UCUBA (GOITER)

Sirni xannachootaa akkuma sirnoota biroo kan akka sirna dhiigaa, sirna bullaa’iinsa soorataafi sirna lafee jiraachuu dhala namaaf ga’ee guddaa kan qabudha. Sirni xannachootaa kunis xannachoota hedduu kan qaama namaa keessa bakka garaa garaatti faffaca’anii argamaniifi hormoonota addaa addaa omishanii qaama keessa gadi lakkisan kan of keessatti qabatuudha.

Xannachi taayirooyidii ykn (thyroid gland), xannachoota kanneen keessaa isa tokko ta’ee, morma namaa gara fuulduraarratti kan argamuufi hormoonii taayirooksiinii jedhamu kan faayidaa guddaa qaamaaf kennu omishuudha. Nama fayyaa tokkorratti xannachi taayirooyidii morma gara fuulduraarratti argamu kun xiqqaa waan ta’eef ijaan hinmul’atu.

Sababoota dhibeewwan addaa addaarraa kan ka’e garuu xannachi kun dhiita’uu ykn hangaan dabaluun fuulduratti ba’ee mul’ata. Yeroo kana “ucuba” ykn ingiliffaan “goiter” jedhamee kan waamamu. Ucubni yoo ilaalamu walumaagalatti garmalee guddachuu xannacha taayirooyidii haa ta’u malee ka’umsisaafi mallattoon inni argisiisu garaagarummaa danuu kan qabuudha. Namoonni tokko tokko yoo ucuba qabaatan waggoota hedduuf kan hangisaa hinjijjiiramneefi mallattoo kamuu hinargisiifneedha. Namoota kanneen biroorratti ammoo mul’atee yeroo muraasa keessatti hangaan garmalee dabalee mallattoo addaa argisiisee yoo hinyaalamne hanga lubbuu dabarsuutti deemsisa.

Kunis garaagarummaa ka’umsa dhukkubicha irraan kanka’eedha. Sababni guddaan ucubni mormaa itti nama hubu hir’ina elementii ayoodinii (iodine deficiency) yoo ta’u, sababoonni biroo hedduunillee ni jiru.

Dhibee ucubaa maaltu fiduu dadna’a?

1.Hir’ina elementii ayoodinii (Iodine deficiency)

Elementiin ayoodinii elementoota qaama keenyaaf barbaachisan keessaa isa tokko ta’ee, keessumatti hormoonii taayirooksiinii jedhamu kan xannacha taayirooyidii kanaan omishamu omishuuf kan dirqamaan barbaachisuudha.

Kanaaf elementiin ayoodiinii kun yoo qaama keessa hinjiraanne xannachis taayirooyidiis sirriitti hojiisaa hojjachuu hindanda’u, hormooniin taayirooksiiniis seeraan omishamuu hindanda’u jechuudha.

Kanumarraan kan ka’e xannachi taayirooyidii seeraan hojiisaa hojjachuu dadhabe bakka buusuuf jecha qaamaan of guddisuu eegala. Kanarraa kan ka’es guddatee fuulduratti ba’ee mul’achuu eegala. Ucubni mormaa hir’ina ayoodinii waliin walqabatee dhufu wagoota dheeraaf kan turuufi suuta jedhee kan guddatuudha.

Akkasumas hir’inni ayoodinii haala walfakkaataan namoota naannawa tokkoo waan hubuuf ucubni haala kanaan mudatu kun, namoota naannawa tokkoorratti baay’achuu mala. Dhiita’uu xannacha kanatti dabalee mallattoowwan yeroo hir’inni ayoodinii kun jiraatu argaman:

  • Ulfaatinni qaamaa garmalee dabaluu.
  • Rifeensi nama irraa dhumuu ykn rifeensi seeraan giddachuu diduu
  • Humnaa ol dadhabuu ykn humna dhabuu
  • Gogaan qaama namaa garmalee goggoguufi ququnca’uu
  • Qaamni namaa namoota biroorraa addatti qorruu
  • Onneen garmalee dha’achuufi
  • Sammuun sirriitti yaaduu, yaadachuufi hubachuu dadhabuu akkasumas yoo kan baratan ta’e barumsi sirriitti galuufii dhabuu.

Qaamni keenya ofiisaatiin elemantii ayoodinii kana omishuu hindanda’u. Kanaafuu sooranni keenya ayoodinii kan hinqabne yoo ta’e hir’inni ayoodinii salphaadhumatti nama mudata jechuudha. Keessumaa biyyeen midhaan irratti omishamu uumamaan ayoodinii xiqqaa of keessaa kan qabu yoo ta’e ummanni naannawicha jiraatu hir’ina ayoodiniif saaxilamaa ta’a jechuudha. Yeroo ammaa kanatti elementii ayoodinii haala salphaan waan argamuuf dhibeen hir’ina ayoodinii akka bara durii hinbaay’atu.

2.Ucuba sababoota biraatiin dhufu

Sababoonni biroo, kan hir’ina aayoodiniifi kaansarii xannacha taayiroodiirraa adda ta’an kan ucuba namatti fidan hedduutu jiru. Isaan keessaa: kulkuluu xannacha taayirooyidii (autoimmune/thyroiditis), qorichoota ykn keemikaalota biroo ucuba fidan fayyadamuu (ingestion of goitrogens), dhukkuboota qaamaa kan xannacha taayirooyidii keessatti kuufaman (thyroid infiltrative disease)fi ucuba humnaa ol omishamuu hormoonii taayirooksiinii wajjin walqabatu ykn ucuba summaa’aa (toxic goiter) jedhamuun beekamu fa’i.

Ucubni sababa armaan olii kanaan ka’an yeroo hedduu garmalee omishamuu hoormoonii taayirooksiinii wajjin kan walqabataniidha. Sababa kanaan kan ka’e ucuba irratti dabalataan mallattoo garmalee baay’achuu hormoonii kanaa (hyperthyroidism) argisiisu. Mallattoowwan kunniinis kanneen armaan gadiiti.

  • Huqqachuu ykn ulfaatinni qaamaa garmalee hir’achuu.
  • Garmalee dafquu, qaamni namaa namoota biroorraa addatti namatti ho’uu ykn naannawa ho’aa dandamatanii jiraachuu dadhabuu.
  • Onnee namaa garmalee akka nama fiigaa jiruutti daran dha’achuu, onneen yoo dha’atu tartiibaan dha’achuu dhiisee haala tartiiba hineegneen dha’achuufi dadhabuu garmalee cimaa ykn humna dhabuu.
  • Amala dhabuu (kan duraan hinjirre), nama loluufi waa obsuu dadhabuu (irritability), tasgabbaa’uu dadhabuu.
  • Ijji kan duraanii irra daran guguddatee gadi ba’ee argamuu, erga guguddatee booda ammoo dhukkubsuufi kkf.
  • Sammuun sirriitti yaaduu, yaadachuufi hubachuu dadhabuu akkasumas yoo kan baratan ta’e barumsi sirriitti namaa galuu dhabuu.

3.Ucuba sababa kaansarii xannacha taayirooyidiin dhufu (tyroid cancer)

Yeroo tokko tokko darbee darbee dhiitaan xannacha taayirooyidii sababa kaansarii taayiroodiillee ta’uu mala. Keessumaa namoota umuriinsaanii guddaa (umuriin raagan) irratti ucubni haaraa ba’uu. Dabalataan ammoo ucubni haaraan nama irratti ba’e, yeroo gabaabaa keessatti guddatee garmalee hammaan yoo dabaleefi ucubni mormaa duraan ture yoo yeroo muraasa keessatti jijjiirama hammaa guddaa agarsiise ogeessa fayyaa deemanii mariisisuun dirqama. Haata’u malee namni ucuba mormaa qabu marti ammoo kaansarii ta’uu mala jedhee/ttee sodaachuu qaba jechuun miti.

Ucubni yoo yaalamuu baatee garmalee guddate rakkoo akkoo akkamii fida?

Ucubni akkuma armaan olitti kaasne harki caalaan suuta jedhee waan guddatuuf osoo mallattoo tokkollee hinagarsiisiin waggoota hedduuf turuu mala. Ucubni akkasii dhibee dabalataa cimaa geessisuu baatus, bareedina namaa ammoo hedduu balleessee xiinsammuun akka miidhamu taasisa.

Ucubni kanneen biroo ammoo yoo yaalamuu baatan dhibee dabalataa guguddaa fiduun hanga lubbuu namaa dabarsuutti deemu. Keessumaa ucubni, kan garmalee dabaluu hormoonii taayirooyidii wajjin walqabatu (hyperthyroidism), dhibee dabalataa cimaa namarraan ga’uu danda’a. Garmalee olka’uun hormoonii taayirooksiinii kanaa yoo yaalamuu baatee kallattumaan dhibee dadhabuu onnee (heart failure) fiduudhaan lubbuu galaafachuu danda’a.

Akkasumas ucubni sababa kamiinuu dhufe, yoo garmalee guddaa ta’eefi mormarraa gara lapheetti gadi siqee uumame ujummoo qilleensa gara sombaa geessu (trachea) morma keessatti gadi dhiibuudhaan akka seeraan qilleensi gara sombaa hinseenne deemee ukkaamsuu danda’a. Kana malees ijji gara alaatti ba’ee miidhamuudhaan haga ijji baduu ykn jaamuutti illee dhibee geessisuu danda’uudha.

Ucubni wal’aanamee fayyaa?

Ucubni ka’umsasaarratti hundaa’uudhaan mana yaalaatti, akkuma dhukkuboota kaanii nikennama. Waal’aansi kennamu kunis hormoonii taayirooksiinii garmalee olka’e (hyperthyroidism) kana yaaluurraa jalqabee hanga muranii baasuutti kan ga’uudha. Wal’aansiwwan armaan olitti ibsaman kunniin lameenuu manneen yaalaa mootummaa hedduutti kan argamaniifi namni kamuu haala salphaan kan deemee yaalamuudha.

Fayyaa hindhabinaa!

 Doktar Naafyaad Geetuu

BARIISAA SANBATAA Mudde 30 Bara 2014

Recommended For You