Waan ormaa yoo dandeesse balleessi, yoo dadhabde kankee godhadhuu dhaali mammaaksi jedhu jaarraa tokkoofi walakkaa oliif jibba dukkanaa’aa sirnoonni darban Oromoof qabaniin Oromoofi Oromummaarratti miidhaa guddaa kan geessisan yoo ta’u, malkaalee Irreechaa hanga cufsiisuutti gahanii turan. Isa kanaaf fakkeenya gaarii goonee fudhachuu kan dandeenyu Oromoon dachee mataasaarratti abbummaa dhabee, afaan, aadaa, duudhaafi eenyummaasaa akka hingabbifanne taasifamaa ture.
Dhaloonni sirna dukkanaa’aa akkasiitti mufatan yeroorraa yerootti qabsoo hadhaa’aa tasisuun sirnoota balaafamoo farra eenyummaa ta’an cabsuun mirga ofiin ofbulchuu, aadaa ofii guddisuu, afaan ofii barachuu galmaan gahataniiru. Irreechis agarsiistuu eenyummaa Oromoo yeroo dheeraaf ukkaamfamaa ture. Dhiibbaa qorqalbii Oromoo jaamsuuf taasifamaa ture diddaa dhaloonni agarsiiseen har’a ija addunyaa ta’ee hambaa kiliyyaa ‘UNESCO’ jalatti akka galmaa’uuf sochiin taasifamaa jira. Dhiibbaa uumamaa tureen walqabatee Oromoon Magaalaa Finfinnee eenyummaasaatti akka qaaneffatu taasifamaa turus har’a dhaloota Oromummaafi aadaankoo mallattoo kooti jedhu horateera.
Shamarree Hawwineet Bojaa jiraattuu Magaalaa Finfinnee yoo taatu, Oromummaafi Irreechi yeroo dheeraaf ukkaamsaa jala waan tureefi dhaloonni Oromoo aadaafi duudhaasaafi eenyummaasaa akka dagatuuf sababa ta’ee ture. Dhalataan Oromoo Magaalaa Finfinnee jiraatus miidhamaa ture. Qabsoo dhaloonni darbaniifi kan har’a jiran taasisaniin Irreechi dagatameefi badee ture calaqqee addunyaa ta’uu kaasti.
Irreecha amantaa godhanii ololuun Oromoon duudhaasaa ganamaa akka dagatu kan taasisan jiraachuu kan himtu shamarreen kun, dhaloonni garuu ilaalcha kijibaa aadaafi duudhaasaa balleessuuf deemuuf gurra hin laanne. Irreechi sirna Oromoon Waaqa bacaqii gannaatii gara booqaa birraatti isa baase itti galateeffatuufi kadhatuudha. Irreechi ayyaana jaalalaa, nagaafi obbolummaati jetti.
Irreechi Hora Finfinnee jaarraa tokkoof walakkaa oliif addaan citee ture bakkatti deebi’ee kabajamuu erga jalqabee waggaa afur kan lakkoofsise yoo ta’u, inni fagootti jibbaa ture har’a taa’ee ilaaluurra darbee dhaqee irreeffachuu jalqabeera. Duudhaa Oromoo kana dhabamsiisuuf duulli guddaan taasifamus qabsoo dhaloonni har’aa keessumaa Qeerroofi Qarreen taasiseen ayyaanichi yeroo gara yerootti dammaqinaan kabajamuu eegaleera jetti Shamarree Hawwineet.
Kan bara kanaammoo adda kan isa godhu Oromoofi Oromummaan urgaa’aa deemee daangaa darbee obboleeyyansaa ollaa hawwachuufi simachuu egaleera. Bara kana jilli Oromoo Keeniyaa 250 ol Irreecha kabajuuf wayita gara Magaalaa Guddoo Oromiyaa Finfinnee dhufan Oromoota biyyoota Afrikaafi Afrikaan ala jiran kan kakaasudha. Jalqabbiin Oromoon Keeniyaa tokko jedhe kun waggaa ittaanutti Oromoo biyyoota biroo akkasumas tuuristoota aardii biroof karaa kan saaqudha.
Bu’aan gama kanaan galmaa’aa jiru ilaalcha gadi qabaa eenyummaa Oromoorra ture mataarraa gadi kan cabsuufi Irreechi kan nageenyaafi obbolummaa ta’uusaa kan mirkaneessuudha. Oromoon eenyummaa uummattoota biroo gadi cabsee kansaa olkaasuuf kaayyoo akka hinqabne har’a ifatti agarsiisaa jira. Eenyumtuu aadaasaa duudhaasaa, afaansaa guddifachuu akka qabu walqixxummaan akka jiraatu ofiin of bulchuun akka jiraatuuf qabsoo taasise malee caalee argamuuf miti.
Irreecha hordofuun ummattoonni biroos duudhaalee, ayyaanaafi sirnootasaanii addababayiitti baasanii mul’isuun garaagarummaa afaaniifi eenyummaa cinatti miidhagina Itoophiyaaf simboo ta’aniiru.
Akka fakkeenyaatti, ummanni Walaayittaa, Halaabaa, Sidaamaa, Agaw, Tigraayiifi sabaafi sablamoonni hundi agarsiistuu eenyummaasaanii dhalootasaaniif dabarsuun alatti hawwata tuuristii akka ta’aniif hojiin hojjetame boonsaadha. Irreecha dabalatee sirnoonniifi ayyaanonni sabaaf sablammootaa yeroo kabajaman wal-affeeruun maalummaa aadichaa waliif ibsuun alatti miira kankooti jedhuun waliin kabajuun aadeeffatamaa jira. Kunimmoo tokkummaafi walqixxummaa akkasumas miidhagina waloo biyyaa ta’uu mirkaneessaa jira jetti Shamarree Hawwineet.
Irreechi baranaas kan nageenyaafi kan obbolummaati wayita jedhamu kan nagaa barbaadu hundaaf banaadha. Irreecha dabalatee ayyaanonni hunduu amantaan, lagaafi sanyiin osoo wal hinqoodin hunduu kan irratti hirmaatu waan ta’eef dhaloonni duudhaa kana gabbifachaa deemuu qaba.
Akka ibsasheetti, sirnoota akkasii osoo hinfaalin dhaloota dhufutti dabarsuuf imaanaan guddaan Qeerroofi Qarree Oromoorra kan jiru yoo ta’u, naamusaan, nageenyaafi akkaataa hawwata tuuristii itti ta’urratti ammallee hojjechuun hojii ijoo dhaloota kanaati. Ayyaanichi sirnaafi bifa qalbii namaa hawwatuun yoo kabajame biyya keenya dinagdeen, hawaasummafi siyaasaan humneessuun hariiroo biyyoota biroo waliin qabnu cimsuu keessatti shoora olaanaa taphata.
Yeroo ammaa dhaloota eenyummaasaatti boonu malee eenyummaasaatti miidhame jedhu dhaga’uun fafadha kan jettu Shamarreen kun, Oromoofi Oromummaan yeroo ammaa jaalala ta’uunsaa Itoophiyaarra darbee sadarkaa addunyaatti ija keessa galaa waan jiruuf gameeyyiin gama siyaasaan, aartiin tiiktookiin, feesbuukiin, miidiyaan dhageettii qaban cimanii irratti hojjechuu qabu. Ayyaanni Irreechaa bara 2015 kan Hora Finfinnees ta’e kan Hora Harsadiis kan gammachuu kan milkiifi tokkummaa akka ta’u hawwiishii ibsiteetti.
Shamarree Saamiyaa Usmaanis dhalattuu magaalaa Finfinnee yoo taatu hojiinshee faarmaasistiidha. Irreechi baranaa jala bultiisaarraa kaasee foolii Oromummaan miidhagee kabajamaa jira. Finfinnee keessatti ayyaana kana kabajuun guddaa kan ishee gammachiise ta’uu eerti. Duraan Finfinnee keessatti duudhaa Oromoo agarsiisuu mitii calaqqeen Oromoo namarraa mul’annaan saalfatamaa turuu himti.
Kanarraa kan ka’e qorqalbiin Oromoon Finfinnee keessa jiraatuu daran miidhamee ture kan jettu shamarreen kun, abbaafi Haatishee Oromoo ta’anis dhiibbaafi rakkoo ilaalchaa Oromoorra turerraa ka’uun Afaan Oromoo sirriitti dubbachuu kan hindandeenye ta’uufi yeroo ammaa garuu fooyya’insa gaariirra jiraachuu dubbatti.
Shamarree Saamiyaan hiriyootashee waliin ta’uun ayyaana Irreecha baranaaf qophii barbaachisu taasisuufi uffata foolii Oromummaa qabuun ayyaanicharratti kan kabajan ta’uu dubbatti. Afaan Oromoos shaakaltee dubbachaa jiraachuufi bakka ishee rakkisetti ammoo Ingiliffas ta’e Amaariffa kan fayyadamtu ta’uus eerteetti.
Miidhaan isheefi fakkattotashiirra qaqqabe dhaloota booda jirurratti akka hindhufneef ilmaan Oromoo Finfinnee keessa jiraatan afaan Oromoon barachuu akka qaban dhaamteetti. Afaan Oromoo dubbachuun, uffata foolii Oromummaa qabu uffachuunfi hora deemanii Uumaa galateeffachuun saalfii tokko malee gaggeeffamuu akka qabu dhaamteetti.
Hiriyyonnishee ishee waliin jiran Oromoo ta’anis dhiibbaa tureen walqabatee Afaan Oromoo dubbachuu dadhabanis agarsiistuu Oromummaa faaya addunyaa ta’eefi qaroomina Oromoon hojjetamaniin faayamanii irreeffachuuf qophiidha kan jettu shamarran kun, dhaloonni duuba jiru nurraa barachuu qaba. Oromummaan miidhagummaa, dimokiraatummaafi ammayyummaa waan ta’eef warri dubbachuu hinbeekne shaakaluu eenyummaa abbootiisaanii dhaaluufi dagaagsuu akka qaban gorsiti.
Ani Musliimadha amantaafi Irreechi gargari hora bu’ee irreeffadhus Uumaa kiyyan galateeffadha malee laga ykn malkaa miti kan jettu Shamarree Saamiyaan, ayyaanni Irreecha baranaa kan nageenyaa, tokkummaafi jaalalaa akka ta’us hawwii qabdu ibsuun Qeerroofi Qarreen tokkummaafi nageenyasaa eeggatee irreeffachuu akka qabus dhaamteetti.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 21 Bara 2015