Finfinnee: Guraandhalli seenaa Itoophiyaanotaa keessatti bakka olaanaa qaba. Innis guyyaa biiftuun bilisummaa gurraachotaa itti baateefi harqoonni gabrummaa itti cabe waan ta’eefi.
Guyyaan kun waggaa waggaan ilmaan sabaaf sablammii Itoophiyaa biratti hedduu kan kabajamu yoo ta’u, qabsaa’ota wareegamaniif guyyaa yaadannoon itti taasifamuufii ta’ee kabajama.
Humna faashistii Xaaliyanii meeshaa waraanaa ammayyaan of ijaaree dhufeef osoo hinjilbeeffatiin sabaafi sablammiileen Itoophiyaa waliin dhaabachuun ofirraa qolatanii walabummaa gurraachotaa mirkaneessaniiru.
Sabaafi sablammiin dur waliin dhaabatee waliif lolaa ture haar’a walwaraanuun akka diinaatti walilaaluun walbuqqisuun walajjeesuun daran kan isaan gaddisiise ta’uu manguddoonni ni dubbatu.
Ayyaana Aduwaa waggaa 126ffaa Finfinnetti kabajamerratti turerratti argamuun gaazexaa Bariisaa wajjin turtii kan taasisan Manguddoo Laggasaa Shibbiruu, dhimmi Tigraayiifi Amaaraa “jaarsa biyyaa hinqabanii laata?” kan nama jechisiisu ta’uu ibsu.
Jiraataa magaalaa Finfinnee kan ta’an manguddoon kun, waldhabdee naannoolee Amaaraafi Tigraay akkasumas Affaar gidduutti mudatee jiruuf jaarsoliin biyyaa bobbahanii furuu qabu jedhu.
Jaarsi biyya waldhabdee kan ollaasaa wajjin jiraatu mitiitii daangaa darbee araarsa kan jedhan Obbo Laggasaan, gaaga’ama hinmalle keessa walseensisuun ilmaansaaniif haaloo kahuunsaanii sirrii miti jedhu. Ammas yeroonsaa hindabarre jedhanii haalli mijateefii araaraaf ta’uu uumamuu akka malu dubbatu.
Injifannoo Adwaarratti galmaa’e kan sabaafi sablammoonni waliin dhaabbatanii galmeessisaniidha kan jedhan Manguddoo Laggasaan, waldhabdee naannolee kanneen lameen gidduutti jiru kanaaf jaarsoliin furmaata kennuuf ga’umsa qabaachuu ibsu.
Kun ta’us obbolummaasaanii kaleessaa sana dagatanii har’a ija hamaan oggaa walilaalan jaarsoliinis callisuunsaanii sirrii akka hintaane himanii, dhimmi daangaas yoo jiraate jaarsolii bira osoo hindarbin araaraaf dursa osoo kennanii gaarii akka ta’e kaasu.
Manguddoon Shaambal Giwoon Dheeressaa gamasaaniin, jaarsi rakkoo furuu keessatti bakka olaanaa qaba jedhaniiru.
Naannolee lameen keessaa jaarsoliin babahanii waldhabdee muudate mariifi araaraan furanii tokkumma biyyaarratti waliin dhaabachuun murteessaadha jedhu.
“Naannoon Tigraay qaama Itoophiyaa ta’uu dagachuu hinqabnu” jedhanii, walitti bu’insa jiru mariifi jaarsa biyyaatiin furuun jireenya hawaasumma ganamaatti deebi’uuf hunduu of qopheessuu akka qabu dhaamaniiru.
Haata’uutii haalli yeroo ammaa naannoolee lameen gidduu jiru gara naannoolee birootti akka hin babal’annee fi tokkummaa biyyaarratti rakkoo akka hin uumne jaarsoliin biyyaa gaheesaanii taphachuu akka qaban dhaamaniiru.
Mootummaanis sochii mariifi araaraa eegale kana cimsuun yeroo gabaabaa keessatti nageenya Itoophiyaa mirkaneessuu akka qabus dhaamaniiru.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 26 Bara 2014