Miseensonni Shanee karaa nagaatiin harka kennatan

Finfinnee: Godina Arsii Lixaatti miseensonni Shanee karaa nagaatiin Qajeelcha Poolisii Godina Arsii Lixaatiif harka kennataniiru.

Ittigaafatamaan Waajjira Bulchiinsaafi Nageenyaa godinichaa Komaandar Geetaachoo Taayyee, sochii hoggansi siyaasaafi qaamoleen nageenyaa abbootii gadaafi hawaasa bal’aa waliin taasisaniin miseensonni Shanee karaa nagaatiin harka kennachaa jiru jedhan.

Miseensonni Shanee kunniinis Godina Arsii Lixaa Aanaa Heeban Arsiitti harka kennataniiru. Kana boodas hawaasni hunduu nageenya ummata godinichaa eeguuf qaamolee nageenyaa waliin tumsuun miseensonni Shanee bosonatti hafanis harka akka kennataniif waamicha dhiheessaniiru.

Hogganaan Qajeelcha Poolisii Godina Arsii Lixaa Gargaaraan Koomishinaraa Darajjee

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 3 Bara 2014

Recommended For You