Erga RIB Tigraayii ba’e ummati dararaa keessa jiraachuu dargaggoonni naannichaa ibsan

Finfinnee: Erga Raayyaan Ittisa Biyyaa (RIB) naannoo Tigraayiin gadhiishee bahe ummanni naannichaa dararaa keessa jiraachuu dargaggoonni gara naannoo Amaaraatti baqatan ibsan.

Bittaa shoroorkeessaa ABUT mormuun gara naannoo Amaaraatti dargaggoonni baqataa jiran yaada Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin ji’a WAxabajjii RIB naannicha gadgiisee ba’eerraa kaasee, loltoonnu garichaa mana manarra deemuun maatiin ijoolleesaanii akka kennan, dargaggoonni gara waraanaa akka deeman, ummanni qallaba akka safaruufi dhiibbaa gargaraa irraan ga’uun dararaa jiraachuu himu.

Midhaan nyaataa, qorichifii meeshaaleen deggarsa biro xiyyaaraan gara Tigraay seenaa jiraatus, shororkeessichi ABUT ittiin daldalaa jiraachuu dubbatu.

Oduu biraatiin, mootummaan ummataa Tigraayiif deggarsa barbaachisaa akka nyaataafi dawaa dhaqqabsiisaa jiraachuu, Ministeerri Dhimma Alaa beeksise.

Ministeerichi ibsa baaseen mootummaan ummataa Tigraayi deggarsi namoomaa akka qaqqabu taasisaa jiraachuu beeksise.

Guyyaa kaleessaas nyaata konkolaattota 20fi boba’aa konkolaattota sadiin karaa Affaar Samaraa gara Maqaleetti imaluu eegaluu ibseera.

Yeroo dhiyoottis guyyaa guyyaan lakkoofsa konkolaattoota deggarsa namoomaa fe’uun gara naannichaatti imalan 40n gahuuf hojjetamaa jira jedhameera.

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 10 Bara 2014

Recommended For You