Dhaabbilee barnootaa waraanichaan barbadaa’an hawaasichi deebisee akka ijaaru waamichi dhihaate

Finfinnee: Bakkeewwan gareen shororkeessaa ABUT weerare, manneen barnootaa sababa waraanichaatiin barbadaa’aniifi saamaman hawaasichi deebisee akka ijaaru waamichi dhihaate.

Ministeerri Barnootaa Itiyoo-Telekoom wajjin ta’uun manneen barnootaa naannolee Amaaraafi Affaaritti shororkeessichaan barbadaa’an deebisanii ijaaruufi galii sassaabuuf waliigaltee mallaatteessaniiru.

Waliigalticharratti kan argaman Ministirri Barnootaa Piroofesar Birhaanuu Naggaa, walta’iinsichi dhaabbileen barnootaa barbadaa’an deebi’anii akka ijaaramaniif lammiin hundi tooftaa galii walitti qabuurratti akka hirmaatu yaadamee kan qophaa’eedha jedhan.

Sagantaa kanaan manneen barnootaa guutummaatti barbadaa’an kuma tokkoofi 90, yunivarsiitiiwwan sadiifi koolleejjiiwwan sadii yeroo gabaabaa keessatti ijaarsisuuf kan karoorfamee ta’uus kaasaniiru.

Ministeerri Barnootaa Itiyoo-Telekoom waliin ta’uun karaa ergaa gabaabaafi telebirriin hirmaachuun galii argamurraas manneen barnootaa barbadaa’an kanneen haala fooyyee qabuun ijaaruuf akka oolu yaadamee sagantaa qophaa’e ta’uu eeraniiru.

Gama biraatiin manneen barnootaa kuma sadiifi 300 caalan immoo gariin ykn walakkaadhaan kan barbadaa’an ta’uu kan kaasan Pirofeesar Birhaanuun, manneen barnootaa kanneen suphuurra darbee hawaasichi karaa deeggaruu danda’uun meeshaalee barnootaa akka gumaachus gaafataniiru.

Hawaasniifi dhaabbileen kamiyyuu meeshaalee baruu-barsiisuuf tajaajilan kamiyyuu gumaachuu akka danda’ufi kanaafiis hanga caasaa gaditti hojmaanni dirirfamee qophaa’uus himaniiru.

Hojii raawwachiiftun Itiyoo-Telekoom durbee Fireehiywoti Taammiru, dhiheenyatti bakkeewwan garagaraa biyyattiitti waraana taasifameen bu’uraaleen misoomaa hedduu barbadaa’uu isaanii kaasuun, dhaabbilee dhaloota boruu qaran irrattis gochaan wal fakkaataa irratti raawwatamuu isaa kaasaniiru.

Dhaabbilee kanneen deebisani ijaaruufi barattoota gara gabatee barnootaa isaanitti hatattamaan deebisuuf sochi jalqabame keessatti dhaabbanni isaan hogganan itti gaafatamummaa isaa bahachuuf sagantaa galii walitti qabamu kanarratti adda durummaan ni hirmaata jedhaniiru.

Kanaanis hawaasichi dhaabbilee kana deebisee ijaaruuf akka mijatuuf karaa ergaa gabaabaafi telebirriitiin 9222 irratti akka ergu akkasumas, deeggartoonni biyya alaa jiraatan immoo karaa ergaa telebirrii idiladdunyaa hawaalaa 993161616 hanga humnisaanii danda’e erguu akka danda’aniif tajaajila qophaa’e ta’uu ifoomsaniiru.

Sababa waraanichaan dhaabbilee barnootaa barbadaa’an deebisanii ijaaruun ittigaafatamummaa dhaabbata tokkoo qofa waan hintaneefi Itiyoo-Telekoomis teknoolojii qabutti fayyadamuun sochii galii walittiqabamu kana keessatti hirmaachuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.

Fiqaaduu Dheeressaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 5 Bara 2014

Recommended For You