Abbootii amantiifi jaarsolii biyyaa waliin mariin taasifame

Finfinnee: Ministeerri Nageenyaa Mata duree “Federaaliizimiifi Ijaarsa Nageenyaa Itoophiyaatti” jedhuun Abbootii amantiifi jaarsolii biyyaa wajjin Magaalaa Bishooftuutti mari’ateera. Marii kanarratti Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee, abbootiin Amantiifi jaarsoliin biyyaa hirmaataniiru.

Ministeera Nageenyaatti Ministir Deetaan Damee Federaaliizimiifi Waldhabdee Hogganuu Doktar Siyyum Masfin biyyattiitti, walitti bu’iinsi sababoota garagaraan akka uumamu eeranii, ministeerichis kana furuuf hojjechaa jiraachuu ibsu. Duudhaan ummati biyyattii qabu federaalizimii cimsuuf gumaacha guddaa akka qabu Ministeerri Nageenyaa ni amanas jedhaniiru.

Ministeerichis Abbootii Gadaa, Abbootii Amantii, jaarsolii biyyaafi qaamota hawaasa garagaraa wajjin ijaarsa nageenyaafi federaaliizimiirratti mari’achaa jiraachuu himaniiru.

Qaamonni maricharratti hirmaatanis marichi hubannoo federaalizimiirratti qaban kan gabbisu akka ta’eefi nageenya waaraa fiduu keessatti gaheesaanii kan bahan tahuu himuusaanii OBN irraa odeeffanne.

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 10 Bara 2014

Recommended For You