Finfinnee: Ministirri Muummee Itoophiyaa, Doktar Abiyyi Ahimad Wiixata darbe hojii ijaarsa piroojektii babal’isa Warshaa Qorqoorroo Adaamaa eebbisan. Warshichi bara 2003 birri miiliyoona 40 kan ijaarame yoo ta’u qorqorroofi mismaara oomishaa tureera.
Yeroo ammaa kaappitaallii warshichaa qarshii biiliyoona 7.8 kan gahe yoo ta’u, hojii babal’isuufis baasiin qarshii biiliyoona 5.6 baheera jedhameera.
Warshichi hojii babal’isuu kanaanis hojii kanaan dura hojjetutti dabalataan oomishaalee sibiilota addaddaa kan hojjetu ta’uu ibsameera.
Warshichi hanga yoonaa lammiilee 900f carraa hojii kan uume yoo ta’u, gara fuulduraatti yeroo guutummaan hojii jalqabutti lammilee kuma sadii oliif carraa hojii kan uumu ta’uun ibsameera.
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 3 Bara 2014