Nuuhoo Goobanaa: Artistii otoo tokkummaa Oromootiif weellisuu darbe

Artisti Nuuhoo Goobanaa kan umurii guutuu waa’ee tokkummaa Oromoo lallabaa ture Amajjii 10 bara 2014 halkan addunyaa kanarraa du’aan boqoteera.

Artistii hangafti kun waggoota dhiyoodhaa as dhukkubsachuun hojii aartiirraa fagaatee kan ture yoo ta’u, yeroo inni dhukkubsachuun wal’aansa irra turee kaasee hiriyoonniifi dinqisiifattoonnisaa gargaarsa taasisaafii turuun ni yaadatama.

Boqochuunsaa dhaga’amuu hordofee dinqisiifattoonnisaafi ummanni Oromoo bal’aan gumaachi artiifi qabsoo guddaa artistiin gameessi kun taasisaa tureef seenaan yoomiyyuu isa yaadata.

Sirbootasaa ‘Tokkummaa… Tokkummaa’ irraa hanga ‘Isin Waamti Harmeen’ jedhutti; ‘Markab Too’ hanga Munaa Tootti tokkummaafi jaalala geeraree sirbeera jechuun hojiiwwansaa yaadachuun gaddasaanii ibsachaa jiru.

Nuuhoon Magaalaa Dirre Dhawaa, Qaafiiraa, Ganda Gaaraatti abbaasaa Obbo Mohaammad Goobanaafi haadhasaa Faaxumaa Adamirraa bara 1940 dhalate. Maqaa akaakayyuusaatiin waamamuu waan jaalatuuf Nuuhoo Goobanaa jedhamuun waamama.

Obbolaa dhiiraa tokkoofi dubaraa sadii kan qabu Nuuhoon hangaftisaa Mohaammad Goobanaa barnoota amantiitti yoo fuulleffatu, Nuuhoon ammoo qalbiinsaa gara sirbaatti hafte.

Ijoollummaadhumatti jaalala sirbaatiin kan qabaman Nuuhoofi saayibnisaa boodarra maatii biraa bahuun qofaatti mana kireeffatanii shaakala sirbaa jalqaban. Yeroon kun osoo sirni Dargii hinseeniin bara bulchiinsa Hayilasillaasee keessa.

Nuuhoon bara 1968 (sirna Dargii keessa) hiriyootasaa wajjin hidhaaf saaxilamee yeroo gabaabaa hidhamee hidhaadhaas bahe. Haati Nuuhoo yeroo sana daldaltuu kuduraa waan turaniif mucaansaanii deebi’ee akka hinhidhamneef ALA 1979 gara Jibuutiitti ergan; darbees bara 1980 keessa gara Yamanitti ce’e.

Jireenya baqattummaafi sirba

Weellisaa Nuuhoon umriisaa gara caalu kan dabarse baqattummaadhaani. Jibuutiidhaa hanga Yaman, Saawud Arabiyaa, Xaaliyaanii, Kaanaadaa, Keeniyaafi biyyoota biroo hedduu keessa marmaareera.

Jireenya baqattummaa tokko jedhee kan eegale yeroo sirni Dargii aangoo qabatu hiriyootasaa wajjin gara Jibuutiitti imaluuni.

Nuuhoon yeroo Jibuutii turetti hojii ittiin jiraatu hojjechaa yeroo kaan ammoo waan aartii Afaan Oromoo kana bakka argame hundatti waluma faana hojjechaa ture. Yeroo Jibuutii turettis albamiisaa kan jalqabaa ummata biraan gahe.

Albamni yeroo sanii akka ammaa kana sirba akka gaariitti qindaa’e hinturre. Manuma keessatti gitaaraafi kiiboordiidhaani. Sirbi oggas baase garri caalu kan qabsoofi jaalalaati. Nuuhoon sirbasaa ‘Qeerroo Mataa Tuutaa’ jedhamuun Jibuutiitti weellisuu eegale.

Qeerroo Mataa Tuutaa

Hinjarjartu suuta” jechaa sirbe.

Albamiisaa jalqabaa kana hedduusaa gitaaraan ofumaaf kan sirbe yoo ta’u, erga gara Saawud Arabiyaatti ce’ee albamiisaa lammaffaa hojjete.

Albamiisaa lammaffaa kana keessaa harki 70 kan tahu sirboota warraaqsaati. Sirbasaa kan ‘Yaa galaana jiruu’ jedhamu ammoo jireenyuma baqannaasaa kana ilaalee kan sirbe hedduu beekamtii argateef.

“Yaa Galaana Jiruu fuutee namaan deemta

Fedhii tiyyan laaltu tanteetin deemta

Goojjoon ani ijaarradhes fuutee narratti diigda,” jechaa sirbe.

Nuuhoon yeroo sirba kana Riyaaditti waraabu akka dhiisu gorfamus waan itti amane kana dhiisuu hinbarbaanne. Sirba ‘Yaa Galaana Jiruu,’ jedhu kanarraa yaadannoo akka qabullee hiriyaasaa kan ta’e Elemoon turtii BBC Afaan Oromoom wajjin taasiseen eeree ture.

“Sirba sana baasee torbansaatti mana inni jiraatu bokkaan seene. Halkan maatiisaa qabatee mana kiyya dhufe. Animmoo warra waraqaa hinqabne hedduun ofbira jiraachisaa ture. Poolisiitu balbala dhahe jedheen naasuudhaan goge.”

“Booda yoon balbala saaqu Nuuhoofi maatiisaati. Maali Nuuhoo jennaan ‘Waanti jette hinoolle Galaanatu narra yaa’e’ naan jedhe. Hedduu kolfine” jechuun hime. Nuuhoon oggaa sirba kana baasu Riyaaditti konkolaachisummaa hojjechaa ture.

Nuuhoon waa hundarra sabasaa jaalata. Yeroo inni sirboota qabsoo sirbu sanatti dammaqiinsa akkasii namni qabu danuu hinturre.

Yeroon sun akka ammaa kana teknoolojiin waan hinturreef hubannoofi dammaqiinsillee hinturre. Yeroon sun yeroo dukkanaati. Nuuhoon yeroo sanatti sabasaa dammaqsuuf hojjechaa ture. Sirbisaa gurra hawaasa Oromoo keessa ture.

Nuhoon yeroo sanatti sirboota qabsoo Sawudiitti waraabee gara biyyaatti erguun ummanni akka dhagahee dammaqu waan godheef biyya keessatti yeroo sana sirba Nuuhoo dhaggeeffachuunuu yakkamaa nama godha ture.

Yeroo sana Dirre Dhawaafaatti namoonni manumasaaniitti sirba Nuuhoo dhaggeeffattan jedhamanii dararaman hedduudha. Kanneen sababa kanaan ajjeefamaniyyuu ni jiru. Jireenya baqattumma keessatti tokkummaan Oromoo biyya baqaa jiruu garuu waan ajaa’ibaa ture.

Nuuhoo Goobanaa yeroo Riyaad turetti bultii ijaarrachuun ilmaanis horate. Imalli baqaa garuu Riyaaditti hindhaabbanne. Riyaadirraa gara Ijipti; achirraammoo ALA bara 1975 gara Xaaliyaanitti baqate. Ergasiis Roomirraa bakka waggaa dheeraaf jiraate, Kaanaadaatti godaane.

Mootummaa Ce’umsaa

ALA bara 1991 yeroo Mootummaan Ce’umsaa Itoophiyaatti hundaa’u Artsti Nuuhoon yeroo sana Hayyuduree ABO kan turan Obbo Galaasaa Dilboofaa wajjin Kaanaadaarraa gara biyyaa dhufe.

Osoo gara biyyaatti hindhufin duras Nuuhoon quuqqaa waa’ee Finfinneefi Oromoorratti jiru kan ittiin kaasee sirba ‘Finfinnee’ jedhu kiraarasaatiin weellisee ture.

“Finfinnee yaa handhuura biyyaa

Maqaan geeddaramee taatuyyuu Ababaa” jechaa weellise.

Qabsoo irratti qooda fudhachuuf kan dhufe Nuuhoo Goobanaa, waahillansaa wajjin booda keessa haalli akka yaadame ta’uu didnan yeroo ABOn mootummaa cehumsaa keessaa bahe isaanis K a a n a a d a a t t i deebi’an.

Nuuhoon ALA bara 1991fi 1992 yeroo Finfinnee turetti baandiiwwan wajjin sirboota qabsoo sirbaa ture. Erga Kaanaadaatti deebi’ees sirba matadureensaa ‘Gullallee Lafa seenaa’ jedhu sirbe.

Sirba kanaan waan Gaafa Gullallee ture ta’eefi yaadannoofi quuqqawwan ture hedduu keessatti kaase.

“Gullallee Lafa seenaadhaa

Baayyedhaa kan siyaadatu

Oromoon sin irraanfatu” jechuun seenaa gaafas ture dhalootaaf dabarse. Nuuhoo Goobanaa waggoota 13 dura guutummaatti jireenyasaa gara biyyaatti taasifate.

Nuuhoon Kaanaadaarraa gara Keeniyaatti deebi’uun waggoota sadiif Naayiroobii erga turee booda bara 2000tti gara Itoophiyaatti deebi’e.

Ergasii waggoota jahaaf hojuma aartii hojjechaa turus waggoota saddeet darbanitti sababa dhukkuba isa mudateen manatti hafee hojii aartii jaalaturraas adda bahe.

Nuuhoon yeroo humna qabu waan hojjete aartiifi qabsuma sabaa kanaaf oolchaa ture. Sumunii tokko ofiifis maatiisaatiifis hinoolchine. Dhukkubsatees lammiidhumaan gargaaramaa ture.

Nuuhoo Goobanaa abbaa ijoollee jahaa ture. Ijoolleensaas Ameerikaa, Jarman, Kaanaadaafi Itoophiyaa keessa jiru. Nuuhoon weellisaa tokkummaa Oromootiif umuriisaa kennee qabsaa’aa tureedha.

Walleewwan Nuuhoo hedduu garaa nama raasti. Jaalala biyyaa namatti naqxi. Nuuhoon nama sabasaatiif of wareegeedha. Inni ummata keenyaaf waan guddaa godhe. Hammi inni sabasaa jaalatu daangaa hinqabu ture.

Hanga dhukkubsatee aartii irraa adda bahutti Nuuhoon sirboota qabsoofi jaalalaa hedduu sirbe. Sirbootasaa keessaa Tokkummaa, 911 Natti Hinwaamiin, Markaba Toofi kanneen biroo daran kan beekaman tahanis waliigala waggoota 40f kan sirbe lakkoofsaan nama beeku hinarganne.

Nuuhoon sagaleedhaan sirbuu cinaattis meeshaalee muuziqaa akka kiraaraafi kaan ni taphata ture. Afaan Oromootiin alas afaanota akka Amaaraa, Ingiliffa, Afaan Arabaa, Somaaleefi Faransaayi dubbachuu danda’a ture.

Afaanota Somaalee, Arabaafi Amaariffaatiinis sirbeera. Weellisaa hangaftichi Nuuhoon tokkummaa Oromoorratti ejjennoo hinraafamne qaba ture.

Waggaa lama dura yeroo dhukkubsatee hospitaala turetti gaaffiifi deebii BBC waliin taasiseen, “Oromoon tokkummaasaatiin ala waan biraa hinqabu. Tokkummaa keessan cimsaa” jedhee dhaamee ture.

Sirni awwaalchaa Artiisti gameessaa Oromoo Nuhoo Goobanaa erga gaggeessaan reeffasaa istaadiyoomii Magaalaa Adaamaatti taasifamee booda dheengadda bakka Pirezidaantii Ittaanaa BMNO, Obbo Awwaluu Abdii; hoggantuun Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa Aadde Saa’aadaa Abduraman, Abbootti Gadaa, qondaaltonni mootummaa federaalaafi naannoo, oggeessonni aartii, jaalattoonnisaa hedduun argamanitti magaalichumatti raawwatameera.

Du’aan addunyaa kanarraa boqochuu Artisti Nuuhoo Goobanaa ilaalchisuun Caffeen Oromiyaa, Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanachi Abeebee, Ministira Misooma Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii dabalatee jaarmiyaaleefi waajjiraaleen adda adda gadda ittidhaga’ame ibsaniiru.

Kutaan Qophii Gaazexaa Bariisaa gadda boqochuu artistichaatiin ittidhaga’ame ibsaa, maatii, waahellaniifi jaalattootasaa maraaf obsaafi jajjabina hawwa.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Amajjii 14 Bara 2014

Recommended For You