Tokkummaan biyyaa waliigaltee biyyaaleessaatiin ala hin yaadamu

Bayyanaa Ibraahimiin

Jijjiiramni siyaasaa waggoota afur dura qabsoo ummataatiin dhufe rakkoolee siyaasaa waggoota hedduuf biyyattii keessa turan ni fura jedhamee abdiin guddaan kan irratti gatame ture.

Namni hundi rakkoofi fedhii dhuunfaa yookiin akka gareetti qabu akka milkaa’uufiif hawwuurraa kan ka’e garuu jijjiiramni siyaasaa mootummaa ADWUI diiguun dhufe akka eeggametti hunda gammachiisuu dhabuu qofa osoo hintaane, seenaa biyyattii keessatti waraanaafi qormaata hamaa keessa akka galamuuf sababa ta’eera.

Jijjiiramni siyaasaa waraanaan maleetti sirna nagaatiin walharkaa fuudhiinsa aangootiin goolabame sun boodderratti akkamitti waraana hamaaf biyyattii saaxileen gaaffii cimtuu deebii quufsaa barbaaduudha amantaa jedhun qaba.

Siyaasni Itoophiyaa mari’atanii waliin turuurra walballeessanii darbuu aadaa yeroo dheeraa taasifate keessaa har’as bahuu dadhabuudhaan maraammaartoo siyaasaa jaamaa, siyaasa jibbiinsaa, aangoo gaaffii ummataa ittiin deebisanirra ilaalchaafi abjuu dhuunfaa ittiin dhugoomfachuuf fiiguun rakkoo cimaa siyaasa biyyattii ta’ee waan ittifufe fakkaata.

Biyyattiitti baay’inni paartiilee siyaasaa baay’ina fedhii ummataatii ol ta’ee mul’achuunsaas ajandaan jaraa kan ummataa osoo hintaane kan dhuunfaa ykn immoo garee muraasaa dantaasaanii ittiin kabachiifachuuf aangoo barbaadaniidha.

Rakkoo guddaafi murteessaan siyaasa biyya kanaa dhimmoota guguddoo biyyattiirratti waliigalteen biyyaalessaa jiraachuu dhabuudha. Garaagarummaa ilaalcha siyaasaatiin ala silaa paartiileen siyaasaafi ummatoonni biyyattii hundi dhimmoota ijoorratti ijjannoofi murtoo walfakkaataa qabaachuutu irraa eegama ture.

Kanarraa kan ka’e hanga ammaatti Itoophiyaan goota waliinii, alaabaa waliinii, seenaa ummatoota biyyattii hunda biratti qixa amanamuufi fuulduree biyyattiirrattis ijjannoo walfakkaataa qabaachuun hindanda’amne.

Kun immoo kitaaba Ida’amuu Ministira Muummee Doktar Abiyyiin barreeffame keessattis ifatti kan taa’e yemmuu ta’u, keessattuu dhimmi alaabaa ummatoonni hundi walqixa jaalataniifi fudhatan jiraachuu dhabuu rakkoolee birootiifis madda ta’aa akka jiru bal’inaan kaa’ameera.

Dhimmi waliigaltee biyyaalessaa uumuu kun bara ADWUI irraa eegalee haasa’amaa turus hanga har’aatti osoo hojiitti hinhiikamiin turuusaatiin gatii siyaasaa biyyattiin kanfalaa jirtu kanaaf sababa guddaa ta’uu danda’eera.

Mootummaan jijjiiramaa kunis akkuma gara aangootti dhufeen dhimmichi ajandaa akka ta’u gochuu bira darbee, keessattuu filannoon booda adeemsichi akka hojiirra ooluuf tattaaffiin taasifamaa jiru akkuma ittifufetti jira.

Tanaan dura komishinii dhimma kanarratti hojjatu hundeessuuf eeruun kaadhimamtootaa taasifamaa kan ture yemmuu ta’u, adeemsicharratti garuu paartiileen tokko tokko iftoominaafi hammataa miti sababa jedhuun maricharratti akka hinhirmaanne dursanii beeksisaa turaniiru.

Amma immoo manni marii waliinii paartiilee siyaasaa Itoophiyaas adeemsi filannoo komishinaroota komishinichaa yeroof akka turu gaafateera. Kunis dhimmootuma iftoominaafi hammataa ta’uu waliin kan walqabatu ta’uu manni marii waliinii paartiilee siyaasaa kun ni ibsa.

Wanti jalqabumarraa komiin irratti ka’uu eegale immoo xumuramus booddeensaa bareedaa waan hintaaneef dhimmi kun dura paartiilee sadeen tokkoon qeeqamus har’a manni marii waliinii paartiilee siyaasa Itoophiyaas dhimmichi akka turu gaafachuunsaa ijjannoma jarri duraa fudhatan kan cimsu waan ta’eef, komishiinicha hundeessuuf ariifachuurra gaafuma hundaa’e isa qaamota hunda biratti amanamummaa qabu gochuuf hojjachuutu caala.

Walumaagalatti, ajandaa tukkummaa biyya tokkoo keessatti waliigalteen biyyaalessaa isa hangafaafi murteessaa ta’uurratti qaamni gaaffii kaasu tokkollee hinjiru. Dhimmi waliigaltee kana uumuu garuu waan salphaafi diraamaa siyaasaa yerootiin bira darbamuu qabuu miti.

Kanaaf paartileen siyaasaa hundiifi qooda fudhattoonni hundi aangoosaaniitii olitti dhimma tokkummaa biyyaatiif yaaduu qabu.

 BARIISAA SANBATAA Guraandhala 12 /2014

Recommended For You