Yeroo tokko waa’ee dargaggeessa biyya lafaa jijjiiruuf yaalee dubbiseen ture. Jalqabarratti biyya lafaa jijjiiruuf jedhee dadhabe. Ittaansuun biyyasaa jijjiiruuf jedhee dadhabe; itti fufee magaalaasaa jijjiiruu yaalee dadhabe; dhumarratti maatiisaa jijjiiruuf yeroo yaalutti nidulloome. Kana hundumaa booda “Jalqaba utuun ofii jijjiiramee maatii kootti darbeera ta’e waan hedduu jijjiiruu nan danda’an ture” jedhe.
Namni ofiif hinjijjiiramne dhaloota jijjiiruu hindanda’u. Namni ofiif hinjijjiiramne biyya jijjiiruu hindanda’u. Duraan dursanii of irratti hojjechuun murteessaadha. Abjuu sirrii qabaachuun barbaachisaadha. Namni abjuu sirrii hinqabne eessa iyyuu ga’uu hindanda’u. Tarii baay’een keenya waa’ee Koloneela biyya Ameerikaa Haartilaandi Sandeersi jedhamuu dhageenyeerra ta’a. Haartilaandi Sandeersi nama umuriin isaa ganna jaatamaa ol ta’e, jireenya hiyyummaa ulfaataa keessa jiraatu, galiin isaa ji’aa doolara 99 qofa kan ta’eefi mana kutaa xiqqoo tokko keessa nama jiraatu ture. Umuriin isaa ganna 65 yeroo ga’etti akka kanaan duraatti itti fufuu hinbarbaadne. Jireenya jijjiirame qabaachuuf murteesse. Akka kanaan duraa jireenya hiyyummaa keessa jiraachuu hinfeene. Isa kanaaf ammoo maal gochuu akka qabu taa’ee itti yaade. Dhumarratti hojii uummate. Hojii ofiifis geeddaramee namoota hedduu geeddaru tokko fudhatee ba’e.
Ibsa wantootaa (Recipe) inni qopheesses akkaataa itti kalaankala lukkuu hojjetan ture. Ibsi hojii nyaataa kun akkaataa itti nyaata sirrii ta’e gabaaf dhiyeessan, urgooftuu hangam akka itti naqan, tartiiba ittiin nyaatni qophaa’ee maammiltootaaf dhiyaatuufi kkf. kan barsiisu ture. Ibsa hojii nyaataa kana qopheessuun mana nyaataaf hiruun ofiifis jireenyi isaa jijjiiramee warri itti fayyadamanis akka jijjiiraman yaale.
Itti fufuun kutaa biyya Ameerikaa Kentuukiitii ka’ee naannoolee garagaraa keessa naanna’ee ibsa hojii nyaataa kana raabsuuf imala eegale. Mana nyaataa garagaraarra naanna’uun kalaankala lukkuu namoota hedduu harkisu qopheessanii maammiltoota hedduu argachuu kan fedhan isa irraa fudhachuu akka dandaa’an beeksise. Ibsa hojii nyaataa kana kan argatanis horii kanfalanii utuu hinta’in tola kenneefii erga ittiin hojjetanii booda hanga nyaata gurguran irraa dhibbeentaa xiqqoo akka isaaf kennan ibseef. Manneen nyaataa akka tartiiba inni kaa’eetti hojjetanii maammila hedduu yoo argatan waan xiqqoo shallaganii isaaf kennan qabu jechuudha.
Haa ta’uyyuu malee manneen nyaataa hedduun yaada isaas ta’e maanuwaalii isa hinsimanne. Yoo xiqqaate manneen nyaataa kuma tokkoo ol hindidan. Isaan kun haa didan iyyuu malee abdii kutatee abjuu qaburraa boodatti hindeebine. Sababiin isaa ibsi hojii nyaataa inni qopheesse kun barbaachisaafi jijjiirama fiduu kan danda’u akka ta’e amaneera. Utuu abdii hinkutatiin itti fufee si’a kuma tokkoofi sagal irratti manni nyaataa tokko walii galtee wajjiin uume. Abdii kutannaas obsaan injifate.
Koloneel Haartilaandi Saandersi akkaataa itti namootni biyya Ameerikaa lukkuu nyaatan nigeeddare. Yeroo jalqabaaf Kalaankala lukkuu Kentuukii (KFC) kan jedhamu nyaatni beekamaan dhalate. Isa kanaaf inni guddaan abdii utuu hinkutatin jireenyasaas ta’e hawaasa naannoo isaa jijjiiruuf of qopheesse. Inni guddaan as keessatti agarru yoo jiraate utuu abdii hinkutatiin ofitti amanamummaa qabaachuufi abjuu qaban dhugoomsuuf tattaafachuun barbaachisaa ta’uusaati. Tarii as keessatti namootni hedduun nu hinsimatan ta’a. Haa ta’uyyuu malee wanti beekuu qabnu ofitti amanamummaa qabna taanaan humni mul’ata qabnurraa nu deebisu tokkoyyuu hinjiru.
Egaa jireenya keenyarratti jijjiirama fiduuf abdii kutannaa injifachuun barbaachisaadha. Jireenya namaa ykn naannoo keenyarratti jijjiirama fiduuf duraan dursinee jijjiiramuu qabna. Namootni baay’een abjuu biyya lafaa geeddaruu qabu. Of irratti hojjechuuf garuu yaalii cimaa utuu taasisanii hinagarru. Namni ofiif utuu hinjijjiiramiin nama kan biraas ta’e biyya jijjiiruu hindanda’u. Duraan dursee ofiisaa, ittaansuun maatiisaafi naannoosaa jijjiiruun murteessaadha. Inni kaan isa kanatti aansee dhufa. Inni kun abjuu qabnu bakkaan ga’uuf nugargaara.
Namni of jijjiiruu dandeenyaan ilaalchi inni qabuus nijijjiirama. Ilaalcha inni haalota jiraniif qabus nijijjiirama jechuudha. Haalli jiru cimaafi gaara hindhiibamne yoo fakkaate illee abdii kutatee harka maratee hintaa’u. Wal’aansoo qabee jijjiiruu danda’a. Sababnisaa haala jiruun wal’aansoo qabuu qofa utuu hinta’in haala isa irratti moo’ee wal’aansoo qabee injifateera sababa ta’eef. Namni tokko haala keessa jiru moo’achuu dura ofiisaa moo’achuu qaba. Miira isaa moo’achuu qaba. Ilaalchasaa moo’achuu qaba. Fedhasaa moo’achuu qaba. Walumaagalatti jireenyisaa kan harkaa miliqe, haalota jiruun kan geggeeffamuufi faallaa abjuusaa kan isa deemsisu ta’uun irra hinjiraatu.
Egaa namni tokko dhalootas ta’e hawaasa keessa jiru jijjiiruuf ofirratti hojjechuu ofii isaa jijjiiruu, adeemsasaa jijjiiruu, ilaalchasaa jijjiiruu, amalasaa jijjiiruufi kkf. irratti xiyyeeffachuun murteessaadha. Namni tokko dhiibbaa biyya lafaa kanarratti ykn namoota kan biraa irratti geessisuuf inni guddaafi tarkaanfiin jalqabaa ofiisaa jijjiiruu irratti hojjechuu qaba. Akkuma beekamu inni kun salphaa miti. Namni biyya bulchuuf duraan dursee of bulchuu danda’uu qaba, manasaa bulchuu qaba. Ofirraa jalqabuu qaba. Amalli kaleessa isa moo’ate har’a akka hininjifanneef of qopheessuu qaba.
Yeroo hedduu namni dursa kennuufii kan qabu dhiisee isa fagoo irratti xiyyeeffata. Waa’een jijjiiramaas yeroo ka’u inni guddaan gara sammuu keenyaa dhufu hawaasa ykn siyaasa jiru jijjiiruudha jennee yaaduu dandeenya. Inni kun gama tokkoon yoo sirrii ta’e illee wanti dagatamuu hinqabne yoo jiraate namootni biyya lafaarratti jijjiirama fidan duraan dursanii ofiisaanii kan jijjiiraniifi namoota naannawaasaanii jijjiiruu namoota dandaa’aniidha. Jijjiirama hawaasarratti fiduuf inni guddaan haala keessa jirrurratti fooyya’iinsa ykn jijjiirama fiduun barbaachisaadha.
Seenaa biyya lafaa yeroo ilaallu namootni jijjiirama akka hawaasaatti fidan duraan dursanii ofiisaanii, naannawaasaanii, namoota wajjin oolan irratti namoota dhiibbaa gaarii geessisan akka ta’e agarra. Fakkeenyaaf Roosaa Parkis namni jedhamtu yeroo biyya Ameerikaa keessatti gurraachi akka namaatti hinlakkaa’amne keessatti wanta guddaa isheen hojjette yeroo ilaallu konkolaataa keessatti namni adiin yeroo lixe akka gurraachaatti kaatee duubatti darbuun kan irra ture teessee falmuun qaanqeen sochii akka ka’u taasifte. Kanaan akka ibidda fura qabatee boba’ee biyya Ameerikaa ibsu akka ka’uuf sababa taate. Gurraachonni biyya Ameerikaa keessa turan tarii haala rakkisaa jiru simatanii namoota taa’an, kaan ammoo seera barichaa kan quba qaban yeroo ta’an Roozaa Paarkis garuu naannawaashee irraa eegalte.
Yeroo namni adiin tokko konkolaataa seenu gurraachi dura bakka qabatee taa’e ka’ee duubaa bakka barbaaddatee taa’uun beekamaa yoo ta’e illee isheen garuu inni kun sirrii akka hintaane kan mul’iste, sochii mirga dhala namaa yeroos ture akka ilaalcha itti kennu taasiste. Jijjiiramni dhalootarratti akka dhufuuf waan nutti dhiyoo, waan numiidhuu danda’aniifi kkf. irratti hojjechuun barbaachisaadha.
Waan nutti dhiyoo jijjiiruu jechuun tarii namoota jireenyisaanii rakkoo garagaraa qabu, araada addaddaatiin kan miidhaman, jireenya abdii kutannaa keessa jiran, jireenyi isaan keessa jiran alta’umsaan kan guuteefi namoota rakkoo addaa addaan marfamanii jireenya hamaa keessa jiran naannoo keenya jiraachuu danda’u. Jijjiirama fiduuf inni guddaan isa nutti dhiyoorraa eegaluun murteessaadha. Jireenya namoota kanaarratti dhiibbaa gaarii geessisuu dandeenyaan irraa jalaan jijjiiramni gara warra kaaniitti ce’aa deema. Biyya lafaa jijjiiruun amma kan eegalu yoo ta’eyyuu nurraa kan jalqabu ta’uu qaba.
Yeroo tokko namni ‘Loren Eiseley’ jedhaman waa’ee maanguddoo bashannanaaf qarqara galaanaa utuu deemanii dargaggeessa jijjiiramaaf hanga dandeettiisaatti tattaafatu tokko arganii dubbatu. Dargaggeessi kun ariitiin gadi jedhee utuu ol jedhuu arganii itti siqanii yeroo ilaalan qurxummii dhahaan galaanaa darbatee bakkeetti baasu tokko tokkoon funaanee bishaanitti deebisa. Manguddoon kunis dhaabatanii erga ilaalanii booda “Maal hojjettaa?” jedhanii gaafatan. Dargaggeessichis “Qurxummiin galaanatti deebisa” jedhe. Maanguddoonis deebisanii “Maaliif galaanatti deebistaa?” jedhanii gaafatan. Dargaggeessichis “Aduutu ba’aa jira. Qurxummii kana galaanatti hindeebisu taanaan ni ajjeesa” jedhe. Isaan booda maanguddoon kun “Galaanni kun dheeraadha. Qurxummii hedduun galaanaan darbatamanii bakkee akka guutan hinarginee? Jijjiirama nan fida jettee yaaddaa?” jedhan. Dargaggeessichis gadi jedhee qurxummii tokko fuudhee galaanatti deebisaa “Qurxummii tokkoo kanaaf jijjiirama fiduu danda’eera” jedhe. Inni guddaan akka biyya lafaatti yaaduun gaarii yoo ta’ellee naannoo keenyarraa eegaluun garuu barbaachisaadha. Namoota nucinaa jiran irraa eegaluun gaariidha.
Waliigalatti jijjiiramni akka dhuunfattis ta’e akka walootti barbaachisaadha. Isa har’a keessa jirru keessaa ba’uuf, jireenya keenyas ta’e jireenya namootaarratti dhiibbaa gaarii fiduuf jijjiiramni barbaachisaadha. Haalli keenya akka jijjiiramuuf duraan dursinee jijjiiramuu qabna. Wanti dagatamuu hinqabne inni guddaan kaleessa irra har’a fooyya’aa deemuu qabna. Har’i keenya isa kaleessaa irra jijjiiramuu qaba. Jijjiiramaaf of qopheessuu, jijjiirama simachuufi jireenya namoota nutti dhiyoo jiranii irratti dhiibbaa gaarii geessisuun beekumsa cimaadha.
Doktar Zarihun Gabree
BARIISAA SANBATAA Amajjii 7 Bara 2014