Qaamni saalaa dhiiraa qaama lallaafaa maashaawwan, kaartileejii, ujummoo fincaanii, ujummoowwan dhiigaafi narviiwwan garagaraa of keessaa qaba.
Qaamni saalaa dhiiraa seeliiwwan dhiifamuu ykn diriiruu danda’an of keessaa qaba.
Maashaawwan qaama saalaa keessatti argaman gidduu bakki duwwaa ykn ‘space’ kan ujummoon dhiiga qulqulluu onneerraa fuudhame raabsuuf akkasumas dhiiga qulqulluu hintaane ammoo naannoo qaama saalaa irraa fuudhee gara onneefi sombaatti geessu achi keessatti argama.
Dhiirri tokko yeroo miirri saalqunnamtii itti dhagahamu ykn yeroo saalqunnamtii ujummoowwan dhiigaa bakka duwwaa maashaawwan kana lamaan gidduutti argaman dhiigaan guutamuun akka qaamni saalaa dhiiraa ka’u godhu. Kanaaf gabaabaatti ibsuuf qaamni saalaa dhiiraa kahuuf sadarkaalee garagaraa keessa darba.
Narviiwwan si’aawoo ta’an kanneen qaama saalaa dhiiraa irratti argaman yeroo dhiirri tokko miira keessa seenu ergaawwan hatattamoo garaa kutaa sammuu keenyaatti erguun hormooniiwwan garaagaraa akka gadidhiifaman sammuun keenya ajaja dabarsa. Hormooniiwwan kunniin qaama saalaa, ujummoowwan dhiigaafi onnee keenyarratti gocha isaanii eegaluun dhiigni onneerraa ka’uun karaa ujummoo dhiigaa gara kutaa qaama saalaa dhiiraa deemuun ujummoowwan dhiigaa kunniinis akka dhifaman/diriiran godha.
Rakkoo kahuu qaama saalaa dhiiraa yeroo jennu kan inni of-keessatti qabatu:
* Tasumaa ka’uu dhabuu qaama saalaa dhiiraa
* Jabaatee ykn sirriitti kahuu dhabuu qaama saalaa dhiiraa,
* Fedhii saalqunnamtii dhabuu
* Akkuma kaheen dafee kufuu qaama saalaa dhiiraafaa of keessatti qabata jechuudha.
Sababoota tokko tokkorraan kan ka’e namni kamiyyuu yeroo muraasaaf rakkoon kun isa mudachuu mala. Garuu rakkoon kun utuu walirraa addaan hinkutin yeroo dheeraaf yoo ture rakkoo xiinsammuufi rakkoo hariiroo maatii fiduu waan maluuf mana yaalaa deemanii ilaalamuun baay’ee barbaachisaadha.
Rakkoo kahuu dhabuu qaama saalaa dhiiraa maaltu fida/maaltu nama saaxila?
Sababni rakkoo kahuu qaama saala dhiiraa hedduu tahanis rakkoowwan qaama waliin walqabataniif rakkoo xiinsammuu waliin walqabatan jennee kaasnee ilaaluu dandeenya
Rakkoowwan fayyaa qaama kana waliin walqabatan
* Dhukkuba onnee
* Rakkoo cufamuu ujummoo dhiigaa
* Dhiibbaa dhiigaa olkahaa
* Kolestirooliin qaama keessa jiru hedduummaachuu
* Dhibee sukkaaraa
* Ulfaatina qaamaa garmalee
* Rakkoowwan sirna narvii waliin walqabatan
* Tamboo aarsuu
* Qorichoota ykn dawaa dhibee kan biroof kennaman kanneen akka dawaa dhiphina hamaa, dhiibbaa dhiigaa olkahaaf kennaman
* Alkoolii hedduminaan dhuguu
* Hirriba gahaa rafuu dhabuu
*Yaaliiwwan baqaqsanii yaaluu naannoo qaama saalaa kan duraan godhame
* Hir’achuu hormoonii testestiroonii qaama keessaa
Rakkoowwan xiinsammuu kanneen rakkoo kahuu qaama saalaa dhiiraa fidan
* Dhiphina hamaa
* Mukuu/gaddabuu yeroo dheeraa
* Rakkoo nageenya maatii waliinii ykn hir’achuu hariiroo abbaa manaaf haadha manaa ykn jaalalleewwanii
* Waliigaltee dhabuufi jeequmsa yeroo dheeraa gaa’ela keessaa
* Yeroo hunda walshakkuuf sodaa qabaachuu
Rakkoon kahuu qaama saalaa kun dhiibbaa akkamii geessisuu danda’a
* Hiikkaa gaa’elaa
* Dhiphina sammuu hamaa
* Ofitti amanamummaa dhabuu
* Haadha manaa ulfeessuu dhabuu
* Walqunnamtii saalaa gammachiisaa tahe dhabuu
Rakkoo kana akkamitti ofirraa dhorkuu dandeenya ykn yaalamuu dandeenya?
* Dhibeewwan qaamaa armaan oliitti eerre sun rakkoo kana fiduu waan danda’aniif mana yaalaa deemuun qorannoo barbaachisu gochuun yaalii isaa jalqabuu
* Yeroodhaa yerootti hordoffii mana yaalaa ykn ‘medical check-up’ gochuu
* Sochii qaamaa yeroodhaa yerootti gochuu
* Ulfaatina qaamaa garmalee hir’isuu
* Tamboo aarsuu dhiisuu
* Alkoolii dhuguu dhiisuu ykn hir’isuu
* Dhiphina hamaa hir’isuuf ykn to’achuuf yaaluu. Yoo sadarkaa hamaarraan isin kan geessisu tahes mana yaalaa deemuun ilaalamuu
* Rakkoowwan hariiroo maatii huban furuu ykn hir’isuuf yaaluu
Gama biraatiin namoonni rakkina akkanaa qabdan taateen kun kana dura isin mudatee ammas na mudataa laata jechuun dhiphachuu dhiisuun sammuu keessan tasgabbeessaa.
Haadha manaatiif ykn hiriyaa shamarraniif rakkoon kahuu qaama saalaa kun darbee darbee nama kamiyyuu mudachuu waan maluuf yeroo waan kun uumamu sammuu abbaa manaa keessanii ykn hiriyaa keessanii tasgabbeessuu danda’uu qabdu. Taatee darbe isa irraanfachiisuun qaamasaa qaqqabaa akka inni irraanfatuuf qaamni saalaasaa kahu gochuun ni danda’ama.
Yoo rakkoon kun taateewwan armaan olii hunda gootanii furamuu dide mana yaalaa deemuun gorsaafi yaala fayyaa barbaachisu fudhachuun baay’ee barbaachisaadha. Gama biraatiin qorichoonni mana yaalaarraa rakkoo kanaaf kennaman jiru.
Namoonni baay’een oggaa ajaja hakiimaa malee qorichoota kanneen mana qorichaarraa bitanii fayyadaman mul’atu. Kanaaf amma barbaachisuuf akkamitti akka fudhatamuu qabu osoo hinbeekiin fayyadamuun rakkoo fayyaa birootiif isin saaxiluu waan maluuf gocha akkanaa irraa akka of qusattan ibsuu yaalla.
1.1 Rakkoo dafanii dhangalaasuu yeroo walqunnamtii saalaa dhiirotaa
Walqunnamtiin saalaa miira dhalaaf dhiirri tokko ittii gammadan keessaa tokkodha. Yeroo walqunnamtii saalaa yeroo dhiirri miira keessa galu fedhiinsaa amma sanyiin dhiiraa ykn ispeermiin irraa bahuutti ni dabala. Erga sanyiin dhiiraa ykn isparmiin irraa ba’ee booda fedhiinsaa gadi bu’a, akkasumas qaamni saalaasaa ka’ee tures humna dhabaa deema ykn laafaa deema.
Rakkoo dafanii dhangalaasuu yeroo walqunnamtii saalaa qorannoon hedduu gaggeeffame akka agarsiisutti dhiirri tokko yeroo walqunnamtii saalaa dafee dhangalaase kan jennu utuu fedhii ishee hinguutiin dhangalaasuudha. Kun namootaa namootatti garaagara ta’us qorannoon biraa irratti waliigalame ammoo dhiirri tokko daqiiqaa tokkoo gaditti yeroo sanyiin dhiiraa irraa bahu ykn dhangalaasu dafee dhangalaase jenna.
Rakkooon kun dhiirota qofaa osoo hintaane shamarranillee ni mudata. Garuu heddumminaan rakkoon kun rakkoo dhiirotarratti mul’atuudha. Taateen kun taatee namoota hedduu mudachuu maluudha. Namni kamuu jireenyasaa keessatti yoo xiqqaate yeroo tokkoofi isaa oli isa mudachuu danda’a. Akka qorannoon Ameerikaatti adeemsifame tokko addeessutti dhiirota sadii keessaa tokko rakkoo kanaaf ni saaxilamu. Rakkoon kun baay’inaan namoota umuriinsaanii waggaa 40 gadi taherratti kan argamuudha.
1.2 Waantonni rakkoo kanaaf nama saaxilan maalfa’i?
Rakkoo dafanii dhangalaasuu dhiirotaa heddumminaan rakkoo keessoo qaamaa ykn qaama waliin walqabatan osoo hintaane rakkoo xiinsammuu sammuu wajjin walqabataniidha.
Rakkoowwan taatee kanaaf nama saaxilan maalfa’i?
* Walqunnamtii saalaa yeroo jalqabaaf gochuu
* Dhiphina sammuu hamaa
* Rakkoo hariiroo ykn waliigaltee dhabuu maatii/hiriyaa waliinii
* Rakkoo mukuu hamaa
* Walqunnamtii saalaaf ilaalcha gadibu’aa qabaachuu
* Ofitti amanamummaa dhabuu
* Kahuu dhabuu qaama saalaa dhiiraa
* Rakkoo hormoonii
* Rakkoo ykn jeeqamuu keemikaala sammuu keessaa
*Infeekshinii ujummoo keessoo fincaan gara alaatti dhabamsiisuufi infeekshinii xannacha piroosteetii
1.3 Rakkoo kana hir’isuuf ykn hambisuuf maal gochuu qabna?
1. Dhiphina hamaa ykn mukuu hamaa hir’isuu yaaluu, akkasumas sadarkaa hamaa irraan kan isin gahu yoo tahe mana yaalaa deemuun gorsaafi yaala sammuu fudhachuu
2. Ofitti amanamummaa qabaachuu
3. Taatee kaleessa tahe irraanfachuun sammuu haaraan gara saalqunnamtii deemuu
4. Rakkoo waliigaltee dhabuuf hariiroo jaalallee ykn haadha manaa keessan waliin jiru mariidhaan furuu yaaluu
5. Yeroo walqunnamtii saalaa yaada keessan waan biraarra gochuu
6. Yeroo tokko tokko koondomii fayyadamuun sanyiin dhiiraa akka dafee hindhangalaane gochuus ni danda’a.
Dabalataan sochii dabalataa armaan gadii gochuunis rakkoo dafanii dhangalaasuu yeroo saalqunnamtiif murteessaadha:
a) Xiyyeeffannaakee tolchi
Maashaawwan naannawa qaama saalaa, teessuma, sarbaafi garaa keenyaa jiran kottoonfachuun sanyiin dhiiraa gara alaatti akka bahu gochuu keessatti qooda guddaa qabu.
Kanaaf mala kana keessatti wanti gochuu qabdan maashaawwan kanneen hamma dandeessan kottoonfachiisuu dhiisuun diriirsuun maloota keessaa tokko.
b) Sochii maashaa jabeessuu
Kana jechuun sochii guyyaa guyyaan maashaa naannawa qaama saalaa jiran kottoonfachiisuufi diriirsuun raawwatamuudha.
Akkamitti hojjenna?
Yeroo teessan, ciistanis tahe hojii hojjettan kan dalagamuudha. Akkuma namni tokko yeroo fincaan fincaa’uuf kahee gidduutti ofiisaatiin addaan kutuu ykn utuu sagaraa bahaa jiruu addaan kutuu gochuun ammaa amma dalaguudha.
Kunis maashaa naannawa qaama saalaa jiru qabuun erga sekondiiwwan sadiif tursitanii booda seekondii sadiifimmoo dafanii gadidhiisuudha. Tooftaa kana irra deddeebiin baay’inaan gochuun maashaan naannawa qaama saalaa jiran akka jabaatu gochuu keessatti qooda olaanaa qaba.
Gama biraatiin haati warraa rakkoon akkasii abbaa warraashee yoo mudatu jajjabeessuu ykn faara itti jijjiirrachuu dhiisuuf hariiroo waliin qabdu hir’isuu hinqabdu.
Doktar Naafyaad Geetuu
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 25 Bara 2014