Akkuma kanaan dura ilaalaa turre, sodoomummaan korniyaa walfakkaataa gidduutti sagaagalummaa raawwatamu; korniyaa walfakkaataa ta’anitti jireenya qunnamtii saalaaf harkifamuufi jireenya hamaa kana waliin raawwachuun sodoomummaadha. Dhiirrifi dhiirri (gay), dhalaafi dhalaan (lesbian) yookaan saala lamaanittuu jireenya qunnamtii saalaaf kan harkifaman (bisexuals) ta’uu danda’u.
Warri sadaffaa kun fuudhanii yookiin heerumanii akkasumas hiriyaa dhiiraa yookaan dubaraa yoo qabaatan illee korniyaa walfakkaataattis harkifamuu irraa kan of hinqoqqobbanneedha. Isaan kun hunduu balaa hamaaf akka dhaloota saaxilan barreeffama keenya kanaan duraa keessatti agarreerra.
Dhumarratti korniyaa isaanii kan jijjiirratan (Transgender), dhiira kan ture gargaarsa mana yaalaatti ta’uufiin dubartiitti of geeddaruun akkasumas dubartii kan turan ammoo dhiiratti of geeddaruun kan gaa’ela dhaabbatan nijiraatu. Inni kun fuula namaa duratti ciiggaasiisaa, fuula Waaqaa duratti ammoo yakka guddaadha.
Sodoomummaan ilaalchisee gama saayinsiitiin yaad-rimee garaa garaatu jira. Isaan keessaa tokko namoonni uumamaan sodoomota ta’anii kan dhalataniifi dhiigaan kan maatii irraa dhaalan (DNA) darbee ilmaan isaaniis sodoomota ta’u kan jedhan jiru. Kaanis xiin-sammuufi haala naannoo irraa kan ka’e jedhu.
Shaakala jireenyaa yeroo mucummaa irraa kan ka’e gara korniyaa walfakkaataatti namoonni harkifamu jedhanii kan yaadanis jiru. Haa ta’u iyyuu malee bara nu’i keessa jirru kana yaadni sodoomummaan dhaloota, akkasitti uumamu jedhuufi kan kana fakkaatan fudhatama kan hinarganneefi yaada boodatti hafaa ta’aa jira.
Beektonni akkas jedhanis biyya lafaa gowwomsanii kan darbaniifi ofii isaaniitii iyyuu sodoomota kan turan akka ta’an seenaa isaanii irraa hubachuun danda’ameera. Kanaaf mee armaan gaditti bifa gabaabaa ta’een sodoomummaatiin namni dhalata kan jedhu qorannoon akka faallesse haa ilaallu.
Namni sodoomummaa maatiisaarraa nidhaala (karaa DNA) kan jedhurratti qorannoowwan hedduun gaggeeffamaniiru. Isa keessaa tokko bara 1990 qorattoonni akka Simon Levayiifi kan isa fakkaatan sodoomummaa deeggaruun dhageettii ummataa argataniiru. Qorannoon isaaniis caasaa sammuu namaa qorachuu irratti kan hundaa’e yommuu ta’u namoonni korniyaa walfakkaatutti qunnamtii saalaaf kan harkifaman sammuun isaanii saala faallaa fakkeessee sababa itti mul’isuuf jedhanii qorannoo haaraa addeessan.
Fakkeenyaaf dhiirri tokko akka nama dubartii wajjin jiraatuutti dhiira akka isaatii wajjin yookiinis dubartii akka isheetii wajjin jiraachuu eegalti jedhu. Inni kun sodoomota biratti dhageettii guddaa haa argatu malee qorannoon isa booda caasaa sammuu namaa irratti William Byneefi Biruus Persons Persons) namoota jedhamaniin gaggeeffame sodoomummaan caasaa sammuu namaa wajjin walqabataadha kan jedhu dogoggora ta’uu ibsan.
Ittifufuunis namoonni Beeliiyiifi Piilaardi jedhaman qorannoo nama ajaa’ibsiisu qabatanii dhiyaatanii turan. Innis namoonni lakkuu ta’an warra kaan irra sodoomota ta’uuf carraa guddaa qabu kan jedhu ture. Kun garuu qorannoo saayinsii itti fufeen soba ta’uun isaa mirkaneeffameera. Sababiin isaa qorannoon namoota lakkuu irratti karaa ‘J. Michael Baileyiifi Richard C. Pillard’ gaggeeffame sodoomummaa babal’isuuf yoo gargaare malee sirrii akka hintaane mirkaneeffameera.
Sodoomummaan kufaatii Hamilee irraa kan ka’e akka ta’e bara 1940 keessa amanamaa tureera. Darbees sodoomummaan akka dhukkuba sammuutti ilaalamaa tureera. Rakkoo kana furuuf bara 1950 keessa namoota xiinsammuu irratti leenjisuun rakkoo sammuu kan qaban namoota gargaaran yookaan saayikaateristoota heedduu oomishaniiru.
Isaanis namoota rakkoo sammuu qaban akka gargaaraniif yaadamee ture. Sababiin isaa namoonni sodoomota ta’an baay’inaan kan argaman naannoo mana sirreessaafi (mana hidhaa) mana yaalaa sammuutti waan ta’eef sodoomummaan dhukkuba sammuurraa akka burqutti fudhatamaa ture.
Haa ta’u malee booda keessa dhiibbaa sodoomotaatiin akka dhukkuba sammuutti akka hinilaalamneef mirgaa wajjin walitti qabanii falmuun namoonni sodoomota ta’an wal’aansa barbaachisaa akka hinarganne ta’eera. Namoonni kun rakkoo isaanii wajjin falaasama dharaarratti hundaa’uun akka jiraatanis ta’eera.
Yaadrimeewwan jiran hunda gadi fageenyaan jireenya sadoomummaa deeggaruuf kan xiyyeeffate akka ta’e agarra. Haa ta’u malee namni kamuu sodoomummaan hindhalatu. Dhiigaanis namatti hindarbu. Rakkoon guddaan garuu hojiin ciiggaasisaan kun akka waan dogoggora hintaaneetti sammuun namaa hubateera.
Beektota jedhamanii namoota biratti namootni ilaalamanis dhaloota dogoggorsaniiru; balaa hamaafis saaxilaniiru. Wanti dagatamuu hinqabne goddaan garuu sodoomummaan akka ayyaanaa kan nama irra qubatu miti; dhiigaan maatii irraa ilmaan isaaniitti kan darbus miti. Beekumsa jala miliquun akka namootni hedduun dubbatanis miti. Namootni fedha isaaniitiin kan keessa seenan yeroo ta’u, of kennuun jireenya akkasii tuffachuun keessaa ba’uun barbaachisaadha.
Jireenyi hamaan kun bara keessa jirru kana garmalee biyya lafaa kana irratti, keessumatti biyyoota qaroomaniiru jedhamanii ilaalaman keessatti babal’achaa jiraachuun isaa beekamaadha. Babal’ina sodoomummaa ilaalchisee akka biyya Itoophiyaatti sirriitti haala qabatamaa ta’een beekuun rakkisaafi cimaa yoo ta’ellee odeeffannoo dhugaatti dhiyaatu argachuun nidandaa’ama.
Fakkeenyaaf namoota dirqisiifamanii gudeedaman irraa ka’uun hangam akka babal’achaa jiru hubachuun gama tokkoon nidandaa’ama. Akkasumas marsariitiiwwan adda addaarratti baay’ina sodoomotaa gadi dhiifaman, qorannoo gaggabaabaa gochuufi barreeffama adda addaa irratti lakkoofsaafi guddina isaan dubbatan irraa ka’uun tilmaamuun hubachuun gaarii ta’a.
Fakkeenyaaf yeroo ammaa kana dirqisiifamanii sodoomotaan gudeedamuun of irraa ittisuuf humnaafi haala mijataa kan hinqabne daa’imman irra akka ga’aa jiru gadi fageenyaan ummanni hubachuun gochaa fokkisaa kana irraa maatiin ijoollee isaanii eeguu, hubannoo ga’aa kennuufii; manneetiin amantaa miseensa isaanii akka dubbii dhugaa hubataniif barsiisuufi bulchiinsi biyyaas gama isaatiin dhaloota oolchuuf tarkaanfii barbaachisaa fudhachuu qabu. Egaa babal’ina sodoomummaa beekuun waliin ta’uun akka dhaloota balaa jalaa baraaraniif nigargaara.
Addumaan biyyi keenya, akka biyya Afrikaa Kibbaa qubsuma sodoomotaa yoo hintaanellee sodoomummaan harka lafa jalaan kan keessatti babal’achaa jirtuudha. Qorannoon garaa garaa akka addeessutti gita addunyaattis ta’e akka biyya Itoophiyaatti firii isaa dhugaa jedhanii amanuun kan nama rakkisu akka ta’e argina.
Karaa biraa ammoo namoonni sodoomota ta’an akkasumas gartuun xuraa’ummaa kana deeggaran baay’inni sodoomotaa dabalaa jiraachuu isaa beeksisuuf jecha lakkoofsa soba ta’e kan fuula intarneeta adda addaa irratti maxxansan jiru. Fakkeenyaaf, hanga dhibbantaa %17 nitaana jechuun intarneetiirratti yeroo dhiyoo asitti kan maxxansan yoo jiraatanillee inni kun dhara akka ta’e hubachuun nama hindanqu.
Haa ta’u malee qorannoon addaa addaa akka ibsutti magaalaa Finfinnee keessa qofa sodoomota kuma 25 -30 ol akka jiran dubbata. Kanarraa kan ka’e biyya keenya keessatti daa’imman saala walfakkaatuun dirqisiifamanii gudeedaman dhibbantaa 22 akka ta’an barruulleen “Laayif” jedhamu tokko addeesseera.
Haa ta’u malee jireenya hamaa kana keessaa attamitti ba’uun danda’ama? Isa kana gadi fageenyaan barreeffama keenya isa ittaanutti cimsinee kan ilaallu yoo ta’ellee yeroof wanti dagatamuu hinqabne yoo jiraate sodoomummaan gochaa fooniifi hafuuraan miidhaa hamaa qabu ta’uu isaa dagachuu hinqabnu. Namni kam iyyuu jireenya karaa irraa kaateefi dhumni isaa fokkisaa jiraachuuf fedha hinqabu. Dargaggeessi tokko akkas jedhe. “Anaaf sodoomummaan jireenya ciggaasisaafi abdii kutachiisaa, akkasumas jireenya sobaa jiraachuudha.
Barootan jireenya sodoomummaa keessa jiraataa ture keessatti dhiphina, bitaatta’uufi jireenya yakkaan guuteen to’atameen xaxaa keessa jiraachaa ture. Amma garuu ergan ittii hiikamee nagaan maal akka ta’en hubadhe. Nama sanyiin isaa itti hinfufne ta’ee jiraachuu hinbarbaadun ture” jedhe. Kanaaf eenyu iyyuu fedha qabaannaan sodoomummaattii hiikamuun ni danda’ama.
Egaa sodoomummaan uumamaan kan dhaalan, qomoon kan namatti darbu, kan namni keessaa ba’uu hindandeenye miti. Akkuma araada hamaa garaa garaa ittii hiikamuun nidanda’ama. Abdiin jira. Iji keenya banamee dharaan gowwomsamuufi beekaa fakkaataniis kanneen dhaloota gowwomsanirraa of eeggachuun daran barbaachisaadha.
Walumaagalatti sodoomummaan akka ibidda fura qabateetti addunyaa kana irra faffaca’aa kan jiru dhukkuba hamaa dhaloota mancaasu, egeree biyyaafi dhalootaa miidhu, hawaasni irratti dammaquun balaa dhaloota miidhu kana of irraa faccisuun barbaachisaadha. Mootummaanis isa kanarratti yaaduun barbaachisaadha. Rakkoolee biyyoota gara garaarraa barachuun dhaloota oolchuun gaariidha.
Fiilmii ‘Holywood’n qopheesse sodoom ummaan guutummaa Ameerikaa keessatti akka faffaca’uuf ga’ee guddaa taphateera” Qindeessaa Filmii Holywood.
Doktar Zarihun Gabree
BARIISAA SANBATAA Hagayya 7 Bara 2014