Bakkalcha qabsoofi urjii dammaqiinsa siyaasa Oromoo: Jaal Galaasaa Dilboo

– Sirni awwaalcha goota kanaa har’a raawwatama.

Finfinnee: Ummanni Oromoo cunqursaa barootaaf gatiittisaarra ture qolachuuf boolla hinseenamne seenee dachaa hinba’amne bahee abidda qabsoon waadamee aarsaa jabaa kaffaleera. Aarsaa kafalamee kana keessatti qabsaa’oonni Oromoo, gootoonni gaafa xiiqii, Oromoon boquun gadii cabee arguu hinbarbaanne, warra miidhamni Oromoo imimmaan dhiigaa isaan boosiisu adda durumaan hadhaa aarsaa Oromoo dhandhame.

Goota Oromoo Oromummaan hundeen akka dhaabbatuuf umurii dargagguummaasaanii aarsaa gochuun tabbaafi raarree Oromiyaa, baddaafi gammoojjii biyyoota ollaa keessatti aarsaa kaffalaa turan keessaa tokko kan ta’an, iddoo dhalootaa Godina Wallagga Bahaa Magaalaa Naqamtee kan himatan qabsoo Oromoo Keessatti yeroo murteessaa wayita Oromoon hoggansa barbaadutti “Ani jira” juchuun Oromummaafi qabsoo Oromoo kan baraaree har’aan gahe gameessi siyaasaa Jaal Galaasaa Dilboo boqatan jechuun Oromoof gadda guddaa; biyyaattif kisaaraa siyaasaati.

Bitootessi 21 bara 2014 galgalaa’ee goota kanaa osoo hinbari’iin hafe. Obbo Galaasaa Dilboo akkayoosaanirraa copha Oromummaa dhandhamaa kan guddatan, dhibbaan garboomsitootaa firaafi maatiisaanirratti hanga maqaa jijjiirurratti raawwatan keessoosaanirratti aarii naqee, nama “Oromoon maaliif cunqurfama?’’ jedhee gaafatu isaan taasiise. Raacitiin akkoosaaniifi dhiibbaan naannoorraa ga’e argan garaasaanii keessa bultees, erga mana barnootaatti tuuta ijoollee Oromootti makamanii qabsoo finiinsuu egalanimmoo hanga har’aattu Oromummaa faajjii godhatanii hanga lubbuunsaanii baatutti Oromummaa malee jireenya dhuunfaasaanii hinqabaatiin, osoo maatii hinhoratiin qabsoo Oromoorratti yeroosaanii dabarsan.

Jaal Galaasaa Dilboo yeroo dargaggummaasaaniitti maatii horatanii jireenya dhuunfaasaanii jiraachuu osoo danda’anii hiddi qabsoo Oromoo akka adda hincinneef umurii dargaggummaasaanii qabsoo hidhannootti dabarsan. Bara 1966 gara qabsoo Oromootti kan makaman Jaal Galaasaan ergamasaanii jalqabaa gara Shaambuutti ergamuun qabsa’oota diddaa gabrummaa baqatanii lagatti galan loltoota mootummaa waliin waldhaansoo walqaban akka gurmeessan ergamanii hojii gaarii hojjetaniin amantummaa guddaa argatan. Erga Yunvarsiitii Finfinnee seenaniis Ministira Mummee Mallas Zeenaawwiifaa waliin akka Gamtaa Baratootaa Itoophiyaa hogganuurratti dorgomuun mo’atanii sochii baratootaa hoggana turaniiru.

Gameessii siyaasaa kun nama walqixummaa sabootaatti amanu, yeroo Itoophiyaan waa’ee federaalizimii hinabjoonetti, sirni abbaa irree daraaree saggoo sabaaf sablamootaarratti jigee jirutti, Galaasaa Dilboo garuu “Ani sabakoof falmeen sabni koo ummata kana haa bitu” jedha osoo hintaane, “mirgi sabaafi sablamootaa haa kabajamuu, mirga saba kamiyyuu hindhiibnu, sabni kamiyyuu biyya nagaan keessa jiraatu haaijaarru’’jechuun dubbachaa turan. Gameessi siyaasaa riqichi qabsoo Oromoo, qabsoo dhumaatii gootoota Shinnigaarratti raawwatee yeroo Oromoon adda dureewwansaa dhabeetti, “Oromoo taanee baanee Somaalee taanee hingallu” jechuun, Magarsaa Bariifaafi gootoonni Oromoo kudha sadii yeroo iddoo tokkotti dhuman san, dhiignisanii dhangala’e lafa bu’ee biqilee firii haagodhatu jechuun nama adda durummaan qabsoo Oromoo walitti ittiche turan gootichi Galaasaa Dilboo.

Yeroon kun yeroo hoggantoonni ABO qabsoo finiinsaa turan itti ajjefaman waan ta’eef, yeroo Oromoon waan qabuuf gadhiisu dhabe ture. “Goota rakkinatu dhalcha!’’ akkuma jedhamu,y eroo dhiphuu kana keessatti nama bakka bu’ee Oromummaa har’aan gahe ture Jaal Galaasaa Dilboon. Bara 1960tarraa eegale qabsoo kan eegalan gameessi kun 1978tti yeroo ABO’n bakka lamatti cabuun mooraa Oromoo keessatti gooliin uumamu gaggeessaa umuriisaa malee jaarsummaan irraa tolu “Oromoon tokkoomu malee sadarkaa kanatti adda cabnaan cabee hafa” jechuun, bara 1980ta mudama argachuun ABOfi ABO garee Jaarraa walitti deebisuu nama danda’e ture.

Kana malees yeroo Dargiin qabsoofi qabsaa’oota ABO balleesuuf humna lafaafi qilleensaa fayyadamuun Oromoorratti dhibbaa gochaa ture san holqawwaan Shanan Koluu Furdaa bal’aa keessatti argaman “Oromummaan faajjii tokkummaa keenyaati; Oromummaan kallacha ittiin beekamtii keenyaati” jechuun hawaasa barsiisaa turuu maanguddooni Sikkoo Mandootu ragaa bahaafi.

Galaasaan akka leenca saafelaa suluula Gobeellee keessa naanna’uun hidhannoon diina harcaasaa turuu Warraa Ituutu dubbataafi. Galaasaan yeroo Oromoon dhiibbaa keessoo, dhiibbaa Dargiifi wareegamtoota gootoota Shinnigaatii adda faca’ee honga’eetti goota hoggansa jabaa kennuun Oromootti suga horee Oromoof abdii; diinaaf yaaddoo akka ta’uutti jabeesse nama dhaabe, nama Oromoorraa oolmaa baayyee qabuudha.

Jaal Galaasaa Dilboo nama tooftaafi adeemsa sirnaa qabu; Oromticha jaalalli Oromummaa irratti daraaree ija godhachaa har’a gahe, “keenya malee kiyyaa” nama hinbeekne; qaxalee namaa; abbaa qabsoo Oromooti. Qabsaa’aan kun osoo Oromoof qabsaa’uu Oromummaarraa osoo hinmixxiqiin lubbuun dabarte. Lubbun darbuu goota kanaan walqabtee qondaaltonni mootummaafi namoonni bebbeekamoon kaan, duuti nama kanaa biyyattiif miidhaa guddaadha jedhan.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahimad gaddasaanii erga ibsatanii booda, akkatti Jaal Galaasaa beekan akkanaan ibsan. “Jaal Galaasaan yeroo warraaqsa barattootaarraa eegalee bilisummaafi walqixxummaa uummata Oromootiif guddoo qabsaa’aniiru, keessumaa yeroo qabsoof Somaalee keessa turanitti rakkoofi gidiraa hedduu akka dabarsan natti himanii turan” jedhan.

Jaal Galaasaan boqochuun biyyattiif kasaaraa guddaadha, keessattuu ammatti baayyee barbaachisu turan jedhanii, hamaafi gaarii bu’aa bayii qabsoo keessatti isaan mudate kaasuudhaan dargaggoonni akka irraa baratan ifaajaa turuusaanii ibsu.

“Jaal Galaasaan nama callisan, hubataa, waan godhan kan sababaan madaalaniifi dubbii nagaaf eenyummaa mijatu nama qaban ta’uu eeranii, “Jaal Galaasaa kan dhabne yeroo itti baay’ee nubarbaachisanittidha. Waaqayyoo lubbuusaanii nagaadhaan haa boqochiisu” jechuun gaddasaanii ibsaniiru.

Afayaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Itoophiyaa Obbo Taaggasaa Caafoo, miseensi mana marichaafi hayyu dureen duraanii ABO JAal Galaasaa Dilboo du’aan boqachuutti gadduu ibsaniiru.

Afayaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan gamasaaniin Qabsaa’aan Oromoo gameessi, “Cunqursaa alagaaf falli qabsoo hidhannoodha” jedhee kaleessa saba isaarraa falmaa ture, Hayyuu Dureen duraanii ABO, Miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa har’aa, Jaal Galaasaa Dilboo dhibee tasaa isaan mudateen lubbuun darbuu isaatiin Caffeen Oromiyaa gadda guddaan kan itti dhagahame tahuu ibsaniiru.

Pireezidantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa boqochuu Obbo Galaasaa Dilboon gadda itti dhagahame ibsanii, duuti qabsaa’aa buleessa kanaa akka birbirsa jigeeti jechuuti jedhanii, “Oromiyaan birbirsa cimaa tokko dhabdee jirti. Gameessa qabsoo bilisummaa Oromoo, jabaa gaafa rakkoo umriisaa guutuu Oromoof wareege, Jaal Galaasaa Dilboo du’aan addunyaa kanarraa boqochuun gadda cimaa natti dhagahame ibsaa Ummata Oromoo maraaf jajjabinan hawwa,’’ jedhan.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee gamasaaniin “Umrii isaa guutuu bilisummaa uummataaf qabsaa’aa kan jiraate, namni siyaasaa hangafni Obbo Galaasaa Dilboo lubbuun darbuu isaatti gaddi guddaan natti dhaga’ameera,’’ jedhan

Uummata biyyattii guutuuf, firoottan isaaniifi maatii isaanii hundaafis jajjabina onneerraan hawwaniiru.

Barreessaan Olaanaa IGAD Warqinaa Gabayyoo (PhD) “Umurii isaanii guutuu qabsoo Oromootiif kan gumaachan JaalGalaasaa Dilboo, Hayyu dureen duraanii ABOfi qabsaa’aan gameessi Oromoo, du’aan boqachuu isaaniitti gaddi natti dhaga’ame guddaadha. Lubbuun isaanii jannatatti haa qananiisu” jechuun gaddasaanii ibsan.

Namni siyaasaa gameessi Oromoo, qondaalli Kongireesii Federaalawaa Oromoo Obbo Jawaar Mohaammad, “Obbo Galaasaa Dilboo ifaajee umrii guutuu saba kanaaf gooteef galanni kee jannata haa ta’u! nagaan boqodhu,” jechuun ergaa gaddasaanii ibsuu agarsiisu karaa toora feesbuukii isaanii maxxansaniiru.

Jaal Galaasaa Dilboo qondaaltota siyaasaa jijjiirama biyyattii keessatti dhufeen affeeramanii gara biyyaatti deebi’uun qabsoo karaa nagaatti seenan keessaa filannoo Itoophiyaa marsaa jahaffarratti dhuunfaan dorgomuun miseensa paarlaamaa ta’anii turan.

Sirni awwaalchaa Jaal Galaasaa Dilboo har’a, Bitootessa 24 bara 2014 Bataskaana Kaateediraalii Qiddista Sillaaseetti gaggeessaan gootaa taasifamuufiin kan raawwatamu ta’uus koreen qindeessaa dhaabbate ibseera.

Sinqinash Alamuutiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 24 Bara 2014

Recommended For You