Yeroo tokko namichi dureessi utuu wal irraa hinkutin kadhata wal-fakkaatu kadhatu tokko akka ture namootni dubbatu. Kadhata isaa keessaa kan hinhafne kadhata isaa isa akkas jedhu ture, “Yaa Waaq, waan tokko qofan si kadhadha. Isa kana ammoo akka ati naaf raawwattu nan barbaada. Biyyaa lafa kana irratti ani nama raawwatee gammachuu hinqabneedha. Yeroo biyyi bashannanu, yeroo namootni gammaddan, yeroo namootni boqotan ani isaan kana hundumaa hinqabu. Maaliif jireenya koo rakkoo akkasiin akka guutamu gootee? Amma rakkoo na qunname kana nama kan biraa wajjin wal geeddaruun barbaada. Rakkoo koo kana nama kan biraatti dabarfadhee kan isaanii ammoo baadheen ilaala. Kana caalaa rakkoo hangas ulfaatu kana baadhee deemuu hinbarbaadu. Amma dhiphinan keessa jiru kana nama kan biraa wajjin jijjiirrachuun barbaada. Rakkoo kan nama biraa naaf kenni; rakkoo hamaa ani keessa jiru kana ammoo isa kaaniif kenni” jedhee kadhate.
Gaaf tokko kadhata isaa kana booda abjuun Waaqa arge, Waaqnis itti mul’atee, “Rakkoo kee hundumaa guuboo tokkotti guutii gara mana sagadaatti fidi” jedhee abboome. Kanaaf namicha kana qofa utuu hinta’in namootni magaalaa sana keessa jiran dhiphina isaanii guuboo gurguddaatti naqanii hanga baachuu dadhabanitti jala siqanii gara mana sagadaatti fidan. Namichi dureessi rakkoo isaa qofa irratti xiyyeeffatee dhiphatu kunis rakkoo qaba jedhee yaadu hundumaa guubootti naqatee fannifatee namaaf geeddaruuf; rakkoottii walaba ta’ee jiraachuuf nama rakkoo hinqabne barbaacha dhufe. Haa ta’u iyyuu malee namootni hundi rakkoo isaanii guuboo guutanii isa irraa hafe ammoo deebi’anii guuruu eegalan.
Erga rakkoo qaban guuranii fixanii booda namni hunduu rakkoo isaa bira dhaabatee ajaja “Waliif geeddaraa. Kan keessan nama rakkoo xiqqoo qabuuf kennaa; kan isaa ammoo fudhadhaa” ergaa jedhu eegu. Kan nama dhibu yoo jiraate namichi kun baay’ee sodaate. Sababiin isaa namootni guuboo kan isaa caalu baay’ee baatanii jiru. Kaan ammoo guuboo lama sadii baatanii sagalee qofa eeggatu. Sagalee, “Waliif jijjiiraa” jedhu. Namootni uffata gaarii uffatanii yeroo kaan isaa wajjin akka namoota rakkoo hinqabneetti haasa’aa turan hundi guuboo gurguddaa baatanii dhaabatu. Rakkoo cicciimoo qabu. Namootni kun tarii akka ilaalcha isaatti rakkoo hinqaban jedhee yaadu hundi rakkoo cimaa akka qaban, haa ta’u iyyuu malee dandaa’anii mo’atanii akka jiraatan arge.
Kana booda shakkiin guutame. “Deemu moo turuu” jedhee of gaafachuu eegale. Naasuutu itti namme. Amma immoo kadhannaan isaa “Nama najalaa geeddaratu narraa qabi” kan jedhu ta’e. “Akka namni tokko gara koo hindhufne na dhoksi” jedhee kadhachuu eegale. Sababiin isaa rakkoon namoota isa marsanii jiranii kan isaa dachaa hedduun caala. Namootni hunduu kan isaatiin geeddarachuuf tattaaffii gochuu eegalan. Itti caalee na’e. Dhuma irratti Waaqni hunduma isaaniitti ajaja tokko kenne. “Hundumti keessan guuboo fiddan mana sagadaa kana fuullee ka’aa” jedhe.
Hundumtii isaanii deddeebi’anii guuboo rakkinaa guuranii fuula duratti geessan. Namichi yeroo hundumaa waa’ee rakkinaa qofa boo’u kun hundumaa erga ilaalee booda, guuboo isaa fudhatee gara mana isaatti fiige. Warri guuboo hedduu guuranii dhufan namicha kana qabachuuf kan isaan geeddarachuuf duukaa bu’an; inni garuu hanga danda’u fiigee, miliqee gara mana isaatti gale. Harkaa ba’ee galuu isaatti Waaqa galateeffate. Yeroo warra kaaan ilaalu, hundi isaanii guuboo ofii isaanii baatanii fiiguu eegalan. Sababiin isaa namootni kan biraa yoo jalaa geeddaratan rakkoo cimaa keessa akka bu’an baraniiru. Hunduu kan isaa fudhatee gara mana isaatti deebi’ee gale. Sababiin isaa rakkoo kanaan dura beekan hikkachuun isaan hindhibu. Irratti hojjechuu nidanda’u. Rakkoo hinbeekne garuu hiikuun isaan nirakkisa. Rakkoo furuuf duraan dursanii sirriitti rakkoolee jiran adda baafachuu qabu. Kanaaf, “Yoo xiqqate rakkoo dhuunfaa keenyaa nibeekna; garuu namni kan biraa rakkoo inni fidee nutti dhufu maalitti beeknaa?” jedhanii isa isaan mudachuuf ture jalaa ba’uutti gammadan.
Dhalli namaa rakkoo hindhabu. Rakkoon kun ammoo akka dhuunfaatti yookaan akka walootti ta’uu danda’a. Rakkooleen gara garaa yeroo nu mudatan tasgabbiin, hubannaafi ogummaa irratti hundaa’uun hiikkachuu malee jeeqamuunis ta’e nama kan biraatti dabarsuuf yaaluun furmaata hinta’u.
Erga rakkoo jiru adda baafannee booda rakkoo keenyaaf furmaata sirrii barbaaduun barbaachisaadha. Wanti gochuu qabnu inni guddaan furmaata sirrii rakkoo adda baafanneef barbaaduun murteessaadha. Rakkoo nu mudateef utuu hinraafamin ofitti amanamummaa horachuun hiikuuf yaaluu ykn ammoo gargaarsa nama kan biraa barbaaduun haala keessa jirruuf mala dha’uu malee dhiphachuunis furmaata hinta’u. Rakkoo nu mudatan kam iyyuu sodachuunis barbaachisaa miti. Rakkoo jirus baqachuun sirrii miti. Rakkoon utuu jiruu jiraachuu danda’uun iyyuu ogummaadha. Wanti dagatamuu hinqabne garuu harka laannee teenya jechuu miti. Kan hatattamaan furuu qabnu dafnee furuun barbaachisaadha. Kan gargaarsa barbaaduuf gargaarsa gaafachuunis rakkoo hinqabu. Wanti dagatamuu hinqabne garuu rakkoon sirriitti adda ba’ee furmaata sirrii hinargatu taanaan akka mataa dhukkubbiiti. Nagaa namaaf hinkennu. Rakkoon mataa dhukkubbii beekamnaan daawaan isaa hindhibu. Rakkoo numudataniifis akkasuma. Duraan dursinee sababa isaa beekuu; itti fufuun mala dha’uudha.
Kanaaf, rakkoo nu mudataniif furmaata barbaaduuf duraan dursinee sababa rakkoo nu mudatee sirriitti adda baafnee beekuun barbaachisaadha. Sababa rakkoon tokko uumameef yoo sirriitti beekne malee furmaata sirrii barbaaduun hindandaa’amu. Ka’umsi rakkoolee jiranii maal akka ta’an beekuun murteessaadha. Ka’umsa dogongoraa irraa kaanee furmaata yoo barbaanne furmaatni nuti argannu furmaata dogongoraa ta’a. Ka’umsa sirrii hinarganne taanaan yerootii gara yerootti furmaata yoo barbaanne illee furmaata sirrii waan hinarganneef rakkoo keenyaa wajjin jiraachuun keenya hinoolu. Inni kun akka dhuunfaa qofatti utuu hinta’in akka biyyaatti illee itti yaaduun murteessaadha. Sababiin isaa rakkoolee har’a nu mudatan burqaan isaanii sirriitti adda hinbaane taanaan mala furmaata ta’u dha’uu hindandeenyu. Inni kun akka rakkoo nu mudatanii wajjin jiraannuuf sababa guddaa ta’a. Kanaaf yeroo dheeraaf rakkoolee qabnuun akka miidhamaa jiraannu nu taasisa. Isa kana ammoo agarreerra; argaas jirra. Furmaata sirrii argachuuf rakkoo jiran sirriitti adda baasuun murteessaadha.
Darbees rakkooleen nu mudatan ka’umsa tokko ol qabaachuu akka dandaa’an beekuun gaariidha. Hundee rakkoo akka dhuunfaattis ta’e akka biyyaatti nu mudateef irra keessaan ilaaluu utuu hinta’in gadi qonnee hubachuun barbaachisaadha. Bu’uura rakkoo nu mudatanii beekuun tasgabbiin itti yaaduu gaafata. Rakkoo sirrii argannaan furmaata sirrii argachuun nama hindhibu. Garuu irratti hojjechuu gaafata. Gadi fageenyaan ilaaluu barbaada. Furmaata sirrii barbaaduu gaafata.
Rakkoon yoo gaarii miti ta’e illee waan tokko dagachuu hinqabnu. Rakkooleen nu mudatan hunduu guddina keenyaaf faayidaa guddaa qabu. Danqaa jiru akka carraatti jijjiiruu dandeenyuuf nu gargaaru. Kanaaf rakkoon yeroo nu mudatu akka miidhaa hamaa qofatti utuu hinta’in akka daandii carraa ta’uu dandaa’u dagachuu hinqabnu. Rakkoon yeroo nu mudatu wanti beekuu qabnu inni guddaan rakkoo nu mudateef furmaata yeroo barbaannu muuxannoofi jabina akka horannee keessa tarru akka nu taasisu beekuun gaariidha.
Rakkoolee yerootii gara yerootti nu mudataniin kan mo’amnu utuu hinta’in injifannee namoota jiraatan ta’uun, isa kanaafis dandeettii akka qabnu beekuun barbaachisaadha. Namni maqaan isaa Daani’eel Olawaalee jedhamu yeroo tokko akkas jedhe, “Namni biyya lafaa kana irra jiraatee rakkoo isa mudate hiikkachuu hindandeenye biyya lafaa kana irra jiraachuun isaaf hinmalu”. Inni kun dhugaadha. Haa ta’u iyyuu malee namoota sababa rakkinaa qofa ta’an utuu hinta’in namoota qaama furmaataa ta’an ta’uu gaafata. Erga rakkoo qabnu adda baafannee booda mala sirriitti fayyadamuu murteessaadha. Isa kanaaf ammoo rakkoo nu mudate adda baafnee beekuun barbaachisaadha.
Salphaatti fakkeenya tokko haa ilaallu. Waajjira geggeessinu tokko keessa hojjettootni hinturan yoo ta’e, rakkoo kana hiikuuf tarii hanqina humna namaa mudate fooyyessuuf hojjettoota haaraa qacaruu utuu hinta’in sababa hojjettootni hinturreef beekuun gaariidha. Sababiin isaa namootni haaraan qacaramanii dhufanis turuu dhiisuu danda’u. Rakkoo mudate kanaaf furmaata ta’uu kan danda’u haala dhaabbaticha keessa jiru qorachuudha; rakkoo adda baafamanis furuudha malee bakka hojjettoota hojii gadi dhiisanii nama buusuun furmaata sirrii hinta’u.
Nutis har’a rakkoolee nu mudataa jiraniif ka’umsa sirrii beekuun akka furmaata sirrii itti kenninuuf nu gargaara. Utuu rakkoo ka’umsa wanta nu mudate tokkoo adda hinbaafatin yookaan sirriitti hinhubatin furmaata sirrii itti kennuun raawwatee hindandaa’amu. Rakkoon keenya akka dhuunfaattis ta’e akka biyyaatti jiran adda baafachuun irratti hojjechuun ammoo ga’ee tokkoon tokkoon keenyaati.
Doktar Zarihun Gabree
BARIISAA SANBATAA Adoolessa 2 Bara 2014