Ummanni Oromoo gurmaa’iinsa Sirna Gadaan ijaramee bulaa akka ture ni yaadatama. Yeroo booda garuu babal’ina daldalaafi tamsa’ina amantaa addunyaa lamaaniirra guguddaarraa kan ka’e iddoo tokko tokkotti Sirni Gadaa laafaa dhufe hawaasni Oromoo amantaa jaraa fudhate. Gareen maatii Oromoos Gadaa dhiisee jaratti makamuun kan ofiis qabatee jireenya isaa itti fufuutu beekama. Kunis tokkummaa Oromootiif rakkoo ta’e alagaaf garuu balbala saaquuf carraa uume. Gareen lamaan kun garuu kan Oromoo aadaas ta’e amantiisaa mormuun abaaraa turan aadaa ummatichaas lagatan. Kunis mormii guddaa akka kaasaa turetu yaadatamaa.
Yaata’uutii akka baay’ina ummata Oromoofi bal’ina lafasaatti biyya kana kaaba hanga kibbaatti, bahaa hanga dhiyaatti tamsa’ee waan jiraatuuf ummata Itoophiyaa walitti firoomsuufi walitti dhufeenyaaf riqicha ta’uun akka waliin jiraatan gochuu danda’eera. Oromoon jaratti yaa makamu malee isaan garuu akka saba ofiitti fudhachuu diduun aadaafi eenyumaa isaayyuu jibbuun haqasaa balleesuun akka Oromummaasaa gatu hanga ammaatti itti duulaa turan.
Garee hordoftoota amantaa lamaaniifuu Oromoo to’achuuf caarraa guddaa ture. Gareen gara kaabaafi kaaba lixaa dhawata Gadaa dhiisee siyaasa Abbaa Lafaa ykn Abisiniyaa keessatti kan makame yoo ta’u, kan hafes garee musliimaatti makamuun faallaa jaraa ta’uu eegale. Oromoonni hafanis Gadaadhumaan buluun jiraachuu eegalan. Oromoonni kuunis daldalatti makamuun garee jiraa magaalaafi hawaasa magaalaa ta’e.
Warri Hambaan walitti makame aadaa Oromoo irraanfachaa deeme. Gadaa dhiisanii sulxaanotaafi hoggantoota gosaan buluu jalqaban. Kunis kan raawwachaa ture dhawaataani malee Oromiyaa mara altokkotti kan raawwate miti. Jijjiiramni kunis kan ta’uu danda’e jaalatanii otoo hinta’in haaluma qubaatiifi murtii geggeessitoota gosa naannichaatiin ture. Waanti guddaan gaggeessitoonni naannichaa michoomaafi ykn dirqama yeroon gaafaturratti hundaa’un kan ta’e waan tureef tokko tokkoon isaanii kaasuun rakkisaadha.
Akkuma beekkamu Oromoon sirna ittiin bulaa ture niqaba. Yaa ta’uutii dhawataan kan ofii dhisuun ykn humnaan mo’amee akka kan isaa gatu diirqamee jaratti akka makamu ta’eera. Haaluma kanaan seenaa keessatti kan beekamu garuu Oromoota gara kaabaa jiraatan kan amma saba biraa ta’an nannoo Galaana Diima (Argiiggoo) yoo ta’an, jaarraa 15faa keessa namni Bahaara Nagaashi Doorii akka isaan bulchaa ture barreessaan (L.Alvares) jedhamu ibsee ture.
Kan biraa Oromoota Yeejyuu yoo ta’an, Raas Alii Guddicharraa kaasee hanga Raas Alii xiqqaatti waggoota 90 ta’uuf kan Gondor bulchaniidha. Kuns siyaasa biyya kanaatti makamanii tokkummaaniifi biyya kana yeroon ijaaruun itti eegalameedha. Isaan duras mootummaan Gondor keessatti kan beekaman mootonni akka Susiniyoos, Faasil, Iyyaasu, Bakkaafafi kan biraas Oromoota akka ta’an seenaan isaanii kan duubaa kanuma ibsa.
Yeroo booda garuu duula gareen gaggeesitoota amantiin Oromoorratti gaggeeffamaa tureen jibbiinsi guddaan uumame maqaa Oromoo xureessuun siyaasarraa akka fagaatu godhamaa ture. Jaarmiyaan mana sagadaa kun bara kamuu kan haaroomsi isa hinxuqneefi olola Oromoo alagoomsuu kana kan hinjijjiirreedha. Diddaa guddaan Oromoon gochaa ture amanticha fudhachuu diduu otoo hinta’in gareen lachuu aadaa ummatichaaf qabaniifi afaan Oromootiin kennamuu dhabuu amantichatti akka dafanii hinmadaqne isaan godheera.
Gareen amantaa kiristaanaa afaan Gi’iziitiifi Amaaraan kan kennamu yoo ta’u, kan musliimaa immoo afaan Arabaatiin kan kennamuudha. Yaata’uuti ummanni Oromoo dhiibbaa kana dandamachuun rakkina isaan uumaniif yaamicha godhamuun ijaarsa biyyaa keessatti ga’ee guddaa taphacha ture. Gulantaa ykn fuula seenaa kanarratti waggoota lamaafi walakkaa dabraniif dhimma seenaa Oromoofi qubsumasaa ragaa qabatamaafi Oromoon ummata bal’aafi jiraataa duraa kaabaafi bahaa Afrikaa akka ture ibsaa turuun keenya ni yadatama.
Kanatti aansinee immoo ijaarsa Itoophiyaa ammayaa keessatti ge’ee inni taphateefi wal’ansoo ykn diddaa inni gochaa turerratti xiyyeeffana. Akkuma ibsame, Oromoon ummata bal’aafi baay’inaanis kaaba bahaa Afriikaa keessaa isa duraati. ummanni kun Gadaa malee yeroo booda sirna abbootii biyyaafi Amiirootatti akka ijaaratte ofbulchaa ture ni beekamaa. Mootummaa sheekotaa /sulxaanoota/ shawaa kun bara 896/7 shawaa keessatti kan ijaarame isa duraa yoo ta’u, motummaan Oromoota Yejjuu isa lammaffaadha.
Mootummaan kun lamaanuu duulaafi malamaltee garee mootota Abisiiniyaan erga kufee booda humni Oromoo gara kaabaa jiru kufaa ka’aa, laafaa dhufe. Mootummaan ‘Yeshewaa Sulxaaneet” jedhamu turtii waggoota 400 booda bara 1270 (A.D) keessa kufe gara bahaa Harargeetti baqachuun ‘Yeshewaa Sulxaneet’ kan jedhu dhiisee maqaa ‘Adaal Sulxaaneet’ jedhuun of gurmeessee humna kiristaanaa offirraa rukutee deebisus waggoota 400 booda garuu humna mootii Teedroos, Yoohaannis, Minilikiin ijaaramuun duula Oromoo of jalatti galchuu itti fufe, haaluma kanaan duula Oromoorratti godhamaa tureefi tokkummaa Itoophiyaa ijaaruu maal akka fakkaatu tokko tokkoon yaa ilaallu.
Oromoon Walloo damee Baareentumaa ta’ee qomoo Karrayyuuti. Oromoonni Walloo bara dheeraadhaaf ummata maalummaasaanii jijjiiruuf qabsoon bara dheeraa irratti gaggeeffamaa tureedha. Sababa qabsoo bara dheeraa kanaan taa’umsi giddugaleessaa mootota gara kaabaatii ka’aniif xiyyeeffannaa keessa galee ture.
Sochii bifa kamiinuu naannichatti ta’u jalaa bilisa ta’uu hindandeenye. Ummata babal’iinsi amantii, jijjiiramni dinagedeefi dhiibbaan hawasuummaa hedduu miidhaa ture keessaa Oromoonni Walloo isaan hangafa. Lolicha qomoo gidduutti ka’uu, waldhabdeen amantiifi jeequmsi daldalaa naannoo sanaa bakka kamittuu calqabu ennaa itti Walloo bira hinga’in hafe hinjiru. Walloo yoo jennu Oromoota Yejjuu akka dabalatu dubistoonni akka nuuf hubatan barbaanna.
Ittifufa…
Obbo Alamaayyoo Hayilee: Hayyuu Seenaa yoo ta’an wayita ammaa Giddugala Aadaa Oromootti qorataa seenaafi dursaa garee seenaati.
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 19 Bara 2014