Waaliyaafi Fari’oonni Maalaawitti wal falmu

Finfinnee: Koreen Kubbaa Miilaa Afrikaa kan wayita ammaa Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa “CAF” jedhamuudhaan beekamu ALA bara 1957 magaalaa guddoo Sudaan, Kaartuumitti akka hundeeffame seenaan ni mul’isa.

Yeroo san miseensonni waldichaa Misir, Itoophiyaafi Sudaan yoo ta’an, baruma kana waancaan kubbaa miilaa kun Amajjii 10-16 bara 1957 magaalaa guddoo Sudaan Kaartuumitti biyyootuma sadan kanneen jidduutti akka adeemsifamu murtaa’e.

Walmorkii adeemsifamettis Misir tapha maahessaatti Itoophiyaa 4-0n mo’achuudhaan waancaa isa jalqabaafi seena qabeessaa yoo fudhattu, Itoophiyaan lammaffaa, qopheessituun waancaa Sudaan ammoo sadaffaa ta’uun xumuran.

Sababni wancaan kun biyyoota sadan kanneen jidduutti adeemsifamees yeroo sana biyyoonni Afrikaa hedduun kolanii jala waan turaniifi. Haata’u malee, yeroo gabaabaa keessatti biyyoonni hafanis suuta suuta bilisa bahuun ammaan tana miseensonni konfedereeshinichaa 54 gahaniiru.

Walmorkiin kun erga jalqabee waggoota 66 kan lakkoofsise yoo ta’u, waggottan kanneen keessatti osoo addaan hincitin yeroo 33ffaaf biyyoota addaddaatti adeemsifameera .

Waggaa lamatti al tokko kan adeemsifamu waancaan kun yeroo 33f biyyoota miseensota konfedereeshinichaa 18tti keessummeeffameera.  Biyyoonni 15s waancaa kana argataniiru.

Misir yeroo 25 hirmaachuudhaan al kudhaniif tapha maahessaa qaqqabuun torbatti shaampiyoonaa ta’uun Afrikaarraa biyya duraati. Waancaa tokko ammoo kan dhuunfaa taasifatteetti. Akkasumas yeroo sadi sadaffaa, sadiitti ammoo sadarkaa arfaffaa argachuu dandeesseetti.

Kaameeruun ammoo waancaa kana yeroo lama keessummeessuudhaan al torba tapha maahessaaf dhihaachuun shanitti shaampiyoonaa yoo taatu, lamatti lammaffaa, lamatti ammoo sadaffaa taateetti.

Gaanaan gamasheetiin yeroo sagaliif tapha waancaaf dhihaachuun afuritti shaampiyoonaa ta’uu dandeesseetti. Waancaa tokko kan dhuunfaa godhachuudhaanis biyya beekamtuudha.

 Itoophiyaan ammoo waancaa kanarratti yeroo 13 hirmaattee al sadiimmoo keessummeessiteetti. ALA bara 1962 waancaa sadaffaa ofumasheetiif qophessitee Finfinneetti hambifteetti.

Waancaan Afrikaa kun yeroo 34ffaaf ALA bara 2023 Kotidivaaritti akka adeemsifamu Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa “CAF” sagantaa baaserraa beekuun danda’ameera.

Walmorkii kanaafs biyyoonni Afrikaa 48 Ramaddii 12tti qoodamuun tapha gulaalaa garee adeemsifachuuf qophiirratti argamu. Haaluma kanaan Itoophiyaanis Ramaddii “D” keessatti Misir, Maalaawiifi Giinii wajjiin ramadamuun tapha gulaalaa kanarratti hirmaachuuf qophii taasisaa jirti.

Tapha jalqabaashee Maalaawii wajjin magaalaa guddoo ishee Liiloongiwe, Istaadiyoomii Biinguutti adeemsifachuuf boru garasitti akka qajeeltu beekameera.

Gareen Waaliyaa achuma turuun ALI Waxabajjii 2 bara 2014 Misir wajjiin akka taphatu sagantaa konfedereeshinichi baase ni beeksisa.

Sababii taphni lammaffaa kun achitti akka adeemsifamu godhameef istaadiyemonni Itoophiyaa tapha biyyoolessaa keessummeessuuf sadarkaa “FIFA” hinguutan jechuudhaan “CAF” dhorkuusaatiini.

Taphattoota 25 of keessaatti kan hammate Waaliyaan qophii kanaaf Wiixataafi Kibxata darbe tapha michummaa lama garee Leesetoo wajjiin Istaadiyoomii Yunivarsitii Saayinsiifi Teknolojii Adaamaatti godhateera. Waaliyaan taphawwan godhate lameenittuu walqixa 1-1n ba’eera.

Leenjisaan Waaliyaa Wubatuu Abaataa walmorkii gulaalaa kanaaf taphattoota piroofeshinaalota biyya alaa dabalatee kanneen liigiiwwan biyya keessaa 28f waamicha gochuun isaan keessaa shan hambisuun 23 qofa fudhatanii deemuun isaa kan yaadatamuudha.

Ramaddii Itoophiyaan keessa jirtutti kan argamu gareen Fari’oonotaa (Misir) walmorkii kanaaf taphattoota pirofeeshinaalota kilaboota Awurooppaaf taphataniif waamicha gochuun qophaa’aa jira.

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 27/2014

Recommended For You