Yeroo waraanni yookaan walitti bu’iinsi jiru akkasumas erga waraanni xumuramee booda hawaasa wajjin darbee kan hafu inni guddaan rakkoo dinagdeeti. Mudannoo dhabiinsa nyaataati, beelaaf saaxilamuu hawaasaati.
Kanas kanaan dura waraanawwan addunyaan keenya keessa dabarte gara garaarraa hubachuun baruun nama hindhibu. Waraana addunyaa isa tokkoffaatii eegalee waraanaan booda wanti mul’atu beela ta’uu agarra. Meeshaa hamaa ta’uun namoota hedduun duguugeera.
Keessumaa biyyootni akka Jarmanii, Awustriyaa, Hangaarii, Bulgaariyaa, Turkiifi kkfn hanga bara 1919tti beelli cimaan akka ardii Awurooppaafi impaayera warra Otomaan jedhamanii waamamaa turan akka miidhe agarra.
Rakkoon ture loliisa addunyaa tokkoffaa wajjin kan raawwatame utuu hinta’in kan ittifufiinsa qabuufi namootni akka dararaman kan taasise ture. Akka namootni fagaatanii deemuu hindandeenye kan godhe, qonnaan bulaan midhaansaa gabaatti baasee gurguruurra akka dhokfatu kan taasiseefi addumaan daldaltootni namaafi dhalootaaf hinyaadne namoota saaman, midhaansaanii dhoksanii gatii guddaatti gurguran yeroo itti taasise ture.
Karaa kan biraas gara kuteeyyuu of irra darbanii dhalootaaf yaadan, rakkoo mudatu keessatti kan saba cina dhaabatanii ceesisan, waan qaban irraa hiranii kan uwwisaniifi nyaachisan seenaan yoom iyyu kan isaan hindaganne danuudha. Isaan kanneen loliisa biyyoota addaa addaatti taasifaman keessatti agarreerra.
Biyya keenyatti argaa jirra. Loliisni ture lubbuu namaa kan galaafate qofa utuu hinta’in beela hamaaf saaxile, rakkoo itti fufiinsa qabu itti fide. Loliisa irra rakkoo loliisaa wajjin walqabate furuun cimaa ture jechuun nidanda’ama.
Egaa waraanni ykn walitti bu’iinsi burqaa rakkooti. Rakkoo walxaxaa fidee dhufa. Walitti bu’iinsi akka namni qe’eesaarra jiraatee hinqotanne, isa qotates yerootti hingalfanneef sababa cimaadha. Nageenyi dhibuun hawaasa keessa yeroo jiraatu namni sirriitti hindaldalu, hinqotu, hojjetee hinjiraatu.
Darbees biyyootni tokko tokko fakkeenyaaf akka biyya keenyaatti kanneen fedhiiwwan addaa qaban loliisa keessatti gargaaramuun qoqqobbii biyyarra kaa’uun akka dinagdeen hawaasni laamsha’u taasisuun erga waraanni ykn jeequmsi biyya tokko keessa jiru dhaabatee boodallee akka godaannisa hinbadne taasisuu keessatti ga’ee guddaa qabu.
Kana nus kanneen akka biyya Ameerikaafi biyyoota lixaatti agarreerra. Darbees biyyootni naannawa jeequmsaa jiran rakkoo nyaataafi baqattoota keessumsiisuu keessatti miidhaa hamaan isaan mudata. Nyaanni biyyi tokko qabu baqqattoota itti dhufaniif yeroo hiramu hawaasa biyyicha keessa jiru waan ga’uu dadhabuuf miidhaa guddaa qaba. Irraa jalaanis gara beelaatti geessuun miidhaa cimaa qaqqabsiisuu danda’a.
Darbees nyaatni (midhaan) akka meeshaa waraanaatti fayyadamuun nidanda’ama. Diinni bakka ga’etti tuullaa midhaanii barbadeessuun, horii manaa miidhuun, gabaa balleessuun, namoota humnaan buqqisuun akka isaan bakka jireenyasaaniitti hindeebineef daangessuun, walumaagalatti nyaataafi waan hawaasa gargaaru barbadeessuun akka hawaasni tokko beela’u taasisu.
Darbees tarsiimoo ittiin hawaasni tokko akka beela’u taasisan keessaa gargaarsi hawaasaaf dhufu kallattii isaa geeddaruun namoota maluuf dhiisanii bakka kan biraatti jallisuudha. Fakkeenyaaf naannawa beela’e ykn hawaasa rakkoo keessa jiruuf ummatni addunyaa yeroo gargaarsa kennu hawaasa rakkoo keessa jiruuf hiruu dhiisuun bakka dhimmisaa hinilaallannetti raabsuun akka hawaasni beela’u taasisuun biyyoottan gara garaa keessatti nimul’ata. Fakkeenyaaf nyaata hawaasaaf ta’u gara loltootaatti deebisuu, hawaasaaf raabsuurra horiitti geeddaruufi kkf rakkoolee yeroo waraanaa ykn jeequmsaa mudatan keessaa muraasa jechuun nidanda’ama.
Dimshaashumatti sabni biyya tokko keessa jiraatu waliisaa lolus loliisni biyyoota gara garaa gidduutti taasifamu dinagdee biyyaafi jireenya hawaasaarratti miidhaa cimaa geessisa. Isa kana baroota keessatti argineerra.
Miidhaasaa biyyi keenyas ta’e addunyaan dhandhamteetti. Nutis waraana biyyoota adda addaa wajjin ta’anis ta’e loliisa hawaasni waliisaas ta’e mootummaa wajjin taasisu danuusaanii agarreerra. Lubbuu namoota hedduu kan galaafate, qabeenya danuu kan barbadeesse, namoota hedduu kan buqqise, kasaaraa hedduu kan geessise, biyya tarkaanfii hedduu kan boodatti deebise wal’aansoo hamaa akka ta’e argaa jirra.
Biyyoonni hedduun warri har’a guddatan kanneen akka biyya Ameerikaas rakkoo kana arganii keessa darbaniiru. Dargaggoota kuma 800 ol aarsaa taasisaniiru. Inni kun har’a nubira ga’eera. Namootni hedduun buqqa’aniiru. Qabeenyi barbadaa’eera. Akka biyyaatti miidhamni cimaan uumameera. Seeraan alummaan babal’ateera. Dinagdeen biyyaa hanga dubbatamuu olitti miidhameera.
Sababiinsaa walitti bu’iinsi yeroo jiraatu investimentiin dhuunfaas ta’e akka walootti, hawaasa biyya keessaas ta’e kanneen biyyoota ambaa akka abdii irratti hinqabaanne taasisuun investimentiin biyyaa laamsha’ee akka dinagdeen kufu taasisuu keessatti ga’eensaa cimaadha.
Yeroo ammaa akka argaa jirrutti investimentiiwwan adda addaa hangam akka balaaf saaxile arguun nama hindhibu. Egaa isa kanaaf ga’een keenya maali? Dhalootni keenya maal gochuu qaba? Rakkoo gama dinagdeetiin nu mudatu attamitti injifachuu dandeenya? Dhalootni kun attamitti dhaloota bor bilisaa’ee of danda’ee harka namaa ilaaluu jalaa ba’ee jiraataa?
Namoota ykn rakkoo dinagdee hamaa keessa namoota jiran addumaan qe’eesaanii irraa buqqa’anii rakkoo keessa kan jiraniif maal gochuu qabna? Isaan kanarratti gadi fageenyaan itti yaaduun murteessaadha.
Akkuma armaan olitti ilaalle waraanni ykn jeequmsi burqaa rakkoo dinagdeeti. Keessumaa hanqinni nyaataa rakkoolee yeroo hedduu mudachuu danda’an keessaa tokko akka ta’es ilaalleerra. Inni kun ammoo waraana ykn jeequmsa jiran booda illee waggoota muraasaaf ittifufuu danda’a.
Sababiinsaa namootni qotanii hawaasa nyaachisan, namootni horii horsiisanii gabaaf dhiyeessan miidhaa irra ga’u baqatanii hojiisaanii, qabeenya isaanii, qe’ee isaanii dhiisanii lubbuu isaanii baraarrachuuf baqatu.
Humni omishaa baay’een ammoo loliisa keessatti hirmaachuun hojiin addaan cita. Inni kun biyya tokko irratti miidhaan isaa danuudha. Keessumatti naannooleen jiran humna omiishu gara omiishaatti galchuun akka hojjetan taasisuu dhiisuun balaa hamaa qaba. Qonnaan bulaan jabaatee akka hojjetu taasisuu dadhabuun rakkoo mataa isaa danda’e qaba.
Egaa yeroo hawaasni rakkoo garaa garaaf saaxilamu, keessumatti waraana yookaan jeequmsa irraa kan ka’e yeroo beelli yookaan hanqinni nyaataa jiraatu, biyya ormaa harka ilaaluu irra inni guddaan nama rakkoo keessa jiru cina waan qabaniin dhaabachuun murteessaadha.
Isa kanaaf ammoo rakkoo jiru addaan baafachuun barbaachisaadha. Fakkeenyaaf rakkoon uumame sababa maaliif akka ta’e, tarii jeequmsa keessatti yoo qabeenyi barbadaa’eera ta’e ykn midhaan gubateera ta’e, namootni buqqaa’aniiru yoo ta’an, humna omishaatu loliisa keessatti hirmaachuun namni qonna qotee, horii horsiisee hawaasa deeggeru dhibuusaa adda baafachuun murteessaadha. Rakkoo jiru adda baafachuun furmaataaf gara mala dha’uutti nama geessa.
Biyyoota hedduu biyya Jarmanii dabalatee rakkoo waraanni fidee dhufe keessumaa loliisa addunyaa isa jalqabaarraa eegalee tarsiimoo isaan fayyadamanirraa waan hedduu barachuu dandeenya. Isaan tarsiimoowwan adda addaatti fayyadamuun rakkoo itti dhufe jalaa ooluuf yaalii cimaa taasisaniiru. Isa duraan baran ykn akka itti jiraachaa turan danuusaa akka geeddaran taasiseera.
Fakkeenyaaf warri fagoo deemanii hojjetan ykn namootni sochii qaamaa taasisan danuusaa daangessuun kaalorii gubachuu malu oolchuun akka isaan du’a jalaa baraaramaniif yaalii godhaniiru. Tarsiimoo nyaata xiqqoo qabanitti fayyadamuun of oolchuuf yaalii cimaa taasisaniiru. Darbees manasaanii cinatti waan biqilee dafee nyaataaf ga’u facaasuun, namoota naannawasaanii rakkoo keessa jiranii wajjin hirmaachuun beelaan du’uu jalaa baraaramaniiru.
Darbees biyyootni gara Lixa Awurooppaa keessa jiraatan loliisa addunyaa lammaffaa booda rakkoon beelaa hamaan akka isaan mudate, rakkoo kana dandamachuuf hawaasni loliisa kanaan dura tarii hin nyaatamu jedhanii yaadan biqiloota gara garaa nyaachuun rakkoo isaan mudate dandamatanii keessa taraniiru. Keessumaa bara 1944-1945tti beela hamaa Jarmanii mudate (Dutch Famine) keessatti mootummaan tarkaanfii fudhachuun biqiloota yeroo beelaa nyaachuu danda’an irratti hawaasaaf odeeffannoo kennuun akka isaan affeelanii nyaachuu ykn bifa mooqaan (soup) qopheeffatan gochuun akka dhumiisa oolan taasiseera.
Egaa loliisa addunyaa lammaffaa kanatti Jarmanoonni loliisa addunyaa tokkoffaarraa muuxannoo fudhachuun kuppoonii nyaataa, uffataafi omishawwan adda addaa hiruun akka namootni waan barbaachisaa argachuu dandaa’an taasisaniiru. Kan nama dhibu yeroo rakkinaa kanatti hawaasni biqiloota gara garaa kan jireenyasaanii miidhuu hindandeenye danuu nyaatanii darbaniiru. Boriifis muuxannoo ta’eeraaf.
Har’as taanaan egaa biyya keenya keessatti yeroo rakkoon waraanaa jiraatu kana tarii hatattamaan kan biqiloota bakkee danuu nunyaachisu rakkoon cimaan yoo nu hinmudanne ta’ellee namootni naannawasaaniitti akaakuu biqilootaa dafanii ga’uun nyaataaf ta’an, namootni of harkaa qabanis nyaata jiru hanga dandaa’ametti namoota rakkoo qabaniin ga’uun waltumsuun rakkoo waloolchuufi harka walqabatanii keessaa ba’uun, haala kanaan dura baran jijjiiranii ofii fayyadamuu qofa irraa namoota naannawa keenya jiran ilaaluun waliin rakkoo ollaa keenya mudate keessaa ba’uun murteessaadha.
Doktar Zarihun Gabree
BARIISAA SANBATAA Mudde 30 Bara 2014