Yeroo tokko obbolootni sadii dhaala irratti walitti bu’anii rakkoon cimaan yeroo isaan muudatu gara nama hawaasa keessatti fudhatama qabuufi beekaa jedhamu tokkoo dhaqan.
Innis rakkoo isaan mudate erga isaan irraa dhaggeeffatee booda akka armaan gadiitti walitti bu’iinsa tokko malee akka furan, inni kun ammoo walitti dhufeenya isaanii akka cimsu beekaan kun ogummaadhaan mala dha’eef. Abbaan ijoollee kanaa dhaala isaan irratti wal dhaban kana kan kenneef dhukkubsatee du’uuf yeroo jedhu ijoolleensaa sadan gaalota 17 gargar akka hirmaataniif kenneef.
Akkaataan hirmaannaa isaaniis. Ilmi inni angafaa gaalota kudha torba keessaa walakkaa akka fudhatu, inni itti aanu gaalota jiran keessaa 1/3ffaan akka kennamuuf inni quxusuun gaalota kana keessaa 1/9ffaa akka fudhatu waadaa seeneefii du’e.
Erga abbaansaanii du’ee booda ijoolleen kun gaala 17 bakka lamatti hiruun hindanda’amu, warri kaanis ga’eesaanii argachuuf nidanqaman. Rakkoo kana waantota lamatu hiika. Inni jalqabaa mareedha ykn humnaan walsaamuudha.
Fala rakkoosaaniif gara beekaa biyyaa bira gorsaaf oggaa dhaqan rakkoosaanii furuufii utuu hinta’in akka isaan ofiisaaniitiif furataniif gargaare.
Inni kun yaada tasgabbaa’aa, waldhaggeeffachuu, rakkoo jiru gadi fageenyaan hubachuu, akka isaan yaada burqisiisan gochuun furuu ture. Ijoolleen sadanis rakkoonsaanii kan furamu maree, ilaafi ilaamee qofaan ta’uu hubachuun gara mareetti deebi’an.
Kanaaf, ijoolleen kunniin gaala tokko fidanii akka dhufan ittihime. Isaanis yeroo gaala tokko fidan warra 17tti ida’ee gaalota 18 taasise. Ittifufuun isa angafaaf walakkaa, gaalota sagal kenneef.
Isa ittaanuuf 1/3ffaa, gaalota jaha kenneef. Isa quxusuuf ammoo 1/9ffaa, gaalota lama kenneef. Dhumarratti gaala hafe tokko abbaa isaaf deebise. Mareen, ilaafi ilaameen, rakkoo nama mudateef waliin mala dhahuu keessa furmaatatu jira.
Biyyi lafaa of tuulummaarraa kan ka’e isa kana dagate; humnatti hirkate. Inni kun ammoo furmaata ta’uu dadhabe garuu walitti dhufanii mari’achuun rakkoo hiika.
Yeroo hedduu namoonni kan walitti bu’an miirasaanii tasgabbeessanii mari’achuu dadhabuurraa ta’uun beekamaadha. Darbee mareen jijjiiramuuf fedhii qabaachuu barbaada. Nama biraas dhaga’uu gaafata. Sababiinsaas namoonni rakkoo jiruuf dhugaa hindhaban. Waan itti amananis niqabaatu. Namni tokko haqa namni biraa qabu yoo ukkaamse gara walitti bu’iinsaatti geessa. Kana dura garuu rakkoo jiruuf mala dhahuun ogummaadha.
Wanti dagatamuu hinqabne walitti bu’iinsi namoota giduutti yeroo uumamu gama garaa garaan dhugaan jiraachuu danda’a. Inni kun ammoo beekumsaafi ogummaa irratti karaa hundaa’een gartuu rakkoon mudate walitti fiduun mari’achuun murteessaadha.
Mareen rakkoo jiru hiika. Sababbiin isaa namoonni yeroo waldhaban yaada furmaataa, yaada giddugaleessa ta’ee walitti isaan buturratti xiyyeeffachuun hanga tokko walitti kan deeman ta’uu qabu. Fiixee gamaafi gamanaa irra dhaabatanii rakkoon hinhiikamu. Haala kan kootu caalaan jiruttis cichuun rakkoo jiru yoo itti caalchise malee hinfuramu. Carraa argatanittis utuu hinfayyadamin darbu.
Keessumaa barri keessa jirru kun akka Addunyaatti bara waliigalteen itti qisaasa’e, biyyoonni gara garaa meeshaa dimshaashaan nama duguugutti hirkatanii borii dhalootaa barbadeessuuf tattaafatan, waldhaga’uu irra na dhaga’ii, rakkoo jiru ilaafi ilaameen hiikuurra waraana, beekumsarra miira, ogummaarra gowwummaan bara itti dhaale fakkaata.
Haa ta’u malee malli gaariin waraana hamaa dhaloota miidhuu oolaniifi rakkoo dhufee darbuufi namoota walficcisiisuu daangessan inni guddaan mareedha. Isa kaleessaa akka seenaatti ilaaluun irraa barachuudha.
Inni borii garuu murteessaadha. “Lama na hinsuufan jette jaartiin qullubbii hattee” jedhu mitii? Rakkoo kaleessaa lammata ofitti fiduun balaa hamaadha. Tarii irraa barachuun nidanda’ama. Adeemsi bara darbee erga nu hinbaasnee har’as ta’ee boris nu hin baasu. Isa kana itti yaaduun murteessaadha. Jijjiiramaaf of qopheessuun gaariidha.
Akkuma beekamu bara rakkooleen gara garaa gama nageenyaafi siyaasaan mul’atan keessatti meeshaan furmaataa inni guddaan mareedha. Egaa bara keessa jirru kana biyyoonni hedduun rakkoolee gama siyaasaan jiru, haalota irratti walii hingalleefi kanneen gara loliisaatti isaan geessurratti maree gita biyyaalessaatti qopheessuun rakkoo bara dheeraa sababa dhumiisaa ta’aa turan hedduu furaa jiru.
Biyyoonni hedduun milkaa’aniiru, maraammartoo siyaasaafi walnyaachuu keessaa bahanii biyyaafis ta’e dhalootaaf sababa jijjiiramaa ta’aniiru; ta’aas jiru. Ilaafi ilaameen rakkoosaanii hiikkatanii, boriisaanii irratti hojjetaniiru. Haa ta’u malee biyyi tokko attamitti rakkoo keessa jirtu meeshaan utuu hinta’in mareen hiikkachuu dandeessi? Mareen sababa milkaa’insaas ta’e sababa kufaatii attamitti ta’uu danda’aa gaaffii jedhuufi kkf qabaachuu dandeenya. Isaan kana gabaabaatti haa ilaallu.
Biyyoonni maree taasisan kaan milkaa’aniiru; kaan ammoo akka yaadame hintaaneef. Mareen yeroo akka biyyaalessaatti geggeeffamu, hawaasni waliin jiraatu wantoota irratti walii galtee dhabe walitti dhufee mareen hiikkachuuf yaalii inni taasisuudha.
Mareen biyyaalessaa rakkoo gama siyaasaatiin mul’aturratti qaamonni dhimmi ilaallatu waliin mari’achuun gara waliigalteetti akka dhufaniif haala gaarii mijeessuudha.
As keessatti wanti dagatamuu hinqabne rakkooleen biyyoota hundumaa tokko miti. Rakkooleen jiran biyyaa biyyatti adda ta’uu danda’u. Kana keessatti namoonni hundi ga’ee qabu. Sababiinsaa mareen biyyaalessaa egeree biyyaafi dhalootaa bocuu keessatti ga’ee guddaa qaba. Rakkoon har’aa akka bor itti hinfufne gochuufi taasisuudha.
Kanaaf ammoo murtoonsaa kan namoota muraasaa miti. Kan dhaabbilee siyaasaa ykn warra beektota jedhamanii qofa miti; kan saba bal’aati. Kan tikfatus sabicha.
Hundumatu keessatti hirmaata. Dargaggoonni, dubartoonni, beektonni, dhaabbileen siyaasaafi waliigalatti maree namoota hundaati. Hundumatu egeree biyyasaafi dhalootasaarratti waliigaltee kaa’ee darba. Egaa inni kun carraa guddaadha, carraa dhaloonni muraasni argataniidha. Isa kana seenaa biyyoota adda addaa keessatti agarreerra.
Biyyoonni har’a kaleessasaanii yaadatanii gaabban utuu carraa akkasii argataniiru ta’ee lafa har’a hinjiran. Biyyoonni akka ‘USSR’, Iraaq, Liibiyaafi kkfn carraa akkasii hinarganne. Gama biraanis carraa kana argatanii sirriitti ittifayyadamuu kan dadhaban rakkoo hamaaf saaxilamaniiru. Isaan keessaa muraasni kanneen akka Yamaniifi Sudaan eeruun ga’aadha.
Inni kun mareen dhugaa jiru walhubachiisuudha; rakkoo jiruuf waliin mala dhahuudha; gartuuwwan hundi moe’ee galuuf kan falmu utuu hinta’in walitti dhiyaatee, waliin mari’atee rakkoo jiru hiikuudha; borii biyyaafi dhalootaa jijjiiruudha.
As keessatti wantoonni dagatamuu hinqabne mareen biyyaalessaa kan nama tokkoon ykn paartii siyaasaa tokko qofaan milkaa’u miti. Qaamoleen jiran hundi walitti dhufuun, haala namoota hunda hammateen waltumsuun, rakkoon kaleessaa akka furamuuf egereen biyyaafi dhalootaa akka geeddaramuuf waliin hojjechuudha.
Yoo sirriitti namoonni haala jiru daandii beekumsaafi haqa, iftoominaafi dhugaarratti hundaa’uun ilaalcha sirriin dhiyaatan, namoota jijjiiruuf qofa utuu hinta’in ofiifis tarkaanfii barbaachisu of irratti fudhachuuf garakuteeyyii hawaasaafi biyyarratti xiyyeeffatanii hojjechuun jijjiirama bor galateeffachiisu fida.
Asirratti jabaatanii hojjechuu kan qaban dargaggoota. Dhaabbileen siyaasaa tarii gara fedha mataasaaniitti harkisuuf yaaliin taasisan dhaloota diduu danda’an, maree taasifamu yaada qajeelaan, hubannaan kan irratti hirmaatan, jijjiirama biyyaafi dhalootaa kan dursan, waan hojjetan bilchinaan kan raawwatan ta’uun murteessaadha.
Hayyoonnis beekumsasaaniif kabaja kan kennan, waanti taasisan kan dhaloota miidhu utuu hinta’in kan dhaloota geeddaru akka ta’u halkanii guyyaa kan tattaafatan ta’uu qabu. Qaamni maree keessatti hirmaatu marti xiyyeeffannaansaa rakkoo walxaxaa jiru nagaan akka furmaanni dhufu taasisuu, rakkoon kaleessaa deebi’ee sababa miidhamaa akka hintaane gochuufi kkf irratti hojjechuun murteessaadha.
Sababbiinsaa mareen taasifamu bor dhaloota gargaara. Biyya dhaloonni keessaa hinbaqanne, biyya mirga namaa kabajju, seenaa walitti bu’iinsaarraa guutummaatti walaboomteefi dhaloota boriif qopheessitu, biyya seeraafi tasgabbii sirriin keessatti dagaage, hawaasa walqixxummaatti amanu akka horattuuf isa kaleessaafi maraammartoo keessa jirtu furmaataan hiikuun murteessaadha.
Maree biyyaalessaa keessatti bifa walaba ta’een hawaasni wantoota burqaa rakkinaa ta’an gara garaarratti gadi fageenyaan mari’achuun kan naaf ta’a jedhurratti waliigaltee barbaachisaa taasisuun sammuufi ilaalcha ammayyaa’aan, miiraafi anatu caalaarraa walabaa’ee murteessuun borii biyyaafi hawaasaa geeddara.
As keessatti garuu nama jijjiiruu qofaaf utuu hinta’in ofiifis jijjiiramuuf qophaa’oo, kan koo qofatu sirriidha jenneee yaaduu irra isa kaanis dhaggeeffachuun, dhugaa qabatee jiru hubachuufi kabajuu, dhugaa qabnuuf tarii borii biyyaa nigeeddara, dhalootarratti jijjiirama fida jennee kan yaadnu yoo jiraate haqa daandii sirriiifi bilisa ta’een dhiyeessuun waliigalteef of qopheessuun murteessaadha.
“…barri keessa jirru kun akka addunyaatti bara itti waliigalteen qisaasa’e, biyyoonni gara garaa meeshaa dimshaashaan nama fixutti hirkatanii har’a qofa utuu hinta’in borii dhalootaa barbadeessuuf waldhaga’uu irra na dhaga’ii, rakkoo jiru ilaafi ilaameen hiikuurra waraana, beekumsa irra miira, ogummaa irra gowwummaan bara itti dhaale fakkaata.”
Doktar Zarihun Gabree
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 26 Bara 2014