Saamraawiit Girmaatiin
Goobeen sirba wayita birraan bari’u sirbamu yoo ta’u jechi Goobee jedhu sirbichas, dargaggoota gareen sirban waamuufis ni ta’a.
Sirbi birraa Oromiyaa bakka adda addaatti akkaafi maqaa garagaraa qaba. Goobeen sirriitti kan beekamu Godina Shawaa Kaabaa ykn Salaaleetti.
Sirbi Goobee kan namootni lubbuun jiraatan barri haaraan bara nagaa akka ta’uuf ittiin wal eebbisaniifi namoota du’aan boqatanii gara bara haaraatti hin ceene kan ittin mararfataniidha. Ergaan sirba goobee keessa jiru baga waggaa haaraa geessan kan jedhuufi obbolaawwan walbira jiraachuu agarsiisuufi kan lubbuun isaanii darbee dhabamanis lubbuu isaanii yaa ‘maaru’ kan ittiin jedhanidha.
Goobeen tapha dargaggootaati. Dargaggootni lakkoofsaan osoo hindaangeffamiin waarii loon manatti erga ol dachaasanii booda garee gareedhaan ta’anii manarra deemuun Goobee taphatu. Goobeen guyyaa ayyaana Taaboreee (Hagayya 13) daamotii ibsuudhaan eegalama. Sana boodas dargaggootni kunneen guyyaa guyyaan ykn darbee darbee akka haalli mijaa’efitti manarra deemun Goobee sirbu. Sirbi kunis hanga jala bultii ayyaana Gubaa Fulbaana 16tti itti fufa.
Gobileho gobileho… Goobe goobaa ahaaye
Goobeen geesse jedhani… Goobe goobaa ahaaye
Yoo dandeesse jedhani… Goobe goobaa ahaaye
Gandi gamaa eelee dhaabe… Goobe goobaa ahaaye
Sassattuu seexanni saame… Goobe goobaa ahaayee
Dureessi hinkooru jedhanii… Goobe goobaa ahaaye
Maaloo natti hinkooriin… Goobe goobaa ahaaye
Dullattin gaanfa qaratte… Goobe goobaa ahaaye
Adaraa gaafa dhalattee… Goobe goobaa ahaaye
Goba liyyu Goba liyyu… Goobe goobaa ahaaye
Dureessa sin jedha biyyu… Goobe goobaa ahaaye…walaloo sirba Goobee keessaa muraasa.
Yeroo Goobeen dhufu abbaan qe’ee baay’ee gammada, abbaan warraafi haati warraa walin gadi bahanii abaaboo fudhatanii warra Goobee sirbuuf maallaqa laatu. Dargaggootni Goobee sirban irreessa marga jiidhaa harkatti qabatanii deemu. Mana nama tokkootti Goobee taphatanii yeroo maallaqni kennamuufitti marga jiidhaa sana irraa hammaaranii laatu.
Sirba Goobeetiin horii faarsu, mana dubartii yoo deeman dubartittii faarsu, mana abbaa warraafi haati warraa jiran yoo deeman lachuu faarsu, daa’imas, dhaltiis, qotiyyoos ni faarsu. Sana boodas abbaan qe’eefi dargaggootni goobee taphatan wal ebbisuun gargar bahu.
Nama nuu kenneef yaa Waaqayyo kenni
Qotiyyoo cimdii yaa Waaqayyo kenni
Namni nuuf kenne hammam gahaa… kuunnoo hammana gaha
Dhugumaan hammam gahaa…kuunnoo hammana gahaa
Kuunnoo Waaqaan dubbataa… Kuunnoo Waaqaan dubbataa
Kuunnoo gaangee yaabbataa… Kuunnoo gaangee yaabbataa
Duressa koo hori hori
Dureessa koo hori hori… jedhanii gara mana itti aanutti cehu.
Namoonni yeroo Goobeen dhufee sirbu akka argaa dhageettii duriitti waan harkaa qaban hanga humnasaaniitti ni kennu. Isaanis “waggaa waggaan isin yaa gahu jedhanii eebbisu.
Akka tasaa yoo maallaqa of harkaahin qabaanne warri goobee sirbu marga jiidhaa karraarra kaayanii kan deeman yoo tahu isaanis beellama qabatanii guyyaa beellamaa sanitti akka waadaa isaanitti dargaggoota goobee sirbaniif maallaqa laatu. Yoo warri goobee sirban hafan illee namoonni “uumaa warra keenyaa isa durii hambisan” jechuun garaa isaan hanqata.
Dargaggootni Goobee sirban maallaqa walitti qaban erga kuufatanii booda sangaa bitu. Yoo sangaa hindandeenye hoolaa bitu. Sana boodas, abbaan aadaa, jaarsaaf jaartiin, ummatni kaanis ni waamamu. Namootnis waan dhugaatiif ta’u kan akka farsoofi araqee fidanii dhufu. Sangaan bitames abdaariitti qalama.
Horiin ebbifamee erga qalamee boodas ummatni walitti dhufee maanguddootni “wagga waggaan isin yaa gahu” jedhanii eebbisanii, foollees taphatu. Dubartootnis:
Cilee daamaraa yaa cilee daamaraa roobe
Birraan asaasaa roobe… Jedhanii sirbu.
Taphni goobee ammallee kan taphatamu yoo ta’u, dargaggootni goobee osoo hintaphatiin yoo hafan maanguddootni “ijoolleen goobee maalif dhiisan? Maalif aadaan keenya hafe jedhanii akka gaddan ni himama.
Gooben aadaa durii abaabileefi akaakileerraa dhaalame yoo ta’u, ammaan boodallee goobee taphachuun itti fufa.
Maaloo yaa dureessa koo … Goobe goobaa ahaayee
Dureessi hin kooru jedhani… Goobe goobaa ahaayee
Maaloo natti hin koorini… Goobe goobaa ahaayee
Yaa gabate yaa gabate… Goobe goobaa ahaayee
Gabatee nyaachisa looni… Goobe goobaa ahaayee
Na mamarachiisa akka looni… Goobe goobaa ahaayee
Maaloo yaa dureessakoo… Goobe goobaa ahaayee
Reefuun goororraa dhufe… Goobe goobaa ahaayee
Akka galaana bubbisu… Goobe goobaa ahaayee
Waaqni abbe si yaa guddisu… Goobe goobaa ahaayee…jedhee kan itti ufu ta’uu BBC Afaan Oromoorraa odeeffanne.
BARIISAA SANBATAA Hagayya 14 / 2014