Torban darbe Itoophiyaan taateewwan olaanaa keessummeessuunshee ni yaadatama. Kunneenis walga’ii 40fa Mana Marii Raawwachiiftota Hojii Gamtaa Afrikaafi Yaa’ii 35fa Hoggantoota Gamtaa Afrikaati.
Barana taateewwan kunneen teessoo gamtichaa kan taate Finfinneetti akka hinadeemsifamneef dhiibbaa olaanaan taasifamus hinmilkoofne. Keessumaa biyyoonni lixaa miidiyaa dhageettii idil addunyaa qabuufi of harkaa qabanitti fayyadamuun Itoophiyaa keessa nageenyi akka hinjirreefi haalli jirus yaaddessaa waan ta’eef gara Finfinnee akka hindeemne daran dhama’anii turan.
Ta’us dhimmi Afrikaa Afrikaanotaan murtaa’a ejennoo jedhuun raawwachiiftonni hojii, gaggeessitoonni gamtichaafi gaazexeessitoonni gara Itoophiyaa dhufuun turtii yeroo kamirrayyuu bareedaa dabarsuusaanii haalota garagaraan ibsaa turaniiru. Keessummoonnis turtii guyyoota muraasaa qabaniin Ministeera Hajaa Alaafi Paarkii Michummaatti affeerraan irbaataa guyyaa garagaraa taasifameera, Paarkii Inxooxxoos daaw’ataniiru.
Gaazexeessitoota gabaasaaf gara Finfinnee dhufan keessaa kan yaadasaanii Gaazexaa Bariisaaf kennanis, turtiisaaniitti gammaduufi akka jedhame waan nageenyasaaniif isaan sodaachisu akka hinturre kaasu. Gama nageenyaa qofa osoo hintaane gama fayyaatiinillee hojiin ittisaafi to’annoo vaayirasii Koviid-19 irratti hojjetame yaaddoo jalaas akka isaan baraare ibsu.
Rufaayilaa Yaasiin gaazexeessituu biyya Sudaan yommuu taatu isheenis yaada Gaazexaa Bariisaaf kenniteen, jalqaba gabaasa yaa’ii 35fa hoggantoota Afrikaaf gara Finfinnee dhufuuf yommuu kaate, wantoota haasa’aman irraa ka’uun sodaattee turuushee kaastee, yommuu dhufte garuu waa hundi faallaa ta’uu dubbatti. Finfinnee yoomiyyuu caalaa miidhagdee bifa nagaafi tasgabbii qabuun keessummootashee simattee keessummeessuushiifi kanaanis turtii gaariifi gammachuudhaan guutame dabarsuushee himti.
Turtiishee kanaanis carraa Paarkii Inxooxxoo daaw’achuu argachuushee kan nutti himte gaazexeessituun kun, qabeenya uumamaafi miidhaginni argite deddeebitee gara Itoophiyaa akka dhuftu keessasheetti fedhii uumuu dubbatti. Misoomni Itoophiyaa misooma Afrikaa ta’uusaatiin dhugaa jiru addunyaatti beeksisuuf Afrikaanonni walcinaa dhaabachuu akka qabaniifi keessumaa gaazexeessitoonni dhugaa argan suuraafi suursagaleedhaan hambifachuun karaa miidiyaasaanii addunyaatti mul’isuu qabu jetti.
Isheenis yommuu gara biyyasheetti deebitu kanuma gochuuf qophii ta’uu eertee, miidiyaan idil addunyaas gabaasa madaalawaafi dhugaa ummata biraan ga’uudhaan ittigaafatamummaasaa ba’achuu akka qabu gaafatti.
Gama ittisa vaayirasii Koviid-19n walqabatee ofeeggannoo taasifamaa tures daran dinqisiifatamuufi galeeteeffamuu kan qabu ta’uu kaastee, kunis turtiishee yaaddoo dhukkubichaallee akka isheef hir’ise dubbatti.
Gaazexeessaan biyya Naayijeeriyaa Oluu Ajibaadee gamasaatiin Itoophiyaa kan dhufe yeroo lammaffaa ta’uu eeree, isa ammaa kanattis akka miidiyaa addunyaa warreen jajjabooo jedhaman irraa hafarfamaa ture waan nama sodaachisuufi yaaddessu akka hinagarre ibsa. Inumaayyuu Finfinnee kan yeroo dura arge sana caalaa daran miidhagdeefi misoomni keessatti saffise arguu kaasa.
Miidiyaan idiladdunyaa dhugaa jiru dhoksuun naamusa gaazexeessummaan ala Itoophiyaarratti olola sobaa banuun fakkii biyyattii balleessuuf yaaluun kan isa gaddisiise ta’uu himee, innis gara biyyasaatti gaafa deebi’u dhugaa Itoophiyaa ummata biraan ga’uun dirqama ogummaasaa akka ba’atu ibsa.
“Dhugaa Itoophiyaa dhoksuun dhugaa Afrikaa dhoksuudha. Kanaaf ana qofa osoo hintaane gaazexeessitoonni gara 500 ta’an yaa’iicha gabaasuuf Finfinneetti argamanii turan yommuu biyyasaaniitti deebi’an irratti hojjechuu qabu.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 5 Bara 2014