Galma guddaa keessatti namooti hedduun walgahaniiru. Teessoon galmichaa imamii (sarara) sadiin addaa qoodameera. Sadeenuu namaan guutamaniiru. Fuuldura teessoo waltajjii bareedaan qophaa’eera; kan mari’achiistoti irra taa’an. Waltajjichi akka barame teessoo guguddaafi minjaala dagalee dheeratuun guutamee nama hinsodaachisu. Haala adda ta’een qophaa’e.
Yaaduufi dubbachuuf bilisa namaaf kenna. Teessoon ishii xixiqqoo ijatti hinulfaanneedha. Minjaalli masoobii daabboo isa halluudhaan faayeffameedha. Teessoo tokkoof masoobii tokkotu ramadame. Teessoo duuba iskiriiniiwwan xixiqqoofi guguddaa mataduree walgahiifi dhaamsawwan adda addaa qaban ija namaa hawatantu jiru. Biraandiin dhaabbata walgahii kana qopheessee galmichatti miidhagina addaa aguugeera.
Akkaataan teessuma namaas kan baramerraa adda. Kan walmakee miti. Umuriidhaan ykn gahee hawaasa keessatti qabaniin hirmaattoti bakka qophaa’eef qabataniiru. Gartokkeen tokko ijoollee labata manneen barnootaatii afeeramaniif ramadameera. Imamii jiddugaleessaa gaheessota akka kiyyaatu qabate. Imamii sadaffaa maanguddooti akka irra taa’an kabajaan afeeraman. Teessumni haala waltajjiifi mataduree mariitiin akka walsimuufi haala dhaamsa dabarsuun sirriitti itti yaadamee kan hojjatame ta’uu hubachuuf rakkisaa miti.
Jajjabeen kan dhufan manneen barnootaa sadarkaa lammaffaarraayi. Korniyaan dhiirriifi dubartiin walmakaadha. Ijoolleen kunniin barnootasaaniitiin warra ciccimoo ta’aniidha. Cimina barnootaa qofa miti. Kanneen naamusa gaarii qabaniifi ittigaafatamni itti dhagahamu akka ta’e nutti himameera. Bakka bu’insisaanii dhaloota boruuti. Dhaloota boru biyya dhaalu.
Gareen kutaa jidduu qabate beektota, hayyoota, aanga’oota, ogeessota aartiifi namoota ogummaawwan adda addaa qabaniidha. Gareen kun dhaloota ammaan tana biyya hogganu kan bakka bu’eedha. Angoofi beekumsa qaba; dandeettiifi muuxannoo horateera. Hojii hojjataa jira. Seenaa dalagaa jira; seenaa gaariis; fokkataas. Seenaa dhalooti dhaalu ykn baratu. Akkuma amma seenaarraa waan gaariis fokkataas barataa jirru.
Gareen teessoo imamii sadaffaa qabate maanguddoota bakka bu’e. Akkuma jedhameeyyuu maanguddooti umuriifi muuxannoon guddaa ta’an keessa jiru. Abbootiin Gadaafi jaarsoliin biyyaa garee kana keessatti hammataman kan bakka adda addaatii walitti dhufaniidha. Bakka bu’ooti dhaabbilee amantiis keessa jiru. Fakkeenyaaf Abbaan Gadaa Tuulamaa, Goobana Hoolaafi Haati Siinqee Ayyaluu Wiirtuu, jaarsoliin sablammii Gaamoo kanneen araara buusuun beekaman uffata aadaasaaniitiin faayeffamanii miidhaginaafi kabajaan taa’aniiru. Qeesoti, sheekoti, paastarooti, iddoonsaanii garee kana keessa.
Waltajjii miidhagaa akkanaa kana Dhaabbata Pireesii Xoobbiyaatu qopheesse. Kan qophaa’e Magaalaa Hararitti. Matadureen waltajiin kun irratti mari’achiisuuf qopheesse “Duudhaalee Keenya” kan jedhuudha. Duudhaalee akka biyyaatti jiru gaaggaarii, kan dhalooti darban nuu kuusan kanneen haala itti addabaasaniifi biyya ittiin ijaaruuf oolurratti marii hawaasaa taasisuudha.
Akkaataa teessootiin gareen imamii jidduu qabate sun akka riqichaatti fudhatame. Maanguddootaafi dardartoota kan walquunnamsiisu. Maanguddooti waan dhalootaa dabarsan qabu. Seenaa, aadaa, duudhaa… kan maanguddootarraa fuudhee kan dhaloota boru biyya dhaalutti dabarsu garee jidduu taa’e sana. Seenaan qorannoofi qo’annoodhaan sanadeeffamee dhaloota bira gaha. Aadaafi duudhaan hojii aartiitiin, barnootaan walitti darba. Malawwan biroos dabalatuu mala. Hojii kana fiixaan baasuu kan danda’u garee jiddugalaa isa hayyoota, beektota, aanga’oota, artiistota… hammate sana.
Gareen dardaraa hanga dabareen isaan gahutti hojiinsaanii barachuudha. Muuxannoo fudhachuudha. Dardarooti kunniinis duudhaa biyyaarratti akka muuxannoo argataniifi, kan waltajjii kanarratti hirmaatan. Dhaloota jidduu ta’ee akka riqichaatti taa’e sanarraa waan eegan akka gaafatan haalli mijaa’eefiira.
Waltajjii marii kanarratti waraqaaleen qo’annoo mariif yaada bu’uuraa kaa’an hayyoota sadi’iin dhihaataniiru. Barreeffanni tokko kan aadaafi dhuudhaa ummata Haraarii ibsu yoo ta’u waljaalalli, walkabajniifi garaagarummaa keessatti aadaa waliin jiraachuu ummata Harargee kan ibsuudha. Duudhaan kun hawaasa biyya keenyaatiif akka moodeelaatti akka gargaaru namni qo’annicha dhiheesse bal’inaan ibseera.
Waraqaa qo’annoo biraan ijaarama duudhaafi aadaa hawaasichaa gama seeraafi sirnaatiin kan mil’ateedha. Hawaasti aadaa namoomaa kanneen akka guddifataa, moggaafataafi kkf kan qabu ta’uu ibsa. Sirna Gadaa kan biyya keessatti dhalate kan garuu biyya keenya bira taree addunyaa fayyaduu danada’u akka qabdu balballoomse.
Aadaafi duudhaaleen hawaasti tolfate kunniin osoo walitti qabamanii barreeffamaan sanadeeffamanii dhaloota bira gahanii biyya ijaaruu keessatti gahee guddaa akka qaban ibsame. Sadaffaan hidhata xiinsammuu (qorqalbii) sabaafi sablammiileen biyya kanaa qabanirratti xiyyeeffatee kan dhihaateedha.
Anaaf qo’annoowwan sadeenuu waan ibsuu qaban ibsaniiru. Waan dubbachuu qaban dubbataniiru. Garuu akka biyyaatti waldhageeffachuun, waliif abboomamuun jiraa? Gaaffii jedhu natti kaase. Akka hawaasaattis ta’ee akka sabaafi sablammiitti aadaafi dhuudhaaleen sabaafi sablammii walitti fidan, hawaasa waljaalachiisan, biyya ijaaran hedduutu jira.
Ummati Oromoo waan waggoota hedduuf kuusaa dhufe keessattuu yaadrimeewwan sirna Gadaa wajjin walqabatan waan hedduu of keessaa qaba. Dargaggootaaf kophaatti sirna qaba. Dubartootaaf tumaa addaa tumeera. Jaarsaafi jaartiidhaaf, gaheessotaaf akkuma waliigaalattuu yaadrimeewwan gaggaariin jaarraa 21ffaatti madaquu danda’an baay’eetu jiru. Sabaafi sablammiin biroos akkanuma qaba.
Garuu hagam ittifayyadamaa jirraa qofa osoo hintaane ittifayyadamuuf qophii taanee? Yoom inni tokko kan isa kaanii tuffachuu dhiisee aadaafi duudhaa keenya jedhee fudhata? Yoomuma yaadama kiyya qofatu caala jedhu keessaa baana? Hanga ilaalcha akkanaa kana keessaa hinbaanetti duudhaawwan sabaafi sablammii kan biyyaa ta’uu dhiisanii kanuma saba ykn sablammii tokkoo qofa ta’anii hafu. Kunimmoo hawaasicha walitti fiduurra kan addaan fageessuudha.
Wantin marii yaada eebbifamaan qophaa’e kanarratti argaa ture keessaa tokko garuma isa barretti duufuu (cookka’uu)dha. Yoo seenaa jedhamu kanuma sobaan tuulamaa dhufe sun kan itti mul’atutu ture. Yoo aadaa jedhamu kan aadaa sabaafi sablammii dagatutu ture. duudhaa yoo jedhamu duudhaa gara tokkotti harkisuutu ture.
Yaadani akkasii kun biyya kana eessanuu hingahu. Kan baramuu qabus, kan dhalooti duubaan dhufaa jiru kun hubatuu qabus kanaadhuma. Waan waloo sabaafi sablammiirraa walitti fidnee jidduutti waan gaarii uummachuu.
Gama kanaan abbaan waltajichaa, Obbo Binnaalfi Andu’aalam waan gaggaarii kaaseera. Anis isaanan barreeffama koo goloba. Akka isaan jedhanitti, dhalooti haarofti waantota sadiirratti xiyyeeffachuu qaba. Inni tokko seenaa biyya kanaa isa sirrii ta’e barachuudha. “Dhalooti seenaa irraa ka’e hinbeekne gara itti deemu hinbeeku” jedhan. Sirriidha. Seenaa barachuun dirqama. Seenaan baratamu sun seenaa sirrii kan dhugaa himu; kan haqa baasu, kan gaariin gaarii jedhu; kan yaraan yaraa jedhu ta’uu qaba.
Inni biroon dhalooti haarfoti hubachuu qabu garaa garummaa keessatti waliin jiraachuudha. Abbaan waltajjichaa kana sirriitti jala muranii himan. Yoo garaa garummaan sabaaf sablammii hin kabajamne, yoo gatiin hin kannamneef ta’e biyyattiin jiraachufuu akka rakkattu himan. Kanaaf, dhalooti kun tokkummaa garaa garummaa kabaju ijaaruu akka qabaniidha.
Sadaffaan, duudhaafi aadaa ofii sirriitti beekuuf yaaluu, beekanii ijaarsa biyyaatiif itti fayyadamuudha. Gama kanaanis dhalooti duubaan dhufaa jiru akka itti yaadu dhaamsa guddaa dabarsan.
Xumurarratti maangudooti seenaafi duudhaa jiru beektotaafi hayyootatti akka himan, hayyootiif beektotimmoo haala ogummaasaanitiin dardarootaaf akka dabarsan dhaamame. Waan gaarii hundumtuu fudhachuu qabu jedheen amana.
Torban gaarii!
Dachaasaa Roorrootiin
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 4 Bara 2014