Milkaa’ina marichatiif hunduu ga’eesaa bahachuu qaba

Finfinnee: Hidhamtoonni siyaasaa hiikamuu hordofee mufiin gama adda addaatiin mul’atus hidhamtoonni kan hiikaman mariin sadarkaa garagaraatti erga taasifameen kan murtaa’e ta’uufi milkaa’ina marii biyyaalessaatiif hunduu ga’eesaa bahachuu akka qabu Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Beenishaangul Gumuz himan.

Ittigaafatamtichi Obbo Yisaaq Abdulqaadir ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, Wayita mariin taasifametti namoota wareegamuu Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajaja Kaabaa waliin hidhata qabanirratti mormiin ka’uus sagalee caalmaan akka bahan murtaa’eera.

Hiikamuun hidhamtootaa marii biyyaalessaa taasiifamu hunda haammataa akka taasiisu eeranii, mariin hammataan kun dhugaa, iftoominaafi miira jaalala biyyummaan kan gaggeeffamuudha. Kanamalees nagaafi misooma biyyattii gara fuulduraaf ijaaramaa dhufu keessatti bu’aa olaanaa qaba jedhaniiru.

Maricharratti yaada mootummaan nageenya eegsiisuufi adabuun qofa nagaa biyyattii mirkaneessuun cinaatti mariif taa’uunsaa murtoo biyyattii ittifufsiisu ta’uun deeggaramaa ture jedhanii, namoonni hidhaadhaa hiikaman akka waliigalaatti malee eenyu fa’a akka ta’an maricharratti kan hin ifoomne ta’uus himaniiru.

Mariin biyyaalessaa taasifamu qaamota bilisaa ta’aniifi sabasaanii caala biyyaa yaadaniin kan hooganamu ta’ee, marichis dhugaafi iftoominaan kan gaggeefamuu yoo ta’e nageenya biyyattiin ala tokkummaa sabootaaf faayidaa guddaa akka qabu ibsan.

Marii kanaan shira Addi Bilisummaa Ummata Tigraay waggoota dheeraaf saboota qooduun walitti buusuuf fayyadame akka cabu, mirgi ofiin of bulchuu sabootaa kan mirkanaa’uufi biyya tokkummaan sabdaneessuummaa keessatti dagaage ijaaruuf sochii taasifamu galmaan gaha jedhamee yaadama jedhaniiru.

Keessuumaa dhimmoonni jajjaboo akka biyyaatti irratti waliigaluun dadhabame kan akka alaabaafi heera biyyattii furmaata argachuu danda’u jedhaniiru.

Mariin Itoophiyaa fakkaatu hanga gaggeeffametti fuulduree biyyattii murteessuun cinaatti biyyaattiis kanguddisu waan ta’eef komishiniin dhimma kanaaf dhaabataa jiru xiyyeefannoo guddaa akka barbaadu dubbatan.

Mariin biyyaalessaa gaggeeffamu haala barbaachisuun yoo faayidaarra oole fuulduree biyyaatiifis ta’ee rakkoo nageenyaa amma biyyattiitti mul’atuuf fuurmaata waan ta’eef namni biyyasaa jaalatu kamuu bilisaan akka gaggeeffamu gahee irraa eegamu bahachuu akka qabu dhaamaniiru.

Sinqinash Alamuutiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 21 Bara 2014

Recommended For You