoffiinsaanii kunniin waliigaltee kana kabachiisuufi dhiisuu keessatti gahee qaba. Osoo hingartoomin qaamota waliigalan lamaan yoo deeggaran, waliigalteen kun milkaa’ee nagaa fulla’iinsa qabu buusuu keessatti gahee mataasaa ni qaba jedheen yaada.
Mootummooti gamtaa’anis haala biyya kana keessa ture hordofaa turuunsaa ni beekama. Barreessan gamtichaa, Antooniyoo Guutaareez dhimma biyya keenyaa ilaalchisee yeroowwan adda addaa ibsa baasaa turaniiru. Waliigaltee kana boodas “waliigaltichi waraana dhaabuuf jalqabbii abdii qabeessa” jedhaniiru. Jechaan qofa nagaa fulla’iinsa qabu akka fidu gaheesaaniis bahuu qabu.
Waliigaltee kana hunda caalaa kan milkeessuu danda’u Mootummaa Itoophiyaafi TPLF akka ta’an mamii hinqabu. Rakkoo biyya keenyaa hiikuuf qaamoleen alaa kamuu deeggartoota malee taatotaa miti. Rakkoo kan uume numa, hoogantoota keenya kan nuti filanneedha. Kan fala barbaaduu qabus numaadha, hoggantoota keenya. Kanaaf, milkaa’ina waliigaltee Piriitooriyaa kanaaf qamoleen ummata bakka bu’an hundi gaheesaanii bahuu qabu.
Qaamni kamuu gamasaatiin, akka daandiisaatti waliigalteen kun akka hin gufanne carraaquu qaba. Keessattuummo ummanni Tigraayii, ummati Amaaraafi ummati Affaar akkasumas sabaafi sablammooti naannolee kanneen keessa jiran kanneen balaa waraana kanaatiin kallattiidhan dararaman nagaaf iyyuu qabu. Gaazexeessitooti, aktiivistooti, miidiyaaleen alidilee kanneen fiixee lamaanirra dhaabbatanii summii facaasaa oolan qalbii akka godhatan dhiibbaa irratti taasisuun barbaachisaadha.
Waliigalteen Piriitooriyaatti mallattaa’e kun hanga tokko abdii namaaf kenna; mamiin hagam hojiirra oola jedhu qalbii namoota hedduu keessa akkuma jirutti ta’ee. Qaama mari’achiisaa keessaa tokko kan ta’an Pirezidaantiin duraanii Keeniyaa, Uhuuruu Keeniyaataa, raawwiin waliigaltee kanaa ulfaataa ta’uu osoo hin xuqin bira hin dabarre. “Devil is within the implementation” jechuun kallattiidhan sheexanni raawwii keessa jirti akka jechuuti. Kanaaf sheexanittii balleessuun ni barbaachisa.
Karoorri raawwii (implementation plan) waliigaltee kanaa daran barbaachisaa akka ta’e ni beekama. Walwaraanaafi jibba dhaabuun akkuma jirutti ta’ee kuun akkamitti tartiiba qabatee akka raawwatu kan gara fuulduraatti ilaalamu ta’a. Iddoo ulfaataan walii galtee kanaa boqonnaa raawwiiti.
Achittis yoo obsi jiraate, yoo fedhii ummataatiif abboomamuun aanga’e, yoo gidiraa biyya kanaa dhaabuun barbaadame wanti irratti walii hin galamne hin jiru. Dubbiin araaraa waa kennanii waa fudhachuudha.
Kennuu qofti araara hinfidu. Fudhachuu qoftis akkasuma. wanti kennanii wanti fudhatan ni jira. Kanaan yoo waliif galame waliigaltichi ni milkaa’a. Yoo ta’uu baate maraammartoo keenyatti deebi’uun hin oolu. Kanammoo Rabbi irraa nu haa baraaru.
Gama kaaniin marii kana milkaa’ina waliigaltee marii araaraa karaa Gamtaa Afrikaa irra gahameef Ameerikaan deeggarsashee akka ittifuftu eerteerti.
Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkan mariin araaraa karaa Gamtaa Afrikaa; Afrikaa Kibbaa Piriitooriyaatti Mootummaa Itoophiyaafi ABUT waliin gaggeeffame milkaa’inaan xumuramuusaatti akka gammadan himaniiru.
Antoonii Biliinken marichi nagaan xumuramuu hordofee Ministira Qunnamtii idil addunyaafi qindoominaa Leendii Paandoor waliin dubbachusaaniiti kan himan. Afrikaan Kibbaa Gamtaa Afrikaa waliin taatee waltajjii kana qindeessuu isheef galateeffataniiru.
Hojiiwwan Waraana dhaabbatu, deeggarsa namoomaafi deebisanii dhaabuu hojjetamu hundaa Gamtaa Afrikaa waliin ta’uun Ameerikaan deeggarsa ni taasisti jedhan.
Waliigaltee nageenyaa Mootummaa Itoophiyaafi ABUT waliin taasisan karaa sirna heeraa kabajeefi faayidaa biyyaalessaa Itoophiyaa kabajeen xumuramuun ni yaadatama.
Nagaya! Nagaya! Ammas nagaya!
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 26 Bara 2015