“Baatutti namni amantii garaagaraa qabaatus, awwaalli isaa bakkuma tokko” – Obbo Gazzahaanyi Dajanee

Baatuu: Hayyu duree haroowwan sulula qiinxamaa, mi’aawaa dhandhama uumamaa, mijeessaa jireenya dhala namaa, bakka hormaata qurxummii uumamaa, wanti hundi isumaan waamamaa, Haroon Dambal sun akkam jiraree amma?

Mee waa aramaan sun attam ta’e laata? irraa hir’achaa jiramoo itti hammaataa? Qurxummiin bade sun hoo deebi’ee laata? Harri faalame sun qulqullaa’ee laata? Bishaan lagatame sun hoo dhugamaaraa laata? Dhufaa darban hunduu kanuma walgaafata. Isa faalamaa bishaanii sana gaaf biroof bulfannee, xiyyeeffannoo har’aa aramarratti deeffanne.

Waggoottan muraasaaf bifa weeraraatiin qarqara Haroo Dambaliitti babal’achaa kan ture aramaa Bocee, hanga ammaatti hirmaannaa ummataatiin lafa heektaara 43 ta’u irraa qulqulleessuu Bulchiinsi Magaalattii ni ibsa.

Qarqara Haroo kanaatti aramaan kun lafa heektaara 56 ta’u qabachuu kan himan Kantiibaan Magaalaa Baatuu Obbo Gazzahaany Dajanee, sochii itti fufiinsaan ji’oota lama keessatti taasifamaa tureen hanga ammaatti ummata kuma 15 hirmaachisuun lafa heektaara 43 ta’urraa qulqulleessuu danda’amu dubbataniiru.

Haroo Dambaliifi Magaalaa Baatuu qulqulleessuun hojii xiyyeeffannoo jalqabaatiin hojjataman ta’uu himanii, erga qulqullaa’een booda qabeenya uumamaa magaalattiin badhaateen beeksisuun harkisa turiizimiitiif oolchuun hojii itti fufiinsaan hojjatamu ta’uu himu.

Akka ibsasaaniitti, Haroon Dambal Haroowwan sulula qiinxamaa keessatti argaman keessaa bal’inaafi dheerinaan sadarkaa duraarratti kan argamuudha. Kana qofaas osoo hintaane gosoota shimbirroo biyya keenya qofatti argamani dabalatee qabeenya uumamaa hedduun kan badhaadheedha.

Haroon kun odola shan kan qabu yemmuu ta’u, akka addunyaattuu Ayyaanni Cuuphaa hararratti eegalee hararatti bakki itti xumuramu yoo jiraate Haroo Dambalitti. Kanaaf immoo haroo kana qulqulleessanii hawata turiizimiitiif oolchuun hojmanee bulchiinsa magaalichaa keessaa isa olaanaadha. Hojii invastimantii garagaraatiifis magaalattiin mijattuu ta’uu kan himan Obbo Gazzahanyi, qarqara Haroo Dambalitti lafati hektaara 20 ol ta’u invastaroota eeggachaa jiraachuus ibsaniiru.

Gama nageenyaatiinis magaalattiin tasgabooftuu ta’uu bira darbee, wal diddaafi waldhiibbaan amantiiwwanii darbee darbee iddoo tokko tokkotti ka’u magaalaa kanatti kan hin yaadamne ta’uus kaasaniiru.

Kanaaf immoo ragaa guddaan akkuma addunyaattuu kan argamee hinbeekne iddoon awwaalaa amantii hundaa mooraa tokko ta’uusaa himu. Namni amantii kamiyyuu hordofu gaafa lubbuun darbu bakki itti awwaalamu bakkuma tokko malee qofa qofaatti hinjiru jedhaniiru. Kunis duudhaalee waliin jireenyaafi waldanda’uu amantiiwwanii keessatti akka fakkeenyaatti kan ka’uu danda’uu ta’uu kaasu.

Namni yeroo gabaabaa keessatti misoomsuuf kutannoo qabuufi ofiisaafi magaalattiis fayyaduuf qophii ta’e kamiyyuu haala mijataa qophaa’e kanatti fayyadamee gara magaalaa Baatuutti dhufuudhaan hojiisaa akka eegaluufis waamicha dhiheessaniiru.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 17 Bara 2014

Recommended For You