“Barana filmaatawwan invastimantii haaraa 3588 hojiitti galchuuf hojjetamaa jira” – Biiroo Investimentiifi Industirii Oromiyaa

Finfinnee: Bara 2014tti hojiin invastimantii haaraan 3588 kaappitaala Birri Biliyoona 100fi Biliyoona 80’n akka hojjetamu murte boordii argachuu Biiroon Invastimantiifi Indaastirii Oromiyaa beeksise. Hojii kanarraa galiin qarshii biliyoona 19 akka argamus himameera.

Hogganaan biirichaa Dr. Tashoomaa Addunyaa ibsa miidiyaaleef kennaniin riifoormiin booda hojii damee Invastimantiif xiyyeeffannoon kenname hojjetamaa jiruun bu’aan gaariin argamaa jira jedhan.

Bara 2014ttis hojiin Invastimenti 3588 murtee argachuun baajata birrii Biliyoona 100fi Biliyoona 80n lafa hektaara kuma 24 irratti akka hojjetamu himan.

Hojii Invastimantii kana keessaatti damee qonnaaf xiyyeeffannoo kennameen invastimantii 1313, Agroo piroosasii 625, manufaakchariingii 678 fi tajaajilaan 972 ta’uu ibsa ibsaniiru.

Hojii kana keessatti namoonni kuma 500fi kuma 34 caalan carraa hojii ni argatus jedhan Dr. Tashoomaan.

Riifoormiin dura Oromiyaa keessatti Invastimentiin kuma 9 qofti turuufi lakkoofsi kun riifoormiin booda kuma 17fi 300 tti guddachuu eeruun, walii galaan hojiin Indaastirii kuma 20 fi 838 gahuun eerameera.

Waggoota 3’n dura qonnaan bulaan lafa qabu irratti invast gochuuf carraa argachaa hin turre kan jedhan Dr. Tashoomaan, yeroo ammaa haala mijataa qonnaan bultootaaf uumameen qonnaan bultootni kunniin hojii Invastimantii keessatti hirmaachuun ofii fayyadamanii guddina dinagdee biyyaa keessatti gahee isaanii akka bahan hojjetamaa jiras jedhaniru.

Hojii kana keessaattis harka 66 qonnaan bulaafi IMX’n akka qooda fudhataniifi harka 34 ammoo abbootii qabeenyaa dhuunfaafi kan biyya alaa gaheesaanii akka bahatan eerameera.

Hojiin Invastimantii babala’achuun guddina dinagdee biyyaaf bu’aa buusuun cinatti carraa hojii uumuu, teeknoloojii babal’isuufi ogummaa horachuun gahee guddaa qabaachuu himaniru.

Facaatiin hojii Invastimantii Oromiyaa keessatti giddu galatti akka heddummaatu eeruun yeroo ammaa facaatii isaa guutuu Oromiyaatti waliin gahuuf karoorfamuu Biiroo Invastimantii fi Indaastirii Oromiyaatti, hoogganaa itti aanaafi itti gaafatamaan damee Simannaafi Xiinxalaa Pirojektotaa obbo Ermiyaas Dannaqaa himaniru.

Harkifannaa abbootii qabeenyaa biratti mul’atu furuuf hojiin hordoffiifi to’annoo akka hojjetamus himaniiru jechuun BDhKBMNO gabaaseera.

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 5 Bara 2014

Recommended For You