Baddeessaatti bittaan boondii qarshii miiliyoona 1.03 gaggeefame

Baddeessaa: Godina Harargee Lixaa Bulchiinsa Magaalaa Baddeessaatti torban darbe guyyaa tokko qofatti bittaan boondii hidha haaromsa guddichaa qarshii miiliyoona 1,030,000 gaggeeffame.

Kutannoo cimaa hoggansi magaalichaa hidhni haaromsaa gaggeessummaa Oromootiif qabu bu’uurarraa hubachuun guyyaa tokko qofatti bittaa boondii qarshii miiliyoona 1.03 taasifamuu Kantiibaan Magaalaa Baddeessaa Obbo Musxafaa Jamaal himaniiru.

Obbo Musxafaan itti dabaluun ummanni magaalichaa misoomasaa milkeessuuf akkuma kanaan dura dammaqinaan hojjataa ture ammas aantummaa cimaa qabuun hidha haaromsa ilmaan Oromoo kaleessa bu’uura ka’an hoggansa Abbichuutiin ifaa akka argannuuf deeggarsa keenya ittifufna jechuun guyyaa tokkotti bittaa boondii qarshii miiliyoona 1.03 raawwataniiru jedhan.

Bulchiinsi Magaalaa Baddeessaa bittaa boondii qarshii miiliyoona 1.3 gaggeessuuf karoorfatee guyyaa tokkotti amma kana raawwachuunsaa karoora qabamee ol deemuuf agarsiiftuudha jedhan Obbo Musxafaan.

Qaamoleen bittaa boondii milkeessuu keessatti qooda fudhattan hunduu galata olaanaa qabdu jechuun isa hafe raawwachuufis qaamooleen hawaasaa hundi gaheesaanii akka bahatan yaamicha dabarsaniiru.

Hidha haaromsaa guddicha milkeessuun birmadummaa keenya jechuun Waajjirri Dhimmoota Kominikeeshinii Godina Harargee Bahaa odeeffannoo Bariisaaf ergeen eereera.

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 5 Bara 2014

Recommended For You