“Finfinnee Kutaa Magaalaa Gullalleetti bokkaa cimaa tibbana roobeen barataan tokko lolaadhaan fudhatame. Ganna kanatti barattoonni oggaa gara manneen barnootaa dhaqanis ta’e deebi’an maatiis ta’e barattoonni of eeggannoo barbaachisaa taasisuu qabu.”
Odeeffannoo gaddisiisaan kuniifi ergaan isaan walqabatu kun kan kenname Komishinii Ittisa Sodaa Balaa Abiddaa Magaalaa Finfinneerraayyi.
Egaa yeroon amma keessa jirru tibba gannaa, yeroo bokkaan roobee lolaa uumu, sigigni lafaa mudatuufi balaawwan isaan walqabatan uumamaniidha.
Keessumaa balaa lolaa sababa jijjiirama qilleensaatin dhufuufi rooba cimaa gannaatiin uumamu jalaa baraaramuuf ammuma, otoo roobni cimee, lagni guutee balaa hinqaqqabsiisiin duraan dursanii of eeggannaa barbaachisu gochuun daran murteessaadha.
Kanaafis akeekkachiisa duraafi raaga haala qilleensaa Inistiitiiyuutii Meetrolojii Biyyaalessaarraa karaa maloota quunnamtii adda addaatiin kennaman fudhatanii hojiirra oolchuun daran murteessaadha.
Keessumaa jiraattonni naannawa sulula Laga Awaashiifi kanneen birootti argaman balaa lagichi wagguma waggaan isaanirraan gahu bareechanii waan beekaniif of eeggannaa duraa dammaqinaan raawwachuu qabu.
Oromiyaafi Affaaritti lagni Awaash, Naannoo Kibbaatti haroo namtolchee Gibeetiin akkasumas Gaambeellaatti Lagni Baaroo madda sodaa tibba gannaa waan ta’aniif of eeggannoo barbaachisu gochuun waan hamma liibsuu ijaatiifillee dagatamu ta’uu hinqabu.
Keessumaa akka Oromiyaatti Godinaalee Shawaa Lixaa, Shawaa Kibba Lixaa aanaalee gara garaatti Lagni Awaash yeroo hedduu tibba Gannaa guutee danbali’uun ummata gandoota baadiyyaa lagichaan walqabatan qe’eefi qabeenyasaarraa buqqisuun beekama.
Kanaaf, qaamni dhimmi ilaallatus Itoophiyaatti balaa lolaa baadiyyaattis ta’ee magaalaatti ganna wajjin walqabatee mudachuu malu ittisuurratti dursee hojjechuun akkuma jirutti ta’ee yeroo kanattis hojiilee gabbisa hubannoorratti cichee hojjechuu qaba.
Balaa lolaa tibba gannaatiin walqabatee mudachuu malu ittisuuf koreeleen sadarkaa federaalaatti waajjiraalee ministeerotaafi caasaalee naannoleetti hundeeffaman dhimma kanaaf xiyyeeffannaa kennanii qindoominaan hojjechuun irraa eegama.
Kanas karoora ofeeggannoo, bakkeewwan saaxilamoo addaa baasuufi hojii kaartaa lolaafi isaan walqabatan raawwachaa hawaasni hojiilee ofeeggannoo duraa kanneen akka yaa’a lolaa qulqulleessuufaa raawwannee balaa lolaa dhufu jalaa ofis walis haa baraarru.
BARIISAA SANBATAA Waxabajjii 4 Bara 2014