Yeroo hedduu bineensotni garagaraa yeroo wal-ari’anii wal nyaatan agarree beekna ta’a. Bineensotni tokko tokko humnaanis ta’e dandeettiin cimoo ta’anii utuu jiranii bineensota isaaniin gadiitiin utuu nyaatamanii agarra. Fakkeenyaaf arbi ulfaatinnisaa kiilo giraamii kuma afuriifi 535.934 yeroo ta’u kan leencaa garuu kiilo giraamii 227 ta’a. Haa ta’u iyyuu malee guddinaafi jabina qabu kanatti fayyadamee utuu diina isa nyaachuuf jedhu injifatuu hinagarru. Leenca baqatee sodaan utuu iyyaa fiiguu agarra; dhumarrattis irbaata ta’aaf.
Gafarsi illee leencaa wajjin yoo walcina qabnee ilaallu akkasuma. Waan hedduun leenca nicaala. Humnaan leenca nicaala. Akka kubbaatti samiitti ol qeela’ee utuu inni darbatuu agarree beekna ta’a. Ulfaatinni isaas yeroo dhalatu hanga kiiloo giraamii 60 kan ga’u yeroo ta’u leenci garuu hanga kiilo giraama lamaa taati. Gafarsi inni guddaan hanga kiiloo giraama kuma tokkoofi 200 yeroo ta’u leenci garuu akkuma armaan olitti ilaalle yoo baay’ate kiiloo giraama 227 ta’a. Haa ta’u iyyuu malee bineensotni hangas ga’an kun bineensa hangasaanii hingeenyeen utuu nyaatamanii, dararfamanii agarra. Utuu boqonnaa dhabanii olii gadi fiiganiis agarreerra.
Sababiin isaa akkaataa isaan itti leenca ilaalaniifi leenci itti isaan ilaalu addaadda. Leenci akka mo’atutti ilaala; bineensotni kan biraa garuu utuu humna qabanii akka mo’amootti of ilaalu. Ilaalchi isaanii akka isaan mo’aman isaan taasisa. Nuti illee har’a isa kana gadi fageenyaan itti yaaduun keenya gaariidha. Ilaalchi keenya mo’amaas ta’e mo’ataa nutaasisuu nidanda’a. Ilaalcha keenya geeddaruu dandeenyaan jireenyi keenya nigeeddarama; namoota injifatoos nitaana.
Namni kamiyyuu yeroo kamitti illee taanaan ilaalcha isaa jijjiiruun jireenya isaas ta’e jireenya namootaarratti dhiibbaa barbaachisaa fiduu nidanda’a. Nama jijjiiramaa ta’uuf ilaalchi keenya jijjiiramuun filannoo miti. Haala keessa jirruttis ta’e keessa tarrutti deebii nuti laannu ilaalcha keenya wajjin walqabata. Ilaalchi keenya jijjiiramnaan jireenyi keenya ni jijjiirama. Walitti dhufeenyi nuti namootaa wajjin qabnu nijijjiirama. Ilaalchi keenya jijjiiramnaan egereen keenya nijijjiirama.
Wantootni hedduun ilaalcha keenya irratti hundaa’u. Akkaataa nuti itti haalota ilaalluufi deebii laannu haalota jiran irrattis ta’e nu irratti dhiibbaa geessisu qaba. Kanaaf, ilaalcha sirrii hintaane jijjiiruu qabna. Ilaalchi hamaan hinjijjiiramne akka gommaa konkolaataa dho’eeti; lamaanuu jijjiiraman malee eessaan iyyuu nama hinga’an.
Kanaaf, ilaalcha keenya irratti hojjechuun murteessaadha. Namni ilaalcha isaa jijjiiruu danda’u haala keessa jiru jijjiiruu nidanda’a. Waan hundumaa jijjiiruuf salphaadhumatti ilaalcha keenya jijjiiruun barbaachisaadha. Tarii baay’een keenya waa’ee Kaaroliiy Takaksii (Karoly Takacs) nama jedhamuu dhageenyeerra ta’a. Namni kun dhuka’aadhaan harkisaa inni mirgaan yeroo irraa cite abdii kutatee gara boodaatti hindeebine. Oloompikii irratti harka mirgaan meeshaa (shugguxii) meetira digdamii shan irratti dhukaasuun kan dorgomu yeroo ta’u harkisaa inni mirgaan inni ittiin dhukaasu waan irraa citeef si’achi dorgomuudhaaf kan hindandeenye akka ta’e bara 1936 yoo dhaga’e illee, nama hindandeenyes namoota baay’eetti yoo fakkaate illee bara 1938 booda dorgumuudhaaf of qopheesse. Akkaataa itti namootni ilaalaniifi inni itti of ilaalu adda ture. Namootni si’achi homaa tokkoof nama hintaane, nama qaamni isaa hir’ate jedhanii yaadan. Deebi’ees nama dorgommii keessa seenu itti hinfakkaanne.
Haa ta’u iyyuu malee namoota hindandeessu ittiin jedhan baay’ee wajjin wal loleera. Mul’ata mo’ichaa cimaa waan qabuuf akka dhuka’aan tokkichi isa hinajjeesnees sirriitti nidubbata ture. Namni mul’ata qabu haalota jiran injifatee akka jiraachuu danda’u sirriitti nama biyya lafaatti agarsiisuuf yaalu nama booree qabu ture jechuun nidanda’ama. Kanaaf biyya Hangarii keessatti bifa eenyuyyuu hinamanneen dorgomee warra fayyaa ta’an injifate. Itti fufee dorgommii Olompikii isa bara 1940 dorgomuuf yoo qophaa’e illee sababa loliisa addunyaa isa lammaffaaf dorgommiin olompikii bara 1940fi 1944 hingaggeeffamne. Haa ta’u iyyuu malee dorgommii isa bara 1948 Landanitti harka bitaan dorgomee injifate. Kanaaf maqaan isaa dorgommii olompikii keessatti maqaa guddaa warra qaban keessatti galmeeffame. Ilaalchi nu’i qabnu injifachuufis ta’e injifatamuuf daran murteessaadha.
Egaa ilaalchi ati ofiifis ta’e haala keessa jirtuuf qabdu maal fakkaata? Tarii namoonni muraasni addunyaa keenyarratti beekamoofi gurguddoo ta’an akkamittiin jireenyasaanii keessatti akka milkaa’ina argatan baay’ee keenyatti gaaffii ta’uu danda’a. Nutis gonkumaa akkasaanii ta’uu akka hindandeenyetti of niilaalla ta’a. Ofii keenyaa ammoo akka eessayyuu hingeenye of amansiisnee teenyeerra ta’a. Dadhabina keenya qofa yaaduudhaan eessayyuu ga’uu akka hindandeenyetti of amansiisuudhaan haalota keenya geddaruu akka hindandeenye amannee kan teenyu jiraachuu dandeenya. Takkaa yaalii goonee kufnee beekna yoo ta’e lammaffaa waan kaanu nutti fakkaachuu dhiisuu danda’a.
Yeroo hedduu Arba madaqfamanii namootaa wajjin jiraatan argineerra. Baay’een keenya biyyoottan warra Eeshiyaa keessattis agarreerra ta’a. Yeroo tokko waa’ee Arba funyoo gabaabduu tokkoon hidhamee dhaabataa ooluu dubbiseen ture. Arbi kun funyoo xiqqoon hidhamee guyyaa guutuu dhaabataa oola. Funyoo qunceerraa hojjetamte utuu hinta’iin fuuncaa sibilaa eenyu hincabsine facaasee humna keessaa ba’u kan qabu Arbi kun funyoon hidhamee, takaalamee dhaabataa oola. Yeroo tokko leenjisaan Arba kanaa maaliif hidhamee akka dhaabataa oolu yeroo dubbatu akkas jedhe, “Yeroo inni xiqqoo ture funyoo amma miilasaatti jiru kanaan hiinee akka fagaatee hindeemne gochaa turre. Erga guddatee funyoodhuma sanatu miillasaatti jira.
Dur yoo xiqqoo ture funyoon kun isa dhaabuuf ga’aa ture. Amma garuu karaa kamiin iyyuu qabee dhaabuu hindanda’u. Amala yeroo xinnummaa isaatu waan keessaa hinba’in jiruuf isa dhaabe malee funyoo xiqqoo kana miti. Akkuma yeroo xinnummaa isaa jabeessee isa qabee jira se’a” jedhe. Dubbiin kun daran kan nama ajaa’ibsiisuudha. Bineensi kun yeroo kamittiyyuu hidhaa kana of irraa ciree keessaa ba’uu nidanda’a. Waan of amansiiseef garuu hidhamee dhaabata. Baay’een keenya shaakala kanaan duraa irraa kan ka’e si’achi homaa tokko iyyuu gochuu akka hindandeenyetti of fudhannee kan homaa tokkoyyuu yaaluu hinbarbaanne jirra.
Kanaaf ilaalcha keenyarratti hojjechuun murteessaadha. Irra deebinee of ilaaluun, akkaataa itti biyya lafaas ta’e ofii keenya ilaallu sirriitti adda baafachuun ilaalcha gadi aantummaa keessaa ba’uun barbaachisaadha. Akka nama bu’aa buusuu hindandeenyeetti of ilaalurraa ilaalcha keenya kaasuu qabna. Yoo akkas ta’e qofa haalli keessa darbinus ta’e kanneen nu mudatan ilaalcha ofii keenyaaf qabnu akka gadi bu’u gochuu danda’u. Kanaaf yoo nu’i eyyamneef malee bakka ga’uun nu irra jirus ta’e wanta hojjechuu qabnu haalli kamiyyuu daangessuu hindanda’u.
Kanaaf dhaabannee irratti yaaduun kan nurra jiru namni kam illee sadarkaa milkaa’inaa isa dhumaa bira ga’eera, kana booda milkaa’ummaan isaaf hafu hinjiru jechuun hindanda’amu. Milkaa’inni dhuma ykn fiixee hinqabu. Akka galaanaa gadi fagaata. Yeroo keessa gadi seentu waan baay’ee keessa gadi fagaatte yoo sitti fakkaate illee si’achi karaa dheeraan akka si hafe hindagatiin. Isa kanaaf ammoo ilaalcha sirrii ofiifis ta’e haala jiruuf qabaachuun barbaachisaadha.
Namoonni addunyaa keenyarratti dhiibbaa gaarii geessisuu danda’an namoota haala jiruuf ilaalcha gaarii qaban, namoota jijjiiramaaf qophaa’oo ta’an, namoota keessasaaniitii humna jijjiiramaa qaban turan. Inni kun immoo humna hunduma keenya keessa jiruudha. Kan namoota murtaa’an har’a addunyaa keenyarratti maqaa dha’amanii qofaa miti. Namni tokko nama dhiibbaa geessisu ta’uuf kanneen armaan olii gadi fageessee yaaduun barbaachisaadha. Darbees ofitti amanannaa nama qabu ta’uu mala. Ofitti amanannaan bu’uraa akka namootni sitti amanan taasisuudha. Namni ofitti amanannaa hinqabne namoota kan biraa gara ofitti amanachuutti nigeessa jedhamee hin yaadamu. Inni kun dhoksaan isaa ilaalcha ati ofiif qabdu ilaalcha sirrii irratti kan bu’uureeffamu ta’uusaa hindagatiin.
Walumaagalatti ilaalcha keenya jijjiiruun jireenya keenya jijjiiruun nidandaa’ama. Ofii keenyaafis ta’e namoota kan biraaf ilaalchi nuti qabnu ta’umsa ta’uu qaba. Isa kanaaf ammoo sammuu keenya shaakalchiisuun barbaachisaadha. Ilaalcha sirrii akka qabaatu taasisuun murteessaadha. Jireenya keenya keessatti jijjiiramni akka dhufuuf sadarkaa tokkoffaarratti kan jijjiiramuu qabu inni guddaan hojii, naannoo jiraannu, haala keessa jirru utuu hinta’iin nutu jijjiiramuu qaba. Ilaalcha keenyatu sirrachuu qaba.
Ilaalcha hinjijjiiramneen bakka yoo jijjiirranne faayidaa hinqabu. Biyya yoo geeddarannes sanuma. Kanaaf, nuti jijjiiramuuf ilaalchi keenya jijjiiramuun murteessaadha. Isa kanarratti gadi fageenyaan yaaduu gaafata. Haala jiru sirriitti hubachuu barbaada. Ilaalcha alta’umsa ta’etti adda ba’uu gaafata. Hamaa irraa fagaachuu gaafata. Namni hamaarraa fagaachaa yeroo deemuu amala gaarii horachaa deemuun isaa hinoolu. Sababiin isaa yeroo fuulli keenya baha biiftuutti galagalu, gaaddidduun keenya gara boodaatti hafaa deema. Hamaanis akkasuma. Gaariin injifachaa, hamaan mo’amaa deemuu qaba. Yoo akkas ta’e of irrattis ta’e namoota kan biraarratti dhiibbaa gaarii geessisuun keenya hinoolu.
“Milkaa’inni dhuma ykn fiixee hinqabu. Akka galaanaa gadi fagaata. Yeroo keessa gadi seentu waan baay’ee keessa gadi fagaatte yoo sitti fakkaate illee si’achi karaa dheeraan akka si hafe hindagatiin.”
Doktar Zarihun Gabree
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 16 Bara 2014