“Gaafa aariis gaafa mariis biyya baraaruu itti beekna” – Qeerroo

Sandaafaa: Qeerroofi Qarreen abdii walabummaa biyyaa ta’e osoo lubbuusaaf hinwaakkatin murna ABUT hundeedhaa buqqisuuf xiqqaadhaa hanga guddaatti aarsaa qaalii wareegama lubbuu gaafatu kaffaluun umriinsaa akka gabaabbatu ta’eera.

Murni aangoorraa kaafame ABUT isa darbetti gaabbee qalbii diddiirratee osoo jiraachuu qabuu gantummaa raayyaa ittisaarratti raawwateen waraana banameen miidhaan kallattiilee lamaaniin namaafi qabeenyarra gahe olaanaadha.

Murni kun waraanaan daangaa akka hinbabal’ifanneef duulli Ministira Muummee Doktar Abiyyiin durfamu kan gaggeeffame yoo ta’u, finxaaleyyii kanneen bakkatti deebisuun duulichi mo’attummaa Itoophiyaan goolabamuunsaa ni yaadatama.

Amma garuu lammiilee sababa waraanaan qe’eefi qabeenyasaaniirraa buqqa’an bakkatti deebisuuf mariin biyyaalessaa adeemsifamuuf jiru murteessaa ta’uu qeerroofi qarreen kan dubbatan yoo ta’u, milkaa’ina mariichaatiifis qoodasaanii kan bahatan ta’uu eeru.

Feestivaala aadaa tapha fardaa Dilbata darbe mataduree ‘Farda Misooma Turiizimii Keenyaaf” jedhuun Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee, Barrak Sandaafaatti gaggeeffamerratti qeerroowwan dubbisne tokko tokko akka ibsanitti, mariin biyyaalessaa dinagdee ijaaruu, hariiroo hawaasaa addaan cite bakkatti deebisuufi siyaasa raafame sirreessuu keessatti bakka guddaa qaba jedhu.

Dargaggoo Bookii Girmaa hirmaattota feestivaalichaa keessaa tokko yoo ta’u, yaaliin waldhabdee mootummaa federaalaafi humnoota Tigraay gidduutti uumame mariin furuuf eegalame jajjabeessaadha jedha.

Waraana Itoophiyaa Kaabaatti mudateen walqabatee miidhaan qabeenyaafi dhala namaarra gahe dinagdee biyyaa akka hubu dubbata. Kanaaf tarkaanfiin mariin furuuf fudhatamuu eegale ariifachuu akka qabus dhaameera.

Dargaggoo Biraanuu Girmaas gamasaatiin mariin biyyaalessaa biyyaafis namaafis murteessaa waan ta’eef hatattamaan hojiitti hiikamuu akka qabu dubbata. Kan waraanni hinfurre mariitu fura kan jedhe dargaggoon kun, tokkummaa biyyaafis ta’e walabummaashii tiksuuf dhimma waloo mariin furuun ammayyummaa ta’uu dubbata.

Ammammoo lammiilee qe’eef qabeenyasaaniirraa buqqa’an bakkatti deebisuuf sochiin jalqabame gariidha kan jedhe Dargaggoon kun, nageenya waaraa lafa qabsiisuuf mariin biyyaalessaa kun murteessaa ta’uu dubbata.

Kanaaf qaamni nageenya biyyaaf murteessaadha jedhame kamuu marii kanarratti hirmaachuun Itoophiyaa haaraa ijaaruuf tumsuu akka qabu dhaameera.

Qaamni mariifi araarri hinbarbaachisu jedhu yoo jiraate inni diina Itoophiyaati jedhee, nagaa waaraa buusuuf qophiin marii biyyaalessaatiif taasifamaa jiru kan jajjabeeffamuu qabu akka ta’e ibseera.

 Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 5 Bara 2014

Recommended For You