“Waldaaleen Hojii Gamtaa bu’aa barbaadame akka fidan yoo barbaadame imaammanni qophaa’uufi qaba” – Komishinar Firee Alam Shibaabbaawu

Adaamaa: Waldaaleen hojii gamtaa keessumaa ji’oota ja’an darbanitti bakkeewwan waraanni itti adeemsifametti rakkoo olaanaaf saaxilamuusaanii Komishiniin Hojii Gamtaa Federaalaa ibse.

Komishinarri komishinichaa Fire’aalam Shibaabbaawu waltajjii qorannoo hojii ji’oota ja’aa kaleessaafi har’a Adaamaatti taa’amerratti akka jedhanitti, komishinichi ejensiirraa gara komishiniitti kan jijjirame yoo ta’u, akka haaraatti gurmaa’uun cinaatti, bakkeewwan miidhaan qaqqabeetti deebisanii hojiitti galchuufi karoora waggoota kudhanii Ministeerri Qonnaa fedhii biyya keessaa omisha biyya keessaatiin guutu jedhu milkeessuuf hojjetamaa tureera.

Bu’uuruma kanaan waldaaleen hojii gamtaa naannolee hojii bal’aa hojjechuutti seenuu eeranii, kanumaan walqabatee rakkooleen akka hanqina mankuusaa, ilaalcha utuu hinhojjetiin argachuuf yaaluufi kkf mudachuu waan danda’aniif gamanumaa xiyyeeffannaadhaan hojjechuu barbaachisa jedhu.

Hojii baay’een kan hojjetamu naannoleerratti waan ta’eef gama kanaan humniifi dandeettiin waldaalee akka cimuuf hojiin ijaarsa dandeettiifi ammayyeessuu xiyyeeffannaadhaan kan hojjetamu ta’uu ibsu.

“Waldaaleen hojii gamtaa ammayyaa yoo jiraatan qonna dhiibbaafi miidhaa kamirraayyuu oolchuun ni danda’ama. Kana malees waldaaleen kunneen bu’aa barbaadamu fiduun hawaasaafi biyya akka fidaniif imaammannii qophaa’eefii ittiin hogganamuu qabu. Seerriifi qajeelfamni namni seeraan ala hojjetu ittiin gaafachuu danda’u qophaa’uu qaba. Mootummaanis kana hubachuun gaaffii komishinichaa deebisuun qonnaan bultoonni akka fayyadaman taasisuu qaba” jedhu.

Waldaaleen Hojii Gamtaa gabaa, tasgabbeessuu keessatti qooda olaanaa akka qaban kan himan komishinararittiin, keessumaa Finfinneetti waanti gabaa Sanbataafii Oro-Fireeshiin hojjetame jalqabbii gaariifi magaalota kaaniittillee baratamuu qabu ta’uu kaasu. Kanarratti garuu furmaatni waaraa akka dhufuuf galii matayyaa ummataa guddisuufi omishaafi omishtummaa dabaluu akka barbaachisu ibsu.

Ittigaafatamtuun Babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa Aadde Masarat Asaffaa yaada Gaazexaa Bariisaaf kennaniin, akka naannichaatti ji’oota ja’an darban hojiin waldaalee cimsuu, babal’isuu, nageenyasaanii eegsisuufi bu’a qabeessa taasisuuf hojjetamaa turuu eeranii, gama kanaan hojii gaariin galmaa’uu dubbatu.

Gama biraatiin hojii agiroo pirosasingiitiin omishatti sona dabaluun gabaaf dhiheessuu tahuu kaasanii, kanaanis boqqolloo, qamadiifi garbuu biiraarratti hojii bal’aan hojjetamuu kaasu. Makaanaayizeeshiniin walqabatees kilaastaraan qonna ammayyeessuuf, keessumaa qamadii bonaarratti hojii jajjabeessaan hojjetamuu ibsu.

Akka Aadde Masarat jedhanitti, waldaaleen hojii gamtaa keessumaa magaalootatti gabaa tasgabbeessuuf shoora olaanaa taphataniiru. Akja waliigalaatti hanqinoonni muraasni jiraatanis hojiin hojjetame jajjabeessaadha. Hundaa ol garuu rakkoon waldaalee hojii gamtaa hiikamee bu’aa barbaadamu akka fidaniif imaammanni qophaa’uu qaba” jedhu.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 26 Bara 2014

Recommended For You