Daa’imman ji’a muraasa jalqabaa guyyaatti hanga si’a 15 fincaa’uu danda’u. Sababnisaas hangi afuuffeen fincaaniisaanii baachuu danda’u xiqqaa ta’uufi dandeettii guddinaan dhufu kan fincaan tursiifachuu dandeessisu waan hinqabneefi.
Hanga waggaa 14tti qabiyyeen afuuffee fincaanii daa’immanii guddachuun dabalaa kan deemu ta’uun amalli dafanii dafanii fincaa’uu hir’ataa deema.
Tilmaamaan qabiyyeen baattuu fincaanii daa’ima waggaa 14 gadii = mililiitiraan (umurii daa’imaa + 2) X30 dha. Fakkeenyaaf qabiyyeen afuuffee fincaanii daa’ima waggaa shanii= (5 +2) x 30= 7x 30 = 210ml dha.
Daa’imman umuriin isaanii naannoo waggaa afurii guddinni dandeettii isaanii fincaan fincaa’uu to’achuu eegaluu kan itti danda’aniidha.
Daa’imni tokko osoo dandeettii fincaan to’achuu hinqabaatiin dursa dandeettii bobbaa baasuu to’achuu jalqaba. Akkasumas ijoolleen dubaraa kan dhiiraa irra dursanii dandeettii fincaan to’achuu qabaatu.
Daa’imni osoo rafuu osoo hinbeekin fincaa’uun hanga waggaa afuriitti deemsa guddina daa’immaniitti nagaa haata’u malee waggaa shanii booda sadarkaa guddina isaaniirraa kan eegamu miti.
Kanaafuu daa’imni waggaa shanii olii ji’atti guyyaa lamaafi isaa ol, akkasumas daa’imni waggaa ja’aafi isaa olii ji’atti guyyaa tokkoofi isaa ol yeroo rafan kan osoo hinbeekiin bakka ciisanitti fincaa’an yoo ta’e akka dhibee tokkootti lakkaa’ama.
Akka addunyaatti daa’imman umuriin isaanii waggaa shan ta’e dhibbantaa 20 osoo hinbeekin rafanii fincaa’uun siree jiisu jedhamee tilmaamama. Daa’imman akkasiin Suuta suuta kanarraa bilisa ta’aa deemuun naannoo waggaa 10 dhiironni dhibbantaa saddeetiifi dubarri dhibbantaa afur qofatti gad bu’a.
Umurii dargaggummaa booda namoota dhibbantaa lamaa gadiitu qaba jedhamee tilmaamama.
Daa’imman dhibee kana qaban bakka lamatti qoodamu.
- Kanneen jalqabuma irraa yeroo rafan fincaa’uu to’achuu hinshaakalleefii,
- Kanneen erga ji’a ja’aa oliif dandeettii rafanii fincaa’uu ittisuu erga danda’anii boodatti deebi’uun fincaa’uu eegalaniidha (%20).
Wantoonni dhibee akkasii fidan hedduudha. Isaan keessaa kanneen gurguddoon:
Maatiin kan dhufu: Abbaafi haati daa’ima tokkoo lamaanuu ijoollummaatti dhibee kana kan qaban yoo ta’e carraan daa’imni isaanii sun kana qabaachuu persantaa 75 ol ta’a, abbaa ykn haati qofti kan qaban yoo ta’e immoo gara persantaa 40 tti gad bu’a. Lamaanuu kan hinqabne yoo ta’e gara persantaa 15 tti gad bu’a.
Dhibee xiinsammuu qabaachuu: Daa’imni dhibee xiinsammuu qabu carraa inni rakkoo akkasii godhachuu danda’u olka’aadha, akkasumas dhibeen kunillee dhibee xiinsammuu fiduu danda’a.
Afuuffeen fincaanii daftee sissi’achuu:
Daa’imman tokko tokko biratti immoo afuuffeen fincaanii osoo hanga baachuu dandeessu hinguutiin ammaa ammaa daftee daftee sissi’achuun dhibee kana fiduu dandeessi.
Rakkoo hirribaa qabaachuu: Daa’imman hedduun dhibee kana qaban hirriiba boqonnaa hinqabneefi kuurruufuu baay’isu.
Hanqina hormoonii yeroo hedduu akka hangi fincaanii yeroo hirriibaa xiqqaatu gootu.
Duubatti hafumsa guddinaa: Daa’imman hedduun dhibee kana qaban dandeettii dubbachuufi deemuunillee duubatti kan hafan ta’ee booda hundi isaa kan ofii sirraa’u ta’a.
Daa’imni dhibee akkasii qabu tokko, Keessumattuu dabalataan guyyaas fincaan to’achuus kan dadhaban yoo ta’e dhibee gara biraa kan akka dhibee nervii, dhukkuba sukkaaraa, madaa’uu ujummoo fincaaniifi kkf tahuu dandaha waan ta’eef ogeessa fayyaa daa’immanii mariisisuun qorannoo barbaachisu gochuun adda baasuun barbaachisaadha. Erga dhibeen kun adda ba’ee booda maatiin wantoota armaan gadii gochuun daa’ima isaanii dhibee kana irraa fayyisuu danda’u.
- Dhibeen kun to’annoo daa’immaniin ala waan ta’eef komachuufi adabuun Sirreessisuu yaaluun daran cimsuu danda’a.
- Obsa godhachuun daa’ima sana akka dhibeen kun umuriin badu jajjabeessuufi uffata pilaastika ta’e kan akka fincaan siree hinseenne godhu hafuufii.
- Bishaan, buna, shaayiifi dhangala’aa kanbiroo yoo xiqqaate sa’aa hirribaa dura sa’atii lamaaf osoo hindhugin raffisuu.
- Yeroo hunda, fincaan jiraachuu baatullee rafuuf yeroo jedhan akka mana fincaanii deemanii fincaa’an gochuu.
- Halkan sa’aatii dhibeen kun yeroo hedduu itti dhufu adda baafachuun sana dursanii dammaqsituu (alarm) fayyadamuun akka isaan ka’anii fincaa’an gochuu.
- Galgala daa’imni siree osoo hin jiisiin bule lakkaa’uun badhaasuun hamilee jajjabeessuu.
- Gogiinsi garaa dhibee kanaaf saaxiluu waan danda’uuf hordofuu.
- Haala kana hunda yeroo ga’aa kennuun raawwatanii yoo kan hin sirranne ta’e ogeessa fayyaa daa’immani mariisisuun qoricha dhibee kana hir’isuuf gargaaru argachuun barbaachisaadha.
Fayyaa hindhabinaa!
Doktar Naafyaad Geetuu
BARIISAA SANBATAA Amajjii 14 Bara 2014