Ministirri Muummeen Naannoo Somaaleetti hawaasa hongeedhaan miidhame daaw’atan

Jilli Ministira Muummee RFDI Doktar Abiyyi Ahmadiin durfame Wiixata darbe Naannoo Somaaleetti naannoowwan hongeedhaan miidhaman daaw’atan.

Kanaanis, yeroodhaaf konkolaattota bishaan dhiheessan, Nyaata, nyaata beelladaafi qorichoota daran barbaachisoo ta’an caalaatti daballee ni dhiheessina jedhan.

Doktar Abiyyi Ahmad naannichatti gargaarsa lammiilee sababa hongeetiin buqqa’aniif taasifamaa jiru keessaa tokko kan ta’e Qabirbayaas daaw’ataniiru.

Gama kanaaniis mootummaan naannoowwan horsiifatee bultootaafi lafa gammoojjii balaa hongeedhaan miidhamaniif deeggarsa taasisu cimsee kan ittifufu ta’uu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa beeksiseera.

Komishinar Mitikkuu Kaasaa akka jedhanitti, barana hongeen biyyattii gara kibbaafi kibba bahaatti mudate sababa jijjiirama qilleensaa ‘Aliinaa’ jedhamuun uumame.

Akka ibsasaaniitti, naannoo Somaaleetti godinaaleen sagal, Oromiyaatti Godina Booranaa, Gujii Lixaa, godinaalee Haraargeefi Baaleetti bakkeewwan lafa gammoojjiitti hongeen uumameera. Akkasumas Naannoo Kibbaa Koonsoo, Gaamoo, Goofaa, Walaayittaafi Oomoo Kibbaatti hongichi uumamee miidhaa qaqqabsiisaa jira.

Akka Komishinarichi jedhanitti hongeen kun lammiilee miiliyoona jaha caalaanirraan dhiibbaa cimaa geessiseera. Koreen ittisa balaa Ministira Muummee ittaanaa Obbo Dammaqaa Mokoniniin durfamu, kallattii ittiin balaa hongee kanarraa dandamachuun danda’amurratti mari’ateera.

Naannoleetti jiddugala qindeessaa deebii kennaa yeroo hatattamaa hundeessuun hojiitti kan galaniifi karaa sagantaa nyaata addunyaa deeggarsi dhihaachaa jiraachuus himaniiru jechuun TOIn gabaaseera.

BARIISAA SANBATAA Amajjii 21 Bara 2014

Recommended For You