Zayitii nyaataa litira miliyoona 12 ol gara biyyaatti galchuufi

• Ji’ota sadan dhufanittis waliigala zayitii liitirii miliyoona 150ni kan galu ta’a

Finfinnee: Mootummaan zayitii nyaataa litira miiliyoona 12.5 ariitiin gara biyyaatti akka galuuf hojjechaa jiraachuu Ministeerri Maallaqaa beeksise.

Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee ibsa tibbana kennaniin, hanqina zayitiifi qaala’insa jireenyaa biyyattitti mudate tasgabbeessuuf zayitiin jedhame biyya gala jiraachuu eeranii, kana keessaa zayitiin liitira miliyoona 4.8 biyya galuun waldaalee garagaraaf raabsamaa jiraachuus himaniiru.

Dabalataan ji’oota sadiif ji’a ji’aan zaayitii miiliyoona 50 gara biyyaatti akka galuuf murteerra gahamuus himaniiru.

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 10 Bara 2014

Recommended For You