Mukkeen walitti hidhaman salphaatti hincaban

Namoonni yeroo dubbatan “Tokkummaan humna” jedhu. Maartiin Luutar Kiingi namni jedhamu “Akka obbolootaatti walii wajjin jiraanna; yoo kana ta’uudhaa baate garuu akka gowwootaatti walfudhannee banna” jedhe. Tokkummaan jiraachuu ilmaan namootaaf daran barbaachisaadha. Namootni harka walqabachuun hojii ajaa’ibsiisaa ta’e raawwatu. Bakka tokkummaan jirutti wanti karoorfamu niraawwatama. Ilmaan namootaa guutummaa addunyaa kana irra jiranis faayidaa tokkummaa kanaa jabeessanii nibeeku jedheen amana.

Haa ta’uyyuu malee namootni hedduun wanta daran faayidaa qabu kana gatii barbaachisaa utuu itti kennanii hinarginu. Kanaaf tokkummaan wanta gati jabeessaafi ilmaan namootaaf barbaachisaa ta’eedha. Akka gartuuttis ta’e akka hawaasaatti tokkummaan jiraannaan mo’amuun hinjiru. Jabinni hawaasa tokkoo hanga tokkummaa isaatii ga’a; dadhabinni isaas hanga hiramuu isaatiitti. Kanaaf namootni keenya yeroo mammaakan, “Jirbiin wal gargaartee arba hiiti” jedhu. Inni kun tokkummaa keessa humnatu jira; tokkummaa keessa jabinatu jira; dadhaboonni iyyuu tokkummaa qabaannaan nijabaatu jechuudha.

Hedduun keenya tarii wal’aansoo gafarsaafi leenca gidduutti ta’u fiilmii isaa agarreerra jedheen yaada. Yeroo hedduu leenci adamsee gafarsa nyaata. Yeroo tokko tokko garuu amala adda ta’etu gafarsa irraa mul’ata. Leenconni itti marsanii gafarsoota dheedaa jiran qabachuuf yeroo yaadanitti gargar faca’uu irra wal irra goranii loluuf qophaa’u. Yeroo leenconni itti dhiyaatan baqatanii isa dadhabaa yookaan ilmoolee isaanii warra fiiganii jalaa ba’uu hindandeenye akka hinqabannetti baqachuu irra loluu filatu.

Yeroo leenci naasisee, gargar facaasee qabachuu yaalu, wal irra goranii ari’u. Isa jabaatee itti dhiyaate immoo gaanfaan walitti ha’anii ajjeessu. Leenci itti dhiyaachuu danda’u raawwatee hinjiru. Utuu walgargaaranii hinlolle ta’ee ni nyaatamu. Walitti dhufanii waltumsuu keessa garuu bineensaan nyaatamuu oolu. Tokkummaasaanii keessa humna guddaatu jira. Tokkummaa keessa injifannootu jira. Tokkummaa keessa beekumsa guddaatu jira. Gurmuu keessa ilaalcha bal’aatu jira. Humni gartuu nama dhuunfaa keessa akkuma jiru jabinni nama dhuunfaas jabina gartuu sanaa keessa jira. Guddinniifi jijjiiramni dhaabbataas jabina gurmuu keessa jira. Gurmuun harka baay’een kan hojjetaniifi yaada tokko kan qabaniidha.

Tokkummaan mul’ata qaban ijatti geeddaruuf daran murteessaadha. Hojiin tokkummaan hojjetamu hojii hiree milkoominaa guddisa. Namni bidiruu hojjechuu barbaadu tokko namoota isaa wajjin jiran mara walduukaa yaa’anii akka muka guuran kan taasisu utuu hinta’iin hojii gargar kan hiruuf ta’uu qaba. Fakkeenyaaf inni tokko muka mura, inni kaan nii soofa, kaanis walitti rukuta, kkf ta’uu mala. Haa ta’uyyuu malee yeroo bidiruu kana hojjetan galaana ittiin irra deemuuf jedhan yaada isaanii keessatti ilaalaa akka hojjetan gochuudha. Mul’atni isaanii tokko; kaayyoon isaanii tokko; akkaataan hojii isaanii garuu garaa gara ta’uu danda’a. Kan walitti isaan hidhu mul’ata isaan qabaniidha. Harki hedduun kallattii garaa garaan mul’ata tokko bakkaan ga’a. Ogummaan, beekumsi, dandeettiin, humni, qabeenyi walitti idaa’amee jijjiirama cimaa fida.

Bakka tokkummaan jiru wanti dhaabuufis ta’e diiguuf jabaatu hinjiru. Sababiin isaa tokkummaan jiraannaan hojii cimaa ta’e tokko akka salphaatti hojjechuun nama hindhibu. Wanti dhuunfaatti nama dhibu humna tokkummaan nihurra’a. Tokkummaan dandeettii walii wajjin hojjechuu gabbisuun gara mul’ata akka dhuunfaattis ta’e akka gartuutti qabaniitti waliin fiiguu fida. Isa kana keessatti namni hundumtuu of kennuun hojjechuu gaafata. Qofaa keenya hojii muraasa hojjenna; walii wajjin garuu jijjiirama guddaa finna. Sababiin isaa hojii gartuun hojjetan keessatti namootiin garaa garaa harka walqabachuun, walitti amanuun gaara cimaa salphaatti hirmaatanii jigsuu ni danda’u. Namootiin muraasni yaada walitti fiduun addunyaa kana geeddaruu nidanda’u.

Bara keessa jirru kanatti dhaabbileen garagaraafi waajjiraaleen jiran hojiisaanii baay’inaan kan hojjetan gurmuu ijaaruun. Tokkummaa cimsuun akka ta’e agarra. Tokkummaan hojjechuun bu’aqabeessa kan nu taasisu ta’uu isaa irraanfachuu hinmallu. Kan nama dhibu yoo jiraate namootni dadhaboon illee harka walqabannaan jaboo ta’u. Injifatoo ta’u. Sababiin isaa bakka tokkummaan jiru injifachuutu jira. Ilbiisotni xixiqqoon akka goondaa, “Mixiin wal-qabattee laga ceeti” jedhu. Qofa qofaatti kan hindandeenye, walitti dhufuun injifatu.

Tarii baay’een keenya amala allaattii waliin balali’anii biyyaa biyyatti godaananii tokko nibeekna jedheen yaada. Allaattiin kun kennaa uumamaan kennameef keessaa tokko yeroo hundumaa tokkummaadhaan barrisuudha. Ganni yeroo dhufu waljajjabeessaa gara kutaa biyya qilleensi isaa bona ta’eetti sokku. Yeroo tokkummaadhaan barrisan saffisi isaanii dhibbantaa torbaatamii tokkoon (71%) ni dabala. Sababiin isaa tokkummaa isaanii keessaan humna argatu. Waliisaanii gaggeessuu keessatti immoo yeroo inni dura bu’ee gaggeessuu dadhabutti inni biraa itti darbee geggeessuu jalqaba. Inni gaggeessaa turee dadhabe ammoo warra kaan duukaa bu’ee gaggeeffamuu jalqaba.

Tokkummaadhaan yeroo barrisan kan isaan keessaa dhukkubsatee gara booddeetti hafe yoo jiraate gatanii hindeeman. Isa boodatti hafe sanatti naanna’anii jajjabeessuun gara gurmuu isaaniitti dabaluudhaan waliin barrisu. Isa dura bu’ee isaan geggeessaa jiru ammoo sagaleedhaan jajjaabeessaa akka inni caalaatti jabaatu gochaa deemu. Sagalee dhageessisan qabu. Kanaaf tokkummaan akka gartuuttis ta’e akka biyyaatti faayidaan isaa guddaadha. Tokkummaa keessa bareedinaafi jabinatu jira. Kanaaf tokkummaan kan namootni hunduu hawwuu qaban ta’uu mala. Isa kana dagachuun barbaachisaa miti.

Akkuma beekamu hawaasni namoota addaa addaa, amala addaa addaa qaban garuu waliin jiraataniidha. Isa kanaaf ammoo jireenya ofittummaa keessaa ba’uun murteessaadha. Tokkummaa cimaan kan uumamu namoota fudhachuu irra kennuutti amanan, waltajaajiluutti kan gammadan, fedha warra kaanii kan dursan, milkaa’ina gurmuun argamu kan ofii isaanii kan caalchisaniidha.

Yeroo tokko obboloota lamatu waliin qonna qotaa ture. Inni tokko kan fuudhee maatii qabu yeroo ta’u inni kaan immoo qofaa ture. Maasii irraa waan argatan walqixa hirmaatu turan. Booda keessa inni hinfuudhiin jiru obboleessi koo ijoollee qaba, haadha manaa qaba ani garuu qofaadha waanan ta’eef isaa wajjin walqixa hirmaachuu hinqabu jedhee galgala erga galanii booda dhoksee gombisaa isaatti midhaan naqaaf. Inni fuudhe immoo ani fuudheera, ijoollees qaba garuu obboleessi koo si’achi fuudha waan heddutu dura isaa jira jedhee halkan geessee midhaan gombisaa isaatti naqaaf. Gaaf tokko halkan dhokatanii utuu midhaan waliif geessanii walitti ba’anii waan gochaa jiran walitti himan. Baay’ees ajaa’ibsiifatan. Walittis gammadan. Lamaan isaanii mo’ichaan hojii isaanii raawwatan. Namoota waliif yaadan turan. Inni kun ammoo gidduu isaaniitti tokkummaa isaan qaban akka maatiitti illee nicimse. Waliif yaaduun, ofittummaattii hiikamuun fuuncaa tokkummaa cimsa.

Tokkummaan akka nama dhuunfaa qofatti utuu hinta’iin akka dhaabbata keessaa hojjennuutti illee daran barbaachisaadha. Dhaabbanni tokko hawaasa keessatti jijjiirama fiduu yoo barbaade hojjettoota gidduutti tokkummaan akka jiraatu gochuuun murteessaadha. Inni kun akka isaan yaada tokko qabaachuun mul’ata dhaabbata isaanii fiixaan baasuurratti hojjetaniif nigargaara. Qofaa keenya isa hojjennu irra tokkummaadhaan hojjechuun milkoomina fida.

Walgargaaruudhaan, waljajjabeessuudhaanis yeroo hojjetan jijjiirama fiduun nidanda’ama. Dirree kubbaa miillaa keessattis gurmuudhaan hinhojjetan taanaan gonkumaa mo’uun akka hindanda’amne namni kubbaa ilaalu nibeeka. Akkasumas dhaabbata tokko keessattis namni hundumtuu qofaasaa hojjechuu irra gurmuudhaan, tokkummaan hojjechuun baay’ee bu’a qabeessa nitaasisa. Gurmuu keessatti inni tokko isa kan biraa dinqisiifachaa, jajjabeessaa yeroo hojjetan waan baay’ee hojjechuu danda’u.

Walumaagalatti tokkummaan barbaachisaa ta’uu isaatti erga amannee, bu’a qabeessa akka nama taasisu erga hubannee akka dhuunfaattis ta’e akka walootti isa kana irratti hojjechuun gaariidha. Tarii tokkummaan hinjiru yoo ta’e yookaan immoo tokkummaa uumuu hindandeenye yoo ta’e filannoo kan biraa yaaluu nidandeenya. Innis nu’i itti gaafatamummaa fudhannee tokkummaa hawaasa gidduutti ijaaruun barbaachisaadha. Tokkummaa dhaabbata keessa jirru keessatti jabeessuun murteessaadha. Tokkummaan nurraa eegaluu qaba. Namoota tokkummaatti amanan ta’uun keenya barbaachisaadha.

Qaama keenya yommuu ilaallu wanta baay’ee irraa barra. Harki bakka miillaa ta’ee, miillis bakka harkaa ta’ee, iji bakka gurraa ta’ee, gurris bakka ijaa ta’ee, warri kaanis bakka isa tokkoo bu’anii hojjechuu yookaan tajaajiluu hindanda’an. Garuu tokkummaadhaan waan ajaa’ibsiisaa hojjechuu danda’u. Qofa qofaatti garuu homaa iyyuu fayyaduu dhiisuu malu. Inni tokko isa kaan nibarbaada. Akkasuma nuunis namoonni nu barbaachisu. Namoota keessa immoo waan gati qabeessatu jira. Isa kana keessatti tarii gaaffileen nuti of gaafachuu qabnu yoo jiraate, “Ani namaa wajjin hojjechuu nan danda’aa? Namoonnis anaa wajjin hojjechuun isaan hinrakkisuu? Akka namoonni anaa wajjin hinhojjenne amalli gochuu danda’u maali? Amala tokkummaa namootaa, tokkummaa hawaasaa diigu maalan qaba? Isa kana keessaa attamittan ba’a?” kan jedhuufi kkf., of gaafachaa deemuun, furmaata isaarratti ammoo hojjechuun murteessaadha. Kanaaf qofaa keenya hojii hundumaa hojjechuu irra namoota wajjin hojjechuu, hojii gurmuutti, tokkummaan hojjechuu, tokkummaan raawwachuu, tokkummaa qabaachuu, amala yaraa tokkummaa jibbu keessaa ba’uun barbaachisaadha.

“Humni tokkummaa nama dhuunfaa keessa akkuma jiru jabinni nama dhuunfaas jabina tokkumma sanaa keessa jira.”

 Doktar Zarihun Gabree

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 23 Bara 2014

Recommended For You