Tarii bara keenya keessatti mul’atni hojiitti hinjijjiiramin yookaan abjuun hindhugoomin yoo jiraate sababa isaa beekuun barbaachisaadha. Qorannoon garaa garaa akka addeessutti namoonni dhibbeentaa sagaltamii lama (%92) ta’an karoorri isaan baafatan, murtoon isaan murteeffatan, yookaan galma keewwatan bira waggaatii gara waggaatti utuu hinga’in akka hafan dubbatu.
Inni kun namoota muraasa utuu hinta’in namoota hedduu boodatti harkisuun akka isaan bakka yaadan hingeenye taasiseera. Namoonni wantoota karoorsanis ta’e murteessan hojiitti geeddaran namoota dhibbeentaa (%)8 qofa. Maaliif namootni hedduun akka namoota kanaa milkaa’uu dadhabuu? Dhoksaan milkaa’ina jara kanaa maalii? Isa kana sirriitti adda baafatanii beekuun barbaachisaadha.
Wanti dagatamuu hinqabne namootni hojii isaaniitti milkaa’oo ta’an %8 (dhibbeentaa saddettan) kun jireenya garaa garaa keessaa namoota dhufaniidha. Namootni wantoota hojjetanitti milkaa’inaa fi jijjiirama of irrattis ta’e hawaasa isaanii irratti fidan kun hojii adda addaa keessaa namoota dhufaniidha.
Gariin isaanii namoota fuudhanii ijoollee qaban yeroo ta’an kaan ammoo hinfuune. Kaan hayyoota yeroo ta’an kaan ammoo mana barumsaa sadarkaa lammaffaa illee kan hingeenyeedha. Muraasni isaanii maatii sooressaa irraa kan dhufan yeroo ta’u kaan ammoo jireenya hiyyummaa keessaa kan dhufaniidha.
Umuriin isaaniis ta’e qomoon isaanii addaa adda, kaan lammii Ameerikaati, Kaan ammoo ardii Afrikaa yookaan Eeshiyaadha. Isa kana irraa kan hubannu yoo jiraate, namootni kun qomoo garaa garaa keessaa, haala garaa garaa keessaa dhufuu isaanii utuu hinta’in namni kamiyyuu jabaatee yoo hojjete galma keewwate yookaan karoora karoorfate raawwachuuf humni isa daangessu hinjiru.
Egaa ilaalcha keenya sirreessuun namoota hojii isaaniitti milkaa’an ta’uuf daandiin ittiin adda baafannu inni guddaan gaaffilee gara garaa fayyadamuudha. Gaaffilee kana keessaa tokko “Guyyaa guyaatti hojiin karoorfadhe sirriitti raawwadhee abjuu koo dhugoomsuu danda’eeraa?” kan jedhuuf tarii deebiin keenya, “Eyyee” yoo ta’e rakkoon hinjiru.
Haa ta’u iyyuu malee gaaffii keenyaaf deebiin isaa “Lakki, raawwachaa hinjiru, abjuu koos dhugoomsaa hinjiru” kan jedhu yoo ta’e barreeffamni kun jireenya keenya keessatti ga’ee guddaa qaba; haalli keenya kana booda jirus nijijjiirama jedheen amana.
Wantootni nuti yaadne, karoorri keenya, abjuun keenya akkaataa nuti yaadnetti raawwataa hinjiru taanaan wanti nuti ilaaluu qabnu inni guddaan wantoota nu marsanii jiran yookaan haala keessa jirru qofa utuu hinta’in keessa keenya ta’uu qaba. Wanti jijjiiramuu qabu ilaalcha keenya yoo ta’e isa kana irratti hojjechuu qabna. Akkaataa itti of ilaallu, akkaataa itti haala keessa jirru ilaallu, akaataa itti hojii keenyas ta’e namoota naannoo keenyaa ilaallu jijjiiramuu qaba. Ilaalcha keenya sirreessuun barbaachisaadha. Of irratti hojjechuun murteessaadha. Inni kun rakkoo namoota hedduuti.
Sababiin isaa namootni rakkoo qaban adda baafatanii of irratti hojjechuu irra rakkoo namootni biraa qabanitti quba qabuufi utuu kan ofii isaanii hinfurin dura rakkoo biyya lafaa furuuf yaalii taasisu. Inni jalqabaa garuu jijjiirama biyya lafaa kana irrattis ta’e namoota kan biraa irratti fiduuf ilaalchi keenya jijjiiramuu qaba. Jijjiirama of irrattis ta’e naannoo keenya irratti fiduuf wantoota jijjiiramuu qaban jijjiiruun murteessaadha.
Barreeffamoota hedduu yeroo dubbisnu akkaataa itti biyya lafaa jijjiiruun nu irra jiru ni barreessu. Nutis dubbisneerra ta’a. Inni guddaan garuu namni biyya lafaas ta’e hawaasa naannoo isaa jijjiiruu danda’u nama akkamii akka ta’e nutti himuu hindandaa’an. Namni tokko biyya lafaa kana utuu jijjiiruuf hinka’in dura ofii isaa jijjiiruu, ofii isaa fooyyessuun murteessaadha. Namni hinjijjiiramne jijjiirama fiduu hindanda’u.
Maatmaa Gaandii namni jedhamu akkas jedha, “Jijjiirama ardii kana irratti arguu barbaaddu ta’i” Dura ofiif jijjiirami. Erga ofiif jijjiiramtee biyya lafaa kana jijjiiruun si hindhibu. Sababiin isaa biyya lafaa jijjiiruuf jijjiiramni nama tokko irraa eegala. Namoota kan biraa jijjiiruu dura ofiif jijjiiramuun murteessaadha.
Kanaaf, namootni akka Le’oo Toolestooy “Namootni hedduun waa’ee biyya lafaa kana jijjiiruu malee ofii isaanii jijjiiruu hinyaadan”. Baay’een keenyas tarii waa’ee jijjiirama biyya lafaa malee waa’ee jijjiirama dhuunfaa keenyaa yaaduu dhiisuu dandeenya. Yeroo hedduu biyya lafaa, naannoo keenya yookaan namootni kan biraan akka isaan jijjiiraman barbaaduu dandeenya. Haa ta’uyyuu malee jijjiiramni nu irraa eegaluu qaba. Nuti duraan dursinee waan namoota irraa barbaannu, jijjiirama biyya lafaa kana irraa eegnuufi kkf taanee argamuu qabna. Yoo akkas ta’e guutummaa biyya lafaa kanaa jijjiiruu yoo dadhabnellee yaabbannoo fooyya’ansaa keessaa tokko ta’uu dandeenya. Jijjiiramni nu irraa eegala. Jijjiiramni nu keessatti eegala. Kanaaf duraan dursinee of jijjiiruun murteessaadha.
Darbees jijjiirama of irratti fiduuf ilaalcha keenya jijjiiruun murteessaadha. Ilaalchi (mindset) walii gala amantaa, duudhaafi akkaataa itti ofii keenyas ta’e addunyaa naannoo keenyaa ilaalluudha. Inni kun akka addunyaa kana hubannuuf kanneen nu bocaniidha.
Al tokko tokko guddachaa deemuu irra bakka jirru ho’ifannee taa’uu barbaanna. Haala keessa jirruun takaalamnee jireenya moofaa yookaan seenaa qofa namoota hodeessan taana. Tarii namootni waa’ee keenya yeroo dubbatan nama abdiidhaan jiraatu yookaan nama egeree isaaf sodaataa jiraatu jedhanii dubbachuu danda’u. Isaan kun wantoota dabarsine irraa muuxannoo addaa addaa fudhanneen ilaalcha bocaman ta’ee kan jijjiiramaniidha.
Baroota dabarsine keessatti ilaalchi nuti horannee dabarre kan jijjiiramuu dandaa’aniidha. Gaaffii guddaan garuu nuti ilaalcha haalotni dabarsine nutti fe’an keessaa ba’uuf qophaa’oodhaa? Ofiif jijjiiramuuf qophaa’oodhaa? Yoo ilaalcha keenya jijjiiruuf qophaa’oo taane bakka yaadne ga’uu dandeenya. Dhoksaan namoota jijjiiramaa inni guddaan isa kana. Ilaalcha isaanii jijjiiruuf qophaa’oo namoota ta’aniidha.
Miira isaanii dadhabaa ta’e namoota to’achuu dandaa’aniidha. Haalli al-ta’umsa ta’e sammuu isaanii akka hinto’anne namoota to’aniidha. Namootni jireenya isaanii keessatti milkaa’oo ta’an, namoota wanti isaan itti amananii simatan akka ilaalcha isaanii bocuu danda’u hubatanii of eeggataniidha; wantoota sammuu isaanii to’atu kanas namoota to’achuufi injifachuu danda’aniidha. Inni kun ammoo akka isaan jireenya isaanii, miira isaaniifi ilaalcha isaanii jijjiiran isaan taasisa. Akka isaan yaada al-ta’umsaa gara ta’umsaatti geeddaran isaan taasisa. Yaada wantoota darbanitti hidhaman gara yaada jijjiiramaatti akka ce’an namoota taasisaniidha. Isa kana yeroo jennu yaada moofaatii gara yaada haaraatti namoota ce’uu danda’aniidha. Egaa namni jijjiiramuuf hinqophoofne bara baraan bakka jirutti hidhamee hafa. Bakka hinbarbaachifnetti hafa.
Jijjiirama of irratti fiduu namni fedhu tokko erga qoree of ilaalee bakka rakkoo isaa hubatee booda faallaa ilaalcha isaa kanaan duraa qabaachuun murteessaadha. Ilaalchi keenya kanaan duraa firii barbaachisaa kan nuuf hinargisiisne erga ta’e, bakka yaadne akka hingeenye kan nu danqu erga ta’ee geeddaramuu qaba.
Faallaa ilaalcha sanaa qabaachuun keenya barbaachisaadha. Fakkeenyaaf namni hojii tokko hojjechuu akka hindandeenyetti of ilaalu, namni ofitti amanamummaa hinqabne tokko, namni of daangessee akka waan tokkoyyuu jijjiiruu hindandeenyeetti of ilaalee jiraatu tokko isa kana keessaa ba’uun murteessaadha. Faallaa jireenya isaa isa kanaan duraa jiraachuu qaba. Faallaa isaa yaaduu yookaan jiraachuu jechuun nama jijjiirama fiduu danda’u, wantoota isa daangessaniif nama harka hinlaanne, ilaalcha al-ta’umsaatii nama bilisoome ta’uu qaba.
Faallaa isa kanaan dura isa daangessee jiraachuun barbaachisaadha. Inni kun akka biyyaattis ta’e akka hawaasaatti barbaachisaadha. Karaan keenya kanaan duraa nu hinbaafne taanaan itti yaaduun murteessaadha. Daandii haaraa hordofuun barbaachisaadha. Faallaa yaada al-ta’umsaa ta’umsa yaaduu, faallaa hamminaa gaarii yaaduu, faallaa jibbaa jaalala…jechuudha.
Akkuma beekamu guyyaa tokko qofatti yaadni 65,000 (kuma jaatamii shanii ol) sammuu keenya keessa kan naanna’uufi isaan kana keessaa baay’een yaada al-ta’umsaa akka ta’an qorannoon nimirkaneessa. Isaan kun ammoo yeroo sammuu keenya keessa naanna’an dammaquu dhiisuu dandeenya.
Isaan kun yaada al-ta’umsa ofumaa (automatic negative thought) jedhamanii beekamu. Fakkeenyaaf yeroo hojii tokko eegaluuf yaallu yookaan karoorsinu akka shakkinu kanneen nu taasisaniidha. Tarii milkaa’uu hindanda’uu laata? Danda’ee nan dalagaa laata jennee shakkii keessa akka seennu yaada nu taasisaniidha. Waa’ee hojii eegaluuf jennu akka irra deddeebinee yaadnu kan nu taasisaaniidha.
As keessatti rakkoon guddaan shakkii kana irraa kan ka’e namootni yaada al-ta’umsaa ofumaa kanaan utuu hinbeekin abjuun isaanii utuu hinmilkaa’in hafa. Egaa yaadni akkasii yeroo gara keenyaa dhufu wanti gochuu qabnu inni guddaan xiyyeeffannoo itti kennuun hubachuuf yaaluun barbaachisaadha.
Sababiin isaa wanta adda hinbaafanne jijjiiruun hindanda’amu. Hasaasa keessi keenya dhageessisu, sagalee akka nuti homaa tokko hindandeenye nutti hasaasu, sagalee nu daangessu, dandeettii akka hinqabne sagalee gurra irraa nu huursu duraan dursinee adda baafannaan tarkaanfii barbaachisaa fudhachuun nu hindanqu.
Itti fufa…
Doktar Zarihun Gabree
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 25 Bara 2014