Jecha miidiyaarratti deddeebi’ee dhagahamuudha; ‘taranyummaa’; taraa. Jechichi Oromootti kan dhoobameedha. Bakka fidanii Oromoof kennan hinbeekamu. Dhalattooti Amaaraa biyya kana bara dheeraaf sirna miti dimokiraatawaan biyyattii kana bitaniiru. Hubadhaa bulchanii jiru jechaa hinjiru. Garuu ‘taranyaa’ kan jedheen hinjiru. Yoo jedhamus hindhageenye. Tigireen waggoota 27f biyyattii tana tumee ganaasaa keessatti galchee ture. Namni ykn murni ‘taranyaa’ jedhee maqaa itti moggaase hinjiru. Silaahuu sangaan nama tume mataa arraaba jedhamaa mitiiree.
Jechi ‘taranyaa’ jedhu kun darbee darbee dhagahamuu kan jalqabe bara jijjiiramaatii asiidha. Waggaa tokkoo as mi’eessituu dubbii ta’eera. Mana araqeefi xajjiitti osoo hinhafiin waa’een ‘taranyaa’ ni ka’a. Laaqamee bukaa’a. Hamattooti ganda keenyaallee yoo bunarratti walgahan mata dureen mariisaanii waa’ee ‘taraa’fi ‘taranyaa’dha.
‘Taranyaa’n eenyu? Maaliif jedhame? Eenyuutu moggaase? Maaliif ummata ykn saba tokko ‘taranyaa’ jedhee qoode? Dubbiin kun ummata biratti dubbii ijoodha. Murna siyaasaa ykn hawaasaa keessattis akkasuma. ‘Taraa’fi ‘taranyaa’n bakki hinlixne hinjiru. Kanaafii Kibxata darbes walgahii paarlaamaa keessattis gaaffii ta’ee kan ka’eef.
Jecha ‘taraa’fi ‘taranyaa’ jedhu kana wajjin walqabatee paarlaamaa keessatti gaaffii kan kaasan bakka buutuu ummataati. Oromoo ta’uunsaanii uffataafi dubbiisaanirraa ni beeksisa. Gaaffichi kallattiidhaan kan dhihaateef ministira muummichaatiifi. Gabaabumatti “Ummati Oromoo ‘taranyaa’ jedhamaa jira. Maaliif abbaa ‘taranyaa’ jedhama? Wanti isin beektan jiraa?” kan jedhuudha.
Ministirri muummichaas jecha kanaaf haaraa natti hinfakkaatan. Irra deddeebi’anii dhagahan jedheen yaada. Dhimmichi isaan wajjin kan walqabate akka ta’e beekamaadha. Kallattiidhaan kan isaaniin “Ati ‘taranyaa’dha” jedhu jiraachuu baatus kan ‘taranyaa’ jedhamu isaan dabalatee saba Oromooti. Dhalattoota Oromooti. Aanga’oota Oromooti. Barattoota, daldaltoota, beektota … Oromooti. Firrajaan kun akka nama tokkootti osoo hintaane akka ummataatitti.
Waan ajaa’ibaati. Ammaan tana Oromoo ta’uu qofti ‘taranyaa’ nama taasisaa jira. Oromoo ta’ee namni mirga ofii yoo gaafate ‘taranyaa’ jedhama. Oromoon magaalaa Finfinnee keessatti yoo afaan ofii dubbate taappeellaa ‘taranyaa’ jedhutu kennamaaf. Dhalataan saba kanaa yoo magaalaa Finfinnee keessatti afaan kootiin baradha yoo jedhe mirga keeti namni jedhuun hinjiru. Waan ‘taranyaa’ taateef gaaffii ka’uuf hinmallee kaafta jedhama.
Ittin isiniif dabala. Kan bulchiinsa gandaa dhaqee nama afaan Oromoo dubbatu arge ykn yoo dubbatamu dhagahe jechi sammuutti dhufu ‘taranyaa’dha. Nama sammuu kosii kanaaf ‘taranyaa’ waan ta’eef bulchiinsa gandaatti qacarame malee ganda keessa hojjechuuf mirga hinqabu ykn afaan Amaaraa qofa haasa’uu qaba. Kan konkolaataa miidhagaa taargaansaa Or. ta’e arges ‘taranyaa’ jedha. Konkolaatichi kan Oromoo ta’uus dhiisuus ni danda’a. Garuu Oromoon ‘taranyaa’ jechuuf inuma ta’a. Kan sabaan Oromoo hintaane garuu konkolaataa addunyaarratti gatiinsaanii garmalee miyaawaa ta’een akka bishaanii Finfinneefi bakkeewwan bashannanaa Oromiyaa keessa jiranitti bohaaraa oolan itti hinmul’atan. Yoo mul’atanis isaan ‘taranyaa’ hinjedhaman. Tarii waan Afaan Amaaraa dubbataniif? Tarii Oromoo waan hintaaneef. Jireenya faallaa biyya kanaa! Kan baatu osoo obsuu kan baatamu si dadhabe kan jedhu.
Kana qofaa miti. Oromtichi dafqasaatiin qabeenyaa ni horata jedhamee hin yaadamu. Yoo godoo xiqqoo fooyya’iinsa qabdu keessa jiraatee “ahaa! Innimmaa ‘taranyaa’dha. Ilkaantu itti ciniinnatama. Kan isaanii kan fooqiirratti fooqii ijaaran sun itti hinmul’atu. Yoo maasii wayii qotee tasa TVn mul’ate ‘taranyaa’tiin himatama. Kan isaanii kan waantaa hedduun qotan (sanaayyuu lafa Oromoo) jalaa dhokata. Ammammaa jechi ‘taranyaa’ jettu bakki hinseenne hinjirtu. Manneen barnootaa, taaksiifi atobisii keessa, suuqii daldalaa, mana biiraafi wuuskiillee dhaqqabde jedhama.
Jechi kun irra caala kan dhaadheffamu tokko miidiyaa hawaasaarratti. Anaarkistooti feesbookii ganda sanaa summii kana facaasaa oolu. Yoo kana kaasan malee ‘like’ hin argatan. Qallabamtooti ‘Youtube’ yoo dhimma ‘taraa’fi ‘taranyaa’ kaasan malee kan dhaggeeffateefi galii argamsiisuuf hinjiru. ‘twitter, tiktok’ gabaansaanii kan ho’u jechoota kanneen irra deddeebi’anii yoo dubbataniidha. Miidiyaan idilee biyya keessaafi biyya ambaa kanneen akeeka finxaaleeyyii gaggeessan jechichi waan afaanitti isaan buruqe fakkaata. Galgalaa-ganama haasoftisaanii kana ta’eera.
Bakka buutuun ummataa gaaffii dhimma ‘taranyaa’ wajjin walqabate ministira muummichaatiif kaasan sirriidha. Sabni guddaan kun cubbuudhan maqaansaa baduu hinqabu. Waanuma miidiyaa harkaa qabaniif duulli maqaa xureessuu irratti gaggeeffamuu hinqabu. Jibbi saba kanarratti oofamu, gochaawwan sabaafi sablammoota biraa waliin walitti buusuuf taasisamu “sirrii miti” jedhamuu qaba. Gogaa jiidhaa maru jedhu warri keenya.
Ministirii muummichaa, akkuma gubbanatti kaase gaafficha sirriitti hubataniiru. Warra jecha ‘taraa’fi ‘taranyaa’ dhaadhessanitti deebii gahaa kenneefiira. Haallii deebiin itti kenname yoo miijana dhugaarra kaa’amee madaalame deebiin ministira muummichaa sirriidha. Kan qaamni biraa ‘taranyaa’ jedhamuu malu jechichi Oromootti dhoobame. Ragaafi muuxannoo qabanirraa eegalanii manneen hojii federaalaafi bulchiinsa magaalaa Finfinnee keessa waan jiru ifaan ifatti jarattis, ummatattis himaniiru. Dhaabbilee bebbeekamoo keessa eenyu ‘taranyaa’ akka ta’e lakkoofsaan itti raggaasisaniiru. Aangoo jaarmiyaa siyaasaa biyya bulchaa jiru keessattis qoodamiinsi aangoo maal akka fakkaatu tuttuqaniiru. Kana jarri wallaalanii miti. Kan jechicha dhaadhessaa oolanis akka Oromoon homaa of harkaa hinqabne wallaalaniis miti.
Ispoonsarooti jecha kanaa kaayyoo qabu. Kaayyoon siyaasaa jecha kana duuba jira. Kaayyoon dinagdeesaanii jecha kana duuba jira. Jechichi Oromoo burjaajessuufi doomsuudhaaf kan itti yaadamee tolchameedha. Garuu jaarraa kana keessa namni kanaan doomu yoo jiraate sammuunsaa kan jara kanaa gadii nama ta’e qofaadha.
Oromoon biyya kana keessatti saba guddaadha. Lakkoofsa ummataatiin biyya kana keessa qofatti osoo hintaane ardii Afrikaa keessattuu beekamaadha. Lafti irra qubate bal’aadha, Bal’aa qofas miti. Qabeenyaa uumamaatiin kan badhaadhedha. Dachiin Oromiyaa rimaa albudaati. Lafa gabbataa midhaan biqilchu Oromiyaan bal’inaan qabdi. Bunniifi mi’eessituun adda addaa Oromiyaadhaa baha. Caatii kan biqilchitu Oromiyaadha. Walumaagalatti dinagdee biyya kanaa dhibbeentaa 50 ol kan hirkatee jiru qabeenya Oromiyaadhaa madduurratti.
Warri Finfinnee keessa bashannanaa ummata Oromootiin ‘taranyaa’ jechaa oolaan xaafii adii kan isaan nyaachisu ummata isaan ‘taranyaa’ jedhaniin kana. Ummati Oromoo ofii dukkana keessa bu’ee warra isaan ‘taranyaa’ ittiin jedhaniif ifa. Ofii dheebotee isaan dheebuu baasa.
Akka yaada kootitti sabni Oromoo kan ‘taranyaa’ ta’u dhiisii waan argachuu maluu hinarganne. Ammallee cimee falmachuun mirgootasaa kabachiifachuun dirqama ta’a. Aangoon biyya kanaa akka baay’ina isaati harkatti galfachuu qaba. Bajata bu’uraalee misoomaaf ramadamurraa akka gaheesaatti “naaf qoodamuu qaba” jechuun ‘taranyaa’ isa hintaasisu. Afaan ummata kanaa afaan mootummaa federaalaa akka ta’u gaafachuun, ittiin fayyadamuun dhimma ‘taraatiin walhin qabatu. Gaaffileen biroo hawaasti keenya deebii itti hinargannee ammallee cimanii ka’uu qabu. Waan oftuultotiifi finxaaleeyyiin walqixxummaa sabaafi sablammiitti hinamanne ‘taranyaa’ ittiin jedhaniif qabsoo jalqaberraa duubatti deebi’uu hinqabu. Kana keessatti sabaafi sablamoota wajjin nagayaafi walkabajuun fuulduratti deemuun oftuultota gatii dhabsiisa.
Torban gaarii!
BARIISAA Waxabajjii 11 / 2014