Ilaalchakee jijjiiri, haallikee ni jijjiirama

Bara keenya keessatti yeroo hedduu wantoota nu mudataniifi haalli keessa dabarru hanga yaadnuu olitti nutti cimee beeka ta’a. Kunneen ammoo jireenya keenya gara abdii kutannaatti nu geessaniirus ta’a. Ilaalchi nuti ofiif qabnu haala jireenya nu harka ba’e fakkaatu kana akka deebinee to’annu, haala jirutti fayyadamnee akka deebinee mo’annu kan nu taasisuudha. Ilaalcha keenya jijjiiruun haala keessa jirru jijjiiruu nidandeenya. Jireenya mo’ichaa jiraachuu dandeenya. Isa kanaaf garuu ilaalcha keenya irratti hojjechuun murteessaadha.

Namoonni mo’amoon yeroo kufan hojii nidhaabu; namoonni jijjiiramaa garuu hamma milkaa’anitti nikufu. Wanti baay’een barbaachisaan namni tokko hangam akka biyya lafaa irra jiraate, hangam akka horii argate yookaan hangam akka namoonni ilaalcha gaarii isatti kennanii hordofan utuu hinta’in jijjiiramaaf ilaalcha gaarii inni calaqqisiisuudha. Jijjiiramni angafa waan hundumaa ta’e jijjiirama ilaalchaati. Ilaalchi namaa hojii isaa irratti dhiibbaa qaba. Ilaalcha gaarii namni ofiif qabu daandii ittiin karoora isaa hojiitti jijjiiree argu ibsaa hindhaamne of harkaa qaba. Ilaalchi gaariin firii gaarii fida. Jireenyi nu’i jiraannu calaqqee ilaalcha keenyaati.

Egaa ilaalcha keenyarratti hojjechuun murteessaadha. Kan jijjiiramuu qabu jijjiiramuun isaa barbaachisaadha. Wantoota gaarii simachuufi hamaa dhiisuu danda’u, carraa kallattii addaa addaatiin nu qunnamutti fayyadamuu, dhiibbaa hamaa irraa of qoqqobbachuu, hojii jaallachuu, sammuu keenya beekumsaan sooruu, yeroo keenya nama ceepha’uutti utuu hinta’iin waan gaarii hojjechuufi yaaduutti dabarsuufi yeroo ganama kaanu yaada gaariin guyyicha eegaluunidha. Sababiin isaa nu’i firii yaada keenyaati. Ofii keenya irrattis ta’e hawaasa keessa jirru irratti jijjiirama barbaachisaa fiduuf, yaada sirriifi bilchaataa qabaachuun barbaachisaadha.

Namni tokko ilaalcha yaraa ofiif qabu of irraa molqee calaasuun ilaalcha ta’umsaafi mo’ataa ta’e qabaachuuf tuqaalee armaan gadiirratti gadi fageenyaan yaaduufi hojjechuun barbaachisaadha. Tuqaaleen kunneen tarii ilaalcha dadhabaafi injifatamaa ofiif qabnu keessaa akka baanuufi ilaalcha qajeelaa akka qabaannu kan nu taasisuu danda’aniidha. Isaan keessaa muraasni;

1. Tokko tokkoo ilmaan namootaa keessa qabeenyi guddaan akka jiruufi nu keessas dandeettiin namoota irrattis ta’e biyya lafaa kana irratti dhiibbaa geessisuu danda’u akka jiru beekuu;

2. Jireenya keenya keessatti rakkooleen nu mudatan marti sababa dadhaboota taaneef miti. Biyya lafaa kana irratti namni waan hundumaan guutuu ta’e hinjiru. Hunduu haa xinnaatuu rakkoo mataasaatii hindhabu. Haa ta’u iyyuu malee wanti gaariin inni guddaan rakkoolee numudatan karaa sirrii ta’een hiikuun barbaachisaadha. Rakkooleen nu mudatanis waan hedduu nu barsiisanii akka darban beekuun gaariidha. Haa ta’u iyyuu malee dukkanni biiftuu bariin bakka hinbuune hanga har’aatti akka hinjirre hindagatiin. Namootni gammachuu qabaniifi jireenya gammachuu jiraatan namoota raawwatanii rakkoo hinqabne sittii hinfakkaatiin. Isaan namoota rakkoo mo’atanii jiraatan ta’uusaanii hindagatiin.

3. Yeroo hundumaa hojii nutti kennames ta’e kan karoorsine hojjechuuf fedha guddaafi dandeettii barbaachisaa akka qabnu dagachuu hinqabnu. Namni tokko biyya lafaa irrattis ta’e jireenya namootaarratti dhiibbaa geessisuu nidanda’a. Beektotni garagaraa yeroo dubbatan, “Dhalli namaa ofii isaa qofa utuu hinta’iin dandeettii biyya lafaa geeddaru qaba” jedhu. Kanaaf si keessas dandeettiin kun akka jiru hindagatiin.

4. Guyyaa guyyaatti hojiif yeroo kaanu cimina, gammachuufi fedhiin hojii akka nutti dhagaa’amu gochuu malee ofis ta’e hojii jibbaa deemuu irraa of eeggachuun gaariidha.

5. Dandeettiifi beekumsa hojii natti kenname hojjechuuf na barbaachisu sirriitti akka qabnu amanuun murteessaadha.

6. Jireenya jiraannu keessatti rakkoolee nu mudatan hundumaa mo’achuu akka dandeenyu amanuun barbaachisaadha.

7. Ilmaan namootaafis ta’e ofii keenyaaf kabaja sirrii qabaachuun barbaachisaadha.

8. Hojii nutti kenname tokko hanga dandeettiin keenya eeyyametti sirriitti hojjechuu akka dandeenyu amantaa qabaachuu.

9. Lubbuun namaas ta’e lubbuun keenya gati-jabeessa ta’uu isaa amanuu;

10. Ofitti amanannaan keenya kan hinsochoone ta’uu qaba. Isa kanaaf ammoo waan dubbannu jiraachuun barbaachisaadha.

11. Karaa biraas wanti dagatamuu hinqabne yoo jiraate yeroo hundumaa nagaatti ofii wajjinis ta’e namootaa wajjin jiraachuu danda’uudha, Isa kanaaf ammoo keessa keenya dhaggeeffataa jiraachuun, of ilaalaa deemuun murteessaadha.

Kanaaf waan tokko sirriitti hojjechuuf ilaalcha gadi aantummaa keessaa of baasuun barbaachisaadha. Wantoonni hedduun ilaalcha keenyaan eegalu; isumaanis xumuramu. Ilaalchi namootaa akka isaan dhaabbata tokkoon barbaadaman nitaasisa. Ilaalchi akka isaan hojii irraa geggeeffamaniifis sababa nita’a. Fakkeenyaaf namni tokko daldalaaf yoo barbaadamee yeroo gaaffiifi deebii qacaramu irratti daqiiqaa shan keessatti si’a shan hinkolfu yoo ta’e hojii kana argachuuf carraa inni qabu walumaa galatti yaraadha. Akkasumas namni bulchiinsa irra hojjetu tokko hojjetaaf ilaalchi inni qabu bayeessa miti yoo ta’e carraa inni hojii sana irra turu yaraadha.

Fakkeenyaaf dhiyeenya kana keessa qorannoon maamiltoota dhaabbilee daldalaa irratti ta’e waan hedduu nama ajaa’ibsiisu ture. Maaliif dhaabbanni daldalaa tokko tokko deebi’anii akka maamiltoonni hindhaqne yeroo gaafatamanitti akkas jechuun deebisan. “Ilaalchi abbootii qabeenyaa, bulchitoonni dhaabbilee, manneen daldalaa isaan bira dhaqaniif yookiin maamiltootaaf gaarii miti yookaan hinjaallannu” jedhan.

Kanaaf ilaalcha ofiif qabnu qofa utuu hinta’iin ilaalcha namootaaf qabnu irratti hojjechuun, of jijjiiruun akka nu milkeessu beekuun barbaachisaadha. Fakkeenyaaf hojii tokko jibbaa yoo hojjenna ta’e gama nu jibbisiisuun utuu hinta’iin gama gaarummaa isaa yaaduun gaariidha. As keessatti gamni gaarummaa isaatii hojichi nu haa jibbisiisu iyyuu malee hojii qabaachuu keenya yaaduun ilaalchi keenya akka al-ta’umsa hintaane gochuun gaariidha. Hangam iyyuu hojiin nu’i itti jirru yoo nu nuffisiise yookaan nu jibbisiise utuu itti hin yaadiin hatattamaan gadi dhiisuun sirrii miti. Gama gaarummaa isaa ilaalaa hojii keenya yoo itti fufne dhagaan guddaan turtii keessa caccabee tulluu irra dhaabannu nuuf ta’a.

Kanaaf namni tokko ilaalcha ofiif qabu fooyyeffachuu qaba. Namni addunyaa kanarratti sirriitti na fakkaatu tokko illee akka hinjirre; wanti nu’i gumaachinu kan keenyaafi nuu alatti kan hinargamne; kan keenya kan ta’e kam iyyuu irratti ajajuu kan danda’u nu qofa ta’uu isaa; mul’ata keenyaaf itti gaafatama akka qabnu, mo’ichaafi milkaa’ina keenya kan dhuunfatu nu akka ta’e, kufaatiifi dogongora keenyaaf sababiin nu ta’uu isaa hubachuun ilaalcha ofiif qabnu fooyyeffachuun gaariidha.

Egaa ilaalchi nu’i ofiif qabnu waan hojjennu irratti dhiibbaa guddaa qaba. Yeroo tokko namni leenjii kennuuf jedhu qarshii abbaa dhibbaa haaraa tokko ol kaasee, “namoota leenjitan kana keessaa namni dhuma leenjii kana irratti qarshii kana fudhattanii galuu barbaaddan jirtuu?” jedhee gaafate. Namoonni hedduun harka ol kaasan. Itti fufee qarshii sana harka isaatiin sukkuumee erga jedhee booda ammas tarii isa baay’ee sukkuumame kana namni fudhachuu barbaadu yoo jiraate gaafate. Ammas namoonni hedduun harka ol kaasan. Ammas yeroo sadaffaaf qarshicha lafa buusee irra ejjetee, lafatti sukkuumee erga bututee, xuraa’ee booda fiixee isaa qabee lafaa fuudhuun ammas namootni fudhachuu barbaadan yoo jiraataniif gaafate. Ammas namoota hedduutu harka baase. Isaan booda akkas jedhe, “Firoota koo, waan guddaa tokko bartaniittu jedheen amana. Qarshiin kun bareedaas ta’e, sukkuumamees, lafa bu’ee yoo rirriitamee xuraa’e illee amma iyyuu barbaadamaadha. Sababni isaa sukkumames, xuraa’es, lafatti dhiitames gatii isaa hinhir’isne. Gatiin isaa ammayyuu qarshii dhibba” jedhe. Itti fufuun “Hundumti keenya haala nu marsee jiru, jireenya keessa jirru olitti baay’ee barbaachisoodha. Haalli keenya gatii keenya gadi hinbuusu” jedhe.

Yeroo tokko tokko haala keessa tarru yookaan haala namoota nu waliin jiraatan irraa kan ka’e ilaalchi nuti ofiif qabnu gadi bu’aa ta’uu danda’a. Haa ta’uyyuu malee wanti dagatamuu hinqabne yoo jiraate gatii nuti qabnu wanti gadi buusu homtuu hinjiru. Wanti yaalu hinjiru jechuu miti. Wantootni akka nuti ofii keenyaaf ilaalcha gadi aanaa qabannu nutaasisan hinjiran jechuus miti. Haa ta’uyyuu malee isaan kanatti harka kennuun barbaachisaa miti.

Kanaaf ilaalcha keenya sirreeffachuu, akka nama gatii hinqabnee, akka nama bu’aa buusuu hindandeenyeetti of ilaaluu irraa yaada keenya kaasuun ilaalcha sirrii ofiif qabaachuun murteessaadha. Yoo akkas ta’e malee haalli nuti keessa darbinus ta’e wantootni nu mudatan ilaalcha nuti ofiif qabnu akka gadi bu’u gochuu danda’u. Wanti dagatamuu hinqabne inni guddaan wanti kamyyuu yoo nu’i eyyamneef malee bakka ga’uun nu irra jirus ta’e wanta hojjechuu mallu daangessuu hindanda’u.

Doktar Zarihun Gabree

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 9 Bara 2014

Recommended For You