Oromiyaan torban kana lammiilee sababa waraanaafi hongeen miidhaaniif deeggarsa qarshii miiliyoona 200 taasise

Finfinnee: Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa torban kana lammiilee sababa waraanaafi hongeetiin qe’eefi qabeenyasaaniirraa buqqa’aniif deeggarsa qarshii miiliyoona 200 kan taasise yoo ta’u, Naannoo Affaariifi Gaambeellaatti ammoo manneen barnootaa Ifa Boruu ijaarsisuuf dhagaa bu’uuraa kaa’eera.

Jilli pirezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaatiin durfamu dheengadda Naannoo Amaaraatti lammiilee sababa waraanaan miidhaaniif Magaalaa Baahir Daaritti argamuun deeggarsa qarshii miiliyoona 100, Kibxata ammoo lammiilee Naannoo Affaaritti sababa waraanaatiif miidhamaniif qarshii miiliyoona 50 Magaalaa Samaraatti, Naannoo Somaaleetti namoota sababa hongeetiin miidhamaniif Magaalaa Jigjigaatti argamuun deeggarsa qarshii miiliyoona 50 taasiseera. Obbo Shimallis Magaalaa Samaraatti Mana Barumsaa Bu’uura Boruu ijaaruufis dhagaa bu’uuraa kaa’aniiru.

Obbo Shimallis kaleessa naannoo Gaambeellaa, Magaalaa Gaambeellaatti imaluun Mana Barumsaa Ifa Boruu Sadarkaa 2fa qarshii miliyoona 79n ijaarsisuuf dhagaan bu’uraa kaa’aniiru. Sirnicharratti pirezdaantonni naannolee lamaanii dhimmoota nageenyaafi misoomaarratti waliin hojjechuuf mari’ataniiru.

Obbo Shimallis dheengadda ammoo Magaalaa Baahir Daaritti imaluudhaan deeggarsicha Pirezidaantii Bulchiinsa Naannoo Amaaraa Doktar Yiliqaal Kaffaalaatti kennaniiru. Obbo Shimallis dhimma nageenya naannichaarrattis bakka bu’oota hawaasa naannawichaa waliin mari’ataniiru.

 Pirezidaantiin Naannoo Amaaraa Doktar Yiliqaal akka jedhanitti, Naannoon Oromiyaa Ilmaan isaa erguun diina waloo nu weerare qolachuu keessatti gahee olaanaa taphateera, har’as ummata keenya sababa waraanaatiin miidhaman deebisanii dhaabuuf gumaacha nuuf taasiseef ni galateeffanna jedhaniiru.

Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Amaaraa tibbana horsiise bultoota Godina Booranaa hongeef saaxilamaniif deeggarsa marga horii konkolaataa 52 kan taasisan yoo ta’u, konkolaataan 12 qaqqabuufi konkolaataan 40 ammoo yeroo ittaanutti kan qaqqabu ta’uu ibsuunsaa ni yaadatama.

Pirezidaantiin Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahammad Umar akka jedhanitti, Mootummaan Naannoo Oromiyaa utuu hongeen hamaan naannicha keessa jiruu deeggarsa nuuf taasisuudhaan aantummaa ummata Somaaleetiif qabu waan agarsiiseef uummata Oromoofi mootummaa naannichaa baay’ee galateeffanna jadhaniiru.

jechuun ‘OBN’ gabaaseera.

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 5 Bara 2014

Recommended For You