“Dhaloonni har’aa walta’iinsa ummatoonni Itoophiyaa waraana Adwaarratti agarsiisanirraa barachuu qaba” – Barsiisaa Gazzaahany Lammii

Finfinnee: Dhaloonni har’aa walta’iinsa ummatoonni Itoophiyaa waraana Adwaarratti agarsiiserraa barachuu akka qaban Yunvarsiitii Ambootti hayyuu qorqalbii Gargaaraa Pirofesaraa ibsan.

Hayyichi gaafdeebii dheengadda Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, Xaaliyaanonni dursannii weerara qorqalbii taasisaniin ummanni gurraachi qaroomina seenaafi amantii akka hinqabnetti dhiyeessuufi gaddaantummaa gurraachaa leellisuun akka fudhatan taasisan.

Dhaloonni ammaa sonawwan ummatoota Itoophiyaatti fayyadamuun, garaagarummaa walii kabaju, miira walqixxummaafi aantumaatiin waliin dhaabbatanii falmuu dhaaluu qabu kan jedhan barsiisaan kun, jaalala biyyaa qabaachuun, tokkummaa qabaachuufi garaagarummaa walii kabajuun walqixxummaatti amanuun, haqaafi dhugaaf jiraachuun injifannoo boonsaatti akka nama geessu Adwaarra barachuu qabu jedhaniiru.

‘’Abbootiin keenya Adwaatti wareegaman faayidaa addaa argatanii miti. Waraana Adwaarratti ummanni Oromoo gahee leencaa taphatus injifannochi kan ummatoota Itoophiyaa hundaati” jedhu.

Pirezdaantii Ittaanaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii gamasaaniin akka jedhanitti, Ayyaanni Injifannoo Adwaa, ayyaana dhaloota har’aaf boriitiif hiikkaa guddaa qabuudha. Kabaja Ayyana Adwaa baranaa adda kan taasisu dhaloonni ammaa humna shoroorkessaa juuntaa kan itti barbadesseefi Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa anniisaa maddisiisuu yeroo eegaletti ta’uu eeranii, ummanni Itoophiyaa garaa garummaa hamma fedhe qabaatus dhimma biyyaaf dursa akka kennu yaadachiisaniiru.

Ministir De’eetaan Aadaafi Ispoortii Aadde Warqinash Birruus gamasaaniitiin, gootonni akka Gabayyoo Gurmuufi Baalchaa Saafoo loltootasaanii dura bu’uun weerartuu Xaaliyaanii saalfachisuun seenaa gaarreen Adwarratti raawwatan Artistiifi qabsaa’aan mirga dhala namaa Hacaaluu Hundeessaa sagaleesaa miidhagaan dhaloota barsiisee darbeera jedhan. Ayyaanni Adwaa yeroo kabajamutti Artisti Haacaaluu Hundeessaa dagachuun kan hindanda’amne ta’uufi ‘’Nuti ijoollee Baalchaa Saafoofi Gabayyoo Gurmuu waan taaneef ittiin boonna’’ jedhaniiru.

Yaadannoo guyyaa injifannoo Adwaa waggaa 126ffaa mataduree, ‘Adwaan Itoophiyaanotaaf Gamtaa, Afrikaanotaaf calaqqee bilisummaati’ jedhuun Roobii darbe kabajamee ooleera.

Sinqinash Alamuutiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 26 Bara 2014

Recommended For You