Paartiin Badhaadhiinaa hoggansarratti tarkaanfii gargaraa fudhate

Finfinnee: Paartiin Badhaadhinaa qorannoo yaa’ii jalqabaa tibbana taa’een hoggantoota paartichaa kuma lamaafi 574 hoggansa irraa akka ka’an taasisuu hime.

Pireezdantii Ittaanaan Paartichaa Obbo Adam Faaraah yaa’ii jalqabaa Paartii Badhaadhinaafi haal dureewwan yaa’iicha dura geggeeffaman ilaalchisuun ibsa laataniiru.

Ibsasaanii kanaanis paartichii yaa’iichaan dura qorannoo taasiseen hoggantoota kuma 108fi 258 qorachuun hoggantoota kuma 10fi 658 irratti sadarkaa adda addaatti tarkaafiiwwaan adda addaa fudhateera jedhaniiru. Hoggantoota kuma 10fi 658 keessaa kuma lamaafi 574 hoggansa irraa akka ka’an taasifamuus himaniiru.

Kanneen hafan irratti immoo ofeeggannoo cimaafi salphaa, sadarkaarra gad buusuufi bakka jijjiruun kan raawwatame ta’uu eeranii, hoggantoonni kunneen naamusa ogummaa, kenninsa tajaajilaa, milka’iina hojii hojjetanirratti qabaniifi kanneen biroon kan qorataman ta’uu ibsaniiru.

Yaa’ichaan paartichi imaanaa uummanni paartichatti kenne galmaan gahuuf qorannoo barbaachisu taasisuu himaniiru. Seerota rakkisoo ta’aan fooyyeessuu, dhaabbilee dimokraasii bilisa akka ta’an taasisuudhan hojiin hojjetame firii gaarii buusuus qorateera jedhaniiru.

Raawwii hojii misoomaarrattis qorannoon kan geeggeffame yoo ta’u, qulqullina pirojeektota hojjetamanii, ariitii ittiin hojjetamaniifi baasii baay’ee humnaa olhin taaneen akka hojjetaman kallattin kaa’amuusaa ibsuusaanii TOI gabaaseera.

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 10 Bara 2014

Recommended For You