Ayyaana Irreechaa. Ayyaana sirna gadaarraa bocame. Ayyaana guddaa ummati Oromoo addunyaaf gumeeche. Ayyaana Waaqa uumaatiif galata itti galchan. Kan malkaa bu’anii kan darbaaf gala galchan kan dhufuuf milkii gaarii itti kadhatan.
Irreechi akkanatti, akkasitti kabajama jechuu hin barbaadu. Bara baraan jedhamee waan tureef. Anillee bara baraan irratti dhimma kanarratti barreesseera. Barana kallattii biraatiin ilaaluun yaada. Keessattuu gama faayidaa irreechi qabuutiin. Kanammoo ayyaanota walfakoo ta’aniifi akkaataa biyyooti itti fayyadamaa jiraniin walbira qabeen waan mariif ta’u kakaasa.
Ayyaana Irreechaatiin walfakkaachuu baatullee biyyooti Waaqa uumaatiif galata galachan jiruu laata? Gaaffiin jedhu sammuutti nadhufeen galaana intarneetii keessa seenee soquu jalqabe. Ayyaanni galateeffannaa biyya Ameerikaafi Kaanaadaa akka jiru hubadhe. Itti siqee dubbisuufi hubachuuf yaale. Guyyaa galateeffannaa “Thanksgiving Day” jedhanii maqaa itti moggaasanii waggaa waggaan kabaju, osoo ganni biyyasanaa sirriitti hinseenin. Kan dhaalanimmoo biyya Ingilizirraayi.
Akkuma beekamu, Ingiliz biyyoota addunyaa hedduu koloneeffachuun beekamti. Ameerikaafi Kaanaadaan biyyoota koloniishii jala turaniidha. Yeroo biyyooti lamaan ishii jala turanitti Ingiliz guyyaa waaqa itti kadhatuufi itti galateeffattu in qabdi ture. Guyyaa kana duulawwan taasisteefi injifannoowwan argatteef waaqa ittigalateeffatti. Imala milkaawaa taasisteef, omisha gaarii argameef, ongee irraa baraaramteef “Waaqaan galatni si haa ga’u” jettee galata dhiyeessiti.
Ameerikaafi Kaanaadaan aadaa kana ingilizirraa akka madaqfatan seenaan ragaa baha. Bara dheeraafis kabjaa jiru. Ameerikaatti akka guyyichi beekamtii argatu kan taasise Pirezidaanti Abrahaam Liinknoni. Ji’a murtaa’e, Kamisa afraffaarra akka oolu kan murteesse nama kana jedhama. Kana kan murteesseef, ayyaanichi tokkummaa biyyattii keessatti gahee guddaa qaba jedhanii waan gaazexeessitoonniifi ummati dhiibbaa irratti taasisaniifi, akka seenaan jedhutti.
Yoom? Eessatti kabaju? Ayyaanich Ameerikaatti haalota adda addaatiin kabajamullee hanga yeroo dhihootti guyyaa kabaja ayyaanichaa kan murteessaa turan pirezidaantii aangoorra jiruudha. ALA bara 1941tti Kongirasiin Ameerikaa guyyaan galata galfannaa kun dhaabbataan akka kabajamu murteesse. Haaluma kanaan bara 1942 pirezidaantiin yeroo sanaa F.D Ruuzveelti wagaa waggaan ji’a Sadaasaa keessaa Kamisti afraffaan guyyaa galata galfannaa ta’ee akka kabajamu labsii baase, guyyaa ayyaanaa akka ta’us murteesse.
Kaanaadaanis bara 1957 irraa eegaltee Wixata torban lammaffaa ji’a Onkoloolessaa ayyaana kana ayyaana ummataa taasisteetti. Biyyoota lamaanittuu guyyaan kun beekamtii mootummaa qaba.
Ayyaanicha akkamitti kabaju? Ayyaanichi biyyoota lamaanuu keessatti sirnoota adda addaatiin kabajama. Jilli adda addaa ni jira. Imallis ni taasisama. Maatiifi hiriyooti sababoota adda addaatiin gargar bahan guyyaa kana walitti dhufanii waliin dabarsu. Waaqa galateeffatu. Warri tapha kubbaa miilaatiin dabarsan jiru. Agarsiisiwwan adda addaa, nyaatiwwan gara garaa yeroo kana ni qophaa’a, ni dhaadheffama. Guyyaan kun guyyaa walitti dhufeenyaa, tokkummaafi bashannanaati jedhama.
Ayyaanichi maaliif kabajama? Biyya Ameerikaatti bara walwaraanaa sana aktivistoonniifi gaazexeesitooti guyyaan waaqa galateeffannaa kun nagaa buusuufi tokkummaa uumuuf ni gargaara jedhanii amanu ture. Kanaaf, akka mootummaatti akka kabajamu dhiibbaa taasisaa turan. Yaadasaanii kana pirezidantiin yeroo sanaa, Abirhaam Liinkon fudhatee ittifayyadameera. Pirezidaanti Ruuzvelti guyyaan kun ayyaana guddicha qillee faranjii dura waan dhufuuf gabaa ittiin dadammaqsuufi dinagdee biyyattii guddisuuf akka itta gargaarame dubbatame.
Oromoon ayyaana irreechaa maaliif kabaja jedhanii walgaafachuun haga kana ni barbaachisa jedhee hin yaadu. Kan gaafatamuu qabu guyyaa waaqa galateeffannaa kana hagam beekamtii kennineef? Hangamitti fayyadamaa jirra? kan jedhuudha.
Akkuman gubbanatti kaase Ameeriikaafi Kaanaadaan guyyaa galateeffannaa kana ofii hin uumne. Koloneeffattootarraa madaqfatan ykn dhaalan. Madaqfatanii tokkummaasaanii ittiin ijaaran. Guddina dinagdeesaanitiif oolchan. Hawasa sababa tekinolojiifi ammayyumaatiin addaan fagaatan walitti fiduuf itti gargaaraman. Kana gaafa ta’u mootummaan beekamtii seeraa kenneetiifi. Seeraan kabaja kenniteetti. Guyyaa hojii dhaabeti.
Irreechi keenya mootummaa biratti hangam beekamtii argate? Duudhaawwan ayyaanaafi sirna Irreechaa keessa jiran hangam qorannoon adda ba’anii hojii misoomaatiif oolan? Hawaasa keenya ittiin ijaaruuf hangam irratti hojjatame? Gaaffiileen jedhan hawaasa keessa ni jiru.
Mootummaan naannoo Oromiyaa kabaja ayyaana kanaa keessatti gahee akka qabu ni beekama. Jalqabumarraa hanga ammaatti gaheewwan gara garaa taphachaa ture. Biiroon Aadaafi Turiizimii abbootii Gadaa wajjin akka hojjetan quba qabna.
Garuu akka mootummaatti ayyaanni Irreechaa beekamtii seeraa maaliif akka dhabe naa hingalu. Ameerikaafi Kaanaadaan biyya koloneefataarraa dhaalanii seera itti tolchaniitu guyyaa waaqa galateeffannaa kabaju. Nuti keenyaaf seeraan beekamtii kennuufi maaltu nu dhorghe? Akka biyyaatti kan irratti walii hingalle yoo te’ellee, akka naannootti mootummaan Naannoo Oromiyaa beekamtii seeraa kennuufi maaliif dadhabe?
Beekamtii seeraa qofa osoo hintaane guyyaan itti kabajamullee qo’anoorratti hundaa’ee murteeffamuu qaba. Maaliif Sanbata ykn Dilbata torban Masqalaatti kabajama? Irreechaafi Masqala maaltu walitti firoomse? Kun ykn qo’annoon ibsamuu qaba. Yknimmoo guyyaa itti tolchuun ni danda’ama. Dilbata torban sadaffaa ykn afrafaa jia Fulbaanaa jedhamee tumamuu hindanda’amuu? Akkuma Kaanaadaafi Ameerikaa sanatti. Mee irratti haa mari’annu.
Ayyaana kana bu’uura godhachuun faayidaa adda addaa akka argamsiisu taasisuun ni danda’ama. Amma faayidaa hinqabu jechaa hinjiru. Jireenyi ayyana irreechaa mataasaatiin Oromoota walitti fiduurratti faayidaa guddaa qaba. Kan ani jechaa jiru faayidaa qindaa’aa yeroo wajjin walsimu jechuu kooti.
Gama kanaan guyyaan gama maraanuu aadaan Oromoo itti calaqisuufi balbaloomu ta’uu qaba jedheen yaada. Fakeenyaaf nyaati guyyaa kanaa nyaata aadaa Oromoo wajjin walqabatan qofa akka ta’an idileessuun ni danda’ama. Cumboo, buna qalaa, marqaa, qorii, caccabsaa, qincee, qixaanmarqa, ukkaamsaafi kanneen biroos qoratanii gara fuulduraatti haala ammayy’een akka dhufu gochuun ni danda’ama. Foonis aadaa Oromoo waliin walqabsiisanii dhiheessuun ni danda’ama. Dhugaatii keessaa daadhii, booka, farsoo, aannan akkamiin akka ayyaana kanarratti bifa turistiif ta’uun fuulduratti bahan yaaduun barbaachisaadha.
Akka yaadakootti dhaamsi guyyaa kanaa ni barbaachisa. Abbootii gadaa taa’anii bochanii dhaadhessuu qabu.
Dhaamsi Abbaa Gadaa bara taree ijoonsaa maalinni? Kan bara kanaa hoo? Dhaamsa sana ummati akkamitti hojiirra oolchuu qaba? Gorsa waliin dhihaatee tokkummaa Oromoo caalaatti ittiin ijaaruun barbaachisaadha. Aadaa Oromoo amma uffataafi sirbaan sirriitti fuulduratti bahe kana nyaataafi wantoota birootinis akka xiyyeeffannaa argatu ni taasisa.
Kanaaf qaawwan jiran ilaalanii irratti hojjechuun barbaachisaadha. Ayyaanni Irreechaa baranaa ayyaana milkii kan tokkummaafi nageenyaa nuuf haa ta’u.
Irreechi irreechaa milkii! Kan roobaafi gabbinaa!
Dachaasaa Roorrootiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 21 Bara 2015